Faarfannaa
Faarfannaa Ol Baʼuu.
125 Warri Yihowaatti amanaman,+
Akkuma Gaara Xiyoon isa raafamuu hin dandeenyee fi
Bara baraaf jabaatee dhaabbatuu ti.+
3 Qajeelonni wanta sirrii hin taane gochuutti akka hin garagalleef,*+
Uleen mootii hamminaa lafa qajeelotaaf ramadame keessatti hin hafu.+
5 Yihowaan warra daandii isaanii isa micciiramaatti deebiʼan
Namoota yakka raawwatanii wajjin ni balleessa.+
Israaʼel irratti nagaan haa taʼu.