LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 34
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Yihowaan saboota irratti haaloo ni baʼa (1-4)

      • Edoom ni onti (5-17)

Isaayyaas 34:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 25:15; Yoe 3:12; Sef 3:8; Zak 14:3
  • +Isa 30:27; Nho 1:2
  • +Mul 19:11, 15

Isaayyaas 34:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Dhiigni isaanii gaarreen irra ni yaaʼa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 25:33
  • +His 39:4

Isaayyaas 34:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:41
  • +Fr 137:7; Er 49:7, 22

Isaayyaas 34:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 3:16
  • +Isa 63:1-3; Oba 8, 9

Isaayyaas 34:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:41; Fr 94:1
  • +Isa 35:4

Isaayyaas 34:9

Miiljaleewwan

  • *

    Boozraa ishii magaalaa guddoo Edoom taate kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Isaayyaas 34:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 1:4

Isaayyaas 34:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “dhagoota.”

Isaayyaas 34:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 1:3

Isaayyaas 34:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “Jinniiwwan reʼee fakkaatan.”

  • *

    Simbira hurunguu fakkaattu dha.

Isaayyaas 34:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Funyoo safaraatiin kan isaaniif hires.”

Yaada Wal Simu

Isa. 34:2Er 25:15; Yoe 3:12; Sef 3:8; Zak 14:3
Isa. 34:2Isa 30:27; Nho 1:2
Isa. 34:2Mul 19:11, 15
Isa. 34:3Er 25:33
Isa. 34:3His 39:4
Isa. 34:5Kes 32:41
Isa. 34:5Fr 137:7; Er 49:7, 22
Isa. 34:6Lew 3:16
Isa. 34:6Isa 63:1-3; Oba 8, 9
Isa. 34:8Kes 32:41; Fr 94:1
Isa. 34:8Isa 35:4
Isa. 34:10Mil 1:4
Isa. 34:13Mil 1:3
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 34:1-17

Isaayyaas

34 Isin saboonni, dhagaʼuuf dhihaadhaa,

Isin namoonnis, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.

Laftii fi wanti ishii keessa guute,

Dacheenii fi oomishni ishii hundis haa dhagaʼan.

 2 Sababiin isaas, dheekkamsi Yihowaa saboota hundumaa irratti,+

Aariin isaas raayyaa waraanaa isaanii hundumaa irratti dhufeera.+

Inni haxaaʼee isaan ni balleessa;

Akka qalamaniifis dabarsee isaan ni kenna.+

 3 Reeffi isaanii gad ni darbatama,

Ajaan reeffa isaaniis ol ni baʼa;+

Dhiiga isaaniitiin kan kaʼe gaaronni ni baqu.*+

 4 Raayyaan samiiwwanii hundi ni tortora,

Samiiwwanis akkuma maraa kitaabaatti ni maramu.

Akkuma baala coolligee muka wayinii irraa harcaʼuutti,

Akkuma harbuu shuntuuree muka harbuu irraa harcaʼuuttis

Raayyaan isaanii hundi ni harcaʼa.

 5 “Sababiin isaas, goraadeen koo samii keessatti ni jiidha.+

Inni Edoom irratti,

Saba isan haxaaʼee balleessu irratti murtiidhaaf gad ni buʼa.+

 6 Yihowaan goraadee qaba; goraadeen kun dhiigaan ni laaqama.

Coomaan ni laaqama,+

Dhiiga hoolota xobbaallaa fi dhiiga reʼootaatiin,

Cooma kalee korbeeyyii hoolaatiinis ni laaqama.

Sababiin isaas, Yihowaan Boozraa keessatti aarsaa,

Biyya Edoom keessattis qalma hedduu ni qopheessa.+

 7 Gafarsoonni, isaanii wajjin,

Jiboonnis warra humna qabeeyyii wajjin gad ni buʼu.

Biyyi isaanii dhiigaan ni tortora,

Biyyoon isaaniis coomaan ni jiidha.”

 8 Sababiin isaas, Yihowaan guyyaa itti haaloo baʼu,+

Waggaa yakka Xiyoon irratti raawwatameef adaba itti kennus qaba.+

 9 Lageen ishii* gara hapheetti,

Biyyoon ishiis gara dinyiitti ni jijjiirama,

Lafti ishiis akkuma haphee bobaʼuu ni taʼa.

10 Ibiddichi halkanis taʼe guyyaa hin dhaamu;

Aarri isaas bara baraaf ol ni baʼa.

Ishiin dhalootaa hamma dhalootaatti barbadooftee hafti;

Baraa hamma bara baraattis eenyu iyyuu ishii keessa hin darbu.+

11 Allaattiin bishaanii fi dhaddeen ishii ni dhaalu,

Hurunguun gurra dheeratuu fi arraagessis ishii keessa ni jiraatu.

Innis wadaroo safaraa duwwaa akka taatu argisiisu,

Akkasumas tumbii* faayidaa kan hin qabne akka taatu argisiisu ishii irratti ni diriirsa.

12 Guguddoota ishii keessaa mootii kan taʼu tokko illee hin jiraatu,

Bulchitoonni ishii hundis gatii kan hin qabne taʼu.

13 Masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan keessatti qoreen,

Dahoowwan ishii keessattis doobbiinii fi aramaan qoree qabu ni biqila.

Ishiin holqa sardiidotaa,+

Bakka guchiiwwan keessa jiraatanis ni taati.

14 Uumamawwan gammoojjii bineensota caraananii wajjin wal argu,

Reʼeen bosonaas* michoota isaa ni waama.

Eeyyee, simbirri halkanii* achi ni qubatti, bakka boqonnaas ni argatti.

15 Achitti bofti akka xiyyaa darbatamtu manʼee ishii tolfattee hanqaaquu buusti,

Ilmaan ishiis achitti ni yaasti, gaaddisa ishii jalattis walitti isaan qabdi.

Eeyyee, cululleewwan kormaa fi dhalaa taʼanii achitti walitti ni qabamu.

16 Kitaaba Yihowaa keessaa barbaadaa, sagalee keessanis ol kaasaa dubbisaa.

Isaan keessaa tokko illee hin hirʼatu;

Ajaja kan kenne afaan Yihowaa waan taʼeef,

Walitti kan isaan qabes hafuura isaa waan taʼeef,

Isaan keessaa tokko illee hiriyaa hin dhabu.

17 Carraa kan isaaniif buuse isa dha,

Iddoo isaaniif ramadame kan safares* harkuma isaa ti.

Isaan yeroo hundumaatiif isa ni dhaalu;

Dhalootaa hamma dhalootaattis keessa ni jiraatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi