LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 38
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Kadhannaa namni rakkina keessa jiruu fi yaada geddarate dhiheesse

        • “Dhiphadheera, akka malees gaddeera” (6)

        • Yihowaan warra isa eeggatan ni dhagaʼa (15)

        • “Cubbuu kootiin kan kaʼe rakkina irra buʼeen ture” (18)

Faarfannaa 38:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “yaadannoodhaaf.”

Faarfannaa 38:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 10:24

Faarfannaa 38:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 32:4

Faarfannaa 38:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “foon koo irra iddoon nagaa taʼe hin jiru.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 6:2; 41:4; 51:8

Faarfannaa 38:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iz 9:6; Fr 40:12

Faarfannaa 38:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guutummaan mudhii koo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 38:3

Faarfannaa 38:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “akkan gadoodu.”

Faarfannaa 38:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 6:7

Faarfannaa 38:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 16:7; Fr 62:4

Faarfannaa 38:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 16:11
  • +Fr 39:2, 9

Faarfannaa 38:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 16:12; Fr 123:2
  • +Fr 138:3

Faarfannaa 38:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 77:2

Faarfannaa 38:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 32:5
  • +Fr 51:3

Faarfannaa 38:19

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “jiraatoo.”

  • *

    Ykn tarii, “Diinonni koo sababa malee na jibbanis hedduu dha.”

Faarfannaa 38:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:11; 35:22

Faarfannaa 38:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 27:1; 62:2; Isa 12:2

Yaada Wal Simu

Far. 38:1Er 10:24
Far. 38:2Fr 32:4
Far. 38:3Fr 6:2; 41:4; 51:8
Far. 38:4Iz 9:6; Fr 40:12
Far. 38:7Fr 38:3
Far. 38:10Fr 6:7
Far. 38:122Sa 16:7; Fr 62:4
Far. 38:132Sa 16:11
Far. 38:13Fr 39:2, 9
Far. 38:152Sa 16:12; Fr 123:2
Far. 38:15Fr 138:3
Far. 38:17Fr 77:2
Far. 38:18Fr 32:5
Far. 38:18Fr 51:3
Far. 38:21Fr 22:11; 35:22
Far. 38:22Fr 27:1; 62:2; Isa 12:2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 38:1-22

Faarfannaa

Faarfannaa Daawit akka yaadachiisaatti* tajaajilu.

38 Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin na hin adabin,

Aarii keetiinis sirreeffama naaf hin kennin.+

 2 Sababiin isaas, xiyyawwan kee akka malee na waraananiiru,

Harki kees gad na qabeera.+

 3 Dheekkamsa keetiin kan kaʼe guutummaan qaama kootii dhukkubsateera.*

Cubbuu kootiin kan kaʼe lafeewwan koo nagaa hin qaban.+

 4 Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru;+

Isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu.

 5 Gowwummaa kootiin kan kaʼe,

Madaan koo foolii godhateera, malaas qabateera.

 6 Dhiphadheera, akka malees gaddeera;

Guyyaa guutuu gaddaan asii fi achi nan joora.

 7 Keessi koo* ni gubata;

Guutummaan qaama kootii dhukkubsateera.+

 8 Ani hadoodeera, guutummaattis caccabeera;

Garaan koo inni gadde guddisee akkan aadu* na godha.

 9 Yaa Yihowaa, fedhiin koo hundi si dura jira,

Aaduun koos si duraa kan dhokate miti.

10 Onneen koo ni rukuta, humni koos dhumeera,

Ifni ija kootii dadhabeera.+

11 Dhaʼicha na irra gaʼeen kan kaʼe hiriyoonni koo fi michoonni koo na jibbaniiru,

Michoonni koo warri natti dhihaatanis na irraa fagaataniiru.

12 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan kiyyoo kaaʼu;

Warri na miidhuuf yaalanis badiisa dubbatu;+

Isaan guyyaa guutuu waaʼee gowwoomsaa asaasu.

13 Taʼus ani akkuma nama gurri isaa duudetti hin dhageenye;+

Akkuma nama arrabni isaa hidhamettis afaan koo hin saaqqanne.+

14 Ani akkuma nama dhagaʼuu hin dandeenyee,

Akkuma nama falmachuuf afaan isaa hin dubbannees nan taʼe.

15 Yaa Yihowaa, ani sin eeggadhe,+

Yaa Waaqa koo Yihowaa, atis deebii naaf kennite.+

16 Ani, “Isaan rakkina na irra gaʼetti hin gammadin

Yookiin yommuu miilli koo mucucaatutti ana irratti ol of hin qabin” nan jedhe.

17 Sababiin isaas, ani kufuu jala gaʼeen ture,

Yeroo hundumaas dhukkubbiin natti dhagaʼama ture.+

18 Dogoggora koo himadheera;+

Cubbuu kootiin kan kaʼe rakkina irra buʼeen ture.+

19 Diinonni koo garuu ciccimoo* fi jajjaboo dha,*

Warri sababa malee na jibbanis akka malee hedduu dha.

20 Isaan wanta gaariidhaaf wanta hamaa naaf deebisan;

Wanta gaarii taʼe duukaa buʼuu kootti na mormu turan.

21 Yaa Yihowaa, na hin dhiisin.

Yaa Waaqayyo, ana irraa hin fagaatin.+

22 Fayyisaa koo kan taate yaa Yihowaa,+

Na gargaaruuf ariifadhu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi