LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miikiyaas 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Miikiyaas

      • Cunqursitootaaf wayyoo! (1-11)

      • Israaʼelonni tokko taʼuuf walitti qabaman (12, 13)

        • Biyyattiin waca namootaatiin guutamti (12)

Miikiyaas 2:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:7

Miikiyaas 2:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:17; 1Mo 21:2; Isa 5:8
  • +Er 22:17; His 22:12, 29

Miikiyaas 2:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “morma keessan jalaa baafachuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 2:14
  • +Er 18:11
  • +Amo 5:13
  • +Isa 2:11

Miikiyaas 2:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 9:10; Fru 1:1
  • +Isa 6:11; Er 25:9; Sef 1:2
  • +2Mo 17:23

Miikiyaas 2:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “uffata irraa.”

Miikiyaas 2:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 106:38, 39
  • +Er 9:19; 10:18

Miikiyaas 2:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:6, 8; Isa 9:15, 16; Er 6:13, 14; His 13:2, 3

Miikiyaas 2:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 11:11; Er 23:3; 31:7, 8; Mik 4:6
  • +His 34:11
  • +His 36:38; Zak 8:22

Miikiyaas 2:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 62:10
  • +Isa 49:10; 52:12

Yaada Wal Simu

Mik. 2:11Mo 21:7
Mik. 2:2Bau 20:17; 1Mo 21:2; Isa 5:8
Mik. 2:2Er 22:17; His 22:12, 29
Mik. 2:3Amo 2:14
Mik. 2:3Er 18:11
Mik. 2:3Amo 5:13
Mik. 2:3Isa 2:11
Mik. 2:4Er 9:10; Fru 1:1
Mik. 2:4Isa 6:11; Er 25:9; Sef 1:2
Mik. 2:42Mo 17:23
Mik. 2:10Fr 106:38, 39
Mik. 2:10Er 9:19; 10:18
Mik. 2:111Mo 22:6, 8; Isa 9:15, 16; Er 6:13, 14; His 13:2, 3
Mik. 2:12Isa 11:11; Er 23:3; 31:7, 8; Mik 4:6
Mik. 2:12His 34:11
Mik. 2:12His 36:38; Zak 8:22
Mik. 2:13Isa 62:10
Mik. 2:13Isa 49:10; 52:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Miikiyaas 2:1-13

Miikiyaas

2 “Warra wanta miidhaa geessisu yaadaniif,

Warra siree isaanii irratti wanta hamaa karoorfataniif wayyoo!

Isaan yommuu bariʼu wanta sana ni raawwatu,

Sababiin isaas, humni kana ittiin raawwatan harka isaanii keessa jira.+

 2 Isaan maasii ni hawwu, ni qabatus;+

Mana ni hawwu, isas ni fudhatu;

Nama gowwoomsanii mana isaa ni fudhatu,+

Dhaala isaas jalaa ni fudhatu.

 3 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha:

‘Kunoo, ani badiisa isin jalaa miliquu* hin dandeenye+ isin irratti fiduuf karoorfadheera.+

Kun yeroo badiisaa waan taʼeef,+ isin kana booda of tuulummaadhaan hin deddeebitan.+

 4 Guyyaa sanatti namoonni waaʼee keessan ni mammaaku,

Mararamaniis isiniif ni booʼu.+

Isaan akkana jedhu: “Nuti guutummaatti badneerra!+

Inni dhaala keenya fuudhee warra kaaniif kenneera, eeyyee, dhaalli keenya badeera!+

Maasii keenyas saba amanamaa hin taaneef kenneera.”

 5 Kanaafuu, gumii Yihowaa keessatti,

Nama wadaroo safaraatiin lafa hiru hin qabaattu.

 6 Isaan, “Lallabuu dhiisaa!

Wantoonni kun lallabamuu hin qaban;

Salphinni nu irra hin gaʼu!” jedhanii lallabu.

 7 Yaa mana Yaaqoob, namoonni,

“Hafuurri Yihowaa obsa dhabee?

Kun gochawwan isaa tii?” jechaa jiruu?

Dubbiin koo namoota qajeelummaadhaan deddeebiʼaniif wanta gaarii hin argamsiisuu?

 8 Haa taʼu malee, sabni koo dhiheenya kana akka diinaatti kaʼeera.

Namoota akkuma waan waraana irraa deebiʼanitti ofitti amanannaadhaan darban irraa,

Faaya isa bareedaa uffataa wajjin* fuulleetti baastanii fudhattaniittu.

 9 Dubartoota saba kootii manneen isaanii gammachuudhaan keessa jiraatan keessaa ariitaniittu;

Ijoollee isaanii irraas simboo koo bara baraaf fudhattaniittu.

10 Kun iddoo boqonnaa waan hin taaneef, kaʼaatii deemaa.

Xuraaʼummaadhaan kan kaʼe+ badiisni, eeyyee, badiisni cimaan ni dhufa.+

11 Namni tokko bubbee fi gowwoomsaa duukaa buʼee,

“Ani waaʼee daadhii wayinii fi waaʼee dhugaatii alkoolii siif nan lallaba” jedhee soba yoo dubbate,

Inni lallabduu wanta saba kana gammachiisu dubbatu taʼa!+

12 Yaa Yaaqoob, ani hunda keessan dhugumaan walitti nan qaba;

Warra Israaʼel keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.+

Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti,

Akkuma bushaayee kaloo isaanii irra jiraniitti walitti isaan qabee tokkummaa akka qabaatan nan godha;+

Bakki sun waca namootaatiin ni guutama.’+

13 Inni cabsee baʼu isaan dura ni deema;

Isaan cabsanii ni baʼu, karricha keessa darbanii achiin ni baʼu.+

Mootiin isaanii isaan dura buʼee ni darba,

Yihowaanis isaan dura ni deema.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi