LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miilkiyaas 4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Miilkiyaas

      • Guyyaa Yihowaa dura Eeliyaas ni dhufa (1-6)

        • “Aduun qajeelummaa ni baati” (2)

Miilkiyaas 4:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Sef 2:2; 2Ph 3:7

Miilkiyaas 4:2

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “maqaa koo sodaattaniif.”

  • *

    Kal., “qoochoon.”

Miilkiyaas 4:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:5

Miilkiyaas 4:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoe 2:31; HoE 2:20; 2Ph 3:10
  • +Mat 11:13, 14; Mar 9:11, 12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 10

Miilkiyaas 4:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 1:17

Yaada Wal Simu

Mil. 4:1Sef 2:2; 2Ph 3:7
Mil. 4:4Kes 4:5
Mil. 4:5Yoe 2:31; HoE 2:20; 2Ph 3:10
Mil. 4:5Mat 11:13, 14; Mar 9:11, 12
Mil. 4:6Luq 1:17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Miilkiyaas 4:1-6

Miilkiyaas

4 “Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaatti bobaʼu ni dhufa;+ guyyaa sanatti namoonni of tuulanii fi namoonni hammina raawwatan hundi akka galabaa ni taʼu. Isaan guyyaa dhufu sanatti dhugumaan ni balleeffamu; hiddis taʼe dameen isaaniif hin hafu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 2 “Isin warra maqaa kootiif ulfina kennitaniif* garuu aduun qajeelummaa ni baati, carallaan* ishiis isin fayyisa; isinis akkuma jabbilee coccoomootti ni burraaqxu.”

3 “Isin hamoota miila keessan jalatti ni dhidhiittu; sababiin isaas, isaan guyyaa ani tarkaanfii fudhadhutti akkuma biyyoo faana miila keessanii jala jiruu ni taʼu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

4 “Seera tajaajilaa koo Musee, jechuunis dambiiwwanii fi heeraawwan ani Israaʼelonni hundi akka eeganiif Horeebitti ajaje sana yaadadhaa.+

5 “Kunoo, ani guyyaan Yihowaa inni guddaanii fi sodaachisaan dhufuu isaa dura+ Eeliyaas raajicha+ gara keessanitti nan erga. 6 Innis ani dhufee lafa rukutuudhaan guutummaatti akka ishii hin balleessineef, garaa abbootii gara ilmaaniitti,+ garaa ilmaaniis gara abbootiitti ni deebisa.”

(Hiikkaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam as irratti xumurama; kanatti aansee Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikiitu itti fufa)

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi