LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Abbaa murtii kan taʼe Saamson dubartii Filisxeem tokko fuudhuu barbaade (1-4)

      • Saamson gargaarsa hafuura Yihowaatiin leenca ajjeese (5-9)

      • Hibboo Saamson cidha irratti dubbate (10-19)

      • Haati manaa Saamson nama kan biraatti kennamte (20)

Abbootii Murtii 14:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “dubartii ijoollee durbaa Filisxeemotaa keessaa taate.”

Abbootii Murtii 14:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Ija koo keessatti sirrii waan taateef.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 7:3

Abbootii Murtii 14:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:1

Abbootii Murtii 14:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “leenci saafelli.”

Abbootii Murtii 14:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:24, 25

Abbootii Murtii 14:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 14:2

Abbootii Murtii 14:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 24:67; Mat 1:24

Abbootii Murtii 14:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “jaalota.”

Abbootii Murtii 14:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 14:8, 9

Abbootii Murtii 14:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 16:5

Abbootii Murtii 14:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 16:15

Abbootii Murtii 14:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 16:16, 18

Abbootii Murtii 14:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “gara kutaa isa keessaatti seenuu isaa dura.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 14:14
  • +Abo 14:15

Abbootii Murtii 14:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:24, 25; 14:6; 15:14
  • +Iya 13:2, 3; Abo 1:18
  • +Abo 14:12

Abbootii Murtii 14:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 14:2
  • +Abo 14:11; 15:1, 2

Yaada Wal Simu

Abo. 14:3Kes 7:3
Abo. 14:4Abo 13:1
Abo. 14:6Abo 13:24, 25
Abo. 14:7Abo 14:2
Abo. 14:8Uma 24:67; Mat 1:24
Abo. 14:14Abo 14:8, 9
Abo. 14:15Abo 16:5
Abo. 14:16Abo 16:15
Abo. 14:17Abo 16:16, 18
Abo. 14:18Abo 14:14
Abo. 14:18Abo 14:15
Abo. 14:19Abo 13:24, 25; 14:6; 15:14
Abo. 14:19Iya 13:2, 3; Abo 1:18
Abo. 14:19Abo 14:12
Abo. 14:20Abo 14:2
Abo. 14:20Abo 14:11; 15:1, 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 14:1-20

Abbootii Murtii

14 Achiis Saamson gara Timnaatti gad buʼe; Timnaa keessattis dubartii Filisxeem* takka ni arge. 2 Kanaafuu, ol baʼee abbaa isaa fi haadha isaatiin, “Timnaa keessatti ijji koo intala Filisxeem takka irra buʼeera; ishii akka na fuusistanin barbaada” jedhe. 3 Abbaan isaa fi haati isaa garuu, “Ati firoota kee fi saba keenya hundumaa gidduudhaa dubartii takka dhabdee?+ Dhaqxee Filisxeemota dhaqna hin qabamne gidduudhaa haadha manaa fuudhuu qabdaa?” isaan jedhan. Haa taʼu malee, Saamson abbaa isaatiin, “Kan anaaf taatu ishii waan taateef,* ishii na fuusisi” jedhe. 4 Abbaan isaa fi haati isaa garuu kun Yihowaa biraa akka dhufe hin hubanne; yeroo sanatti Filisxeemonni Israaʼel irratti bulchaa waan turaniif, inni carraa Filisxeemota itti waraanu barbaada ture.+

5 Kanaafuu, Saamson abbaa isaa fi haadha isaa wajjin gara Timnaatti gad buʼe. Maasii wayinii Timnaatti argamu bira yommuu gaʼus, kunoo, leenci* tokko baroodaa isatti dhufe. 6 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis akkuma namni tokko xobbaallaa reʼee bakka lamatti addaan baasutti harka isaa duwwaa bakka lamatti addaan isa baase. Haa taʼu malee, inni wanta godhe abbaa isaattis taʼe haadha isaatti hin himne. 7 Achiis gad buʼee dubartii sana haasofsiise; amma iyyuu Saamson ishii ni jaallata ture.+

8 Boodas gara manaatti ishii fudhachuuf+ deebiʼee utuu dhaqaa jiruu raqa leenca sanaa ilaaluuf itti gore; raqa leencichaa keessas gurmuun kanniisaa fi dammi jira ture. 9 Kanaafuu, inni damma sana kutee harka isaa irra kaaʼatee nyaachaa deeme. Yommuu abbaa isaa fi haadha isaa wajjin wal argus akka nyaataniif muraasa isaa isaaniif ni kenne. Damma sana kan kute raqa leencaa keessaa akka taʼe garuu isaanitti hin himne.

10 Abbaan isaa gara dubartii sanaatti gad ni buʼe; dargaggoonni barsiifata akkanaa waan qabaniif, Saamsonis achitti affeerrii ni qopheesse. 11 Yommuu isa arganis akka isaa wajjin taʼaniif miinjota* 30 ni fidan. 12 Achiis Saamson akkana isaaniin jedhe: “Mee maaloo hibboo tokkon isinitti hima. Isin guyyoota affeerriin itti godhamu torban keessatti hiika isaa yoo beektanii fi deebii isaa yoo natti himtan, ani uffata quncee talbaa irraa tolfame 30 fi uffata guutuu 30 isiniif nan kenna. 13 Deebii isaa natti himuu yoo dadhabdan garuu, uffata quncee talbaa irraa tolfame 30 fi uffata guutuu 30 naaf kennitu.” Isaanis, “Hibboo kee nutti himi; dhagaʼuu barbaanna” isaan jedhan. 14 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhe:

“Isa nyaatu keessaa wanti nyaatamu ni baʼe,

Isa jabaa keessaas wanti miʼaawu ni baʼe.”+

Isaan guyyaa sadiif hibboo sana hiikuu hin dandeenye. 15 Guyyaa arfaffaattis haadha manaa Saamsoniin, “Akka inni deebii hibboo sanaa nutti himuuf abbaa manaa kee gowwoomsi.+ Taʼuu baannaan, sis taʼe mana abbaa keetii ibiddaan gubna. Asitti kan nu affeertan qabeenya keenya saamuufii?” jedhan. 16 Kanaafuu, haati manaa Saamson isatti boossee, “Ati na jibbita; ana hin jaallattu.+ Saba kootti hibboo tokko himteetta; deebii isaa garuu anatti hin himne” isaan jette. Yeroo kanatti inni, “Ani abbaa koo fi haadha tiyyatti illee hin himne! Maarree, akkamittan sitti hima?” ishiidhaan jedhe. 17 Haa taʼu malee, ishiin hamma guyyaa affeerrii isa torbaffaatti isatti booʼuu ishii itti fufte. Dhiibbaa cimaa waan isa irratti gooteef, dhuma irratti guyyaa torbaffaatti ishiitti hime. Achiis ishiin deebii hibboo sanaa saba ishiitti himte.+ 18 Kanaafuu, guyyaa torbaffaatti aduun lixuu ishii dura,* namoonni magaalattii akkana isaan jedhan:

“Damma caalaa maaltu miʼaawa?

Leenca caalaas maaltu jabaa dha?”+

Innis akkana jedhee isaaniif deebise:

“Raada kootiin utuu qotuu baattanii,+

Silaa hibboo koo hin hiiktan.”

19 Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis gara Ashqaloonitti+ gad buʼee namoota isaanii 30 ajjeesee uffata isaanii fudhate; uffata guutuu sanas warra deebii hibboo sanaa deebisaniif ni kenne.+ Gara mana abbaa isaatti yeroo deebiʼus baayʼee aaree ture.

20 Haati manaa Saamsonis+ miinjota warra isaa wajjin turan keessaa isa tokkoof ni kennamte.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi