LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 8
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Saaʼol isa ariʼatama geessisu (1-3)

      • Buʼaa tajaajilli Filiphoos Samaariyaatti argamsiise (4-13)

      • Pheexirosii fi Yohaannis Samaariyaatti ergaman (14-17)

      • Simoon hafuura qulqulluu bitachuuf yaale (18-25)

      • Xuʼaashii Itoophiyaa (26-40)

Hojii Ergamootaa 8:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 7:58
  • +Mat 10:23; HoE 11:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    1/2020, ful. 18

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2008, ful. 22-23

    11/1/2007, ful. 5-6

Hojii Ergamootaa 8:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:1, 2; 22:4; 26:10; Gal 1:13; Flp 3:5, 6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 58

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2013, ful. 22-23

    5/15/2008, ful. 22-23

Hojii Ergamootaa 8:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 58

Hojii Ergamootaa 8:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “magaalaa Samaariyaatti argamtu tokkotti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 4:39-42; HoE 1:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 58-59

Hojii Ergamootaa 8:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 59

Hojii Ergamootaa 8:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:1; Mar 6:7

Hojii Ergamootaa 8:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 8:1
  • +Mat 28:19; HoE 18:8

Hojii Ergamootaa 8:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 6:5

Hojii Ergamootaa 8:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 54

Hojii Ergamootaa 8:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 16:19

Hojii Ergamootaa 8:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:47, 48; 19:2, 3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 62

Hojii Ergamootaa 8:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 6:5, 6; 19:6; 2Xi 1:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 62

Hojii Ergamootaa 8:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:8; HoE 10:45

Hojii Ergamootaa 8:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 8:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 8:25

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 9:35; HoE 1:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 54

Hojii Ergamootaa 8:26

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 1:7, 14; Mul 14:6

Hojii Ergamootaa 8:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “abbaa taayitaa mana mootummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 6:32, 33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    1/2024, ful. 19

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2023, ful. 8-9

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2020, ful. 2

Hojii Ergamootaa 8:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    1/2024, ful. 19

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2023, ful. 8-9

Hojii Ergamootaa 8:30

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    1/2024, ful. 19

    Namoota Jaalladhu, barumsa 2

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 1

Hojii Ergamootaa 8:31

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    1/2024, ful. 19

    Namoota Jaalladhu, barumsa 2

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 1

Hojii Ergamootaa 8:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ph 2:23

Hojii Ergamootaa 8:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:59
  • +Isa 53:7, 8; Dan 9:26; Flp 2:8

Hojii Ergamootaa 8:36

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2023, ful. 8-9

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 13, 64-65

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2006, ful. 25-26

Hojii Ergamootaa 8:37

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Hojii Ergamootaa 8:38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 64-65

Hojii Ergamootaa 8:39

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 8:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:8

Yaada Wal Simu

HoE. 8:1HoE 7:58
HoE. 8:1Mat 10:23; HoE 11:19
HoE. 8:3HoE 9:1, 2; 22:4; 26:10; Gal 1:13; Flp 3:5, 6
HoE. 8:4HoE 11:19
HoE. 8:5Yoh 4:39-42; HoE 1:8
HoE. 8:7Mat 10:1; Mar 6:7
HoE. 8:12Luq 8:1
HoE. 8:12Mat 28:19; HoE 18:8
HoE. 8:13HoE 6:5
HoE. 8:14HoE 11:1
HoE. 8:15Mat 16:19
HoE. 8:16HoE 10:47, 48; 19:2, 3
HoE. 8:17HoE 6:5, 6; 19:6; 2Xi 1:6
HoE. 8:20Mat 10:8; HoE 10:45
HoE. 8:25Mat 9:35; HoE 1:8
HoE. 8:26Ibr 1:7, 14; Mul 14:6
HoE. 8:272Se 6:32, 33
HoE. 8:321Ph 2:23
HoE. 8:33Mat 26:59
HoE. 8:33Isa 53:7, 8; Dan 9:26; Flp 2:8
HoE. 8:40HoE 21:8
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 8:1-40

Hojii Ergamootaa

8 Saaʼolis Isxifaanos ajjeefamuu isaa irratti walii galee ture.+

Guyyaa sanatti gumii Yerusaalem keessa jiru irratti ariʼatamni guddaan ni kaʼe; kanaafuu, ergamoota irraa kan hafe hundi isaanii naannoowwan Yihudaa fi Samaariyaa hundumaa keessa bittinnaaʼan.+ 2 Haa taʼu malee, namoonni Waaqayyoof bulan Isxifaanosiin geessanii awwaalan; baayʼees isaaf ni booʼan. 3 Saaʼol garuu gumicha balleessuuf yaalii gochuu jalqabe. Mana tokkoo gara mana isa kan biraa dhaqee dhiirotas taʼan dubartoota harkisee baasuudhaan mana hidhaatti galcha ture.+

4 Warri bittinnaaʼan sun garuu, biyyattii keessa iddoo deeman hundumaatti dubbii Waaqayyoo lallaban.+ 5 Yeroo kanatti Filiphoos gara magaalaa Samaariyaatti*+ gad buʼee Kiristoosiin isaaniif lallabuu jalqabe. 6 Namoonni hedduun sun wanta Filiphoos dubbate yommuu dhagaʼanii fi mallattoowwan inni raawwate yommuu argan, hundi isaanii wanta inni dubbatuuf xiyyeeffannaa kennan. 7 Namoonni hedduun hafuurota xuraaʼoodhaan qabamanii turan; hafuuronni kunis sagalee guddaadhaan iyyanii isaan keessaa baʼu turan.+ Kana malees, namoonni lamshaaʼanii fi naafatan hedduun ni fayyu turan. 8 Kanaan kan kaʼes, namoonni magaalaa sanaa baayʼee gammadan.

9 Magaalaa sana keessa namichi iddoo guddaa akka qabutti of ilaaluu fi Simoon jedhamu tokko jira ture; inni sana dura gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko raawwatee namoota Samaariyaa ajaaʼibsiisa ture. 10 Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii, “Namichi kun Humna Waaqaa isa Guddaa jedhamu sana dha” jedhanii isa kabaju turan. 11 Kanaafuu, inni wanta gargaarsa jinniitiin raawwatuun yeroo dheeraadhaaf isaan ajaaʼibsiisaa waan tureef isa kabaju turan. 12 Haa taʼu malee, Filiphoos misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo+ fi maqaa Yesuus Kiristoos yommuu isaaniif labsu dhiironnis taʼan dubartoonni wanta inni jedhu amananii cuuphaman.+ 13 Simoon mataan isaa iyyuu duuka buutuu Yesuus taʼe; erga cuuphamee boodas Filiphoos biraa hin hafne;+ mallattoowwanii fi dinqiiwwan guguddaa raawwataman yommuu argus ni dinqisiifata ture.

14 Ergamoonni Yerusaalem keessa jiran warri Samaariyaa dubbii Waaqayyoo fudhachuu isaanii yommuu dhagaʼan+ Pheexirosii fi Yohaannisiin isaaniif ergan; 15 isaanis gad buʼanii hafuura qulqulluu akka argatan isaaniif kadhatan.+ 16 Sababiin isaas, isaan maqaa Gooftaa Yesuusiin cuuphaman malee, amma iyyuu hafuurri qulqulluun isaan keessaa tokko irra illee hin buune ture.+ 17 Achiis Pheexirosii fi Yohaannis yommuu harka isaanii isaan irra kaaʼan,+ namoonni sun hafuura qulqulluu fudhatan.

18 Simoon namni ergamoonni harka isaanii irra kaaʼan hafuura qulqulluu akka fudhatu yommuu argu, maallaqa isaaniif kennuuf waadaa galuudhaan, 19 “Namni ani harka koo irra kaaʼu kam iyyuu hafuura qulqulluu akka fudhatuuf, anaafis aangoo kana naa kennaa” jedhe. 20 Pheexiros garuu akkana isaan jedhe: “Kennaa Waaqayyo tola kennu maallaqaan argachuu akka dandeessu waan yaaddeef, meetiin kee sii wajjin haa badu!+ 21 Garaan kee Waaqayyo duratti qajeelaa waan hin taaneef, ati tajaajila kana irratti gaʼees taʼe qooda hin qabdu. 22 Kanaafuu, hammina kee kana irraa yaada geddaradhu; akkasumas cimsii Yihowaa* kadhadhu; tarii yaada kee isa hamaa kanaaf dhiifama ni argatta taʼa. 23 Summii hadhaaʼaa fi garbicha jalʼinaa taʼuu kee ani argeera.” 24 Simoonis deebisee, “Wanta isin jettan keessaa tokko illee akka ana irra hin geenyeef Yihowaatti* wawwaannaa naaf dhiheessaa” isaaniin jedhe.

25 Kanaafuu, guutummaatti erga dhugaa baʼanii fi dubbii Yihowaa* erga dubbatanii booda, gandeen Samaariyaa hedduu keessatti misiraachicha lallabaa gara Yerusaalemitti deebiʼan.+

26 Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa*+ Filiphoosiin, “Kaʼiitii kallattii kibbaatiin gara daandii Yerusaalem irraa Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe. (Daandiin kun daandii gammoojjii ti.) 27 Innis kaʼee yommuu dhaqu, nama Itoophiyaa xuʼaashii* taʼe tokko arge; namichi kun qondaala mootuu Itoophiyaa Kandaakee yeroo taʼu, qabeenya ishii hunda irratti kan ajaju ture. Inni waaqeffachuudhaaf gara Yerusaalem dhaqee ture;+ 28 utuu deebiʼaa jiruus, gaarii fardaa isaa irra taaʼee sagalee isaa ol kaasee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisaa ture. 29 Kanaafuu, hafuurri qulqulluun Filiphoosiin, “Dhaqi, gaarii fardaa kanatti dhihaadhu” jedhe. 30 Filiphoosis gaarii fardaa sana cinaa fiigee yommuu inni sagalee isaa ol kaasee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisu dhagaʼee, “Dhuguma wanta dubbisaa jirtu ni hubattaa?” isaan jedhe. 31 Innis, “Namni na barsiisu utuu hin jiraatin akkamittan hubachuu dandaʼa?” jedhe. Kanaafuu, inni Filiphoos gaarii sana yaabbatee isaa wajjin akka taaʼu isa kadhate. 32 Kutaan Kitaabota Qulqulluu inni dubbisaa ture sun akkana jedha: “Inni akkuma hoolaatti qalmaaf ni geeffame; akkuma xobbaallaan hoolaa nama rifeensa irraa muru duratti calluma jettu, innis akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.+ 33 Yeroo salphinni isa irra gaʼetti, haqni jalaa fudhatame.+ Hidda dhalootaa isaa eenyutu tokko tokkoon dubbachuu dandaʼa? Sababiin isaas, jireenyi isaa lafa irraa balleeffameera.”+

34 Xuʼaashiin sunis Filiphoosiin, “Maaloo natti himi, raajichi kana kan dubbate waaʼee eenyuu ti? Waaʼee ofii isaa moo, waaʼee nama kan biraa ti?” jedhe. 35 Filiphoosis dubbachuu eegale; kutaa kitaaba kanaa irraa jalqabee misiraachoo waaʼee Yesuus ibsu isatti hime. 36 Karaa irra utuu waliin deemaa jiraniis bishaan tokko bira gaʼan; xuʼaashichis, “Kunoo, bishaan as jira, akkan hin cuuphamne maaltu na dhowwa?” jedhe. 37 *—— 38 Achiis gaariin fardaa sun akka dhaabbatu ajaje; Filiphoosii fi xuʼaashiin sun bishaanicha keessa seenan; Filiphoosis isa cuuphe. 39 Yommuu bishaan keessaa baʼanis hafuurri Yihowaa* yeruma sana Filiphoosiin fuudhee deeme; sana booda xuʼaashichi isa hin argine; taʼus gammadaa karaa isaa irra buʼee deeme. 40 Filiphoos garuu Ashdooditti argame; achiis naannoo sana keessa deddeebiʼee hanga Qisaariyaa gaʼutti magaalota hunda keessatti misiraachoo lallabuu isaa itti fufe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi