LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mulʼata 11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Mulʼataa

      • Dhugaa baatota lamaan (1-13)

        • Uffata gaddaa uffatanii guyyoota 1,260f raajii dubbachuu (3)

        • Ajjeefamanii utuu hin awwaalamin hafan (7-10)

        • Guyyaa sadii fi walakkaa booda gara jireenyaatti deebiʼan (11, 12)

      • Wayyoon inni lammaffaan darbeera, wayyoon inni sadaffaan dhufaa jira (14)

      • Malakata torbaffaa (15-19)

        • Mootummaa Gooftaa keenyaa fi mootummaa Kiristoos (15)

        • Warri lafa mancaasan ni balleeffamu (18)

Mulʼata 11:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Uleen safaraa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 40:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 28-30

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2096, 2177

Mulʼata 11:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 21:2
  • +Mul 13:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 28-30

Mulʼata 11:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    12/2019, ful. 3

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 118

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 28-30

Mulʼata 11:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Zak 4:3, 11
  • +Zak 4:12; Mat 5:14
  • +Zak 4:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 30

Mulʼata 11:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 30

Mulʼata 11:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:1; Yaq 5:17
  • +Luq 4:25
  • +Bau 7:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 30

Mulʼata 11:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 12:17; 13:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    5/2020, ful. 5-6

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    12/2019, ful. 3

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 30

Mulʼata 11:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 11:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    12/2019, ful. 3

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 28-30

Mulʼata 11:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 30

Mulʼata 11:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 37:5, 10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    12/2019, ful. 3

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 118

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 28-30

Mulʼata 11:12

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ilaalaa turan.”

Mulʼata 11:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 9:12

Mulʼata 11:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 8:6
  • +1Se 29:11; Fr 22:28; Dan 4:17, 34; Mul 12:10
  • +Fr 2:6; Dan 7:13, 14; Luq 1:32, 33; 22:28, 29; 2Ph 1:11
  • +Fr 145:13; Dan 2:44

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Waaqayyoon Waaqeffadhu, ful. 93-94

Mulʼata 11:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 4:10

Mulʼata 11:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 1:4; 16:5
  • +Fr 99:1; Zak 14:9; Mul 19:6

Mulʼata 11:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “balleessan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 3:7; Ibr 1:1; Yaq 5:10
  • +Ibr 11:6
  • +Uma 6:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 141

    Mata Dureewwan Dabalataa, mataduree 55

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2011, ful. 18

Mulʼata 11:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 8:1, 6; Ibr 8:1, 2; 9:11

Yaada Wal Simu

Mul. 11:1His 40:3
Mul. 11:2Mul 21:2
Mul. 11:2Mul 13:5
Mul. 11:4Zak 4:3, 11
Mul. 11:4Zak 4:12; Mat 5:14
Mul. 11:4Zak 4:14
Mul. 11:61Mo 17:1; Yaq 5:17
Mul. 11:6Luq 4:25
Mul. 11:6Bau 7:19
Mul. 11:7Mul 12:17; 13:7
Mul. 11:9Mul 11:11
Mul. 11:11His 37:5, 10
Mul. 11:14Mul 9:12
Mul. 11:15Mul 8:6
Mul. 11:151Se 29:11; Fr 22:28; Dan 4:17, 34; Mul 12:10
Mul. 11:15Fr 2:6; Dan 7:13, 14; Luq 1:32, 33; 22:28, 29; 2Ph 1:11
Mul. 11:15Fr 145:13; Dan 2:44
Mul. 11:16Mul 4:10
Mul. 11:17Mul 1:4; 16:5
Mul. 11:17Fr 99:1; Zak 14:9; Mul 19:6
Mul. 11:18Amo 3:7; Ibr 1:1; Yaq 5:10
Mul. 11:18Ibr 11:6
Mul. 11:18Uma 6:11
Mul. 11:191Mo 8:1, 6; Ibr 8:1, 2; 9:11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Mulʼata 11:1-19

Mulʼata Yohaannis

11 Shomboqqoon ulee* fakkaatu+ tokko naaf kenname, sagaleen tokkos akkana naan jedhe: “Kaʼi, iddoo qulqulluu mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaa fi warra isa keessatti waaqeffatan safari. 2 Mooraa mana qulqullummaa isa iddoo qulqulluudhaa ala jiru garuu dhiisi, hin safarin; sababiin isaas, inni sabootaaf kennameera, isaan magaalaa qulqulluu+ sana jiʼa 42f+ miila isaanii jalatti ni dhidhiitu. 3 Anis dhugaa baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii akka dubbatan nan godha.” 4 Isaan kun mukeetii ejersaa lamaanii+ fi baattuuwwan ibsaa lamaanitti+ kan fakkeeffaman yeroo taʼu, Gooftaa lafaa dura dhaabbataniiru.+

5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa baʼee diinota isaanii guba. Namni kam iyyuu isaan miidhuu yoo barbaade akka kanaan ajjeefamuu qaba. 6 Isaan guyyoota raajii dubbatanitti bokkaan akka hin roobne+ samii cufuuf+ aangoo qabu; akkasumas, bishaanota gara dhiigaatti jijjiiruu+ fi akkuma barbaadanitti yeroo baayʼee dhaʼicha akaakuu hundumaatiin lafa rukutuuf aangoo qabu.

7 Isaan dhugaa baʼanii yeroo xumuran, bineensi qilee keessaa baʼu sun waraana isaan irratti bana, isaan ni injifata, akkasumas isaan ajjeesa.+ 8 Reeffi isaanii daandii guddaa magaalaa guddoo akka fakkeenyaatti Sodoomii fi Gibxii jedhamtuu irra ni ciciisa; Gooftaan isaaniis bakkuma kanatti muka irratti fannifame. 9 Namoonni uummata, gosa, qooqaa fi saba garaa garaa keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaadhaaf+ reeffa isaanii ni ilaalu, reeffi isaanii akka awwaalamus hin heyyaman. 10 Raajonni lamaan kun warra lafa irra jiraatan waan dhiphisaniif, warri lafa irra jiraatan duʼuu isaaniitti ni gammadu, ni ayyaaneffatu, kennaas waliif ni kennu.

11 Guyyaa sadii fi walakkaa booda, hafuurri jireenyaa Waaqayyo biraa dhufe isaanitti ni seene;+ isaanis miila isaaniitiin ni dhaabbatan, warra isaan ilaalan irras sodaa guddaan ni buʼe. 12 Samii keessaa sagalee guddaan tokko, “Ol kottaa!” yommuu isaaniin jedhu ni dhagaʼan. Isaanis duumessa keessa gara samiitti ol baʼan; diinonni isaaniis isaan ilaalan.* 13 Saʼaatii sanatti kirkirri lafaa guddaan ni taʼe; magaalattii keessaa harka kudhan keessaa harki tokko ni kufe; namoonni 7,000 taʼanis kirkira lafaa sanaan ni duʼan, warri hafan immoo baayʼee sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.

14 Wayyoon inni lammaffaan+ darbeera. Kunoo, wayyoon inni sadaffaan saffisaan dhufaa jira.

15 Maleekaan inni torbaffaan malakata isaa afuufe.+ Samii keessaa sagaleewwan guguddaan, “Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa keenyaa+ fi Mootummaa Kiristoos+ ni taʼe; inni baraa hamma bara baraatti mootii taʼee ni bulcha”+ jedhan ni dhagaʼaman.

16 Jaarsoliin 24+ warri Waaqayyo dura teessoo isaanii irra taaʼanis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoon waaqeffatan; 17 akkana jedhan: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa,* Hundumaa kan Dandeessu, inni jirtuu+ fi inni turte, ati aangoo kee isa guddaa waan fudhattee fi mootii taatee bulchuu waan jalqabdeef+ si galateeffanna. 18 Taʼus, saboonni ni dheekkaman, dheekkamsi kees ni dhufe, yeroon murteeffame sun, jechuunis yeroon warri duʼan murtii itti argatan, yeroon garboota kee raajotaaf,+ qulqullootaaf, warra maqaa kee sodaataniif, warra xixinnaa fi warra guguddaadhaaf badhaasa isaanii itti kennitu,+ akkasumas yeroon warra lafa mancaasan*+ itti balleessitu ni dhufe.”

19 Iddoo qulqulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo inni samii keessa jirus ni baname, taabonni kakuu isaa iddoo qulqulluu mana qulqullummaa+ keessatti ni mulʼate. Balaqqeessi bakakkaa, sagaleen, kakawween, kirkirri lafaa fi cabbii guddaanis ni taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi