LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 24
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Himata Phaawulos irratti dhihaate (1-9)

      • Phaawulos Feeliksi duratti falmate (10-21)

      • Dhimmi Phaawulos waggaa lamaaf lafa irra harkifame (22-27)

Hojii Ergamootaa 24:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:2
  • +HoE 23:26

Hojii Ergamootaa 24:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 219-220

Hojii Ergamootaa 24:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 220

Hojii Ergamootaa 24:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “rakkina kan uumu.” Kal., “golfaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 5:11; HoE 16:20, 21; 17:6, 7
  • +Luq 23:1, 2
  • +Mat 2:23; HoE 28:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 219-220

Hojii Ergamootaa 24:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:27, 28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 219-220

Hojii Ergamootaa 24:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Hojii Ergamootaa 24:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 1:7

Hojii Ergamootaa 24:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:17, 26

Hojii Ergamootaa 24:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 3:15; HoE 3:13; 2Xi 1:3
  • +HoE 28:23; Rom 3:21

Hojii Ergamootaa 24:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 23:43
  • +Isa 26:19; Mat 22:31, 32; Luq 14:13, 14; Yoh 5:28, 29; 11:25; Ibr 11:35; Mul 20:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 77

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    9/2022, ful. 16-18, 20, 22, 26

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 30

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 13

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    12/2020, ful. 7

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2012, ful. 11

    Nu Barsiisa, ful. 77-79

    Barumsa Macaafa Qulqulluu, ful. 72-73

Hojii Ergamootaa 24:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:1; 1Qo 4:4; Ibr 13:18

Hojii Ergamootaa 24:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 8:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 193

Hojii Ergamootaa 24:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:24, 26

Hojii Ergamootaa 24:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:16

Hojii Ergamootaa 24:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:6

Hojii Ergamootaa 24:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:1, 2; 19:9

Hojii Ergamootaa 24:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 222-223

Hojii Ergamootaa 24:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:30, 31; 2Qo 5:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 222-223

Hojii Ergamootaa 24:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 223

Yaada Wal Simu

HoE. 24:1HoE 23:2
HoE. 24:1HoE 23:26
HoE. 24:5Mat 5:11; HoE 16:20, 21; 17:6, 7
HoE. 24:5Luq 23:1, 2
HoE. 24:5Mat 2:23; HoE 28:22
HoE. 24:6HoE 21:27, 28
HoE. 24:10Flp 1:7
HoE. 24:11HoE 21:17, 26
HoE. 24:14Bau 3:15; HoE 3:13; 2Xi 1:3
HoE. 24:14HoE 28:23; Rom 3:21
HoE. 24:15Luq 23:43
HoE. 24:15Isa 26:19; Mat 22:31, 32; Luq 14:13, 14; Yoh 5:28, 29; 11:25; Ibr 11:35; Mul 20:12
HoE. 24:16HoE 23:1; 1Qo 4:4; Ibr 13:18
HoE. 24:172Qo 8:4
HoE. 24:18HoE 21:24, 26
HoE. 24:19HoE 25:16
HoE. 24:21HoE 23:6
HoE. 24:22HoE 9:1, 2; 19:9
HoE. 24:24Mat 10:18
HoE. 24:25HoE 17:30, 31; 2Qo 5:10
HoE. 24:27HoE 25:9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 24:1-27

Hojii Ergamootaa

24 Guyyaa shan booda Anaaniyaas lubni ol aanaan+ maanguddoota tokko tokkoo fi abukaatoo Xarxuloos jedhamuu wajjin gad buʼe; achiis isaan himata Phaawulosiin ilaalchisee qaban bulchaa biyyaa sanatti dhiheeffatan.+ 2 Xarxuloos yommuu waamamu akkana jedhee Phaawulosiin himachuu jalqabe:

“Nuti karaa kee nagaa guddaa arganneerra; nama fageessee yaadu waan taateefis saba kana gidduutti jijjiiramni mulʼachaa jira; 3 Yaa Kabajamaa Feeliksi, nuti yeroo hundumaa fi bakka hundumaatti wantoota kanaaf beekamtii ni kennina, baayʼees si galateeffanna. 4 Taʼus, baayʼee akkan si hin tursineef, yeroo gabaabduudhaaf gaarummaadhaan akka nu dhaggeeffattu sin kadhadha. 5 Namichi kun dhukkuba daddarbaa* nutti taʼee,+ Yihudoota addunyaa maratti argaman hunda gidduutti fincila kakaasaa akka jiru+ sitti himuu barbaanna; kana malees, inni dura buutuu garee amantii Naazirootaa+ ti. 6 Akkasumas, mana qulqullummaa xureessuuf yaaleera; kanaafuu, nuti isa qabneerra.+ 7 *—— 8 Atis ofuma keetii yommuu isa qortu, himanni isa irratti dhiheessine kun hundi dhugaa taʼuu isaa ni hubatta.”

9 Yihudoonnis  wantoonni kun dhugaa akka taʼan dubbachuudhaan himata Phaawulos irratti dhihaate deggeran. 10 Bulchaan biyyaa sun, akka inni dubbatu mataa isaa raasee mallattoo yommuu isaaf kennu, Phaawulos akkana jedhee deebise:

“Ati waggoota hedduudhaaf saba kanaaf abbaa murtii taʼuu kee akka gaariittan beeka; kanaafuu, falmii koo gammachuudhaanan si duratti dhiheeffadha.+ 11 Waaqeffannaadhaaf Yerusaalemitti ergan ol baʼee guyyaa 12 akka hin caalle, atumti iyyuu mirkaneeffachuu dandeessa;+ 12 isaan mana qulqullummaa keessatti utuun wal falmuu yookiin manneen sagadaa keessattis taʼe guutummaa magaalattii keessatti utuun uummata kakaasuu na hin argine. 13 Wantoota amma ittiin na himachaa jiran kana ilaalchisee ragaa siif dhiheessuu hin dandaʼan. 14 Haa taʼu malee, akka daandii isaan garee amantii jedhanii waaman kanaatti, ani Waaqa abbootii keenyaatiif tajaajila qulqulluu akkan dhiheessu hin haalu;+ wantoota Seerichaa fi kitaaba Raajotaa keessatti barreeffaman hundatti nan amana.+ 15 Akkasumas, akkuma namoonni kun abdatan, qajeelonnis taʼan jalʼoonni+ duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha.+ 16 Kanaan kan kaʼes, Waaqayyoo fi namoota duratti qalbii qulqulluu qabaadhee jiraachuuf yeroo hundumaa carraaqqii nan godha.+ 17 Waggoota hedduu booda, saba kootiif kennaa gara laafinaa fiduuf,+ akkasumas aarsaa dhiheessuuf nan dhufe. 18 Mana qulqullummaa keessatti kan na argan, akka Seerichi ajajutti ergan qulqullaaʼee booda utuun wantoota kana raawwadhuu ture malee,+ namoota hedduu wajjin utuun jiruu yookiin jeequmsa utuun kakaasuu miti. Haa taʼu malee, Yihudoonni koonyaa Eeshiyaatii dhufan muraasni jiru turan; 19 isaan wanta dhuguma ittiin na himatan akkamii iyyuu yoo qabaatan si duratti dhihaachuu qabu turan.+ 20 Yookiin namoonni as jiran yommuu ani yaaʼii Saanhedriin dura dhaabbadhee turetti dogoggora na irratti argan yoo qabaatan ofuma isaaniitii haa dubbatan; 21 gidduu isaanii dhaabbadhee, ‘Harʼa isin duratti murtiidhaaf kanan dhihaadhe warri duʼan akka kaafaman waanan abdadhuufi!’ jedheen iyyee dubbadhe malee wantan balleesse hin qabu.”+

22 Haa taʼu malee, Feeliksi waaʼee Daandii kanaa akka gaariitti waan beekuuf,+ “Yommuu Liisiyaas ajajaan kumaa gad dhufu dhimma keessaniif murtoo nan kenna” jedhee isaan geggeesse. 23 Achiis Phaawulosiin eegumsa jala akka tursu, garuu hamma tokko bilisummaa akka qabaatuu fi namoonni isaa waan isa barbaachisu akka isaaf godhan akka isaaniif heyyamu ajajaa dhibbaa sana ajaje.

24 Guyyoota muraasa booda Feeliksi haadha manaa isaa Dirusilaa ishii Yihudii taatee wajjin dhufee, Phaawulosiin waamsisee yommuu inni waaʼee Kiristoos Yesuusitti amanuu dubbatu isa dhaggeeffate.+ 25 Haa taʼu malee, yommuu Phaawulos waaʼee qajeelinaa, waaʼee of toʼachuu fi waaʼee guyyaa murtii isa dhufuuf jiru sanaa dubbatu+ sodaatee, “Ammaaf deemi, yommuu naaf mijatu sin waamsisa” isaan jedhe. 26 Inni Phaawulos mattaʼaa akka isaaf kennus ni abdata ture. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee waamsisee isaa wajjin haasaʼa ture. 27 Waggaan lama erga darbee booda garuu, Feeliksi, Phorqiyos Feesxosiin bakka buufame; Feeliksi Yihudoota biratti jaallatamuu waan barbaadeef+ Phaawulosiin akkuma hidhametti dhiise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi