LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 26
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulos Agriiphaa duratti falmate (1-11)

      • Phaawulos akkaataa itti jijjiirame ibse (12-23)

      • Deebii Feesxosii fi Agriiphaan kennan (24-32)

Hojii Ergamootaa 26:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:13

Hojii Ergamootaa 26:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:5, 9

Hojii Ergamootaa 26:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Gal 1:13, 14

Hojii Ergamootaa 26:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:3
  • +HoE 23:6; Flp 3:4, 5

Hojii Ergamootaa 26:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 227-228

Hojii Ergamootaa 26:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:20, 21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 228

Hojii Ergamootaa 26:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “murteessitan.”

Hojii Ergamootaa 26:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:1, 2, 14
  • +Yoh 16:2; HoE 8:3; 1Qo 15:9; Gal 1:13; 1Xi 1:13

Hojii Ergamootaa 26:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:3-5; 22:6-8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 229

Hojii Ergamootaa 26:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 228-229

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2070

Hojii Ergamootaa 26:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:14, 15; Gal 1:11, 12; 1Xi 1:12

Hojii Ergamootaa 26:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:21; Rom 11:13

Hojii Ergamootaa 26:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 3:5
  • +Isa 61:1
  • +Qol 1:13
  • +Yoh 8:12; 2Qo 4:6
  • +Efe 2:1, 2

Hojii Ergamootaa 26:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:22
  • +HoE 9:28
  • +Mat 3:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 229-230

Hojii Ergamootaa 26:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:30, 31

Hojii Ergamootaa 26:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 24:27, 44; Rom 3:21

Hojii Ergamootaa 26:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:7; 35:19; Isa 50:6; 53:5
  • +Fr 16:10
  • +Fr 18:49; Isa 11:10; Luq 2:30-32

Hojii Ergamootaa 26:24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 230

Hojii Ergamootaa 26:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 18:20

Hojii Ergamootaa 26:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 231

Hojii Ergamootaa 26:30

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 231

Hojii Ergamootaa 26:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:26, 29; 25:24, 25

Hojii Ergamootaa 26:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:11, 12

Yaada Wal Simu

HoE. 26:1HoE 25:13
HoE. 26:2HoE 24:5, 9
HoE. 26:4Gal 1:13, 14
HoE. 26:5HoE 22:3
HoE. 26:5HoE 23:6; Flp 3:4, 5
HoE. 26:6HoE 24:15
HoE. 26:7HoE 24:20, 21
HoE. 26:10HoE 9:1, 2, 14
HoE. 26:10Yoh 16:2; HoE 8:3; 1Qo 15:9; Gal 1:13; 1Xi 1:13
HoE. 26:13HoE 9:3-5; 22:6-8
HoE. 26:16HoE 22:14, 15; Gal 1:11, 12; 1Xi 1:12
HoE. 26:17HoE 22:21; Rom 11:13
HoE. 26:181Yo 3:5
HoE. 26:18Isa 61:1
HoE. 26:18Qol 1:13
HoE. 26:18Yoh 8:12; 2Qo 4:6
HoE. 26:18Efe 2:1, 2
HoE. 26:20HoE 9:22
HoE. 26:20HoE 9:28
HoE. 26:20Mat 3:8
HoE. 26:21HoE 21:30, 31
HoE. 26:22Luq 24:27, 44; Rom 3:21
HoE. 26:23Fr 22:7; 35:19; Isa 50:6; 53:5
HoE. 26:23Fr 16:10
HoE. 26:23Fr 18:49; Isa 11:10; Luq 2:30-32
HoE. 26:26Yoh 18:20
HoE. 26:31HoE 23:26, 29; 25:24, 25
HoE. 26:32HoE 25:11, 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 26:1-32

Hojii Ergamootaa

26 Agriiphaan+ Phaawulosiin, “Waaʼee ofii kee akka dubbattu siif heyyamameera” jedhe. Achiis Phaawulos harka isaa diriirsee akkana jedhee falmachuu jalqabe:

2 “Yaa Agriiphaa Mootii, wantoota Yihudoonni ittiin na himatan hunda ilaalchisee+ guyyaa harʼaa si duratti falmachuu dandaʼuun koo na gammachiisa; 3 keessumaa ati aadaa isaaniis taʼe falmii Yihudoota gidduu jiru hunda akka gaariitti beekta. Kanaafuu, obsaan akka na dhaggeeffattu sin kadhadha.

4 “Ijoollummaa kootii jalqabee saba koo gidduuttis taʼe Yerusaalem keessatti akkamitti akkan jiraadhe Yihudoonni hundi akka gaariitti beeku;+ 5 isaan kanaan dura waan na beekaniif, ragaa baʼuuf fedhii yoo qabaatan akka garee amantii waaqeffannaa keenyaa warra amantii cimsaniitti+ Fariisicha taʼee akkan jiraadhe dubbachuu dandaʼu.+ 6 Amma garuu waadaa Waaqayyo abbootii keenyaaf gale abdiidhaan eeggachuu kootiin kan kaʼe kunoo,+ murtiitti dhihaadheera; 7 gosoonni keenya 12nis halkanii fi guyyaa dhimmanii tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessaa waadaan kun yommuu raawwatamu arguuf abdachaa turaniiru. Yaa Mootii, Yihudoonni kan na himatan waaʼee abdii kanaatiifi.+

8 “Waaqayyo warra duʼan akka kaasu amanuun rakkisaa akka taʼe gootanii kan yaaddan* maaliifi? 9 Ani iyyuu maqaa Yesuus isa nama Naazireet sanaa hamman dandaʼe mormuu akkan qabu nan amanan ture. 10 Wantin Yerusaalem keessatti godhes kanuma ture; dura buutota lubootaa irraa aangoo fudhadhee,+ qulqulloota hedduu mana hidhaatti galcheera;+ yommuu isaan ajjeefamuuf jedhanittis yaada kana deggereera. 11 Yeroo baayʼee mana sagadaa hunda keessatti isaan adabuudhaan, amantii isaanii akka ganan dirqisiisuuf yaaleera; akka malee waanan isaanitti aareefis magaalota kan biroo keessatti illee ariʼatama isaan irra geessiseera.

12 “Kana galmaan gaʼuuf dura buutota lubootaa irraa aangoo fi ergama fudhadhee gara Damaasqoo utuun dhaqaa jiruu, 13 yaa Mootii, guyyaa walakkaa, daandii irratti ifni ifa aduu caalu tokko samii irraa naannoo koo fi naannoo namoota anaa wajjin deemaa jiraniitti yommuu balaqqeessaʼu nan arge.+ 14 Hundi keenya lafa irratti kukkufnee utuu jirruu sagaleen tokko Afaan Ibrootaatiin, ‘Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta? Arficha* mormuu kee yoo itti fufte sumatu miidhama’ yommuu naan jedhu nan dhagaʼe. 15 Ani garuu, ‘Yaa Gooftaa, ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. Gooftaanis akkana jedhe: ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattu sana dha. 16 Amma garuu kaʼiitii miila keetiin dhaabbadhu. Wantoota argitee fi wantoota ani waaʼee koo sitti mulʼisuuf, tajaajilaa fi dhugaa baatuu akka taatu si filachuuf sitti mulʼadheera.+ 17 Ani namoota kanaa fi sabootan itti si ergu irraa sin oolcha;+ 18 kanan si ergus, dhiifama cubbuu akka argatanii+ fi namoota anatti amananii qulqullaaʼan gidduutti dhaala akka fudhataniif, ija isaanii bantee,+ dukkana irraa+ gara ifaatti,+ aangoo Seexanaa jalaas+ gara Waaqayyootti akka isaan deebistuufi.’

19 “Kanaafuu, yaa Agriiphaa Mootii, ani mulʼata samii irraa dhufeef ajajamuu hin didne; 20 kanaa mannaa, jalqaba warri Damaasqoo+ keessa jiraatan, achiis warri Yerusaalemii+ fi guutummaa biyya Yihudaa keessa jiraatan, akkasumas saboonni yaada akka geddaratanii fi hojiiwwan yaada geddarachuu isaanii argisiisan hojjechuudhaan gara Waaqayyootti akka deebiʼan ergicha isaanitti himeera.+ 21 Yihudoonni mana qulqullummaa keessatti qabanii na ajjeesuuf kan yaalan kanaafi.+ 22 Taʼus, gargaarsa Waaqayyoo waanan argadheef, hanga guyyaa harʼaatti isa guddaafis taʼe isa xinnaadhaaf dhugaa baʼuu koo itti fufuu dandaʼeera; ani wanta Raajonnii fi Museen akka raawwatamu dubbatan malee wanta kan biraa hin dubbanne;+ 23 wanti isaan dubbatanis Kiristoos akka dhiphatu,+ warra duʼan keessaa jalqaba akka kaʼuu+ fi Yihudootaafis taʼe saboota kaaniif ifa akka labsu kan ibsu dha.”+

24 Phaawulos wantoota kana dubbatee utuma falmachaa jiruu, Feesxos sagalee isaa guddisee, “Phaawulos, ati maraatteetta! Barumsa hedduu barachuun kee si maraacheera!” jedhe. 25 Phaawulos garuu akkana jedhe: “Yaa Kabajamaa Feesxos, ani sammuu fayyaadhaan dubbii dhugaa dubbachaan jira malee hin maraanne. 26 Dhugaa dubbachuuf, mootiin ani amma bilisummaadhaan itti dubbachaa jiru kunis waaʼee wantoota kanaa akka gaariitti beeka; wantoota kana keessaa tokko illee dhoksaatti waan hin raawwatamneef, inni hunda isaanii akka beeku homaa hin shakku.+ 27 Yaa Agriiphaa Mootii, Raajotatti ni amantaa? Akka ati amantu beeka.” 28 Agriiphaan garuu Phaawulosiin, “Yeroo gabaabaa keessatti amansiistee Kiristiyaana na gochuuf jetta” jedhe. 29 Yeroo kanatti Phaawulos, “Yeroo gabaabaa keessattis taʼe yeroo dheeraa keessatti, si qofa utuu hin taʼin warri harʼa na dhaggeeffachaa jiran hundi, funcaa kanaan hidhamuu irraa kan hafe, akkuma koo akka taʼan Waaqayyoon nan kadhadha” jedhe.

30 Achiis mootichi ni kaʼe; bulchaan biyyaa, Berniiqee fi namoonni isaanii wajjin taaʼanii turanis ni kaʼan. 31 Utuu achii baʼaa jiraniis, “Namichi kun wanta isa ajjeesisu yookiin isa hiisisu tokko illee hin hojjenne” waliin jechuu jalqaban.+ 32 Agriiphaan yeroo kanatti Feesxosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol hin iyyanne taʼee hiikamuu dandaʼa ture” jedhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi