Hisqiʼel
19 “Geggeessitoota Israaʼel ilaalchisee faaruu gaddaa tokko faarfadhu; 2 akkana jedhi:
‘Haati tee maal fakkaatti turte? Leenca dhaltuu leencota gidduu jirtu fakkaatti.
Ishiin leencota saafela ciccimoo taʼan gidduu ciistee ilmoolee ishii guddiste.
3 Ilmoolee ishii keessaa isa tokko ni guddiste, innis leenca saafela cimaa taʼe.+
Inni wanta adamsee qabate akkamitti akka cicciru ni bare,
Namoota illee ni nyaate.
4 Saboonnis waaʼee isaa dhagaʼanii boolla isaanii keessatti isa qaban,
Achiis hookkoodhaan qabanii gara biyya Gibxiitti isa geessan.+
5 Ishiinis ni eegde, dhuma irrattis inni deebiʼuuf abdii akka hin qabne ni hubatte.
Kanaafuu, ilmoolee ishii keessaa isa kan biraa fuutee leenca saafela cimaa gootee isa ergite.
6 Innis leencota gidduu asii fi achi ni deeme, leenca saafela cimaas ni taʼe.
Inni wanta adamsee qabate akkamitti akka cicciru ni bare, namoota illee ni nyaate.+
7 Inni masaraawwan isaanii warra ciccimoo gidduutti riphee eeggatee magaalota isaanii ni barbadeesse,
Kanaan kan kaʼes, biyyi ona taʼe sun sagalee barooda isaatiin ni guutame.+
8 Saaphana isaanii isa irratti gatuuf saboonni koonyaawwan naannoo sanatti argaman irraa ni dhufan,
Innis boolla isaanii keessatti qabame.
9 Isaanis hookkoodhaan qabanii guuboo sibiilaa keessa isa galchanii gara mootii Baabilonitti isa geessan.
Sana booda sagaleen isaa gaarota Israaʼel irratti akka hin dhagaʼamneef achitti isa hidhan.
10 Haati tee dhiiga kee* keessatti akkuma muka wayinii+ bishaan qarqara dhaabamee turte.
Mukti wayinii sunis, bishaan baayʼee sanaan kan kaʼe firii godhate, dameewwaniinis ni guutame.
11 Inni dameewwan* ciccimoo ulee bulchitootaatiif oolan ni baafate.
Inni ni guddate, mukeetii kan biroo irras ni caale,
Dheerina isaa fi baalawwan hedduu qabaachuu isaatiin kan kaʼes akka gaariitti kan mulʼatu ni taʼe.
12 Haa taʼu malee, ishiin aarii guddaadhaan buqqifamtee+ lafatti ni gatamte,
Bubbeen bahaas firii ishii ni gogse.
Dameewwan ishii warri ciccimoon waan ciramaniif ni gogan,+ ibiddaanis ni gubatan.+
13 Amma ishiin lafa onaa,
Lafa bishaan hin qabnee fi goge keessa dhaabamteetti.+
14 Ibiddis dameewwan* ishii irraa kaʼee latiiwwan ishii fi firii ishii ni nyaate,
Damee cimaanis taʼe uleen bulchiinsaaf taʼu isa irratti hin hafne.+
“‘Kun faaruu gaddaa ti; gara fuulduraatiifis faaruu gaddaa taʼee tajaajila.’”