-
2 Mootota 23:31-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Yehoʼahaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 23 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 32 Innis akkuma abbootiin isaa godhan hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 33 Faraʼoon Nekoonis+ inni Yerusaalem keessatti mootii akka hin taane gochuuf Riblaa+ ishii biyya Hamaat keessatti argamtutti isa hidhe; biyyattii irrattis adaba meetii taalaantii* 100 fi warqii taalaantii tokkoo ni mure.+ 34 Kana malees Faraʼoon Nekoon, Eliyaaqiim ilma Yosiyaasiin bakka Yosiyaas abbaa isaa mootii godhe; maqaa isaas Yehoyaaqiim jedhee jijjiire; Yehoʼahaaziin garuu gara Gibxiitti geesse;+ innis yeroo booda achitti ni duʼe.+
-
-
Ermiyaas 22:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “Sababiin isaas, Yihowaan Shaalum*+ ilma Yosiyaas isa mootii Yihudaa taʼe, isa bakka abbaa isaa Yosiyaas+ bulchaa jiruu fi iddoo kanaa deeme sana ilaalchisee akkana jedha: ‘Kana booda inni achitti hin deebiʼu. 12 Bakka isaan boojiʼanii itti isa fudhatanitti waan duʼuuf, sana booda inni biyya kana hin argu.’+
-