LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 5 ful. 16
  • “Tooftaa Barsiisuu Haaraa Dha!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Tooftaa Barsiisuu Haaraa Dha!”
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Viidiyoo Haaraa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Barsiisuuf Viidiyoowwanitti Fayyadamuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Jibba Halaalaa Moʼaniiru
    Dammaqaa!—2020
  • Jehoovaas Wiitinasis—Orgaanaayizdi tuu Sheer za Gud Niiwus
    Tajaajila Mootummaa—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 5 ful. 16
Barsiistuun Kooriyaa Kibbaa tokko viidiyoo jw.org irraa fudhatame barattoota ishiitti yommuu argisiistu

“Tooftaa Barsiisuu Haaraa Dha!”

BARSIISTUUN mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kooriyaa Kibbaa, Suu-Joongi jedhamtu viidiyoowwan weebsaayitii jw.org irra jiran kutaa keessatti argisiistee turte. Akkana jetteetti: “Barattoonni viidiyoo Michuun Dhugaa Nama Akkamii Ti? jedhu erga ilaalanii booda miirri isaanitti dhagaʼame nama dinqisiisa! Viidiyicha erga ilaalanii booda, ‘Waaʼee michummaa akkasitti yaannee hin beeknu. Kun tooftaa barsiisuu haaraa dha!’ jedhu turan. Tokko tokko gorsa yeroo barbaadan hundatti weebsaayitii kana akka daawwatan dubbataniiru.” Suu-Joongi itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Barsiisonni baayʼeen viidiyoo kana akka argisiisaniif yaada isaaniif dhiheesseera; isaanis meeshaa gaarii yeroo barsiisanitti itti fayyadamuu dandaʼan argachuu isaaniitti gammadaniiru.”

Viidiyoon barattoota Kooriyaa Kibbaa jiran hedduu gargaare kan biraan immoo animeeshinii gabatee adii Aboottee Utuu hin Fayyadamin Abbaa Humnaa Moʼi jedhu dha. Barsiistuun waldaa dargaggoota yakka irraa eeguu wajjin hojjetu barattootatti viidiyoo kana argisiistee turte. Akkana jetteetti: “Viidiyichi fakkii nama hawwatuun kan qophaaʼe taʼuun isaa, xiyyeeffannaa dargaggoota hedduu harkisa. Kana malees, viidiyichi hojii irra ooluu kan dandaʼu dha; dhiibbaa abbootii humnaa akkamitti damdamachuun akka dandaʼamu qofa utuu hin taʼin, akkamitti akka ittisuun dandaʼamus ni ibsa.” Waldichi manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa hedduu keessatti viidiyichatti fayyadamuuf heyyama kan gaafate siʼa taʼu, heyyamnis kennameeraaf. Abbootiin taayitaa poolisii illee viidiyoowwan jw.org irra jiran fayyadamaa jiru.

Weebsaayitii kana daawwattee hin beektu taanaan, maaliif hin daawwattu? Weebsaayitichi itti fayyadamuuf salphaa siʼa taʼu, wantoota sagaleedhaan qophaaʼan, viidiyoowwan, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota kaan tola garagalfachuun ni dandaʼama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi