Yeroo rakkinaatti tarkaanfiiwwan kana fudhachuudhaan hariiroo namoota wajjin qabduuf of eeggannoo godhi
GAAʼELA KEE CIMSADHU
Gaaʼela Kee Cimsadhu
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya. Sababiin isaas, inni tokko yoo kufe, inni kan biraan ol isa kaasuu dandaʼa.” (Lallaba 4:9, 10) Hiriyoonni gaaʼelaa akka gareewwan wal morkatan lamaatti utuu hin taʼin, akka garee tokkootti wal deggeranii hojjechuu qabu.
Yeroo rakkina isin mudateen kan kaʼe dhiphattanitti karaa sirrii hin taaneen walitti dubbachuurraa of qusachuuf murteessaa. Walii obsuu fi wal dandaʼuuf carraaqaa.
Yoo xinnaate torbanitti al tokko rakkina isin mudachaa jiru kamirrattiyyuu mariʼachuuf yeroo ramadaa. Kaayyoon keessan rakkinicha furuu malee wal komachuu taʼuu hin qabu.
Wanta lamaan keessaniyyuu gammachiisu gochuuf yeroo ramadaa.
Waaʼee yeroo gammachiisaa waliin dabarsitanii haasaʼaa; tarii suuraa cidha keessanii ilaalaa ykn yaadannoo gammachiisaa kan biraa kaasuudhaan kana gochuu dandeessu.
“Hiriyoonni gaaʼelaa kan walii galan wanta hundumaarratti taʼuu dhiisuu dandaʼa; kana jechuun garuu tokkummaadhaan waliin hojjechuu hin dandaʼan jechuu miti. Hiriyoonni gaaʼelaa waliin taʼanii murtoo gochuu fi murtoon isaanii sun akka milkaaʼu waliin hojjechuu ni dandaʼu.”—Deevid.
MICHUMMAA KEE CIMSADHU
Michummaa Kee Cimsadhu
Gargaarsa michoota keetii fudhachuu qofa utuu hin taʼin, karaa gargaarsa itti gochuu dandeessurratti yaadi. Warra kaan cimsuudhaan of cimsuu ni dandeessa.
Haala isaan irratti argaman beekuuf, guyyaa guyyaadhaan michoota kee muraasa wajjin wal arguuf carraaqqii godhi.
Michoonni kee rakkina si mudate wajjin wal fakkaatu kan dandamatan akkamitti akka taʼe isaan gaafadhu.
“Rakkinni nu mudatu akkuma obomboleettiiti; michoonni keenyammoo akkuma xiyya kallattii isa sirrii nutti argisiisuuti. Tarii kana kan godhan wantuma beektu si yaadachiisuudhaan taʼuu dandaʼa. Michoonni kee siif yaadu, atis akka isaaniif yaaddu beeku.”—Niikol.
IJOOLLEE KEE GARGAARI
Ijoollee Kee Gargaari
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa . . . haa taʼu.” (Yaaqoob 1:19) Ijoolleen kee jalqabarratti wanta isaan sodaachisuu fi isaan yaaddessu dubbachuurra duubatti jedhu taʼa; taʼus, obsaan isaan dhaggeeffachuudhaan miira isaanii ifatti akka sitti himan isaan gargaaruu dandeessa.
Ijoolleen kee miira isaanii sitti himuun akka isaanitti salphatu godhi. Ijoolleen tokko tokko miira isaanii ibsuun kan isaanitti salphatu yeroo warra isaanii wajjin taaʼanii fuulaa fuulatti haasaʼanitti utuu hin taʼin, yeroo konkolaataadhaan ykn miilaan deemanittidha.
Ijoolleen kee gabaasawwan oduu nama dhiphisaniif akka hin saaxilamne mirkaneeffadhu.
Nageenya maatichaa eeguuf jecha tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhattu ijoolleen kee akka beekan godhi.
Yeroo rakkinni akka tasaa uumamu maal akka gootu karoora baafadhu, ijoollee kee wajjinis shaakali.
“Ijoollee kee wajjin haasaʼi, miira isaanii akka ibsan isaaniif heyyami. Tarii wanta isaan sodaachise, wanta isaan dhiphise ykn wanta isaan aarse dhoksuu dandaʼu. Atis miira akkasii wajjin waldhaansoo akka gootu akka beekan godhi; miira akkasii kan dandamattu akkamitti akka taʼes isaanitti himi.”—Bitaanii.