LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g22 Lakk. 1 ful. 13-15
  • 4 Abdii Kee Cimsadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 4 Abdii Kee Cimsadhu
  • Dammaqaa!—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • Wanta Beekuu Qabdu
  • Wanta Amma Gochuu Dandeessu
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Dhugaa Kenna
  • Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Bara 2024tti Abdii Qabaachuu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2022
g22 Lakk. 1 ful. 13-15
Kitaabni Qulqulluun tokko banamee miʼa habaaboo bira kaaʼamee jira.

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

4 | Abdii Kee Cimsadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni addunyaan tasgabbii dhabuu isaatiin kan kaʼe baayʼee waan yaaddaʼaniif, karaa qaamaas taʼe karaa miiraa akka bututan isaanitti dhagaʼama. Namoonni rakkinni isaanirra gaʼaa jiru hedduun haalli isaa akka fooyyaʼu isaanitti hin dhagaʼamu. Maarree, tarkaanfii akkamii fudhatu?

  • Isaan keessaa tokko tokko waaʼee yeroo gara fuulduraa yaaduuyyuu ni dhiisu.

  • Warri kaan dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan rakkina isaanii irraanfachuuf yaalu.

  • Namoonni muraasnimmoo jireenyarra duʼa filatu. Kanaafuu, of ajjeesuuf yaalu.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Rakkinni sirra gaʼaa jiru tokko tokko kan turu yeroodhaaf taʼuu dandaʼa; tarii yeroo hin eegnetti furmaata argachuu dandeessa.

  • Haalli isaa yoo jijjiiramuu baatellee, wanti dandamachuuf si gargaaru jira.

  • Kitaabni Qulqulluun abdii dhugaa rakkina ilmaan namootaatiif furmaata argamsiisu qabateera.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—Maatewos 6:34.

Waaʼee boruu hin yaaddaʼin. Waaʼee boruu garmalee yaaddaʼuun kee itti gaafatamummaa harʼa raawwachuu qabdu akka dagattu si gochuu dandaʼa.

Waa uumamuu dandaʼa jettee yaaddaʼuun kee dhiphinni kee akka dabaluu fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdiin qabdu akka laafu gochuu malee faayidaa hin qabu.

DANDAMACHUU NI DANDEESSA—AKKAMITTI? Gorsa Gaarii

WANTA GAARIIRRATTI XIYYEEFFADHU

Dubartiin takka gammachuudhaan karaa foddaa ilaalaa jirti.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni cunqurfame guyyoonni isaa hundi gaarii miti, namni garaa gammade qabu garuu yeroo hunda affeerraa irra jira.” (Fakkeenya 15:15) Rakkinarratti garmalee kan xiyyeeffattu yoo taʼe, furmaanni si dura jiru sitti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Ilaalcha gaarii qabaachuun kee garuu, karaa rakkinicha dandamachuu itti dandeessurratti yaaduuf si gargaara.

  • Yeroo oduu dhaggeeffachuudhaan dabarsitu daangessi.

  • Guyyaa hundumaa galgala galgala wanta galateeffachuuf si kakaasu lama ykn sadii barreeffadhu.

  • Wanta harʼa hojjechuu qabdu barreeffadhu. Dhuma guyyichaatti buʼaa hojii keetii arguu akka dandeessuuf, hojiiwwan guguddaa bakka xixinnaatti hirii hojjedhu.

GARGAARSA FUDHADHU

Maanguddoon tokko dargaggeessa tokko jajjabeessaa jira.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Namni warra kaan irraa adda of baasu kam iyyuu ogummaa hundumaa ni tuffata.’ (Fakkeenya 18:1) Boolla gad fagoo keessaa ofuma keetiin baʼuu hin dandeessu, gargaarsi warra kaanii si barbaachisa.

  • Miseensota maatii kee ykn michoota kee gargaarsa gaafadhu.

  • Karaa itti isaan gargaaruu dandeessus barbaadi. Wanta warra kaan fayyadu raawwachuun kee rakkina keetiif ilaalcha madaalamaa qabaachuuf si gargaara.

  • Abdii akka hin qabnee fi jiraachuun kee gatii akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame, yaalii fayyaa argachuuf carraaqqii godhi. Yeroo tokko tokko miirri akkasii mallattoo dhiphina sammuu taʼuu dandaʼa. Namoonni hedduun gargaarsa yaalii fayyaa argachuun isaanii isaan fayyadeera.a

a Barruun Dammaqaa! yaalii fayyaa isa kam akka wayyu ilaalchisee yaada hin kennu.

Kitaabni Qulqulluun Abdii Dhugaa Kenna

Faarfataan bara duriitti jiraate tokko kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifa dha” jedheera. (Faarfannaa 119:105) Kitaabni Qulqulluun inni Dubbii Waaqayyoo taʼe ibsaa fi ifa kan taʼe akkamitti akka taʼe ilaali.

Dukkana keessa yeroo deemnu ibsaa qabachuun keenya daandii sirrii irra deemnu filachuuf nu gargaara. Haaluma wal fakkaatuun, murtoo ulfaataa gochuun yeroo nu barbaachisutti Kitaaba Qulqulluurraa qajeelfama ogummaarratti hundaaʼe ni arganna.

Ifnimmoo daandii keenyarratti ifuudhaan wanta fuuldura keenya jiru fagootti ilaaluuf nu dandeessisa. Haaluma wal fakkatuun, Kitaabni Qulqulluun yeroon gara fuulduraa akka nutti mulʼatu godha.

Kitaabni Qulqulluun kitaaba seenaa ilmaan namootaa jalqabaa kaasee ibsu qofa utuu hin taʼin, kitaaba yeroo gara fuulduraa ilaalchisees abdii dhugaa qabatedha. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenna:

Akkamitti?

Rakkinni kan jalqabe akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha.—Roomaa 5:12.

Maaliif?

Bulchiinsi ilmaan namootaa rakkina keenya furuu kan hin dandeenye maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, ‘namni yommuu deemu ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu akka hin dandeenye’ dubbata. (Ermiyaas 10:23) Rakkinni addunyaa keessa jiru, kun dhugaa taʼuu isaa argisiisa.

Maal?

Waaqayyo haala isaa sirreessuuf maal godha? Kitaabni Qulqulluun, “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedha.—Mulʼata 21:4.

Fakkii viidiyoo “Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?” jedhamurraa fudhatame. Dubartiin takka wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbiste abbaa manaa ishiitti argisiisaa jirti.

CAALAATTI BARADHU. Viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi