LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 11
  • Sabbata Jalqabaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sabbata Jalqabaa
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bishaan Badiisaa Deebiʼee ni Dhufaa?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Seenaa Bara Durii Akeekkachiisa Nuu Ta’u
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Ilmaan Namootaa Bishaan Badiisaarraa Oolan
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon Kan Dhaggeeffatan Eenyufaʼi? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 11

SEENAA 11

Sabbata Jalqabaa

NOHI maatiisaa wajjin markaba keessaa yommuu ba’u, jalqabarratti maal akka godhe beektaa? Waaqayyoof aarsaa ykn kennaa dhiheesse. Ennaa kana godhu fakkii asii gadiirratti ilaaluu dandeessa. Nohi kennaa horii kana kan kenne, Waaqayyo maatiisaa bishaan badiisaa isa guddaa jalaa waan oolcheef isa galateeffachuufidha.

Yihowaan kennaa sanatti kan gammade sitti fakkaataa? Eeyyee, gammadeera. Akkasumas, lammata biyya lafaa balleessuuf bishaan badiisaa akka hin fidne, Nohiif kakateera.

Lafti daftee gogde; Nohiifi maatiinsaa markabichaa ba’anii jireenya haaraa jiraachuu jalqaban. Waaqayyo: ‘Ijoollee baay’ee ni godhattu. Hamma lafti namootaan guutamtutti ni baay’attu’ jechuudhaan isaan eebbise.

Haata’u malee, booddee namoonni waa’ee bishaan badiisaa isa guddaa yeroo dhaga’an, ammas bishaan badiisaa ni dhufa jedhanii sodaatu ta’a. Kanaafuu, Waaqayyo, lammata bishaan badiisaa akka hin fidne kakuu galuusaa wanta namoota yaadachiisu godhe. Isaan yaadachiisuuf maal akka godhe beektaa? Sabbatasaa dhaabe.

Sabbanni Waaqayyoo yeroo baay’ee samiirratti kan mul’atu, erga bokkaan roobee booda aduun yeroo baatudha. Sabbanni Waaqayyoo, halluuwwan babbareedan adda addaa qabaachuu danda’a. Kanaan dura argitee beektaa? Kan fakkiirra jiru kana argitee?

Waaqayyo akkas jedhe: ‘Kanaan booda namoonniifi bineensonni hundi bishaan badiisaatiin akka hin balleeffamne ani kakuu nan gala. Sabbatichi duumessa keessaa akka mul’atu nan godha. Sabbaticha yommuun arge kakuun isinii wajjin gale nan yaadadha.’

Kanaafuu, yommuu sabbata Waaqayyoo argitu maal yaadachuu qabda? Eeyyee, Waaqayyo, lammata biyya lafaa bishaan badiisaatiin akka hin balleessine kakuu gale yaadatta.

Uumama 8:18-22; 9:9-17.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi