LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 6 ful. 20-ful. 21 key. 5
  • Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Doonii Noh
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Bishaan Badiisaa Isa Guddaa
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Nohi Markaba Hojjete
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 6 ful. 20-ful. 21 key. 5
Yommuu bokkaan roobutti doonichi asii fi achi sochoʼaa jira

BARUMSA 6

Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan

Noh, maatiin isaa fi bineeldonni doonicha keessaa baʼan

Nohi, maatiin isaa fi bineeldonni doonichatti seenan. Achiis Yihowaan balbala doonichaa ni cufe; bokkaanis roobuu jalqabe. Bokkaan sun garmalee yommuu roobu doonichi bishaan irra sochoʼuu jalqabe. Suutuma suutas, lafti bishaaniin guutamte. Namoonni hamoon doonii sanaa ala turan hundi ni duʼan. Nohii fi maatiin isaa warri doonicha keessa turan garuu oolaniiru. Yihowaadhaaf waan ajajamaniif hangam akka gammadan tilmaamuu dandeessaa?

Bokkaan halkan 40 fi guyyaa 40 erga roobee booda ni caame. Suutuma suutas bishaanichi hirʼachaa deeme. Dhuma irrattis, doonichi tulluuwwan irra taaʼe. Taʼus amma iyyuu bakka hunda bishaan hedduutu jira ture; kanaaf, Nohii fi maatiin isaa yeruma sana doonicha keessaa baʼuu hin dandeenye.

Suutuma suuta, bishaanichi ni goge. Walumaa galatti Nohii fi maatiin isaa waggaa tokko ol doonicha keessa turan. Achiis Yihowaan doonicha keessaa gara bakka addunyaa haaraa fakkaatutti baʼuu akka dandaʼan isaanitti hime. Yihowaan isaan oolchuu isaatti guddaa isa galateeffatan; kanas Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuudhaan argisiisan.

Sabbata Waaqaa

Yihowaan aarsaa kanatti gammadeera. Lammata matumaa bishaaniin wanta lafa irra jiru akka hin balleessine waadaa isaaniif gale. Waadaa gale sana mallattoodhaan argisiisuuf sabbanni Waaqaa inni jalqabaa samii irratti akka mulʼatu godhe. Sabbata Waaqaa argitee beektaa?

Achiis Yihowaan, Nohii fi maatii isaatti ijoollee akka godhatanii fi lafa akka guutan isaanitti hime.

‘Noh doonichatti galetti . . . namoonni hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti . . . hin hubanne.’—Maatewos 24:38, 39

Gaaffii: Yihowaan balbala doonichaa erga cufee booda maaltu taʼe? Sabbanni Waaqaa maal nu yaadachiisa?

Uumama 7:1–9:17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi