LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Guraandhala 1
  • Sanbadduraa, Guraandhala 2
  • Dilbata, Guraandhala 3
  • Wiixata, Guraandhala 4
  • Kibxata, Guraandhala 5
  • Roobii, Guraandhala 6
  • Kamisa, Guraandhala 7
  • Jimaata, Guraandhala 8
  • Sanbadduraa, Guraandhala 9
  • Dilbata, Guraandhala 10
  • Wiixata, Guraandhala 11
  • Kibxata, Guraandhala 12
  • Roobii, Guraandhala 13
  • Kamisa, Guraandhala 14
  • Jimaata, Guraandhala 15
  • Sanbadduraa, Guraandhala 16
  • Dilbata, Guraandhala 17
  • Wiixata, Guraandhala 18
  • Kibxata, Guraandhala 19
  • Roobii, Guraandhala 20
  • Kamisa, Guraandhala 21
  • Jimaata, Guraandhala 22
  • Sanbadduraa, Guraandhala 23
  • Dilbata, Guraandhala 24
  • Wiixata, Guraandhala 25
  • Kibxata, Guraandhala 26
  • Roobii, Guraandhala 27
  • Kamisa, Guraandhala 28
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 17-26

Guraandhala

Jimaata, Guraandhala 1

Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.—Uma. 6:22.

Nohi sana dura matumaa doonii ijaaree hin beeku. Kanaaf, “akkuma” qajeelfama Yihowaan isaaf kennetti ijaaruudhaan isatti amanamuu qaba ture. Buʼaan isaa hoo maal ture? Nohi jalqabuma irratti milkaaʼina argateera. Dhuguma iyyuu, argachuu qaba ture! Nohi abbaa maatii taʼuudhaanis milkaaʼee ture; milkaaʼina kana kan argates ogummaa Waaqayyootti waan amanameefi. Bara hamaa Bishaan Badiisaa dura turetti akkana gochuun baayʼee rakkisaa taʼus, ijoollee isaa akka gaariitti barsiisuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuu dandaʼeera. (Uma. 6:5) Warra yoo taatan, “akkuma” Waaqayyo ajaje gochuu kan dandeessan akkamitti? Yihowaa dhagaʼaa. Innis karaa Dubbii isaa, akkasumas qajeelfama karaa jaarmiyaa isaa argannutti fayyadamee ijoollee akkamitti akka guddistan isin barsiisa. Warri hamma dandaʼan carraaqqii kan godhan taʼus, ijoolleen tokko tokko Yihowaa ni dhiisu. Haa taʼu malee, warri dhugaan garaa mucaa isaanii akka tuqu gochuuf hamma dandaʼan carraaqqii godhan qalbii qulqulluu ni qabaatu. Kana malees, mucaan amalli isaa bade sun gara Yihowaatti deebiʼuu akka dandaʼu ni abdatu. w18.03 30 key. 10-11

Sanbadduraa, Guraandhala 2

Keessummummaa wal simadhaa.—1 Phe. 4:9.

Keessummaa simachuu utuma barbaaddanii gaʼumsa akka hin qabne isinitti dhagaʼamee beekaa? Tokko tokko ija laafeyyii waan taʼaniif, waanan jedhun dhaba ykn keessummoota gammachiisuu hin dandaʼu jedhanii sodaatu taʼa. Kaan immoo galiin isaanii gad aanaa waan taʼeef, akkuma obboloota gumii keessa jiran kaanitti matumaa keessummeessuu hin dandaʼu jedhanii yaadu. Keessummoota kan gammachiisu manni tokko guddaa taʼuu isaa miti; akka gaariitti kan qabame, qulqulluu fi kan nama hawwatu taʼuu isaa ti. Jaalalaan kakaatanii keessummoota kan simattan yoo taʼe dhiphachuun isin hin barbaachisu. Faayidaa keessummootaatiif akka yaaddan argisiisuun yeroo hunda buʼaa gaarii qaba. (Filp. 2:4) Namni hundi jechuun ni dandaʼama, muuxannoo isaa dubbachuun isa gammachiisa. Yeroon namoota kaanii wajjin dabarsinu, muuxannoo keenya akka nu gaafatan carraa kan banu taʼuu dandaʼa. Jaarsi tokko akkana jedhee barreesseera: “Michoota gumii keessa jiran mana kootti afeeruun, caalaatti akkan isaan hubadhu, isaan beekuuf yeroo akkan argadhu, keessumaa immoo akkamitti gara dhugaatti akka dhufan beekuuf na gargaareera.” Keessummootaaf xiyyeeffannaa kennuun, yeroon waliin dabarsinu gammachiisaa akka taʼu godha. w18.03 17 key. 15-17

Dilbata, Guraandhala 3

Egaa amma maal eegda ree? Kaʼiitii cuuphami.—HoE. 22:16.

Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleen isaanii murtoo ogummaa irratti hundaaʼe akka godhan isaan gargaaruu barbaadu. Utuu hin barbaachisin yeroo itti cuuphaman tursuun ykn lafa irra harkisuun rakkoo hafuuraatiif akka isaan saaxilu ni hubatu. (Yaq. 4:17) Haa taʼu malee, warri ijoolleen isaanii cuuphamuu isaanii dura, itti gaafatamummaa barataa Kiristoos taʼuun isaanitti fidu baachuuf akka qophaaʼan mirkaneeffachuu barbaaduun isaanii sirrii dha. Ilaaltonni ol anaa aanaa tokko tokko dargaggoota umurii dhuma waggoota kurnanii fi jalqaba waggoota 20mmanii keessatti argaman akka hin cuuphamne hubachuun isaanii akka isaan yaaddesse dubbataniiru; ijoolleen kun mana dhugaa keessatti kan guddatani dha. Yeroo baayʼee dargaggoonni kun walgaʼii irratti ni argamu, tajaajila irrattis ni hirmaatu. Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼanittis of ilaalu. Taʼus, sababii tokko tokkoon Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu irraa duubatti jedhu. Wanti kanaaf sababii taʼuu dandaʼu maali dha? Haala tokko tokko keessatti warri isaanii dafanii akka hin cuuphamne jajjabeessaniiru. w18.03 8-9 key. 1-2

Wiixata, Guraandhala 4

[Yaada] Kiristoos Yesuus qabu [qabaadhaa].—Rom. 15:5.

Akka Kiristoos taʼuudhaaf, akkaataa inni itti yaadu, miira isaa fi gocha isaa beekuu qabna. Achiis karaa inni deeme irra deemuu qabna. Yesuus yaadni isaa kan xiyyeeffatu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu irratti dha. Kanaaf, Yesuusiin fakkaachuun keenya caalaatti Yihowaa fakkaachuuf nu gargaara. Yesuus akka yaadutti yaaduu barachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi. Akkana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Barattoonni Yesuus dinqiiwwan inni raawwate ilaalaniiru, lallaba isaa dhagaʼaniiru, walitti dhufeenya inni namoota akaakuu hundumaa wajjin qabu arganiiru, akkasumas qajeelfama Waaqayyoo akkamitti hojii irra akka oolche hubataniiru. (HoE. 10:39) Haa taʼu malee, nuti ija keenyaan isa arguu hin dandeenyu. Taʼus Yihowaan jaalalaan kakaʼee gabaasa Wangeelaa isa eenyummaan Yesuus sammuu keenya keessatti ifatti akka nutti mulʼatu godhu nuuf qopheesseera. Kitaabota Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis warra Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan yaadni keenya yaada Kiristoos akka fakkaatu gochuu dandeenya. Akka kanaan, ‘faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuu’ fi ‘yaada isaa qabaachuuf of qopheessuu’ ni dandeenya.—1 Phe. 2:21; 4:1. w18.02 22 key. 15-16

Kibxata, Guraandhala 5

Amantiin dubbicha dhagaʼuu irraa argama.—Rom. 10:17.

Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii eegalee, dhiironnii fi dubartoonni amanamoo taʼan waaʼee Waaqayyoo karaawwan guguddaa sadiin barataniiru: uumamawwan mulʼatan irraa, namoota Waaqayyoon sodaatan kaan irraa fi qajeelfamaa fi ulaagaa Waaqayyo baase hojii irra oolchuun buʼaa akka qabu jireenya isaanii keessatti arguudhaani. (Isa. 48:18) Noh uumamawwan ijaan mulʼatan ilaaluudhaan, ragaa Waaqayyo jiraachuu isaa qofa utuu hin taʼin amalawwan isaa hin mulʼanne, fakkeenyaaf ‘humna isaa isa bara baraa fi Waaqayyummaa isaa’ argisiisu hedduu argeera. (Rom. 1:20) Kun immoo Noh Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qabaatu godheera. Noh firoottan isaa irraa waan baayʼee akka barate homaa hin shakkisiisu. Namoota sana keessaa tokko, abbaa isaa Laamek isa nama amantii taʼee fi Addaam wajjin bara tokko keessa jiraate dha. Kana malees akaakayyuun isaa Maatusaalaanii fi abaabiliin isaa Yaared inni Noh wajjin waggaa 366 jiraates gumaacha guddaa godhanii taʼuu hin oolu. (Luq. 3:36, 37) Karaa kamiinuu haa taʼu, wanti Noh barate garaa isaa tuqee Waaqayyoon tajaajiluuf isa kakaaseera.—Uma. 6:9. w18.02 9 key. 4-5

Roobii, Guraandhala 6

Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin.—Efe. 4:26.

Yommuu namni hidhata amantii keenya taʼe ykn miseensi maatii keenyaa wanta baayʼee nu gaddisiisu tokko dubbatu ykn godhu baayʼee miidhamna. Wanta nu irratti raawwatame salphaatti irraanfachuu yoo baanne hoo? Tarii waggoota hedduudhaaf haaloo qabannee ni turraa? Moo gorsa Kitaabni Qulqulluun walitti buʼiinsa dafnee akka hiiknu nuu kennu hojii irra oolchina? Rakkinicha dafnee hiikuu dhiisnaan, obboleessa keenya wajjin nagaa uumuun baayʼee rakkisaa taʼaa deema. Nagaa uumuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessa? Dura garaadhaa Yihowaa kadhadhu. Obboleessa kee wajjin marii nama jajjabeessu akka gootan akka si gargaaru isa gaafadhu. Obboleessi kunis “michuu Yihowaa” akka taʼe yaadadhu. (Yaq. 2:23) Yihowaan michoota isaa gaarummaadhaan qaba; nutis akkasuma akka goonu nu irraa eega. (Fak. 15:23; Mat. 7:12; Qol. 4:6) Itti aansuudhaan immoo wanta dubbachuuf jettu irratti yaadi. Obboleessi kee taʼe jedhee akka si miidhe sitti hin dhagaʼamin. Kana malees, rakkina uumameef atis gaʼee qabaachuu akka dandeessu amanuuf qophaaʼaa taʼi. w18.01 10 key. 15-16

Kamisa, Guraandhala 7

Akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa.—Yoh. 13:34.

Namoota yeroo harʼaatti jaalala dhabanii jiran irraa haala faallaa taʼeen, namoonni Yihowaa waaqeffatan warra kaaniif jaalala dhugaa qabu. Kun yoom iyyuu dhugaa dha. Yesuus nama jaallachuun, ajajawwan Seera Musee keessa jiran keessaa jaalala Waaqayyoof qabnutti aanee isa lammaffaa akka taʼe dubbateera. (Mat. 22:38, 39) Yesuus, jaalalli waliif qabnu amala Kiristiyaanota dhugaa addaan baasee beeksisu taʼuu isaas dubbateera. (Yoh. 13:35) Kiristiyaanonni warra diinota isaanii taʼanitti illee jaalala akkasii argisiisu. (Mat. 5:43, 44) Yesuus warra kaaniif jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. Magaalaadhaa gara magaalaatti deemee misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqaa dubbatu namootatti himeera. Namoota iji isaanii jaame, naafa taʼan, dhukkuba nadaayiitiin qabamanii fi gurri isaanii duude fayyiseera. Namoota duʼanis kaaseera. (Luq. 7:22) Yesuus ilmaan namootaatiif lubbuu isaa kenneera. Jaalalli Yesuus argisiise jaalala Abbaan isaa argisiisu guutummaatti kan calaqqisiisu ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa lafaa irratti warra kaanitti jaalala akka Waaqaa argisiisu. w18.01 29-30 key. 11-12

Jimaata, Guraandhala 8

Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.—Filp. 4:13.

Umurii ijoollummaa keetti cuuphamuuf gaʼumsa qabaatta taʼa. Taʼus qorumsa gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu hunda dursitee beekuu hin dandeessu. Waadaa Yihowaadhaaf galte eeguun kee haala tokko irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadachuun kee, haala akkamii keessatti iyyuu amanamaa taʼuuf si gargaara. Kana jechuun, hiriyoonni ykn warri kee isa tajaajiluu yoo dhaaban illee, ati isa tajaajiluu kee akka itti fuftu Qaama uumama cufa irratti ol aantummaa qabutti himte jechuu dha. (Far. 27:10) Haala akkamii keessatti iyyuu murtoo kee wajjin wal simtee jiraachuuf gargaarsa Yihowaatiin jabina argachuu dandeessa. (Filp. 4:11, 12) Yihowaan michuu isaa akka taatu barbaada. Michummaa kana qabatanii itti fufuunii fi fayyina ofii mirkaneessuun garuu carraaqqii gochuu gaafata. Filiphisiyus 2:12, “Sodaa fi romʼaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keessan itti fufaa” jedha. Kanaafuu, qorumsi akkamii iyyuu yoo si mudate michuu Yihowaa taatee itti fufuu fi isaaf amanamaa taatee jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe itti yaaduu akka qabdu si hubachiisa. Garmalee ofitti amanamuu hin qabdu. Namoonni yeroo dheeraadhaaf Waaqayyoon tajaajilan illee karaa irraa jalʼataniiru. w17.12 24 key. 4, 6-7

Sanbadduraa, Guraandhala 9

Ani kana hundumaa fedha kootiin . . . kenneera.—1 Sen. 29:17.

Yihowaan hojii guddaa yeroo harʼaa hojjetamaa jiru akka deggerru carraa nuu kennuudhaan nu kabajeera. Mootummicha deggeruuf kennaa kennuun eebba akka nuuf argamsiisu nuu mirkaneesseera. (Mil. 3:10) Yihowaan namni arjummaadhaan kennu akka badhaadhu waadaa galeera. (Fak. 11:24, 25) ‘Fudhachuu irra kennuun caalaatti waan nama gammachiisuuf’ kennuun gammachuus namaaf argamsiisa. (HoE. 20:35) Ijoolleen keenyas taʼan namoonni haaraan kennuu irratti hirmaachuu fi eebba hedduu argachuu akkamitti akka dandaʼan isaan leenjisuuf dubbiidhaanis taʼe gocha keenyaan fakkeenya taʼuufii dandeenya. Wanti qabnu hundi Yihowaa irraa kan argame dha. Wanta qabnu deebisnee isaaf kennuun keenya, akka isa jaallannuu fi wanta nuuf jecha godhe hundaaf akka isa dinqisiifannu argisiisa. Namoonni ijaarsa mana qulqullummaatiif “jaalala isaaniitiin waan kennaniif [gammadaniiru].” (1 Sen. 29:9, hiika bara 1899) Nutis wanta harka Yihowaa irraa arganne deebisnee isaaf kennuudhaan gammachuu argachuu keenya itti haa fufnu. w18.01 21 key. 18-19

Dilbata, Guraandhala 10

Hundi isaanii dabaree isaaniitiin jireenya argatu: Jalqaba Kiristoostu duʼaa kaʼe; achiis warra yeroo inni argamutti kan Kiristoos taʼantu jireenya argata.—1 Qor. 15:23.

Duʼaa kaʼuun inni jalqabaa kan raawwatamu, ‘argamuun’ Kiristoos erga jalqabee yeroo muraasa booda dha. Dibamtoonni yeroo rakkina guddaatti lubbuudhaan lafarra jiraatan, ‘duumessaan ol ni butamu.’ (1 Tas. 4:13-17; Mat. 24:31) ‘Hundi isaanii ni jijjiiramu, malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, battalumaan, hanga liphsuu ijaatti ni jijjiiramu.’ (1 Qor. 15:51, 52) Kiristiyaanonni amanamoon yeroo harʼaa jiran hedduun dibamtoota waan hin taaneef, samii irratti Kiristoos wajjin tajaajiluuf hin waamamne. Kanaa mannaa, ‘guyyaa Yihowaa’ jechuunis yeroo sirni hamaan kun itti badu eeggatu. Guyyaan dhumaa yoom akka taʼe sirriitti kan beeku hin jiru; ragaan jiru akka argisiisutti garuu dhihaateera. (1 Tas. 5:1-3) Sana booda, duʼaa kaʼuun kan biraan kan raawwatamu siʼa taʼu, namoonni duʼan kaʼanii lafa jannata taatu irra jiraatu. Warri duʼaa kaʼan sun cubbuu irraa walaba taʼuuf abdii waan qabaniif, sana booda matumaa hin duʼan. w17.12 11 key. 15; 12 key. 18-19

Wiixata, Guraandhala 11

Bakka hinaaffaa fi morkiin jiru hunda, jeequmsii fi wanti gadheen hundi ni jiraata.—Yaq. 3:16.

Garaa keenya keessatti jaalalaa fi gaarummaa yoo horanne, salphaatti hin hinaafnu. Dubbiin Waaqayyoo, “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu” jedha. (1 Qor. 13:4) Hinaafuun garaa keenya keessatti akka hidda gadi hin fageeffanneef, obboloonni keenya miseensa qaama tokkoo, jechuunis miseensa gumii Kiristiyaanaa akka taʼanitti ilaaluudhaan wanta hundumaatiif ilaalcha Waaqayyo qabaachuu qabna. Kunis gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “Kutaan qaamaa tokko yoo ulfina argate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni gammadu” jedhuu wajjin haala wal simuun isaaniif yaaduuf nu gargaara. (1 Qor. 12:16-18, 26) Kanaaf, warri kaan eebba yommuu argatan isaanitti hinaafuu mannaa isaanii wajjin gammanna. Fakkeenya Yonaataan, ilma Saaʼol Mootichaa ilaali. Yonaataan yeroo Daawit mootummaa akka dhaaluuf muudametti isatti hin hinaafne. Kanaa mannaa, isa jajjabeesse. (1 Sam. 23:16-18) Nuti hoo akkuma Yonaataan gaarummaa fi jaalala qabnaa? w17.11 27 key. 10-11

Kibxata, Guraandhala 12

[Inni] faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhagaʼuu isa hin barbaachisu; warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada . . . murtoo qajeelaa in kenna.—Isa. 11:3, 4.

Yihowaan Seerichi Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti eegamee akka turu godheera. Yihowaan wantoota xixinnoo Seericha keessa jiraniin akka dhiphannu utuu hin taʼin, “wantoota guguddaa” Seericha keessa jiran, jechuunis seera buʼuuraa ajajawwan sanaaf hundee taʼan hubannee hojii irra akka oolchinu barbaada. (Mat. 23:23) Seerri Musee waaʼee Yihowaa fi seerawwan isaa warra qajeeloo taʼan ilaalchisee, “beekumsaa fi dhugaa . . . buʼuura taʼe” qabateera. (Rom. 2:20) Fakkeenyaaf, magaalonni kooluu itti galan, jaarsoliin akkamitti ‘firdii qajeelaa akka faradan,’ hundi keenyas ‘walii keenyatti gaarummaa fi ooʼa argisiisuu’ kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisu. (Zak. 7:9) Yeroo ammaatti Seericha jala hin jirru. Taʼus, Yihowaan amma iyyuu hin jijjiiramne, akkasumas amma iyyuu inni haqaa fi araaraaf iddoo guddaa kenna. Waaqa isa akka bifa isaatti nu uume, isa amalawwan isaa calaqqisiisuu fi isatti kooluu galuu dandeenyu waaqeffachuun keenya mirga guddaa dha! w17.11 13-14 key. 2-3; 17 key. 18-19

Roobii, Guraandhala 13

Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu!—Fak. 3:13.

Obboloonni waltajjii irraa haasaa dhiheessan haasaan isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. (Yoh. 7:16) Kun maalfaa dabalata? Tokkoffaa, muuxannoon, fakkeenyi ykn akkaataan itti dhiheessitu, caqasa Kitaaba Qulqulluu ati caqastu akka dhoksu ykn caqasicha irratti akka hin xiyyeeffanne akka isaan hin goone of eeggachuu qabda. Akkasumas caqasoota hedduu dubbisuun kee qofti Kitaaba Qulqulluu irraa barsiisuu akka hin taane yaadachuu qabda. Dhugaa isaa dubbachuuf, caqasoota hedduu fayyadamuun dhaggeeffattoonni tokkoo isaa illee akka hin yaadanne isaan gochuu dandaʼa. Kanaaf caqasoota ijoo taʼan filadhu, dubbisuuf, ibsuuf, fakkeenyaan deggeruu fi akkamitti hojii irra oolchuun akka dandaʼamu ibsuuf yeroo ramadi. (Nah. 8:8) Yaadawwan tooricha irra jiranii fi caqasoonni achi keessa jiran walitti dhufeenya akkamii akka qaban hubachuuf yaali. Hunda caalaa garuu, Yihowaan barumsa Dubbii isaa keessa jiruu fi faayidaa guddaa qabu sirriitti barsiisuu akka dandeessuuf akka si gargaaru kadhannaadhaan gaafadhu.—Iz. 7:10. w17.09 26 key. 11-12

Kamisa, Guraandhala 14

Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa.—Zak. 1:3.

Dhaloota Kiristoos Dura barri 537 namoota Yihowaadhaaf of murteessaniif yeroo gammachiisaa ture. Waggoota 70f boojuu jala erga turanii booda Baabilon irraa bilisa baʼanii Yerusaalem keessatti waaqeffannaa dhugaa iddootti deebisuuf hojjechuu jalqaban. Kanaaf, Dh.K.D. bara 536⁠tti buʼuurri mana qulqullummaa ni kaaʼame. Waggoonni kudha jaʼa kan darban taʼus ijaarsi mana qulqullummaa amma iyyuu akkuma addaan citetti jira. Sabni Waaqayyoo gara Yihowaatti akka deebiʼanii fi fedhii ofii isaaniitiif dursa kennuu akka dhiisan yaadachiisni isaan barbaachisee ture. Waaqayyo sabni isaa sababii guddaa Baabilonii bilisa itti baafaman akka yaadatan isaan gargaaruuf, Dh.K.D. bara 520⁠tti raajii isaa Zakaariyaasiin isaanitti ergee ture. Hiikni maqaa Zakaariyaas “Yihowaan Yaadateera” jedhu iyyuu dhugaa guddaa tokko isaan yaadachiisee taʼuu dandaʼa. Isaan gocha Yihowaan isaan oolchuudhaan raawwate kan irraanfatan taʼus, Waaqayyo amma iyyuu saba isaa ni yaadata ture. (Zak. 1:3, 4) Waaqeffannaa dhugaa deebisanii akka hundeessan akka isaan gargaaru jaalalaan kan isaaniif mirkaneesse siʼa taʼu, waaqeffannaa garaa guutuu hin taaneen dhihaatu akka hin obsine cimsee isaan akeekkachiiseera. w17.10 21-22 key. 2-3

Jimaata, Guraandhala 15

Garaa waliif [laafaa] . . . gaarummaa walitti argisiisaa.—Efe. 4:32.

Hayyoonni fayyaa sammuu, gara laafina argisiisuun fayyaa namaa akka fooyyessu, gammachuu akka argamsiisuu fi walitti dhufeenya namootaa wajjin qaban akka guddisu ni dubbatu. Yeroo rakkina namoota kaanii salphisuuf yaaltan, caalaatti gammachuu argattu, abdii qabaattu, kophummaan isinitti hin dhagaʼamu, akkasumas yaadawwan dogoggoraa irratti xiinxaluuf hin qoramtan. Eeyyee, gara laafina argisiisuun isin fayyada. Kiristiyaanonni jaalalaan kakaʼanii warra kaan gargaaruu barbaadan seera Waaqayyoo wajjin wal simanii jiraachaa akka jiran waan beekaniif, qalbii qulqulluu argachuudhaan badhaafamu. Amala akkasii qabaachuun warra, hiriyaa gaaʼelaa fi michuu gaarii taʼuuf gargaara. Namoonni gara laafina argisiisan, isaaniis yeroo barbaachisutti gargaarsaa fi deggersa isaan barbaachisu argachuun isaanii hin oolu. (Mat. 5:7; Luq. 6:38) Sababiin amala gara laafinaa horachuu itti qabdu inni guddaan, amalli kun akka si fayyadu beekuu kee qofa taʼuu hin qabu. Sababiin inni guddaan, Yihowaa isa Madda jaalalaa fi gara laafinaa taʼe fakkaachuu fi isaaf ulfina fiduu taʼuu qaba.—Fak. 14:31. w17.09 12 key. 16-17

Sanbadduraa, Guraandhala 16

[Inni] teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha; akkasumas teessoo isaa irra taaʼee luba taʼee tajaajila.—Zak. 6:13, NW.

Yesuus Mootii fi Luba Ol Aanaa taʼee muudamuu isaa malees, ‘mana qulqullummaa Waaqayyoo akka ijaaru’ itti gaafatamummaan isaaf kennameera. Bara ammaatti, hojiin ijaarsaa Yesuus hojjetu waaqeffattoota dhugaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa baasuu fi gumii Kiristiyaanaa deebisee hundeessuu dabalata; kunis kan raawwatame bara 1919⁠tti dha. Kana malees, hojii mooraa mana qulqullummaa hafuuraa guddichaa isa lafa irraa keessatti raawwatamuuf qajeelfama akka kennu ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa’ muudeera. (Mat. 24:45) Akkasumas, Yesuus saba Waaqayyoo calaluu fi waaqeffannaa qulqulluu akka dhiheessan isaan gargaaruu irratti hojii hedduu hojjechaa tureera. (Mil. 3:1-3) Yeroo Bulchiinsa Waggaa Kumaatti, Yesuusii fi warri isaa wajjin moototaa fi luboota taʼan 144,000, namoota amanamoo taʼan cubbuu irraa walaba godhu. Kun yommuu raawwatamu lafa qulqulloofte irratti kan hafan warra Waaqa dhugaa waaqeffatan qofa dha. Dhuma irrattis waaqeffannaa dhugaan guutummaatti iddootti ni deebiʼa! w17.10 29 key. 15-16

Dilbata, Guraandhala 17

Hamma angafni lubootaa . . . sun duʼutti mandara [kooluu itti galan] sana keessa haa jiraatu!—Lak. 35:25.

Namni utuu hin beekin nama ajjeese araara argachuuf tarkaanfii fudhachuu qaba ture. Magaalaa kooluu itti galan keessaa isa isatti dhihaatutti baqachuu qaba ture. (Iya. 20:4) Namni baqatu sun suuta jedhee deema jennee yaaduu hin dandeenyu; jireenyi isaa saffisaan gara magaalaa sanaa dhaquu fi achuma jiraachuu isaa irratti kan hundaaʼe dha! Kana gochuun aarsaa kaffaluu isa gaafata. Hamma lubni ol aanaan sun duʼutti hojii isaa isa duraanii, mana isaa isa jaalatuu fi bilisummaa asiif achi deemuuf qabu dhiisuu qaba. Taʼus aarsaa kana kaffaluun isaa isa hin gaabbisiisu. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, cubbamaan yaada geddarate araara Waaqayyoo argachuuf tarkaanfii fudhachuu qaba. Cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, cubbuuwwan xixinnoo yeroo baayʼee gara cubbuu guddaatti geessan irraa fagaachuudhaan guutummaatti cubbuu raawwachuu dhiisuu qaba. Cubbuu raawwachuu dhiisuuf carraaqqii cimaa gochuun keenya, gocha keenya salphisnee akka hin ilaallee fi araara Waaqayyootti karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne argisiisa.—2 Qor. 7:10, 11. w17.11 10-11 key. 10-11

Wiixata, Guraandhala 18

Gungummii malee keessummummaa wal simadhaa.—1 Phe. 4:9.

Yihowaan obboloota keenyatti arjummaa akka argisiisnu nu ajajeera. (1 Yoh. 3:17) Kana gochuu kan qabnu garuu ofittummaa tokko malee garaa qulqulluudhaan taʼuu qaba. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Keessummaa kanan simadhu michoota koo, namoota beekamoo taʼan ykn namoota karaa taʼe tokkoon naaf deebisuu dandaʼan qofa dhaa? Moo obbolootaa fi obboleettota akka gaariitti hin beekne ykn waan naaf deebisan hin qabneef arjoomuuf karaan barbaada?’ (Luq. 14:12-14) Yookiin Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko murtoo dogoggoraa gochuu isaatiin kan kaʼe ni rakkate ykn isa keessummeessinu iyyuu utuu nu hin galateeffatin hafe haa jennu. Haalawwan akkasii keessatti gorsa caqasa guyyaa harʼaa irra jiru hordofuu qabna. Gorsa kana yoo hordoftan, gammachuu garaa qulqulluudhaan kakaʼanii kennuun argamsiisu badhaafamtu.—HoE. 20:35. w17.10 9 key. 12

Kibxata, Guraandhala 19

Ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?—Uma. 39:9.

Haati manaa Phoxiifaar, Yoseef isa ‘dhaabbii toluu fi ija namaatti miidhagu’ irra ija ishii buusuudhaan, ishii wajjin akka ejju isa sossobuuf yaaltee turte. Yoseef garuu dhibbaa ishiin irra deddeebitee isa irratti gooteef hin moʼamne. Haalli isaa sadarkaa sodaachisaa irra yommuu gaʼu garuu ishii dhiisee baqate. Fakkeenyi Yoseef maal nu barsiisa? Seera Waaqayyoo akka cabsinu qorumsi yommuu nu irra gaʼu baqachuu akka qabnu baranna. (Fak. 1:10) Namoonni yeroo ammaatti Dhugaa Baatota taʼan kanaan dura, gar malee kan nyaatan, gar malee kan dhugan, tamboo kan xuuxan, qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhatan, halalummaa fi wantoota kana fakkaatan kan raawwatan turan. Erga cuuphamanii booda illee, yeroo tokko tokko gocha isaanii isa duriitti deebiʼuuf qoramu taʼa. Seerawwan Yihowaa keessaa tokko cabsuuf qoramtee beekta yoo taʼe, miira cubbuu akka raawwattu si kakaasu yoo toʼachuu dhiiste miidhaa cimaa karaa hafuuraa si irra gaʼu irratti yeroo fudhadhuu yaadiitii of jabeessi. Haalawwan qorumsa sitti fiduu dandaʼan dursitee yaaduu fi akkamitti qorumsa sana irraa fagaachuu akka dandeessu murteessuu dandeessa. (Far. 26:4, 5; Fak. 22:3) Qorumsi akkasii yoo si mudate, Yihowaan ogummaa fi amala of toʼachuu qorumsicha moʼuuf si gargaaru akka siif kennu gaafachuu qabda. w17.09 4-5 key. 8-9

Roobii, Guraandhala 20

Yommuu qabeenyi kun dhumu isaan bakka jireenyaa bara baraatti akka isin simataniif, qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.—Luq. 16:9.

Karaa Yihowaatti michoomuu itti dandeenyu keessaa inni tokko, hirmaannaa hojii daldalaa addunyaa keessatti goonu xiqqeessuu fi haala keenya qabeenya “dhugaa” barbaaduuf itti fayyadamuu dha. Abrahaam inni bara duriitti jiraatee fi nama amantii ture, ajaja magaalaa Ur ishii badhaatuu turte gadhiisee dunkaana keessa akka jiraatu isaaf kennameef ajajamuudhaan, michuu Yihowaa taʼuu akka barbaadu argisiiseera. (Ibr. 11:8-10) Inni qabeenyatti utuu hin taʼin, yeroo hunda Waaqayyotti amanama ture. (Uma. 14:22, 23) Yesuus dargaggeessi sooressi tokko amantii akkasii akka qabaatu yeroo isa jajjabeessu akkana jedhee ture: “Guutuu taʼuu yoo barbaadde, dhaqi wanta qabdu gurgurii hiyyeeyyiidhaaf kenni; samii irrattis qabeenya guddaa ni argatta; sana booda kottuu duuka buutuu koo taʼi.” (Mat. 19:21) Namichi sun amantii kan akka Abrahaam hin qabu ture; warri kaan garuu guutummaatti Waaqayyotti akka amanaman argisiisaniiru. w17.07 10 key. 12

Kamisa, Guraandhala 21

[Abrahaam] dhala kan hin godhanne taʼus, [Yihowaan] isaa fi isa booda immoo sanyii isaatiif dhaala akka kennu waadaa isaaniif gale.—HoE. 7:5.

Kun kan raawwatame Abrahaam Laga Efraaxiis erga ceʼee waggoota 430 booda, yeroo sanyiin isaa akka saba tokkootti gurmaaʼuudhaan lafa sana dhaalanitti ture. (Bau. 12:40-42; Gal. 3:17) Abrahaam obsi isaa amantii Yihowaa irratti qabu irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, eeguuf fedhii qaba ture. (Ibr. 11:8-12) Abdiin isaaf kenname yeroo inni lubbuudhaan jirutti guutummaatti raawwatamuu baatu illee gammachuudhaan eegaa ture. Haa taʼu malee, yeroo Abrahaam lafa jannata taatu irratti duʼaa kaʼu gammachuu isatti dhagaʼamu mee yaadaa. Seenaan isaa fi kan sanyii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo hedduutti akka argamu yommuu hubatu dinqisiifachuun isaa hin oolu. Sanyii abdachiifamee wajjin haala wal qabateen, kaayyoo Yihowaa raawwachiisuu keessatti gaʼee guddaa kan qabu akka ture yeroo jalqabaatiif yommuu hubatu hangam akka ajaaʼibsiifamu mee yaadaa! Yeroo dheeraadhaaf eeguun isaa sirrii akka ture akka isatti dhagaʼamu hin shakkisiisu. w17.08 5-6 key. 10-11

Jimaata, Guraandhala 22

Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis . . . xuraaʼummaa.—Qol. 3:5.

Afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffame keessatti, jechi “xuraaʼummaa” jedhamee hiikame halalummaa kan argisiisu qofa utuu hin taʼin jecha hiika balʼaa qabu dha. Gocha miidhaa geessisu kan akka tamboo xuuxuu ykn qoosaa yeellaasisaa dubbachuu argisiisuu dandaʼa. (2 Qor. 7:1; Efe. 5:3, 4) Kana malees, gochawwan xuraaʼoo namni tokko qofaa isaa raawwatu, jechuunis kitaabota saalqunnamtiidhaaf nama kakaasan dubbisuu ykn poornoogiraafii ilaaluu isa gocha gadhee qaama hormaataa ofii susukkuumuudhaan gammaduutti nama geessu argisiisuu dandaʼa. Namoonni poornoogiraafii ilaaluu amaleeffatan, “fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne” guddisuudhaan, saalqunnamtii raawwachuun araada akka isaanitti taʼu godhu. Araadni poornoogiraafii ilaaluu, araada dhugaatii alkoolii fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu wajjin akka wal fakkaatu qorattoonni hubataniiru. Poornoogiraafii ilaaluun miidhaa guddaa, jechuunis ofitti qaanaʼuu, bakka hojiitti buʼa qabeessa taʼuu dadhabuu, jireenya maatii gammachuu hin qabne, diigamuu gaaʼelaa fi lubbuu ofii balleessuu kan geessisu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. w17.08 19 key. 8-9

Sanbadduraa, Guraandhala 23

Danqaraa balbala kelloota keetii in jabeessa, ilmaan kee kellaa kee keessatti in eebbisa. Daarii kee nagaa in godha.—Far. 147:13, 14.

Waaʼee haareffamuu Yerusaalem yommuu yaadu, faarfatichi faarfannaa olitti ibsame faarfateera. Faarfatichi Waaqayyo namoota isa waaqeffatan eeguuf balbala kellootaa akka jabeessu beekuun isaa baayʼee isa jajjabeesseera! Rakkoowwan si dhiphisan si mudachuu dandaʼu. Yihowaan ogummaa rakkoowwan damdamachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa. Faarfatichi waaʼee Waaqa isaa akkana jedheera: “Abboommii isaa gara lafaatti in erga, dubbiin isaa ariifatee waliin in gaʼa. Cabbii akka jirbii in diriirsa, qorra akka hurrii addaatus akka daaraa in facaasa. Inni cabbii akka dhagaatti gad in daddarbata.” Achiis, “Qorra sanas eenyutu obsee dhaabachuu dandaʼa?” jedhee gaafateera. Itti dabalees, Yihowaan “Dubbii isaa in erga, cabbii sanas in baqsa” jedheera. (Far. 147:15-18) Waaqni keenya inni ogummaa guddaa fi humna guddaa qabu, inni cabbii akka dhagaa taʼe toʼatu, gufuu si mudatu kam irra iyyuu akka tarkaanfattu si gargaaruu dandaʼa. w17.07 20 key. 14-15

Dilbata, Guraandhala 24

Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.—Mul. 4:11.

Ol aantummaan Waaqayyoo sirriidha. Bulchiinsi isaas hundumaa irra kan caalu dha. Kanaaf, bulchiinsa kana garaa guutuudhaan deggeruun keenya isaaf mala. Maalif? Yihowaan waan hunda waan uumeef, ilmaan namootaas taʼe uumamawwan hafuuraa bulchuuf mirga guutuu qaba. Seexanni wanta uume tokko illee hin qabu. Kanaaf, bulchiinsa uumama cufaa irratti gaaffii kaasuuf mirga hin qabu. Innii fi hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa ol aantummaa Yihowaa irratti fincila kaasuudhaan kan of tuulan taʼuu isaanii argisiisaniiru. (Er. 10:23) Dhugaa dha, uumamawwan mirga filannaa qaban waan turaniif, Waaqayyo malee of bulchuuf filachuu dandaʼu turan. Taʼus, kun ofiin of bulchuuf mirga isaaniif kennaa? Lakki. Mirgi filannaa namoonni guyyaa guyyaadhaan filannaawwan sirrii taʼan hedduu akka godhan isaan dandeessisa. Haa taʼu malee, kun Uumaa isaanii fi Isa jireenya isaanii kenne irratti fincila kaasuuf mirga kan isaaniif kennu hin turre. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaa irratti fincila kaasuun mirga filannaatti karaa dogoggoraatiin fayyadamuu dha. Namoota waan taaneef, bulchiinsii fi qajeelfamni Yihowaa nu barbaachisa. w17.06 27-28 key. 2-4

Wiixata, Guraandhala 25

Fiigicha koo yoon xumuree fi tajaajila . . . yoon raawwadhe.—HoE. 20:24.

Tajaajila keenyaaf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa utuma ariʼatamni jiruu lallabuu keenya itti fufna. (HoE. 14:19-22) Bara 1930mmanii fi jalqaba 1940mmanii keessa, obboloonni keenya Yuunaayitid Isteetis keessa turan mormii guddaan isaan irra gaʼee ture. Taʼus akkuma Phaawulos, jabaatanii dhaabachuudhaan lallabuu isaanii itti fufaniiru. Mirga lallabuu keenya eegsisuuf, obboloonni gama seeraatiin qabsoo hedduu godhaniiru. Obboleessi keenya Naataan Noor bara 1943⁠tti injifannoo Mana Murtii Ol Aanaa Yuunaayitid Isteetisitti gama seeraatiin argame ilaalchisee akkana jedheera: “Injifannoowwan kun qabsoo isin gootaniin argaman. . . . Sabni Gooftaa jabaatanii dhaabachuudhaan waan injifataniif dhuma irratti murtoon kun argameera.” Eeyyee, jaalalli tajaajilaaf qabnu ariʼatama moʼuu dandaʼa. Tajaajila qabeenya gatiidhaan hin shallagamnee fi Yihowaa biraa argame akka taʼetti kan ilaallu yoo taʼe, wanti nu yaaddessu saʼaatii meeqa akka tajaajille gabaasuu qofa miti. Kanaa mannaa, “misiraachoo . . . guutummaatti dhugaa baʼuuf” wanta nuuf dandaʼame hunda goona.”—2 Xim. 4:5. w17.06 11-12 key. 11-12

Kibxata, Guraandhala 26

Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.—Mat. 22:37.

Waaqayyoof jaalala cimaa qabaachuun keenya abboommiiwwan isaatiif ajajamuuf, jabaannee dhaabachuu fi wanta gadhee jibbuuf nu gargaara. (Far. 97:10) Seexannii fi addunyaan isaa garuu, jaalalli Waaqayyoof qabnu akka qabbanaaʼu gochuuf yaalu. Addunyaan keessa jiraannu jaalalaaf ilaalcha dogoggoraa qaba. Namoonni Uumaa isaanii jaallachuu mannaa, “kan of jaallatan” taʼaniiru. (2 Xim. 3:2) Addunyaan Seexanni bulchu kun ‘hawwii foonii, hawwii ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuu’ babalʼisa. (1 Yoh. 2:16) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan waaʼee of gammachiisuu yommuu akeekkachiisu akkana jedheera: “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida; sababiin isaas . . . yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun diina Waaqayyoo taʼuu jechuu dha.” (Rom. 8:6, 7) Dhuguma iyyuu, namoonni jireenya isaanii guutuu qabeenya kuufachuuf dhamaʼaa turan ykn fedhii saalaa isaanii guuttachuuf jiraatan, gaddaa fi miidhaa hedduudhaaf saaxilamaniiru.—1 Qor. 6:18; 1 Xim. 6:9, 10. w17.05 18 key. 5-6

Roobii, Guraandhala 27

Namni hojjechuu hin barbaadne hundi hin nyaatin.—2 Tas. 3:10.

Godaantonni warra kaan irraa baayʼee kan eegan taʼuu mannaa, kan galateeffatan taʼuu isaanii argisiisuu qabu; kun immoo namoonni isaan keessummeessan gammachuu kennuudhaan argamu akka dhandhamatan isaan gargaara. Yeroo hunda arjummaa namoota kaaniitiin jiraachuun kabaja godaantonni ofiif qaban kan hirʼisuu fi hariiroo obboloota isaanii wajjin qaban kan mancaasu taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. (2 Tas. 3:7-9) Taʼus godaantonni gargaarsi qabatamaan akka isaaniif godhamu ni barbaadu. Kana gochuuf qarshii hedduun nu hin barbaachisu. Wanti isaan caalaatti barbaadan yeroo keenyaa fi jaalala keenya dha. Akkaataa geejjiba uummataa itti fayyadaman, bakka gabaa nyaata fayyaadhaaf taʼuu fi gatiin isaa miʼaa hin taane argachuu akka dandaʼan ykn qarshii argachuuf meeshaalee tokko tokkotti, jechuunis makiinaa hodhaa ykn makiinaa marga haamutti akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan isaanitti argisiisuun salphaa taʼuu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, gumii isaanii isa haaraa wajjin guutummaatti akka wal baran isaan gargaaruu dandeessu. Yoo dandaʼame, konkolaataadhaan gara gumii isaan geessaa. Akkasumas naannoo tajaajilaa keessan keessatti ergaa Mootummichaa namootatti himuuf akkamitti isaanitti dhihaachuu akka dandaʼan isaaniif ibsaa. Obboloonni keessan godaantota taʼan isinii wajjin tajaajila akka baʼan godhaa. w17.05 5 key. 11-12

Kamisa, Guraandhala 28

Karaa isaa gara fayyinaatti akka guddattaniif, . . . dubbii aannanii isa makaa hin qabne sana dharraʼaa.—1 Phe. 2:2.

Namoonni ilaalcha foonii qaban qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun isaanitti ulfaata. Maaliif? Miirri hafuuraa isaanii waan hadoodeefi dha. (1 Qor. 2:14) Dandeettiin hubachuu isaanii takkaa waan dukkanaaʼeef, wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe addaan baasanii beekuun caalaatti ulfaataa isaanitti taʼeera. (Ibr. 5:11-14) Kanaan kan kaʼes, namoonni tokko tokko qabeenyaaf fedhii toʼannaa hin qabne qabu; fedhiin kun immoo matumaa guutamuu hin dandaʼu. (Lal. 5:10) Qorichi jaalala qabeenyaa balleessuu dandaʼu jiraachuu isaatiif ni galateeffanna; innis Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe guyyaa guyyaadhaan dubbisuu dha. Yesuus dhugaa Waaqayyo biraa dhufe irratti xiinxaluun isaa qorumsa moʼuuf akkuma isa gargaare, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun qabsoo jaalala qabeenyaa wajjin goonu irratti nu gargaara. (Mat. 4:8-10) Akkas gochuudhaan, qabeenya kam iyyuu caalaa Yesuusiin akka jaallannu isaaf mirkaneessina. w17.05 26 key. 17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi