LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 88-97
  • Fulbaana

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fulbaana
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Fulbaana 1
  • Wiixata, Fulbaana 2
  • Kibxata, Fulbaana 3
  • Roobii, Fulbaana 4
  • Kamisa, Fulbaana 5
  • Jimaata, Fulbaana 6
  • Sanbadduraa, Fulbaana 7
  • Dilbata, Fulbaana 8
  • Wiixata, Fulbaana 9
  • Kibxata, Fulbaana 10
  • Roobii, Fulbaana 11
  • Kamisa, Fulbaana 12
  • Jimaata, Fulbaana 13
  • Sanbadduraa, Fulbaana 14
  • Dilbata, Fulbaana 15
  • Wiixata, Fulbaana 16
  • Kibxata, Fulbaana 17
  • Roobii, Fulbaana 18
  • Kamisa, Fulbaana 19
  • Jimaata, Fulbaana 20
  • Sanbadduraa, Fulbaana 21
  • Dilbata, Fulbaana 22
  • Wiixata, Fulbaana 23
  • Kibxata, Fulbaana 24
  • Roobii, Fulbaana 25
  • Kamisa, Fulbaana 26
  • Jimaata, Fulbaana 27
  • Sanbadduraa, Fulbaana 28
  • Dilbata, Fulbaana 29
  • Wiixata, Fulbaana 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 88-97

Fulbaana

Dilbata, Fulbaana 1

Leenjii fi gorsa Yihowaatiin [Ijoollee keessan] guddisaa.—Efe. 6:4.

Mirgoota guguddaa warri Kiristiyaana taʼan qaban keessaa tokko, ijoollee isaanii “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisuu dha. (Far. 127:3) Ijoollee saba Israaʼel durii keessatti dhalatan irraa haala adda taʼeen, ijoolleen Kiristiyaanotaa yeroo harʼaa jiran kan dhalatan saba Yihowaadhaaf of murteesse keessatti miti. Kana malees, jaalalli Waaqayyoo fi dhugaadhaaf qaban dhaalaan kan argamu miti. Warri guyyaa ijoolleen isaanii dhalatanii kaasee barattoota akka taʼan yaadatti qabachuudhaan, tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessanii fi cuuphaman akka taʼan gargaaruu qabu. Wanti kana caalaa barbaachisaa taʼe maali dha? Yeroo rakkinni inni guddaan dhufutti fayyuuf mallattoon akka isatti godhamu kan taasisu, namni tokko of murteessuu isaa, cuuphamuu isaa fi amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu isaa ti. (Mat. 24:13) Warra kan taatan, ijoolleen keessan Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamuudhaan tajaajiltoota isaa yommuu taʼan arguudhaan gammachuu guddaa argamu akka dhandhamattan hawwina. w18.03 12 key. 16-17

Wiixata, Fulbaana 2

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.

Warri maatii keessatti ykn gumii keessatti adaba Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuuf aangoo qaban hundi fakkeenya Kiristoos hordofuun isaanii ogummaa akka qaban argisiisa. Dhuguma iyyuu, akkana gochuun isaanii Waaqayyoo fi Ilma isaatiin leenjifamuuf fedhii akka qaban argisiisa. Adaba Waaqayyoo fudhachuun, akkasumas yommuu warra kaaniif adaba kenninu fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuun eebba hedduu argamsiisa. Maatiiwwanii fi gumiiwwan nagaa ni qabaatu. Tokkoon tokkoon namootaas dhugumaan akka jaallataman, iddoon guddaan akka kennamuuf, akkasumas nageenya akka qaban itti dhagaʼama; kunis eebbawwan gara fuulduraatti argamaniif fakkeenya dha. (Far. 72:7) Dhuguma iyyuu, adabni Yihowaa kunuunsa Abbaa keenyaa jalatti maatii tokko taanee akkamitti nagaa fi tokkummaadhaan bara baraaf waliin jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisa. (Isa. 11:9) Adaba Waaqayyootiif ilaalcha akkanaa yoo qabaanne kaayyoo adaba isaa, jechuunis adabni isaa jaalala inni nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe caalaatti hubachuu dandeenya. w18.03 26 key. 15; 27 key. 17, 19

Kibxata, Fulbaana 3

Cubbuu isaanii ifatti himachaa Laga Yordaanos keessatti harka isaatiin cuuphamu turan.—Mat. 3:6.

Namoonni Yohaannisiin kan cuuphaman, cubbuu Seera Musee irratti raawwatan irraa akka yaada geddaratan argisiisuuf ture. (Mat. 3:1-6) Cuuphaan Yohaannis raawwate inni guddaan garuu, yaada geddarachuu wajjin kan wal hin qabanne taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu dha. Yohaannis, Yesuus Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne cuuphuuf mirga addaa argateera. (Mat. 3:13-17) Yesuus cubbuu waan hin qabneef, yaada geddarachuun isa hin barbaachisne. (1 Phe. 2:22) Cuuphamuun isaa fedha Waaqayyoo raawwachuuf of dhiheessuu isaa argisiisa. (Ibr. 10:7) Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, barattoonni isaas namoota cuuphanii turan. (Yoh. 3:22; 4:1, 2) Akkuma Yohaannis cuuphaa ture, cuuphaawwan kun namoonni sun cubbuu Seera Musee irratti raawwatan irraa akka yaada geddaratan argisiisuuf kan raawwataman turan. Yesuus duʼee erga duʼaa kaʼee booda garuu, cuuphaan duuka buutota isaatiif hiika kana irraa baayʼee adda taʼe qaba ture. w18.03 5 key. 6-7

Roobii, Fulbaana 4

Namni hafuuraa garuu waan hundumaa qora.—1 Qor. 2:15.

‘Nama hafuuraa’ taʼuu jechuun maal jechuu dha? Namni hafuuraa nama foonii irraa haala faallaa taʼeen walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu irratti xiyyeeffata. Namoonni ilaalcha hafuuraa qaban ‘Waaqayyoon kan fakkaatan’ taʼuuf carraaqqii godhu. (Efe. 5:1) Kana jechuunis yaada Yihowaan qabu qabaachuu fi wanta tokko karaa inni ilaaluun ilaaluuf ni carraaqu jechuu dha. Waaqayyos isaaniif kan dhugoome dha. Namoota foonii irraa haala faallaa taʼeen, karaan isaanii hundi ulaagaawwan Yihowaa wajjin kan wal simu akka taʼu gochuuf yaalu. (Far. 119:33; 143:10) Namni hafuuraa hojiiwwan foonii irratti xiyyeeffachuu mannaa, ‘firii hafuuraa’ argisiisuuf carraaqa. (Gal. 5:22, 23) Jecha nama hafuuraa jedhu caalaatti ifa gochuuf yaada kana wal bira qabnee haa ilaallu: Namni dandeettii muuziqaa qabu nama muuziqaa jedhama. Haaluma wal fakkaatuun, namni wantoota hafuuraa ykn dhimmawwan waaqeffannaa wajjin walqabataniif garaadhaa iddoo guddaa kennu nama hafuuraa jedhama. w18.02 19 key. 3, 6

Kamisa, Fulbaana 5

Yaa Daaniʼel nama guddaa jaallatamaa.—Dan. 10:11.

Daaniʼel magaalaa Baabilon ishii waaqolii sobaatiinii fi gocha hafuura xuraaʼummaatiin guutamte keessa boojiʼamaa taʼee jiraata ture. Kana malees, warri Baabilon Yihudota kan tuffatan taʼuu isaa irra iyyuu, isaanittis taʼe Waaqa isaanii Yihowaatti ni qoosu turan. (Far. 137:1, 3) Haalli kun Yihudoota akka Daaniʼel amanamoo taʼan baayʼee gaddisiisee akka ture beekamaa dha! Nyaata mootichaa isa sabni Yihowaa nyaachuu hin qabne akka nyaatan barbaadamee kan ture taʼus, Daaniʼel ‘nyaata mootichi nyaatu soorachuudhaan of xureessuu’ hin barbaanne ture. (Dan. 1:5-8, 14-17) Rakkinni Daaniʼeliin mudate inni biraan jalqaba irratti salphaa fakkaachuu hin oolu. Dandeettii waan qabuuf mootichi mirgawwan adda taʼan isaaf kennee ture. (Dan. 1:19, 20) Taʼus, kooruu fi yaanni isaa qofti sirrii akka taʼe yaaduu mannaa, yeroo hunda galata argachuu kan qabu Yihowaa akka taʼe yaaduudhaan gad of qabee jiraateera. (Dan. 2:30) Sirumaa iyyuu, Yihowaan Daaniʼel akkuma Nohii fi Iyoob qajeelaa taʼuudhaan fakkeenya akka taʼu kan dubbate yeroo inni dargaggeessa turetti. (His. 14:14) Waaqayyo Daaniʼel irratti amanannaa qabaachuun isaa dogoggora turee? Matumaa! Daaniʼel jireenya isaa guutuu nama amantii qabuu fi ajajamu taʼee jiraateera. w18.02 5 key. 11-12

Jimaata, Fulbaana 6

Leewwiin mana isaatti afeerraa nyaataa guddaa Yesuusiif qopheesse.—Luq. 5:29.

Yesuus of gammachiisuudhaaf ilaalcha sirrii akka qabu argisiiseera. ‘Cidha gaaʼelaa’ irrattii fi “afeerraa nyaataa guddaa” irratti argamee ture. (Yoh. 2:1-10) Cidha irratti argame sana irratti, daadhiin wayinii waan hanqateef dinqiidhaan bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiireera. Haa taʼu malee, Yesuus of gammachiisuu irratti garmalee hin xiyyeeffanne. Yihowaadhaaf dursa kenna ture; akkasumas dadhabe utuu hin jedhin warra kaan gargaara ture. Namoonni hedduun jireenya akka argataniif, fedhiidhaan muka dhiphinaa irratti duʼeera. Namoota fakkeenya isaa hordofuu barbaadaniin akkana jedheera: “Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa. Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas.” (Mat. 5:11, 12) Garaadhaa Waaqayyo kan jaallannu yoo taʼe, wantoota inni akka itti hin gammanne beeknu irraa qofa utuu hin taʼin, wantoota akka inni itti hin gammanne nutti dhagaʼamu irraas fagaachuuf carraaqqii goona.—Mat. 22:37, 38. w18.01 26 key. 16-18

Sanbadduraa, Fulbaana 7

Namni garbicha isaa mucummaa isaatii jalqabee qanansiisu, dhuma irratti tuffatamuu ofitti in fida.—Fak. 29:21.

Yihowaa waan jaallannuu fi waan isa dinqisiifannuuf isaaf kennina. Wanta Yihowaan nuuf jecha raawwate hunda yeroo yaannu garaan keenya baayʼee tuqama. Daawit Mootichi wanti qabnu hundi Yihowaa biraa kan argame akka taʼee fi wanti Yihowaadhaaf kenninu kam iyyuu duruma iyyuu kan inni nuuf kenne taʼuu isaa amanee fudhateera. (1 Sen. 29:11-14) Fudhachuu qofa utuu hin taʼin, arjummaadhaan kennuun nuuf gaarii dha. Mucaa qarshii xinnoo warri isaa isaaf kennan irraa deebisee kennaa isaaniif kennu yaaduu dandeenya. Warri isaa kennaa kana baayʼee dinqisiifatu! Ilmi ykn intalli qajeelchaa taʼanii warra isaanii wajjin jiraatan, baasii manaatiif akka taʼu qarshii xinnoo warra isaaniitiif kennuun isaanii sirrii dha. Warri ijoollee isaanii irraa kana eeguu baatanis, karaa ijoolleen wanta warri isaanii isaaniif godhan dinqisiifachuu isaanii itti argisiisan waan taʼeef kennaawwan kana ni fudhatu taʼa. Yihowaanis wantoota qabnu irraa kennuun keenya nuuf gaarii akka taʼe beeka. w18.01 18 key. 4, 6

Dilbata, Fulbaana 8

Isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya foʼadhaa.—Kes. 30:19.

Ijoollee keessanitti wanti sirrii taʼee fi sirrii hin taane maal akka taʼe himuu caalaa wanti gochuu dandeessan jira. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan kanaa gadi jiran irratti akka yaadan isaan gargaaruu dandeessu: ‘Kitaabni Qulqulluun wantoota kan namatti tolan fakkaatan akka hin raawwanne kan dhowwu maaliifi? Ulaagaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran yeroo hunda akka na fayyadan wanti na amansiisu maali?’ (Isa. 48:17, 18) Mucaan keessan cuuphamuu kan barbaadu yoo taʼe, itti gaafatamummaa cuuphamuu isaa wajjin dhufan irratti xiyyeeffannaa kennee akka yaadu isa gargaaraa. Cuuphamuun isaa faayidaawwan akkamii qaba? Aarsaawwan akkamii isa kaffalchiisa? Faayidaan inni argatu aarsaa inni kaffalu irra baayʼee kan caalu akkamitti? (Mar. 10:29, 30) Tarkaanfii guddaa kana fudhachuu isaa dura gaaffiiwwan akkanaa irratti yaaduun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Ijoolleen, wanta kana akka irratti yaadan isaan gargaarraan, amantiin wanta baratan irratti qaban guddachaa deema. Kun immoo ulaagaan Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo hunda kan isaan fayyadu taʼuu isaa irratti amantiin qaban akka cimu godha. w17.12 21-22 key. 14-15

Wiixata, Fulbaana 9

Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama.—Isa. 40:26.

Isin obboloonni keenya hedduun dhibee fayyaa rakkisaa taʼe dandeessanii jiraattu. Warri kaan immoo isaanumti iyyuu umuriin isaanii guddaa taʼu illee, firoota isaanii dullooman kunuunsu. Kaanis maatii isaaniitiif wantoota qananii utuu hin taʼin wantootuma jireenyaaf barbaachisan dhiheessuudhaaf illee walʼaansoo godhu. Obboloonni hedduun rakkoowwan olitti ibsaman keessaa tokko qofa utuu hin taʼin, baayʼee isaanii wajjin jiraatu! Yihowaan uumamawwan isaa yaaduu hin dandeenyeef dhuunfaatti xiyyeeffannaa kan kennu erga taʼee, isin warra dirqamaan utuu hin taʼin jaalalaan kakaatanii isa tajaajiltaniif miira akkamii akka qabaatu yaadaa! (Far. 19:1, 3, 14) Abbaan keenya Yihowaan sirriitti isin beeka. Isa biratti “rifeensi mataa keessanii tokko illee utuu hin hafin lakkaaʼameera.” (Mat. 10:30) Kana malees Faarfatichi, “Yihowaan wanta namoota balleessaa hin qabne mudatu ni beeka” jedheera. (Far. 37:18, NW) Eeyyee, Yihowaan qorumsawwan isin irra gaʼan ni hubata, akkasumas tokkoon tokkoon isaanii dandamachuuf jabina isiniif kennuu ni dandaʼa. w18.01 7 key. 1; 8 key. 4

Kibxata, Fulbaana 10

Xaabiitaa kaʼi!—HoE. 9:40.

Pheexiros Xaabiitaa duʼaa kaasuun isaa baayʼee amansiisaa waan tureef, “namoonni hedduunis Gooftaatti amanan.” Waaʼee Gooftaa dhugaa baʼuu fi Yihowaan warra duʼan kaasuu akka dandaʼu dubbachuuf isaan dandeessiseera. (HoE. 9:36-42) Namoonni duʼaa kaʼuu kan biraan yeroo raawwatamu ijaan arganis jiru. Yeroo tokko Phaawulos ergamaan Xiroʼaas ishii yeroo ammaatti kaaba dhiha Turkitti argamtutti mana fooqii tokko irratti walgaʼii geggeessaa ture. Haasaa isaa hamma halkan walakkaatti itti fufe. Yeroo kanatti dargaggeessi Awuxikos jedhamu tokko foddaa irra taaʼee dhaggeeffata ture. Haa taʼu malee, hirribni waan isa qabeef fooqii sadaffaa irraa lafatti gadi kufe. Tarii dursee Awuxikos bira kan gaʼe Luqaas isa ogeessa fayyaa ture taʼuu hin oolu; kanaafuu, haala inni irra jiru ilaalchisee, Awuxikos miidhamuu fi of wallaaluu qofa utuu hin taʼin, akka inni duʼe mirkaneesseera. Phaawulosis fooqicha irraa gadi buʼee reeffa sana erga hammatee booda, ‘Inni fayyaa dha’ jechuudhaan beeksisa nama dinqisiisu dubbate. Haalli kun namoota bakka sana turan irratti dhiibbaa guddaa geessisee taʼuu qaba! Yeroo Phaawulos duʼaa isa kaasu kallattiidhaan waan arganiif ‘guddaa ni gammadan.’—HoE. 20:7-12. w17.12 5 key. 10-11

Roobii, Fulbaana 11

Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu . . . ilaalaa!—Far. 46:8.

Namoonni rakkoowwan yeroo dheeraadhaaf isaan hubaa turan toʼannaa jala oolchaniiruu? Dhugaa isaa dubbachuuf waraana irraa fagaachuu hin baranne. Yakkawwan akka intarneetiidhaan raawwataman, mana keessatti raawwatamanii fi shororkeessummaa jiran haala nama naasisuun dabalaa jiru. Dhukkubni nama ajjeesus gar malee babalʼachaa jira. Sirni dinagdee fi siyaasaa yeroo ammaa jiru humnoota ofittoo taʼaniin qabamee jira. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, humnoonni kun waraana, yakka, dhukkubaa fi hiyyummaa balleessuu hin dandaʼan; kana gochuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha. Mee wanta Yihowaan ilmaan namootaatiif godhu ilaali. Waraana: Mootummaan Waaqayyoo Seexana dabalatee wantoota waraana, ofittummaa, malaanmaltummaa, sabboonummaa fi amantii sobaatiif madda taʼan ni balleessa. (Far. 46:9) Yakka: Mootummaan Waaqayyoo namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akka wal jaallatanii fi wal amanan barsiisuudhaan wanta mootummaan kam iyyuu hin goone gochaa jira. (Isa. 11:9) Dhukkuba: Yihowaan fayyaa guutuu isaaniif kennuudhaan saba isaa ni eebbisa. (Isa. 35:5, 6) Hiyyummaa: Yihowaan hiyyummaa ni balleessa, akkasumas sabni isaa karaa hafuuraa fi qaamaa nageenya akka argatan godha.—Far. 72:12, 13. w17.11 24 key. 14-16

Kamisa, Fulbaana 12

Dhiigni dhangalaʼu . . . si irraa akka hin barbaadamne.—Kes. 19:10.

Kaayyoon magaalota kooluu itti galanii inni guddaan Israaʼeloonni dhiiga dhangalaasuu isaaniitiin akka itti hin gaafatamne eeguu dha. Yihowaan jireenya ni jaallata, “harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu” immoo ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Inni Waaqa haqa qabeessaa fi qulqulluu waan taʼeef, nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaasu illee callisee dhiisuu hin dandaʼu. Yihowaa irraa haala adda taʼeen, barsiisonni seeraa fi Fariisonni lubbuu namaatiif dantaa hin qaban turan. Akkamitti? Yesuus, “[Isin] furtuu beekumsaa buttanii fudhattaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan, warra galuuf yaalanis ni dhowwitu!” isaaniin jedhee ture. (Luq. 11:52) Namoonni kun Dubbii Waaqayyoo sirriitti hiikuu fi namoonni kaan daandii jireenya bara baraa irra akka deeman gargaaruu qabu turan. Haa taʼu malee, isaan namoota “Bakka Buʼaa jireenyaa Isa Guddaa,” jechuunis Yesuus irraa jalʼisanii daandii badiisa bara baraatti geessu irra akka deeman isaan godhaniiru. (HoE. 3:15) Barsiisonni seeraa fi Fariisonni kan of tuulanii fi ofittoo waan turaniif, lubbuu fi nageenya namootaatiif hin yaadan turan. Baayʼee gara jabeeyyii fi araara kan hin qabne turan! w17.11 15 key. 9-10

Jimaata, Fulbaana 13

[Nama anatti] qaanaʼu hundatti, Ilmi namaa . . . isatti ni qaanaʼa.—Mar. 8:38.

Jalqaba irratti, hariiroo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qabnu maatii keenyatti hin himne taʼa. Amantiin keenya guddachaa yeroo adeemu garuu, waaʼee amantii keenyaa ifatti dubbachuu akka qabnu hubachuu dandeenya. Ejjennoon ati ija jabinaan fudhattu sii fi firoottan kee Dhugaa Baatota hin taane gidduutti rakkina yoo uume, miira firoota kee hin amannee hubachuuf carraaqqii godhi. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuu keenyatti baayʼee kan gammannu taʼus, firoonni keenya hin amanne akka gowwoomfamne ykn garee amantii sobaa tokko keessa akka galle dogoggoraan amanuu dandaʼu. Isaan wajjin ayyaanota waan hin kabajneef, akka nuti isaan hin jaallanne godhanii yaaduu dandaʼu. Erga duunee booda illee wanti hamaan nu irra akka gaʼu yaadanii sodaachuu dandaʼu. Iddoo isaanii taanee miira isaanii hubachuuf yaaluudhaan, akkasumas wanta isaan yaaddessu beekuuf xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuudhaan akka isaaniif yaannu argisiisuu qabna. (Fak. 20:5) Phaawulos ergamaan, misiraachoo isaanitti himuuf jecha “akaakuu namootaa hunda” hubachuuf yaalii godheera; nutis akkas gochuun keenya nu gargaaruu dandaʼa.—1 Qor. 9:19-23. w17.10 15 key. 11-12

Sanbadduraa, Fulbaana 14

[Waaqayyoon] faarfadhaa!—Far. 33:2.

Tarii faarfachuu kan sodaannu akkamitti akka faarfannu waan hin beekneef taʼa. Taʼus, yaadawwan buʼuuraa tokko tokko hojii irra oolchuudhaan akkaataa itti faarfannu fooyyessuu ni dandeenya. Sirriitti hafuura fudhachuudhaan humnaa fi sagalee guddaadhaan faarfachuu barachuu ni dandeessa. Akkuma elektiriikiin ampooliidhaaf humna kennu, hafuura fudhachuunis yeroo dubbannu ykn faarfannu sagalee keenyaaf humna kenna. Yeroo faarfattu humni sagalee kee hamma isa yeroo dubbattuu ykn isaa ol taʼuu qaba. Kitaabni Qulqulluun iyyuu faarfannaadhaan jajachuu wajjin haala wal qabateen, waaqeffattoonni Yihowaa yeroo tokko tokko ‘gammaduu isaanii guddisanii akka dhageessisan’ jajjabeessa. (Far. 33:1-3) Mee yaada armaan gadii yaali: Kitaaba faarfannaa keenya irraa faarfannaa jaallattu tokko filadhu. Walaloo isaa sagalee guddaa fi ofitti amanannaa akka qabdu karaa argisiisuun dubbisi. Itti aansuudhaan sagaleedhuma ittiin dubbiste sanaan, jechoota gaalee tokko keessa jiran hunda hafuura tokkoon dubbisi. Sana booda, humnuma sagalee sanaatiin gaalee sana faarfadhu. (Isa. 24:14) Yoo akkas goote sagaleen ittiin faarfattu humna qabeessa taʼa, kun immoo wanta gaarii dha. Kun akka si sodaachisu ykn si qaanessu hin heyyamin! w17.11 5-6 key. 11-13

Dilbata, Fulbaana 15

Warri Waaqayyo yaada isaanii kaase hundinuu dhaqanii mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa jiru deebisanii ijaaruudhaaf in kaʼan.—Iz. 1:5.

Yihudoonni yeroo karaa deemaa turanitti, waaʼee mana isaanii isa haaraa yaaduudhaan saʼaatii hedduu akka dabarsan beekamaa dha. Magaalaan Yerusaalem yeroo tokko baayʼee bareedduu akka turte dhagaʼanii turan. Maanguddoonni isaan gidduu jiran ulfina manni qulqullummaa inni duraa qabu arganiiru. (Iz. 3:12) Ati utuu isaanii wajjin deemaa turte taʼee, Yerusaalem iddoo jireenyaa kee isa haaraa yeroo jalqabaatiif yommuu argitu maaltu sitti dhagaʼama ture? Gamoowwan diigamanii fi margi irratti biqile yommuu argitu ni gaddita turtee? Dallaa Baabilon warra guguddaa dachaa lamaan ijaaraman, dallaa Yerusaalem warra caccaban akkasumas karraa fi masaraa eegumsaa diigame wajjin wal bira qabdee ilaaltaa? Namoonni sun garuu onnatoo turan. Adeemsa dheeraa gara biyya isaanitti godhan irratti eegumsa harki Yihowaa isaaniif godhe arganiiru. Yeroo achi gaʼan wanti isaan jalqaba hojjetan, bakka mana qulqullummaa duraaniitti iddoo aarsaa deebisanii dhaabuu fi guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuu ture.—Iz. 3:1, 2. w17.10 26-27 key. 2-3

Wiixata, Fulbaana 16

[Waaqayyo] sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin, hin naʼinis.—1 Sen. 28:20.

Solomoon abbaa isaa irraa waaʼee ija jabinaa waan hedduu barachuu hin oolu. Daawit loltuu jabaa taʼe tokkoo wajjin yommuu wal loletti ija jabina guddaa argisiiseera. Eeyyee, Daawit gargaarsa Waaqayyoo fi dhagaa tokkoon Goliyaadiin injifateera. (1 Sam. 17:45, 49, 50) Boodas Daawit, Solomoon ija jabeessa akka taʼuu fi mana qulqullummaa akka ijaaru gorsuun isaa sirrii ture! Daawit, hojiin ijaarsa mana qulqullummaa hamma xumuramutti Yihowaan isaa wajjin akka taʼu Solomooniin yaadachiisee ture. Solomoon wanta abbaan isaa dubbate sammuu fi garaa isaa keessatti qabatee waan tureef, ijoollummaan isaa fi muuxannoo dhabuun isaa gufuu akka isatti taʼu hin heyyamne. Ija jabina guddaa argisiisuudhaan hojiitti kan seene siʼa taʼu, gargaarsa Yihowaatiin mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe sana waggaa torbaa fi walakkaa gidduutti ijaaree xumureera. Yihowaan akkuma Solomooniin gargaare, nutis ija jabina akka argisiisnuu fi hojii maatii keessattis taʼe gumii keessatti qabnu raawwachuu akka dandeenyu nu gargaaruu dandaʼa. (Isa. 41:10, 13) Waaqeffannaa Yihowaa irratti ija jabina kan argisiisnu yoo taʼe, ammas taʼe gara fuulduraatti eebba isaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w17.09 28-29 key. 3-4; 32 key. 20-21

Kibxata, Fulbaana 17

Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha.—Ibr. 4:12.

Saba Yihowaa waan taaneef, Dubbiin Waaqayyoo, jechuunis ergaan inni ilmaan namootaatiif kenne, “jiraataa fi humna qabeessa” akka taʼe hin shakkinu. Hedduun keenya Kitaabni Qulqulluun humna jireenya namaa jijjiiru qabaachuu isaatiif ragaa taana. Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa tokko tokko duraan kan hatan, qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhatan ykn kan ejjan turan. Kaan immoo addunyaa kana keessatti hamma tokko milkaaʼina kan argatan taʼus, jireenya isaanii keessatti wanti tokko akka isaanitti hirʼate isaanitti dhagaʼama ture. (Lal. 2:3-11) Namoonni abdii kan hin qabne turan, Kitaaba Qulqulluu isa nama jijjiiruuf humna qabuun daandii jireenyatti geessu argataniiru. Tarii muuxannoo hedduu mata duree Masaraa Eegumsaa “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu jalatti walitti aansuudhaan baʼu dubbisuun baayʼee isin gammachiisa taʼa. Kiristiyaanonni erga dhugaa fudhatanii booda illee, gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin gama hafuuraatiin guddina gochuu isaanii yommuu itti fufan argitaniittu. w17.09 23 key. 1

Roobii, Fulbaana 18

Waaqayyo waan isa baraareef, namoonni sun isa . . . harka qabanii baasanii mandarattii duubaan in gaʼan.—Uma. 19:16.

Haalli jireenya Loox keessatti uumame Yihowaan haala rakkisaa tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan yeroo tokko tokko isaan mudatu guutummaatti akka hubatu kan argisiisu mitii? (Isa. 63:7-9; Yaq. 5:11; 2 Phe. 2:9) Sabni isaa gara laafeyyii akka taʼanis isaan barsiiseera. Fakkeenyaaf, liqiidhaaf wayyaa qabsiisa godhee fudhachuu ilaalchisee seera Israaʼelootaaf kenname ilaalaa. (Bau. 22:26, 27) Namni gara jabeessa taʼee fi namaa liqeessu tokko wanta inni uffatee bulu utuu isaaf hin dhiisin wayyaa namichaa qabsiisa godhee fudhachuuf qoramuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan sabni isaa ilaalchaa fi gocha gara jabinaa akkasii irraa akka fagaatan isaan barsiiseera. Sabni isaa kun gara laafeyyii taʼuu qabu turan. Dhugaan buʼuuraa seera kana keessatti ibsame hojiidhaaf nu kakaasuu hin qabuu? Rakkina obboloota keenyaa salphisuuf wanti gochuu dandeenyu utuu jiruu, akka fakkeenyaatti qorra keessa akka bulan isaan dhiisuu ni barbaannaa?—Qol. 3:12; Yaq. 2:15, 16; 1 Yoh. 3:17. w17.09 9 key. 4-5

Kamisa, Fulbaana 19

Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama godhiif.—Luq. 23:34.

Yesuus namoota isa ajjeesaniif dhiifama akka godhu Abbaa isaa kadhannaadhaan gaafateera. Haala rakkisaa dhiphina isa irraan geessisu keessatti illee, garraamii fi obsa qabeessa taʼuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa! (1 Phe. 2:21-23) Nuti hoo garraamummaa fi obsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos wanta namoota hidhata amantii isaa taʼaniif barreesse irratti karaa kana gochuun itti dandaʼamu tokko yommuu ibsu akkana jedheera: “Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu.” (Qol. 3:13) Ajaja kana hojii irra oolchuuf, garraamii fi obsa qabeeyyii taʼuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Dhiifama kan goonu taʼuudhaan, tokkummaan gumichaa eegamee akka itti fufu gochuu dandeenya. Kiristiyaanni tokko garraamummaa fi obsa uffachuun isaa wanta filannoodhaaf dhiifamu miti. Kun fayyina keenyaaf ulaagaa baayʼee barbaachisaa taʼe dha. (Mat. 5:5; Yaq. 1:21) Hunda caalaa immoo, amalawwan kana kan argisiisnu yoo taʼe, Yihowaadhaaf ulfina fidna, namoonni kaanis gorsa Kitaaba Qulqulluu akka hordofan gargaarra.—Gal. 6:1; 2 Xim. 2:24, 25. w17.08 25-26 key. 15-17

Jimaata, Fulbaana 20

Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu . . . beeka.—2 Phe. 2:9.

Kitaaba Qulqulluu yommuu qorannu, seenaawwan Yihowaan wanta hin eegamne akka raawwate ibsan hedduu arganna. Hisqiyaas Mootichi kan jiraate yeroo Senaaheriib Mootiin Asor, Yihudaa weeraree fi Yerusaalem irraa kan hafe magaalota dallaa dhagaadhaan ijaaraman hunda qabatetti ture. (2 Mot. 18:1-3, 13) Achiis, Senaaheriib Yerusaalem irratti xiyyeeffate. Hisqiyaas Mootichi weeraramuuf yommuu jedhutti maal godhe? Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera; akkasumas Isaayaas isa raajii Yihowaa ture gorsa gaafateera. (2 Mot. 19:5, 15-20) Kana malees, Hisqiyaas adaba qarshii Senaaheriib isa irratti murteesse kaffaluudhaan ogeessa taʼuu isaa argisiisuuf carraaqeera. (2 Mot. 18:14, 15) Dhuma irrattis, qophii yommuu magaalattiin yeroo dheeraadhaaf marfamtee turtutti isaan gargaaru godheera. (2 Sen. 32:2-4) Haa taʼu malee, haalli kun akkamitti furmaata argate? Yihowaan maleekaa tokko ergee halkanuma tokkotti loltoota Senaaheriib 185,000 akka balleessu godhe. Kan nama dinqisiisu, Hisqiyaas illee kun akka taʼu hin eegne ture!—2 Mot. 19:35. w17.08 10 key. 7; 11 key. 12

Sanbadduraa, Fulbaana 21

Namoota barattoota godhaa . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.

Tajaajilaa yeroo guutuu taʼuuf karoora baafachuu kan dandeessu akkamitti? Hundumaa caalaa, amalawwan gaarii horachuun kee guutummaatti Yihowaa tajaajiluu irratti milkaaʼina akka argattu si gargaara. Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoʼadhu, hiika isaa irrattis akka gaariitti xiinxali, akkasumas walgaʼiiwwan gumii irratti hirmaannaa gochuuf yaali. Yeroo barumsa irra jirtutti warra kaanitti misiraachicha himuuf dandeettii qabdu fooyyeffachuu dandeessa. Yaada isaanii malaan gaafachuudhaan, akkasumas deebii isaanii sirriitti dhaggeeffachuudhaan namootaaf xiyyeeffannaa kennuu baradhu. Kana malees, Galma Walgaʼii keenya qulqulleessuu fi suphuu dabalatee, hojiiwwan gumii keessatti hojjetaman hojjechuuf of dhiheessuu dandeessa. Yihowaan namoota gad of qabanii fi fedhii qabanitti fayyadama. (Far. 110:3; HoE. 6:1-3) Phaawulos ergamaan hojii misiyoonummaa irratti akka isa gargaaruuf Ximotewosiin kan afeere, ‘obboloota biratti maqaa gaarii waan qabuuf ture.’—HoE. 16:1-5. w17.07 23 key. 7; 26 key. 14

Dilbata, Fulbaana 22

Jilbi hundinuu anaaf [jilbeenfata], arrabni hundinuu anaan [kakata].—Isa. 45:23.

Namoonni ykn maleekonni gaaffii ol aantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuu isaa irratti kaʼe kanaaf hamma deebii argatanitti, walitti buʼiinsi saboota, gosoota, sanyiiwwan, maatiiwwanii fi namoota gidduutti uumamaa jiru ittuma fufa. Ol aantummaan Yihowaa erga mirkanaaʼee booda garuu, uumamni hundi bara baraaf bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa jalatti bula. Uumama cufa irrattis nagaan deebiʼee dagaaga. (Efe. 1:9, 10) Ol aantummaan Waaqayyoo sirrii taʼuun isaa ni mirkanaaʼa; bulchiinsi Seexanaa fi ilmaan namootaa immoo milkaaʼina dhaba, akkasumas ni bada. Bulchiinsi Waaqayyoo inni Mootummaa Masiihichaatiin geggeeffamu immoo milkaaʼina kan argatu siʼa taʼu, namoonni amanamoon ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoo deggeruu akka dandaʼan mirkaneessu. (Isa. 45:24) Namoota amanamoo ol aantummaa Yihowaa deggeran keessaa tokko taʼuu ni barbaaddaa? Akka barbaaddu hin shakkisiisu. Amanamummaa keenya eeggachuudhaaf iji keenya dhimma isa guddaa irratti akka xiyyeeffatu gochuu fi dhimmi kun hammam barbaachisaa akka taʼe yaaduu qabna. w17.06 23 key. 4-5

Wiixata, Fulbaana 23

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17, NW.

Yeroon namni tokko gadda isaa irraa itti jajjabaachuuf fudhatu, isa kaan irraa baayʼee adda taʼuu dandaʼa. Kanaaf, namoota gadda irra jiran jajjabeessuuf guyyoota muraasa jalqabaa yeroo michoonnii fi firoonni isaanii jiranitti qofa utuu hin taʼan, jiʼoota itti aananitti yommuu namoonni kun gara hojii hojii isaaniitti deebiʼan dhaqxanii isaan jajjabeessuu dandeessu. Gadda isaa irraa jajjabaachuuf yeroo hangamii kan fudhatu taʼu iyyuu, Kiristiyaanonni hidhata amantii isaa taʼan isa cinaa akka jiran beekuun isaa guddaa isa jajjabeessuu dandaʼa. (1 Tas. 3:7) Namni nama jaallatu duʼaan dhabe tokko guyyaa gaaʼela itti godhatan yaadachuun isaa, muuziqaan, suuraan, hojiiwwan wajjin hojjetan, urgaan, sagaleen ykn tibbi tokko tokko illee gaddi akka isatti dhagaʼamu gochuu akka dandaʼan yaadadhaa. Keessumaa wantoota hedduu namni hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼe yeroo jalqabaatiif kophaa isaa raawwatu, fakkeenyaaf walgaʼii guddaa ykn Ayyaana Yaadannoo irratti kophaa isaa yommuu taʼu gaddi guddaan isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabinni kan isaan barbaachisu qophii adda taʼe irratti qofa akka hin taane yaadadhaa. w17.07 16 key. 17-19

Kibxata, Fulbaana 24

Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.—Filp. 2:4.

Namoota kaanitti jaalala argisiisuun keenya, miira gadhee nutti dhagaʼamu tokko tokko akka dagannu kan godhu taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Obboleettonni, heerumanis taʼan kan hin heerumin, misiraachicha lallabuu irratti Waaqayyoo wajjin kan hojjetan akka taʼan beekuun isaanii gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa. Kaayyoon isaanii fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan isaaf ulfina kennuu dha. Hirmaannaa tajaajila irratti godhan akka walʼaansa fayyaatti kan ilaalanis jiru. Hundi keenya namoota naannoo tajaajilaa keenya keessas taʼe gumii keessa jiraniif akka yaannu kan argisiisnu yoo taʼe, walitti dhufeenya cimaa gumii keessa jiruuf gumaacha goona. Gama kanaan Phaawulos ergamaan fakkeenya gaarii taʼa. Inni obboloota gumii Tasalonqee keessa jiraniif ‘akkuma haadha hoosistu tokkoo’ isaaniif taʼee ture; akkasumas akkuma abbaa hafuuraa isaaniif taʼee ture. (1 Tas. 2:7, 11, 12) Ijoolleen Waaqa isa dhugaa akka jaallatan baratanii fi gorsa isaa hordofan maatii keessatti madda jajjabinaa taʼuu dandaʼu. Kana gochuu kan dandaʼanis, warra isaanii kabajuudhaan, akkasumas wanta isaaniif barbaachisu dhiheessuudhaani. Kana malees, ijoolleen Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuun isaanii guutummaa maatichaatiif jajjabina taʼa. w17.06 7 key. 13-14; 8 key. 17

Roobii, Fulbaana 25

Qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.—Luq. 16:9.

Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman gar malee hiyyeeyyii yommuu taʼan, kaan immoo qabeenya dhaloota hedduudhaaf darbuu dandaʼu qabu. Yesuus sirni dinagdee yeroo ammaatti jiru hanga Mootummaan Waaqayyoo dhufutti akka hin jijjiiramne hubatee ture. Sirna siyaasaa fi amantii dabalatee, sirni daldalaa sassataa taʼe, ‘daldaltoota’ Mulʼata 18:3 irratti ibsaman kan argisiisu siʼa taʼu, kutaa addunyaa Seexanaa ti. Sabni Waaqayyoo siyaasaa fi amantii sobaa irraa guutummaatti fagaachuu kan dandaʼan taʼus, harki caalaan isaanii sirna daldalaa isa kutaa addunyaa Seexanaa taʼe irraa guutummaatti fagaachuu hin dandaʼan. Kiristiyaanota waan taaneef, ilaalcha sirna daldalaa yeroo ammaa jiruuf qabnu qoruuf gaaffilee armaan gadii of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Qabeenya koo karaa Waaqayyoof amanamaa taʼuu koo argisiisuun fayyadamuu kanan dandaʼu akkamitti? Hirmaannaan sirna daldalaa irratti qabu xiqqeessuu kanan dandaʼu akkamitti? Haala rakkisaa kana keessatti sabni Waaqayyoo guutummaatti akka isatti amanaman muuxannoo isa kamtu argisiisa?’ w17.07 7-8 key. 1-3

Kamisa, Fulbaana 26

Akka malee nyaachuu fi akka malee dhuguudhaan, yaaddoo jireenyaatiinis garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne ofii keessaniif of eeggadhaa.—Luq. 21:34.

Yesuus dhiibbaa yaaddoon sirna kanaa wajjin wal qabate geessisu sirriitti beeka ture. Fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasee dubbate irratti, namoonni tokko tokko “dubbii Mootummichaa” akka dhagaʼanii fi jalqaba irratti guddina kan argisiisan taʼus, ‘yaaddoon sirna kanaa fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu dubbicha akka hudhu’ dubbateera. (Mat. 13:19-22; Mar. 4:19) Dhuguma iyyuu, of eeggachuu baannaan yaaddoon jireenyaa guyyaa guyyaadhaan nu mudatu garaa keenya hawwatee karaa hafuuraa akka laafnu gochuu dandaʼa. Hojii Kiristoos akka hojjennu nuu kenneef dursa kennuudhaan Kiristoosiif jaalala guddaa akka qabnu mirkaneessuu dandeenya. Akkana gochuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo yerootti, akkana jennee of gaafachuu qabna, ‘Wanti ani jireenya koo keessatti hunda caalaa jaalladhu maali dha? Hojii moo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuutu caalaatti na gammachiisa?’ w17.05 23 key. 3-4

Jimaata, Fulbaana 27

Dubbii salphaatti hubatamuu dandaʼu [dubbadhaa].—1 Qor. 14:9.

Obboloonni “galaa biyya ormaa” taʼan, Dhugaa Baatota qooqa isaanii dubbatan irraa fagaatanii kan jiraatan yoo taʼe, gumii qooqa naannoo sanatti dubbatamuun geggeeffamu deemuu qabu. (Far. 146:9) Gumiin afaan dhalootaa keessaniin geggeeffamu isinitti dhihoo yoo jiraate garuu gaaffiin akkas jedhu ni kaʼa: Gumii qooqa isa kamiin geggeeffamutu maatii keenyaaf caalaatti gaarii dha? Mataan maatichaa of eeggannoodhaan erga irratti yaadee fi kadhatee, akkasumas haadha manaa isaa fi ijoollee isaa wajjin erga irratti mariʼatee booda murteessuu qaba. (1 Qor. 11:3) Warri, wanta dhugumaan ijoollee isaaniitiif barbaachisu tilmaama keessa galchuu qabu. Qooqni isaaf galu isa kam iyyuu yoo taʼe, mucaan tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti hubachuu akka dandaʼuuf, barumsi hafuuraa walgaʼii gumii torban torbaniin saʼaatii muraasaaf geggeeffamu qofti gaʼaa miti. Haa taʼu malee, mee haala kana irratti yaadaa: Ijoolleen keessan gumii qooqa sirriitti hubataniin geggeeffamu irratti argamuu isaaniitiin qofa, tarii hanga warri isaanii eegan caalaa wantoota hedduu barachuu dandaʼu. Qooqa ijoolleen sirriitti hubachuu hin dandeenyeen kan geggeeffamu yoo taʼe garuu akkas taʼuu dhiisuu dandaʼa.—1 Qor. 14:11. w17.05 10 key. 10-11

Sanbadduraa, Fulbaana 28

[Sabichi] fedha isaaniitiin of kennuu isaaniitiif, Waaqayyoon jajadhaa!—Abo. 5:2.

Hundumti keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: Gaʼeen koo maal iyyuu yoo taʼe ajaja Yihowaa hojii irra nan oolchaa? Galii koo fooyyessuuf jecha gara magaalaa ykn biyya tokkoo deemuuf yaadaan jira yoo taʼe, miidhaa maatii koo fi gumicha irra gaʼu ilaalchisee kadhannaadhaan irratti nan yaadaa?’ Yihowaan ol aantummaa isaa deggeruu irratti akka hirmaannu nuuf heyyamuudhaan nu kabajeera. Diyaabilos ol aantummaa Yihowaa irratti gaaffii waan kaaseef, bulchiinsa Yihowaa deggeruun kee Seexanaaf ergaa guddaa fi ifa taʼe dabarsa. Amantii fi amanamummaan kee fedhiidhaan tajaajiluuf si kakaasuun isaa Yihowaa ni gammachiisa. (Fak. 23:15, 16) Deggersa ati isaaf gootutti fayyadamee arrabsoo Seexanaatiif deebii kenna. (Fak. 27:11) Kanaaf, amanamummaadhaan ajajamuun kee, akka ati Yihowaadhaaf wanta gatii guddaa qabu kennaa jirtutti ilaalama; Yihowaan kana gochuu keetiin gammachuu guddaa argata. w17.04 32 key. 15-16

Dilbata, Fulbaana 29

Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan taʼeef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin taʼin wanta wareegde raawwadhu!—Lal. 5:4.

Seerri Musee akkana jedha: “Namni Waaqayyoof waa yoo wareege yookiis kakaa tokko kakate, wanta isa giddisiisutti yoo of galche akkuma wanta afaan isaa keessaa baʼe sana hundumaatti haa hojjetu, sagalee isaa hin geddarin!” (Lak. 30:2) Yeroo booda immoo Solomoon hafuuraan geggeeffamee yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru barreesseera. Yesuusis waadaa galuun hangam cimaa akka taʼe yommuu dubbatu akkana jedheera: “Namoota bara durii turaniin, ‘Waadaa Yihowaadhaaf galte raawwadhu malee, waadaa galte raawwachuu hin dhiisin’ [jedhameera].” (Mat. 5:33) Kanaaf, Waaqayyoof waadaa galuun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Akkaataan itti waadaa galle raawwannu, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu kan tuqu dha. Daawit akkana jechuudhaan barreesseera: “Gara gaara Yihowaatti kan ol baʼu eenyu? Iddoo qulqulluu isaa keessa kan dhaabbatu hoo eenyu? . . . Nama lubbuu kootiin [Yihowaatiin] sobaan hin kakanne, akkasumas nama gowwoomsaadhaan hin kakanne dha.”—Far. 24:3, 4, NW. w17.04 4 key. 3-4

Wiixata, Fulbaana 30

Inni arraba isaatiin maqaa hin balleessu.—Far. 15:3, NW.

Kiristiyaanni tokko jalʼinni haqaa akka isa irratti raawwatame yoo isatti dhagaʼame, hamii irraa of qusachuu qaba. Dhugaa dha, miseensi gumii tokko dogoggora cimaa yoo raawwate jaarsolii irraa gargaarsa gaafachuu fi isaan beeksisuun isaa sirrii dha. (Lew. 5:1) Haa taʼu malee, dogoggorri cimaan hin raawwatamne taanaan, jaarsolii illee dabalatee nama tokkotti iyyuu utuu hin himin dhimmichaaf furmaata kennuun ni dandaʼama. (Mat. 5:23, 24; 18:15) Wantoonni akkanaa yeroo uumaman dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundoofnee furmaata itti kennuu qabna. Yeroo tokko tokko jalʼinni haqaa akka nu irratti raawwatame kan nutti dhagaʼame dogoggoraan akka taʼe yeroo booda ni hubanna taʼa. Yeroo kanatti maqaa obboloota keenyaa balleessuu dhiisuudhaan rakkinichi caalaatti dabalaa akka deemu gochuu dhiisuun keenya baayʼee nu gammachiisa! Sirriis taane dogoggora, dubbii nama miidhu dubbachuun haalichaaf furmaata akka hin kennine yaadadhaa. Yihowaadhaafis taʼe obboloota keenyaaf amanamoo taʼuun keenya dogoggora akkanaa irraa nu eega. w17.04 21 key. 14

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi