Onkoloolessa
Kibxata, Onkoloolessa 1
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas Waaqayyo utuu hin ceephaʼin nama hundumaaf arjummaadhaan ni kenna.—Yaq. 1:5.
Yihowaan Madda ogummaa siʼa taʼu, ogummaa isaas arjummaadhaan warra kaaniif hira. Karaan Waaqayyo irraa ogummaa itti argannu inni tokko adaba isaa fudhachuu dha. Ogummaan kunis miidhaa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa nu mudatu irraa nu eeguu dandaʼa. (Fak. 2:10-12) Kunis, ‘jireenya bara baraa yommuu eeggannu, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf’ nu gargaara. (Yih. 21) Haa taʼu malee cubbuun dhaalle, akkaataan guddinaa keenyaa fi haalawwan kan biroon, adaba fudhachuunis taʼe adabaaf ilaalcha sirrii qabaachuun rakkisaa akka nutti taʼu godha. Jireenya keenya keessatti adaba isa jaalala Waaqayyo nuuf qabu mirkaneessu irraa faayidaa yommuu argannu adabaaf dinqisiifannaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyi 3:11, 12, “Yaa ilma ko, adaba Waaqayyoo hin tuffatin, . . . Waaqayyo nama jaallatu in adaba” jedha. Eeyyee, Yihowaan wanta hundumaa irra wayyu akka nuuf yaadu matumaa irraanfachuu hin qabnu. (Ibr. 12:5-11) Waaqayyo guutummaatti waan nu beekuuf, adabni isaa yeroo hundumaa sirrii fi balleessaa keenyaa wajjin kan wal madaalu dha. w18.03 28 key. 1-2
Roobii, Onkoloolessa 2
Keessummummaa wal simadhaa.—1 Phe. 4:9.
Pheexiros ergamaan yaada armaan olitti caqasame kan barreesse gumiiwwan aadaa gara garaa qabanii fi Eeshiyaa Xinnoo keessa turaniifi dha. ‘Qorumsi akka ibiddaa’ isaan irra gaʼaa ture. Kiristiyaanonni bakka hunda turan yeroowwan rakkisaa taʼan sana keessa darbuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa? (1 Phe. 1:1; 4:4, 7, 12) Pheexiros as irratti keessummummaa akka ‘wal simatan’ gorsaa kan ture, obboloota isaa warra durumaan wal beekanii fi wantoota tokko tokko waliin hojjechaa turani dha. Keessummaa simachuun kan isaan fayyadu akkamitti? Keessummaa simachuun akka walitti dhihaatan taasisa. Mee muuxannoo ofii keessanii yaadaa. Mana nama tokkootti afeeramuu keessaniin gammaddanii hin beektanii? Yeroo gammachiisaa akka waliin dabarsitan hin yaadattanii? Gumii keessan keessaa obboloota tokko tokko yommuu afeertan, michoomni keessan caalaatti hin jabaannee? Obboloota keenya keessummummaa simachuudhaan isa yeroo kaanii caalaa dhuunfaatti isaan beekuu dandeenya. Kiristiyaanonni bara Pheexirositti turan, yeroo rakkinni itti hammaachaa deemetti isa duraa caalaa walitti dhihaachuun isaan barbaachisee ture. Kiristiyaanonni dhugaan “guyyoota dhumaa” kana keessa jiraatanis akkasuma gochuu qabu.—2 Xim. 3:1. w18.03 14-15 key. 1-3
Kamisa, Onkoloolessa 3
Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.—Mat. 5:3.
Kitaaba Qulqulluu keessatti nama hafuuraatiif iddoo guddaan akka kenname hubanna. Roomaan 8:6 immoo faayidaa nama hafuuraa taʼuun qabu ilaalchisee, “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida; yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun garuu jireenyaa fi nagaa fida” jedha. Yommuu wanta hafuuraa irratti xiyyeeffannu, yeroo ammaatti Waaqayyoo fi ofii keenyaa wajjin nagaa ni qabaanna, gara fuulduraatti immoo jireenya bara baraa arganna. Haa taʼu malee, kan jiraannu addunyaa baayʼee rakkisaa taʼe keessa dha. Ilaalchi foonii nutti marsee waan jiruuf, nama hafuuraa taʼuu fi namummaa hafuuraa qabnu eegnee jiraachuuf garaadhaa carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuu qabna. Namni tokko namummaa hafuuraa isaa yoo dhabe, sammuun isaa duwwaa waan taʼuuf “qilleensi” faalamaan addunyaa kanaa yeruma sana itti gala. Yihudaan waaʼee namoota hamma ‘hafuura qulqulluu dhabanitti’ dadhabaa deemanii dubbateera.—Yih. 18, 19. w18.02 19 key. 5, 7; 20 key. 8
Jimaata, Onkoloolessa 4
Namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni . . . isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deemu.—2 Xim. 3:13.
Namoonni ogeeyyii fayyaa taʼan hedduun, namoota dhukkuba namatti darbuun qabaman gidduutti hojjetu. Dhukkubsattoota isaanii gargaaruu waan barbaadaniif isaan kunuunsu. Haa taʼu malee, yeroo kanatti dhukkuba fayyisuuf yaalan kanaan akka hin qabamne of eeggachuun isaanii barbaachisaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, baayʼeen keenya namoota ilaalchaa fi amala gadhee amalawwan Waaqayyo jaallatu wajjin wal faallessan qaban wajjin jiraanna akkasumas hojjenna. Kun qorumsa guddaa nutti taʼa. Guyyoonni dhumaa kun namoota amala mancaʼaa qabaniin kan guutamani dha. Xalayaa lammaffaan Phaawulos ergamaan Ximotewosiif barreesse, amala namoonni Waaqayyo irraa fagaatan ittiin beekaman ibsa. (2 Xim. 3:1-5) Amalawwan kun babalʼachuun isaanii kan nu suukanneessu taʼu illee, namoonni amalawwan kana argisiisan dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. (Fak. 13:20) Kanaaf, nutis namoota kaan karaa hafuuraa utuma gargaarruu amalawwan gadhee taʼaniin akka hin faalamne of eeggachuu qabna. w18.01 27 key. 1-2
Sanbadduraa, Onkoloolessa 5
Isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa.—Mat. 28:19.
Yesuus inni duʼaa kaafame Dh.K.B. bara 33tti tarii ijoollee dabalatee dhiirotaa fi dubartoota 500 ol taʼanitti mulʼatee ture. Yaada armaan olii kan dubbate yeroo kanatti taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 15:6) Eeyyee, Yesuus ajaja kana kan kenne bakka duuka buutonni isaa dhibbaan lakkaaʼaman jiranitti taʼuu hin oolu. Kanaaf, Yesuus cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanonni waanjoo isaa baachuudhaan barattoota taʼan guutuu qaban akka taʼe ibseera. (Mat. 11:29, 30) Namni karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon tajaajiluu barbaadu kam iyyuu, gaʼee Yesuus kaayyoo Yihowaa raawwachiisuu keessatti qabuuf beekamtii kennuu fi fudhachuu qaba. Namni kun erga kana godhee booda cuuphamuu ni dandaʼa. Cuuphaan bishaanii Waaqayyo duratti fudhatama qabu kana qofa dha. Barattoonni Kiristoos haaraan jaarraa jalqabaatti turan barbaachisummaa cuuphaa hubatanii akka turan Kitaabni Qulqulluu ragaa hedduu kenna. Barattoonni kun utuu hin barbaachisin cuuphamuu irraa duubatti hin jenne.—HoE. 2:41; 9:18; 16:14, 15, 32, 33. w18.03 5 key. 8
Dilbata, Onkoloolessa 6
Yaa Daaniʼel nama guddaa jaallatamaa.—Dan. 10:11.
Yeroo harʼaatti, Baabilon Guddittiin ishiin bulchiinsa amantii sobaa addunyaa taatee fi “bakka jinniiwwan jiraatan taate” karaa amalaa fi karaa hafuuraatiin addunyaa kana mancaasteetti. Nutis addunyaa kana keessa orma taanee jiraanna. (Mul. 18:2) Kanaan kan kaʼes, warra kaan irraa baayʼee adda taanee waan mulʼannuuf namoonni nutti qoosuu dandaʼu. (Mar. 13:13) Egaa, akkuma Daaniʼel nutis Waaqa keenya Yihowaatti dhihaannee haa jiraannu. Gad of qabuudhaanii fi ajajamuudhaan kan isatti amanamnu yoo taʼe, Yihowaa biratti jaallatamoo taana. (Isa. 43:4) Warri ijoollee qaban, warra Daaniʼel irraa barachuu dandaʼu. Akkamitti? Daaniʼel mucaa xinnoo yeroo turetti Yihudaa keessatti hammeenyi babalʼatee kan ture taʼus, Daaniʼel Waaqa kan jaallatu taʼee guddate. Kun warri isaa leenjii gaarii akka isaaf kennan argisiisa. (Fak. 22:6) Hiikni maqaa Daaniʼel inni “Kan Murtoo Naa Kennu Waaqayyo Dha” jedhu illee, warra Waaqayyo sodaatan akka qabu argisiisa. Kanaafuu, warra kan taatan ijoollee keessanitti abdii hin kutatinaa; kanaa mannaa obsaan isaan barsiisaa. (Efe. 6:4) Akkasumas isaan wajjin kadhadhaa; isaaniifis kadhadhaa. Yommuu dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa isaanii keessa kaaʼuuf carraaqxan, Yihowaa biraa eebba guddaa argattu.—Far. 37:5. w18.02 5 key. 12; 6 key. 14-15
Wiixata, Onkoloolessa 7
Wanti hundinuu si biraa nuuf dhufa, waanuma si harkaa fudhanne keessaa siif kennine.—1 Sen. 29:14.
Kennaa kennuun karaa Yihowaa itti waaqeffannu keessaa tokko dha. Yohaannis ergamaan tajaajiltoonni Yihowaa samii irra jiran akkana yeroo jedhan mulʼataan dhagaʼeera: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.” (Mul. 4:11) Wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu isaaf kennuudhaan Yihowaadhaaf ulfina kennuun keenya akka isaaf malu sitti hin dhagaʼamuu? Yihowaan sabni Israaʼel ayyaanota waggaa waggaatti kabajaman sadi irratti isa duratti akka dhihaatan karaa Musee isaan ajajee ture. Israaʼeloonni yeroo ayyaanota kanaatti ‘harka isaanii duwwaa Waaqayyo duratti kan hin dhiʼaanne siʼa taʼu,’ kunis karaa Yihowaa itti waaqeffatan keessaa tokko ture. (Kes. 16:16) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis hojii kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafa irraa hojjetu deggeruuf fedhiidhaan kennaa kennuun keenya, karaawwan guguddaa Yihowaa itti waaqeffannu keessaa tokko dha. w18.01 18 key. 4-5
Kibxata, Onkoloolessa 8
Anis boqonnaa isiniif nan kenna.—Mat. 11:28.
Yesuus itti aansuudhaanis, “Waanjoo koo baadhaa . . . Waanjoon koo nama hin quuqu; baʼaan koos salphaa dha” jedheera. (Mat. 11:29, 30) Kun dhugaa dha! Yeroo tokko tokko gumii dhaquuf ykn tajaajila irratti hirmaachuuf yeroo manaa baanu baayʼee dadhabnee taʼa. Yeroo deebinu garuu maaltu nutti dhagaʼama? Baayʼee haareffamnee, akkasumas qorumsawwan jireenyaa dandamachuuf qophaaʼoo taanee deebina. Dhuguma iyyuu waanjoon Yesuus nama hin quuqu! Obboleettiin Keelaa jedhamtu, dhibee fayyaa garmalee nama dadhabsuun, dhiphina sammuutiin, akkasumas mataa dhukkubbii cimaadhaan baayʼee rakkatti turte. Kanaan kan kaʼes gumii irratti argamuun yeroo tokko tokko itti ulfaata ture. Haa taʼu malee, carraaqqii gootee walgaʼii irratti argamuudhaan haasaa sabaa tokko erga dhaggeeffattee booda akkana jechuudhaan barreessiteetti: “Haasichi waaʼee abdii kutachuu ture. Haasichi gara laafinaa fi namaaf yaaduudhaan kan dhihaate waan taʼeef imimmaan ija koo guute. Haalli kun, walgaʼii irratti argamuun akka na barbaachisu kan na yaadachiisu ture.” Walgaʼicha irratti argamuuf carraaqqii gochuu ishiitti baayʼee gammadde! w18.01 8-9 key. 6-7
Roobii, Onkoloolessa 9
Miilli koo bitintiree kufuu gaʼeera.—Far. 73:2.
Ilmi ykn intalli keessan erga cuuphamanii booda dhugaa irratti shakkii akka qaban yoo dubbatan maal gochuu dandeessu? Fakkeenyaaf, tarii wantoonni addunyaa isaan hawwachuu ykn akka ulaagaa Kitaaba Qulqulluutti jiraachuun kan isaan fayyadu taʼuun isaa isaan shakkisiisuu dandaʼa. (Far. 73:1, 3, 12, 13) Akka abbaa ykn haadha tokkootti, gaaffiiwwan isaanii kanaaf akkaataan deebii itti deebistan, amantii keessan akka jaallatan ykn akka irraa fagaatan gochuu akka dandaʼu hubachuu qabdu. Ijoolleen keessan xixinnoos taʼan guguddaa, dhimma kana ilaalchisee falmii keessa seenuu irraa of eeggadhaa. Galmi keessan karaa jaalala qabeessa taʼee fi garaa isaanii tuquun isaan gargaaruu taʼuu qaba. Dargaggeessi cuuphame tokko Yihowaadhaaf akka of murteesse beekamaa dha. Of murteessuun isaa, Waaqayyoon jaallachuu fi wanta kam iyyuu dura fedhii isaatiif dursa kennuuf waadaa galuu isaa argisiisa. (Mar. 12:30) Yihowaan waadaa kana akka laayyootti hin ilaalu, namni waadaa kana gales akka laayyootti ilaaluu hin qabu.—Lal. 5:4, 5. w17.12 22 key. 16-17
Kamisa, Onkoloolessa 10
Guyyaa dhumaa yeroo duʼaa kaʼuutti akka [obboleessi koo] kaʼu beeka.—Yoh. 11:24.
Akkuma Maartaa, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan gara fuulduraatti duʼaa kaʼuun akka jiru beeku. Yihowaan, Abrahaam, Yisihaaq isa dhaaltuu taʼee fi yeroo dheeraadhaaf eeggachaa ture irratti maal akka raawwatu akka isa gaafate yaadi. Yihowaan akkana jedheen: “Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu . . . qalma gubamu godhii isa anaaf dhiʼeessi!” (Uma. 22:2) Ajajni akkasii miira akkamii akka namatti uumu yaadi. Yihowaan, karaa sanyii Abrahaam saboonni hundi akka eebbifaman waadaa galeera. (Uma. 13:14-16; 18:18; Rom. 4:17, 18) Kana malees, Yihowaan eebbi kun “karaa Yisihaaq” akka dhufu dubbateera. (Uma. 21:12, NW) Haa taʼu malee, Abrahaam Yisihaaqiin aarsaa gochuudhaan yoo ajjeese kun akkamitti raawwatamuu dandaʼa? Phaawulos hafuuraan geggeeffamee, Abrahaam Waaqayyo Yisihaaqiin duʼaa kaasuu akka dandaʼu amantii qabaachuu isaa ibseera. (Ibr. 11:17-19) Abrahaam ilmi isaa yoom duʼaa akka kaʼu beekuu hin dandaʼu ture. Taʼus, Yihowaan Yisihaaqiin duʼaa akka kaasu ni amana ture. w17.12 6 key. 12-14
Jimaata, Onkoloolessa 11
Ani dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu [dha].—HoE. 20:26.
Akkuma Phaawulos, jireenyaaf ilaalcha Waaqayyoo qabaachuuf carraaqqii gochuu qabna. Yihowaan, namoonni ‘hundumtuu yaada akka geddaratan barbaada.’ (2 Phe. 3:9) Ati hoo ni barbaaddaa? Garaa kee keessatti gara laafina guddaa akkasii qabaachuun kee tajaajila irratti hinaaffaa akka qabaattu si gargaara, kana gochuun kees gammachuu guddaa akka argattu godha. Nageenyaaf of eeggannoo gochuudhaanis ilaalcha Yihowaan jireenyaaf qabu horachuu ni dandeenya. Yeroo waa ijaarru, suphinu ykn bakka waaqeffannaa keenyaa deemnutti illee of eeggannoodhaan konkolaataa oofuu fi hojjechuu qabna. Oomishni, qarshiin ykn sagantaan keessan nageenyaa fi fayyaa keessan akka dursu hin godhinaa. Waaqni keenya inni haqa qabeessa taʼe yeroo hunda wanta sirrii fi qajeelaa taʼe raawwata. Nutis isa fakkaachuu barbaanna. Keessumaa jaarsoliin nageenya ofii isaaniitiifis taʼe namoota isaanii wajjin hojjetaniif of eeggannoo gochuuf dammaqoo taʼuu qabu. (Fak. 22:3) Jaarsi tokko of eeggannoo ilaalchisee seerawwanii fi ulaagaawwan jiran irratti gorsa yoo siif kenne gorsa isaa fudhadhu. (Gal. 6:1) Jireenyaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuudhaan, ‘dhiigni dhangalaʼu akka si irraa hin barbaadamne’ gochuu dandeessa.—Kes. 19:10. w17.11 16 key. 11-12
Sanbadduraa, Onkoloolessa 12
Namni . . . kam iyyuu, badhaasicha akka isin dhabsiisu hin heyyaminaa.—Qol. 2:18.
Akkuma Phaawulos ergamaa, Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa jiran, “badhaasa Waaqayyoo waamicha isa olii” argachuuf abdii guddaa qabu. (Filp. 3:14) Yesuus Kiristoosii wajjin, Mootummaa isaa isa samii keessatti tajaajiluu fi ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba gochuu irratti hirmaachuuf abdiidhaan eeggatu. (Mul. 20:6) Dhuguma iyyuu Waaqayyo namoota kanaaf abdii dinqisiisaa kenneera! Hoolonni kan biraan immoo abdii kana irraa adda taʼe qabu. Lafa irratti badhaasa jireenya bara baraa argachuuf abdiidhaan eeggatu, kun abdii baayʼee nama gammachiisu dha! (2 Phe. 3:13) Phaawulos Kiristiyaanonni dibamoon kun amanamummaa isaanii eeggachuudhaan badhaasicha akka argataniif, ‘Sammuun keessan yeroo hunda wantoota ol samii irra jiran irratti akka xiyyeeffatu godhaa’ jechuudhaan isaan gorseera. (Qol. 3:2) Kiristiyaanonni kun yeroo hunda abdii isaanii isa dinqisiisaa, jechuunis dhaala isaanii isa samii irraa sammuutti qabachuu qabu turan. (Qol. 1:4, 5) Dhuguma iyyuu, tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi eebba Yihowaa irraa argatan irratti xiinxaluun isaanii badhaasicha irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara.—1 Qor. 9:24. w17.11 25 key. 1-2
Dilbata, Onkoloolessa 13
Waaqayyoon faarfadhaa!—Far. 96:1.
Faarfannaawwan kitaaba faarfannaa Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamu keessa jiran hedduun isaanii bifa kadhannaatiin kan dhihaatani dha. Faarfannaawwan kanaan miira kee Yihowaatti himachuu dandeessa. Faarfannaawwan kan biroon immoo, “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf kakaasuuf” gargaaru. (Ibr. 10:24) Kanaafuu, muuziqaa fi walaloo faarfannaawwan keenyaa beekuun keenya barbaachisaa dha. Faarfannaa sagaleedhaan qophaaʼee fi jw.org irratti argamu dhaggeeffachuudhaan kana gochuu dandeessa. Faarfannaawwan kana mana keetti shaakaluudhaan, ofitti amanamummaa fi garaadhaa faarfachuu barachuu dandeessa. Faarfannaan waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akka qabu yaadadhaa. Faarfannaan karaa Yihowaadhaaf jaalalaa fi dinqisiifannaa qabnu itti argisiisnu isa guddaa dha. (Isa. 12:5) Gammachuudhaan yeroo faarfattan namoonni kaanis ofitti amanamummaadhaan akka faarfatan jajjabeessitu. Dhuguma iyyuu, gumii keessa kan jiran hundi, jechuunis dargaggoonni, maanguddoonni, namoonni haaraan fedhii argisiisan waaqeffannaa kallattiidhaan Yihowaadhaaf dhihaatu kana irratti hirmaachuu ni dandaʼu. Kanaaf, faarfannaadhaan miira keessan ibsuu irraa duubatti hin jedhinaa. Eeyyee, gammachuudhaan faarfadhaa! w17.11 7 key. 18-19
Wiixata, Onkoloolessa 14
Akka bofaa of eeggataa, akka gugees garraamii taʼaa.—Mat. 10:16.
Godaantonni yeroo harʼaatti jiran hedduun, biyyoota hojiin lallabaa keenya itti daangeffame irraa kan dhufani dha. Dhugaa Baatota biyya godaantonni jiran keessa jiraatanii fi hinaaffaa qabaniif galanni haa taʼuutii, godaantonni kumaan lakkaaʼaman yeroo jalqabaatiif “dubbii Mootummichaa” dhagaʼaa jiru. (Mat. 13:19, 23) Namoonni ‘baʼaan isaanitti ulfaate,’ walgaʼiiwwan keenya irratti karaa hafuuraa boqonnaa argachaa, akkasumas yaada “Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira” jedhu dafanii amananii fudhachaa jiru. (Mat. 11:28-30; 1 Qor. 14:25) Obboloonni godaantotaaf lallaban ‘of eeggatoo,’ darbees ‘hubatoo’ taʼuu qabu. (Fak. 22:3) Wanta isaan yaaddessu yommuu dubbatan obsaan isaan dhaggeeffadhaa; waaʼee siyaasaa garuu hin kaasinaa. Qajeelfama waajjirri damee fi abbootiin taayitaa naannoo sanaa kennan hordofaa; wanta isinis taʼe warra kaan balaadhaaf saaxilu hin raawwatinaa. Amantii fi aadaa godaantotaa beekuu fi kabajuuf carraaqqii godhaa. Fakkeenyaaf, namoonni biyya tokko tokko irraa dhufan akkaataa uffannaa dubartootaa sirrii taʼe ilaalchisee ilaalcha adda taʼe qabu. Kanaaf, yommuu godaantotaaf lallabnu karaa isaan hin mufachiisneen uffachuun keenya barbaachisaa dha. w17.05 7 key. 17-18
Kibxata, Onkoloolessa 15
Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu . . . haa taʼu.—Qol. 4:6.
Firoota keenya Dhugaa Baatota hin taanee wajjin yeroo dubbannu firii hafuuraa argisiisuu akka dandeenyuuf, Yihowaan hafuura isaa akka nuuf kennu isa gaafachuu dandeenya. Barumsa amantii isaanii isa sobaa hunda ilaalchisee isaaniin falmuuf yaaluu hin qabnu. Dubbii ykn gocha isaaniitiin yoo nu miidhan, fakkeenya ergamoota Yesuus hordofuu dandeenya. Phaawulos, “Yommuu nu arrabsan ni eebbisna; yommuu nu ariʼatanis obsaan jabaannee dhaabanna; yommuu maqaa keenya balleessan gaarummaadhaan deebii kennina” jedhee barreesseera. (1 Qor. 4:12, 13) Firoota keenya nu mormanii wajjin dubbii gaarii dubbachuun keenya kan gargaaru taʼus, amalli keenya inni gaariin caalaatti dubbachuu dandaʼa. (1 Phe. 3:1, 2, 16) Firoonni keessan fakkeenya keessan ilaaluudhaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaʼela gammachuu qabu akka qaban, ijoollee isaanii akka gaariitti akka guddisan, akkasumas jireenya qulqulluu, naamusa gaarii qabuu fi gammachiisaa taʼe akka jiraatan akka hubatan godhaa. Firoonni keenya matumaa dhugaa kan hin fudhanne yoo taʼan illee, jireenya qulqulluu jiraachuudhaan garaa Yihowaa ciibsuu keenyatti gammachuu argachuu ni dandeenya. w17.10 15 key. 13-14
Roobii, Onkoloolessa 16
Waaqayyo duratti fudhatamaa [godhii of dhiheessi].—2 Xim. 2:15.
Yeroo harʼaatti namoonni hedduun Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu isaaniitiin jijjiirama guddaa gochuun isaanii nu dinqisiisuu qabaa? Matumaa! Muuxannoon akkasii obbolootaa fi obboleettota jaarraa jalqabaa samii irra jiraachuuf abdii qaban nu yaadachiisa. (1 Qor. 6:9-11) Phaawulos ergamaan namoota Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalle hedduu erga tarreessee booda, “Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan” jedheera. Haa taʼu malee, gargaarsa Kitaaba Qulqulluu fi hafuura qulqulluutiin jijjiiramaniiru. Taʼus erga dhugaa fudhatanii booda illee, tokko tokko rakkina hafuuraa cimaa moʼuu qabu turan. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaana dibamaa jaarraa jalqabaatti gumiidhaa baafamuu qabu tokko caqaseera; namni kun garuu yeroo booda gumiitti deebiʼeera. (1 Qor. 5:1-5; 2 Qor. 2:5-8) Obboloonnii fi obboleettonni keenya, humna Dubbiin Waaqayyoo qabuun jijjiirama hedduu gochuu dandaʼuun isaanii kan nama jajjabeessu dha. Nutis akka gaariitti itti fayyadamuu barbaanna. w17.09 23-24 key. 2-3
Kamisa, Onkoloolessa 17
Dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna.—1 Yoh. 3:18.
Jaalalli seera buʼuuraa sirrii taʼe irratti hundaaʼe (agaappeen), kennaa Yihowaa biraa argame dha. Maddi jaalala kanaa isa dha. (1 Yoh. 4:7) Jaalalli akkasii gosa jaalalaa isa hunda irra caalu dha. Jaalalli kun miira hoʼaa fi walitti dhihaachuu kan dabalatu taʼu iyyuu, hunda caalaa ofittummaa irraa walaba taʼanii warra kaaniif wanta gaarii gochuudhaan beekama. Akka kitaabni tokko ibsetti, agaappeen “gocha isaa qofaan addaan baafamee beekama.” Jaalala ofittummaa hin qabne yommuu argisiisnu ykn nutti argisiifamu, jireenyi keenya mijataa taʼa, gammachuu fi kaayyoos ni qabaata. Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniin uumuu isaa dura illee ilmaan namootaatti jaalala argisiiseera. Lafa kan uume namoonni bara baraaf akka irra jiraatan qofa utuu hin taʼin, bakka gammachuu itti argatan akka taatuuf ture. Yihowaan kana kan godhe faayidaa keenyaaf malee, ofii buʼaa irraa argachuuf jedhee miti. Kana malees, Yihowaan ijoolleen isaa Jannata inni isaaniif qopheesse keessa bara baraaf lafa irra akka jiraatan yommuu isaan eebbisetti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera. w17.10 7 key. 1-2
Jimaata, Onkoloolessa 18
Nama akka ofii keetti jaalladhu.—Yaq. 2:8.
Yaaqoob itti dabaluudhaanis, “Looguu keessan yoo itti fuftan garuu, cubbuu hojjechuu [keessani]” isaaniin jedheera. (Yaq. 2:9) Jaalalli garuu sadarkaa barumsaa, sanyii ykn iddoo hawaasa keessatti qabaniin namoota akka wal hin caalchisne nu kakaasa. Looguu dhiisuun wanta fakkeessuudhaaf goonu utuu hin taʼin, wanta garaadhaa goonu taʼuu qaba. Jaalalli “obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa”; akkasumas “of hin bokoksu.” (1 Qor. 13:4) Ergaa Mootummichaa namoota kaanitti himuu keenya itti fufuun obsa, garraamummaa fi gad of qabuu akka gaafatu beekamaa dha. (Mat. 28:19) Amalawwan kana gumii keessatti kan argisiisnu yoo taʼe, obboloota keenya hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf nu gargaara. Jaalala akkasii argisiisuun eebba akkamii argamsiisa? Gumiiwwan tokkummaa akka qabaatanii fi Yihowaadhaaf ulfina kan fidan akka taʼan kan taasisu taʼuu isaa irra iyyuu, namoonni haaraan gara Yihowaatti akka dhihaatan godha. Yaanni Kitaaba Qulqulluu waaʼee namummaa haaraa dubbatu dhugaa buʼuuraa akkana jedhuun xumuramuun isaa sirrii dha: “Wantoota kana hundumaa malees, jaalala uffadhaa; sababiin isaas jaalalli mudaa kan hin qabne godhee tokkummaadhaan nama walitti hidha.”—Qol. 3:14. w17.08 26 key. 18-19
Sanbadduraa, Onkoloolessa 19
[Waaqayyo] saba isaatiif . . . waan ooʼeef, siʼa baayʼee isaan . . . akeekkachiisee ture.—2 Sen. 36:15.
Nutis namoota cubbuu isaanii irraa yaada geddaratanii Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadaniif garaa laafuu hin qabnuu? Yihowaan guyyaa murtii dhufu irratti eenyu iyyuu akka badu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Kanaaf, hamma Waaqayyo namoota hamoo taʼan balleessutti, akeekkachiisa inni gara laafinaan kennu kana labsuu keenya itti haa fufnu. Barumsi Yesuus irraa argannus jira. Namoonni hedduun inni arge, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii” waan turaniif gara laafina isaanitti argisiiseera. Yesuus haala gaddisiisaa isaan keessa jiran yommuu argu maal godhe? “Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.” (Mat. 9:36; Mar. 6:34) Ilaalchi isaa ilaalcha Fariisota warra namoota iddoo guddaa hin qabne gargaaruuf fedhii hin qabne irraa baayʼee adda ture. (Mat. 12:9-14; 23:4; Yoh. 7:49) Ati hoo akkuma Yesuus namoota karaa hafuuraa beelaʼan sooruuf fedhii guddaa qabdaa? w17.09 10 key. 6, 9
Dilbata, Onkoloolessa 20
Wanta ani [hojjedhu] kan garagalchu hin jiru.—Isa. 43:13.
Yoseef yommuu Gibxii keessa mana hidhaa turetti, biyyattii keessatti mootichatti aanee aangoo guddaa akka qabaatu ykn Yihowaan maatii isaa beela irraa baraaruuf akka isatti fayyadamu beeka turee? (Uma. 40:15; 41:39-43; 50:20) Wanti Yihowaan raawwate wanta Yoseef eege hunda irra kan caalu akka ture hin shakkisiisu. Saaraan ishiin dulloomte Yihowaan ilma ofii ishii akka godhattu akka ishiidhaaf heyyamu eegdee turtee? Yisihaaq dhalachuun isaa wanta Saaraan eegdu hunda irra kan caalu ture. (Uma. 21:1-3, 6, 7) Dhugaa dha, Yihowaan addunyaa haaraan abdachiifame dhufuu isaa dura rakkina keenya hunda dinqiidhaan akka balleessu hin eegnu ykn jireenya keenya keessatti wantoonni ajaaʼibsiisaa taʼan akka raawwataman hin gaafannu. Haa taʼu malee, Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen tajaajiltoota isaa akka gargaare beekna. (Isa. 43:10-12) Yihowaan humna fedha isaa guutummaatti raawwachuuf nu barbaachisu nuu kennuuf wanta kam iyyuu gochuu akka dandaʼu beekna. (2 Qor. 4:7-9) Yoo isaaf amanamoo taane Yihowaan wanta kan moʼamuu hin dandeenye fakkaatu akka moonu nu gargaaruu ni dandaʼa. w17.08 11-12 key. 13-14
Wiixata, Onkoloolessa 21
Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in baʼa.—Fak. 16:3.
Tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuun kee, obboloota akkuma kee tajaajila kana irratti hirmaatanii wajjin hariiroo akka qabaattuu fi karaa hafuuraa bilchina akka qabaattu si gargaara. Namoonni hedduun dargaggummaa isaaniitti yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun isaanii gaaʼela milkaaʼina qabu akka qabaatan isaan gargaareera. Yeroo baayʼee, obboloonni utuu gaaʼela hin godhatin qajeelchaa taʼanii tajaajilaa turan, gaaʼela erga godhatanii boodas waliin itti fufuu dandaʼaniiru. (Rom. 16:3, 4) Karoora baafachuun garaa kee qopheessuu dabalata. Faarfannaan 20:4 waaʼee Yihowaa, “Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!” jedha. Kanaafuu, jireenya keetti akkamitti fayyadamuu akka qabdu yaadi. Yihowaan bara keenya kanatti maal raawwachaa akka jiruu fi tajaajila isaa irratti karaa kamiin hirmaachuu akka dandeessu yaadi. Achiis wanta isa gammachiisu raawwachuuf karoorfadhu. Yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun kee, daandii jireenyaa Waaqayyoof ulfina fidu waan taʼeef gammachuu guddaa siif argamsiisa. Eeyyee, “Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.”—Far. 37:4. w17.07 26 key. 15-18
Kibxata, Onkoloolessa 22
Yaahiin jajadhaa! . . . isa jajachuun nama gammachiisa, sirrii dhas!—Far. 147:1, NW.
Namni tokko hojii kennameef akka gaariitti yommuu raawwatu ykn amala Kiristiyaanaa gaarii taʼe tokko yommuu argisiisu galateeffamuu qaba. Namootaaf kun dhugaa yoo taʼe, Waaqa keenya Yihowaa immoo kana caalaa galateeffachuu hin qabnuu? Humna isaa isa guddaa uumamawwan isaa dinqisiisoo taʼan irratti mulʼateef ykn jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabuun ilma isaa aarsaa furii godhee dhiheessuu isaatiif isa galateeffachuu dandeenya. Barreessaan Faarfannaa 147ffaa Yihowaa galateeffachuuf kakaʼeera. Kana malees, namoonni kaan isaa wajjin Waaqayyoon akka jajatan jajjabeesseera. (Far. 147:7, 12) Faarfannaa kana eenyu akka barreesse sirriitti beekuu baannus, faarfatichi yeroo Yihowaan Israaʼeloota boojuu Baabilon jalaa bilisa itti baase keessa waan jiraate fakkaata. (Far. 147:2) Sabni Waaqayyoo boojuu jalaa bilisa baʼanii gara bakka waaqeffannaa isaanii isa dhugaatti deebiʼuun isaanii, faarfatichi Yihowaa akka galateeffatu isa kakaaseera. Jireenya keenya keessatti sagalee ol kaasnee “Yaahiin jajadhaa!” jechuuf sababii maalii qabna? w17.07 17 key. 1-3
Roobii, Onkoloolessa 23
Yommuu qabeenyi kun dhumu isaan bakka jireenyaa bara baraatti akka isin simataniif, qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.—Luq. 16:9.
Yesuus duuka buutota isaa keessaa baayʼeen isaanii sirna daldalaa namoota wal caalchisu keessa jiraachuu akka qaban beeka ture. Yesuus qabeenyaan ‘jalʼaa’ jedhee kan waame maaliif akka taʼe ibsuu baatus, Kitaabni Qulqulluun daldalli kutaa kaayyoo Waaqayyoo akka hin turre ifatti dubbata. Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniif baayʼinaan wanta isaan barbaachisu Eeden keessatti isaaniif kennee ture. (Uma. 2:15, 16) Yeroo boodas, yeroo hafuurri qulqulluun gumii dibamtootaa jaarraa jalqabaatti ture irratti hojjechuu jalqabu, “isaan keessaa namni tokko illee wanti inni qabu kan isaa akka taʼe godhee hin dubbatu ture; kanaa mannaa wanta qaban hunda waliin itti fayyadamu turan.” (HoE. 4:32) Isaayaas raajichi yeroon ilmaan namootaa hundi qabeenya lafaatti tola itti fayyadaman akka dhufu dubbateera. (Isa. 25:6-9; 65:21, 22) Hamma yeroo sanaatti garuu, duuka buutonni Yesuus karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachaa, “qabeenya jalʼinaa” addunyaa kanaatti fayyadamuuf “ogummaa” qabaachuun isaan barbaachisa.—Luq. 16:8. w17.07 8 key. 4-6
Kamisa, Onkoloolessa 24
Wanti inni qabu hundinuu harka kee keessa jira.—Iyo. 1:12.
Kitaaba Iyoob keessatti gaaffiin Seexanni Iyoob irra rakkinni cimaan yoo gaʼe Waaqayyoon ni gana jechuudhaan kaase ibsameera. Seexanni, Waaqayyo Iyoobitti rakkina akka fidu yaada dhiheesse. Kan kana raawwate Yihowaan taʼuu baatus, Seexanni akka isa qoru heyyame. Iyoob yeroo gabaabaa gidduutti hojjetoota, horii fi ijoollee isaa kurnan dhabe. Seexanni waan Waaqayyo rakkina kana hunda Iyoobitti fide fakkeessuudhaan kana raawwate. (Iyo. 1:13-19) Achiis Seexanni dhukkuba baayʼee cimaa taʼeen Iyoobiin rukute. (Iyo. 2:7) Wanti haati manaa isaa fi namoonni michoota isaati ofiin jedhan sadan dubbatan immoo rakkinni isaa kun akka itti caalu godheera. (Iyo. 2:9; 3:11; 16:2) Buʼaan isaa maal ture? Himanni Seexanni kaase guutummaatti soba taʼuun isaa mirkanaaʼeera.—Iyo. 27:5. w17.06 24 key. 9-10
Jimaata, Onkoloolessa 25
Namni . . . miseensota maatii isaatiif wanta barbaachisu hin dhiheessine, amantii kan [gane dha].—1 Xim. 5:8.
Mataawwan maatii yeroo harʼaatti jiran, wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun itti gaafatamummaa isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka taʼe ni hubatu. Dirqama isaanii kana raawwachuuf jabaatanii hojjechuu qabu. Haa taʼu malee, guyyoota dhumaa kana keessatti hojiin yeroo baayʼee wanta dhiphina namatti fidu taʼeera. Hojiiwwan muraasa jiran argachuuf dorgommii cimaa jiruun kan kaʼe, yeroo tokko tokko qacaramtoonni hedduun miindaa xinnoodhaan saʼaatii dheeraa hojjechuuf illee akka dirqaman dubbatu. Akkasumas, oomisha guddisuuf dhiibbaan godhamu qacaramtoonni karaa qaamaa, sammuu fi miiraatiin akka miidhaman gochaa jira. Hojjettoonni aarsaa akkasii kaffaluu hin barbaanne hojii isaanii dhabuuf saaxilamuu dandaʼu. Kiristiyaanota waan taaneef, hunda caalaa amanamoo taʼuu kan qabnu Yihowaadhaaf malee namoota nu hojjechiisaniif miti. (Luq. 10:27) Hojiin wantoota buʼuuraa guuttachuuf nu gargaara. Kanaaf, wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuu fi tajaajila keenya deggeruuf hojjenna. Yoo of eeggannoo gochuu baanne garuu, hojiin waaqeffannaa keenyatti gufuu taʼuu dandaʼa. w17.05 23 key. 5-7
Sanbadduraa, Onkoloolessa 26
Abbaa kee isa si dhalche dhagaʼi, yommuu haati kee dulloomtus ishee hin tuffatin!—Fak. 23:22.
Darbee darbee, namoonni haaraa taʼan babalʼistoonni muuxannoo qaban ijoollee isaanii dhugaa barsiisuudhaan akka isaan gargaaran, gaafatu taʼa. Warri, namni tokko ijoollee isaanii akka qoʼachiisu yoo murteessan, namni qoʼachiisu sun gaʼee warraa fudhachuuf yaaluu hin qabu. (Efe. 6:1-4) Yeroo tokko tokko Dhugaa Baatuun tokko ijoollee warri isaanii dhugaadhaaf fedhii hin qabne akka qoʼachiisu gaafatamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatuun sun gargaarsa hafuuraa yommuu isaaniif godhutti, ijoollee sanaaf haadha ykn abbaa akka hin taane yaadachuu qaba. Qoʼannaan akkasii yommuu geggeeffamu, bakka warri isaanii jiranitti mana ijoollee sanaatti ykn bakka Dhugaa Baatuun muuxannoo qabu jirutti ykn bakka mijaaʼaa namoonni isaan arguu dandaʼanitti taasifamuun isaa gaarii dha. Yoo akkas taʼe, namni kam iyyuu wanta raawwatamaa jiru karaa dogoggoraatiin hubachuuf sababii hin qabaatu. Gaaf tokko, tarii warri waaʼee Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuu dandaʼu taʼa. w17.06 8 key. 15-16
Dilbata, Onkoloolessa 27
[Ani] yoon hubachuu baadhe, . . . namni dubbatu [sun] anatti keessummaa taʼa.—1 Qor. 14:11.
Ijoolleen aadaa warra isaanii hin beekan taanaan, qooqaa fi amantii warra isaanii barachuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandaʼu. Warri Kiristiyaana taʼan fedhii mataa isaaniitiif utuu hin taʼin, haala hafuuraa ijoollee isaaniitiif dursa kennuu qabu. (1 Qor. 10:24) Obboleessi Saamuʼel jedhamu tokko akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo ijoolleen keenya karaa hafuuraa guddachuu kan dandaʼan qooqa isa kamiin yoo baratan akka taʼe hubachuuf yaalii gooneerra; ogummaa argachuufis kadhannaa dhiheessineerra. . . . Walgaʼii qooqa keenyaan geggeeffamu irraa faayidaa guddaa argachaa akka hin jirre yommuu hubannu, gumii qooqa naannoo sanaan geggeeffamutti jijjiirrachuuf murteessine. Ijoollee keenyaa wajjin yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamna, tajaajila irrattis ni hirmaanna. Obboloota naannoo sana keessa jiranis nyaata ni afeerra, akkasumas bakka bashannanaa akka nu waliin deeman isaan afeerra turre. Kun hundi ijoolleen keenya obbolootaa wajjin caalaatti akka wal baran isaan gargaareera; Yihowaa akka Waaqa isaaniitti qofa utuu hin taʼin, akka Abbaa isaanii fi akka Michuu isaaniitti akka isa ilaalan isaan taasiseera. Kun qooqa keenya akka gaariitti beekuu caalaa wanta bakki guddaan kennamuufii qabu akka taʼe nutti dhagaʼama.” w17.05 10 key. 11-13
Wiixata, Onkoloolessa 28
Waaqayyoon jajadhaa!—Abo. 5:2.
Yeroo dhihootti lafti namoota wanta kam iyyuu caalaa ol aantummaa Yihowaa filataniin guutamti. Guyyaa sana hawwiidhaan eegganna! Deboraa fi Baaraaqii wajjin akkana jennee faarfanna: “Yaa Waaqayyo diinonni kee akkasuma haa badan! Warri si jaallatan garuu, akka biiftuu humna ishee guutuudhaan baatee ibsituu haa taʼan.” (Abo. 5:31) Wawwaannaan kun yeroo Yihowaan addunyaa Seexanaa isa hamaa kana balleessutti deebii argata! Yeroo waraanni Armaagedoon jalqabutti, namoonni fedhiidhaan of dhiheessan diinota isaanii loluuf akka kaʼan isaan irraa hin eegamu. Yeroon sun yeroo ‘iddoo qabannee dhaabachuudhaan, moʼicha Waaqayyo nuuf kennu itti ilaallu dha.ʼ (2 Sen. 20:17) Hamma yeroo sanaatti garuu, ija jabinaa fi hinaaffaadhaan bulchiinsa Yihowaa deggeruuf carraa hedduu qabna. “[Sabichi] fedha isaaniitiin of kennuu isaaniitiif, Waaqayyoon jajadhaa!” Deboraa fi Baaraaq faarfannaa moʼichaa isaanii kan jalqaban, uumama utuu hin taʼin Isa Hundumaa Gararraa jiru jajachuudhaan ture. (Abo. 5:1, 2) Yeroo harʼaattis, fedhiidhaan of dhiheessuun keessan namoonni faayidaa irraa argatan hundi ‘Waaqayyoon akka jajatan’ kan kakaasu haa taʼu. w17.04 32 key. 17-18
Kibxata, Onkoloolessa 29
Mana boollaa kana keessa kan na buusisu, ani waan tokko illee hin hojjenne.—Uma. 40:15.
Yoseef miidhaa isa irra gaʼe kan hin daganne taʼus, gara waggaa 13tiif rakkina keessa yeroo turetti illee rakkinichi jireenya isaa akka hadheessu hin heyyamne. (Uma. 45:5-8) Hunda caalaa immoo, hirʼinni ykn gochi dogoggoraa namoota kaanii Yihowaa irraa akka adda isa baasu hin heyyamne. Yoseef amanamaa taʼuun isaa Yihowaan jalʼina isa irratti raawwatame yeroo sirreessuu fi isas taʼe maatii isaa yeroo eebbisu arguuf isa dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, nutis hariiroo Yihowaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennuu fi eegumsa gochuu qabna. Hirʼinni obboloota keenyaa, Waaqa keenya isa jaallannuu fi waaqeffannu irraa akka adda nu baasu heyyamuu hin qabnu. (Rom. 8:38, 39) Kanaa mannaa, namoota hidhata amantii keenyaa taʼan irraa jalʼinni haqaa yoo nu mudate, ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu qabaachuuf carraaquudhaan akkuma Yoseef caalaatti isatti haa dhihaannu. Haalichaaf furmaata kennuuf karaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼeen hamma dandeenyu carraaqqii erga goonee booda, Yihowaan yeroo isaatti karaa mataa isaatiin akka sirreessu amanuudhaan harka Yihowaatti dabarsinee kennuu qabna. w17.04 21 key. 12; 22 key. 15-16
Roobii, Onkoloolessa 30
Mucaa ilmaas yoo anaaf kennite, ani immoo mucicha guutummaa bara jireenya isaatiitti siif nan kenna.—1 Sam. 1:11.
Haannaan akkuma Waaqayyoof waadaa galte goote. Matumaa waadaa galte raawwachuu dhiisuu hin yaanne. Saamuʼeliin gara Elii isa Luba Ol Aanaa taʼee fi godoo qulqullaaʼaa isa Shiiloo jiru keessa tajaajilutti isa geessuudhaan, “Ani mucaa argachuudhaaf isa kadhadheen ture, innis waanan isa kadhadhe anaaf in kenne. Kanaaf ani immoo mucicha galchii godhee Waaqayyoof nan kenna; innis guutummaa bara jireenya isaatiitti Waaqayyoof in kennama” jette. (1 Sam. 1:24-28) Achitti, “Saamuʼel mucichis Yihowaa duratti guddachaa deeme.” (1 Sam. 2:21, NW) Haa taʼu malee, kun Haannaa irratti jijjiirama akkamii fida? Ilma ishii isa xinnoo kana baayʼee kan jaallatu taʼu illee, yeroo ijoollummaa isaa kanatti yeroo hunda isaa wajjin taʼuu hin dandeessu turte. Akkuma haati gaariin tokko yeroo mucaa ishii guddistu gochuu barbaaddu isa hammachuuf, isaa wajjin taphachuu fi isa kunuunsuuf hangam akka hawwitu tilmaamuu dandeessu. Taʼus, Haannaan waadaa Waaqayyoof galte raawwachuu ishiitiin matumaa hin gaabbine. Garaan ishii Yihowaatti gammadeera.—1 Sam. 2:1, 2; Far. 61:1, 5, 8. w17.04 5 key. 7-8
Kamisa, Onkoloolessa 31
Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki.—2 Xim. 3:1.
Phaawulos ergamaan wantoota ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kanatti raawwataman ilaalchisee raajii erga dubbatee booda hafuuraan geggeeffamee akkana jedhee barreesseera: “Namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni . . . isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deemu.” (2 Xim. 3:2-5, 13) Wantoonni raajiidhaan dubbataman kun yommuu raawwataman argiteettaa? Baayʼeen keenya namoota hamoo, jechuunis namoota abbaa humnaa taʼan, namoota haalaalatti nama jibbanii fi yakkamtoota gara jabeeyyii taʼaniin kallattiidhaan miidhaan nu irra gaʼeera. Isaan keessaa tokko tokko ifumatti wanta hamaa raawwatu; kaan immoo namoota kan gargaaran fakkaatanis hamoo dha. Miidhaan nu irra gaʼuu baatus namoonni hamoon akkasii dhiibbaa nu irraan geessisuun isaanii hin oolu. Gocha gara jabinaa isaan raawwatan yommuu dhageenyu baayʼee gaddina. Namoonni hamoon ijoollee, maanguddootaa fi namoota nama isaan gargaaru hin qabne akka cunqursan yommuu dhageenyu gadda guddaatu nutti dhagaʼama. Namoonni hamoon amala gocha namummaatiin ala taʼee fi kan bineensotaa, darbees kan jinniiwwanii fakkaatu argisiisu. (Yaq. 3:15) Kan nama gammachiisu garuu, Dubbiin Yihowaa oduun nama gaddisiisu kun oduu nama gammachiisuun akka bakka buufamu ibsa. w17.04 10 key. 4