Sadaasa
Jimaata, Sadaasa 1
Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa [fagaadhaa], . . . sirriitti [yaaduudhaan], qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan [taʼuudhaan jiraadhaa].—Tit. 2:12.
Of adabuun amalaa fi ilaalcha keenya fooyyessuuf jecha of toʼachuu dabalata. Kan dhalanne amala of adabuu qabaannee miti. Kanaa mannaa barachuu qabna. Warri itti fufiinsaa fi obsaan “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” ijoollee isaanii warra xixinnoo yeroo leenjisan, ijoolleen isaanii amala of adabuu fi ogummaa akka horatan gargaaru. (Efe. 6:4) Haalli kun warra erga guddatanii booda Yihowaa beekaniifis ni hojjeta. Dhugaa dha, isaan duruma iyyuu amala of adabuu hamma tokko horataniiru taʼa. Haa taʼu malee, barataa haaraan tokko jalqaba irratti gama hafuuraatiin gaʼeessa hin taʼu. Taʼus, namni akkasii “namummaa haaraa” akka Kiristoos uffachuu barachuudhaan irraa jalaan gara gaʼumsaatti guddachuu dandaʼa. (Efe. 4:23, 24) Guddina kana gochuuf of adabuun baayʼee barbaachisaa dha. w18.03 29 key. 3-4
Sanbadduraa, Sadaasa 2
Keessummoota simachuu amaleeffadhaa.—Rom. 12:13.
Namoota walgaʼii Kiristiyaanaa keenya irratti argaman hunda, akkuma keenya keessummoota maaddii hafuuraa irratti dhihaatan waan taʼaniif isaan simanna. Kan nu afeeran Yihowaa fi jaarmiyaa isaa ti. (Rom. 15:7) Namoonni haaraan yommuu dhufan Yihowaa fi jaarmiyaa isaa wajjin taanee isaan simanna jechuun ni dandaʼama. Haalli uffannaa ykn haalli rifeensa isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoota haaraa kana simachuuf maaliif dursa hin fudhattu? (Yaq. 2:1-4) Keessummaan tokko kophaa isaa jira taanaan, si wajjin akka taaʼu maaliif hin afeertu? Saganticha akka hordofuu fi tarii immoo caqasa dubbifamaa jiru argachuu akka dandaʼuuf gargaarsa ati isaaf gootu ni dinqisiifata taʼa. Karaan ‘keessummoota simachuu itti amaleeffannu’ inni gaariin tokko kana dha. Obboloonni gumii kan biraa keessa jiran, daawwattoonni ol aanaa aanaa fi yeroo tokko tokko immoo bakka buʼoonni waajjira damee dhufanii yommuu haasaa nuu kennan ni gammanna. Yeroowwan akkasii kun obboloota kana keessummummaa simachuuf carraa nuu banu. (3 Yoh. 5-8) Karaa gaariin kana gochuu itti dandeenyu inni tokko afeerraa salphaa taʼe ykn nyaata dhiheessuu dha. Isin hoo kana gochuu ni dandeessuu? w18.03 15 key. 5, 7
Dilbata, Sadaasa 3
Akkan hin cuuphamne wanti na dhowwu maali dha?—HoE. 8:36.
Fakkeenya nama Yihudii Kiristiyaanota irra ariʼatama geessisaa ture tokkoo haa ilaallu. Inni saba Waaqayyoof of murteessee ture tokko keessaa dhalate. Haa taʼu malee, Yihudoonni hariiroo addaa Yihowaa wajjin qaban dhabanii turan. Namichi kun duudhaawwan amantii Yihudiitiif kan hinaafu ture; taʼus wanta kana irra caalu barateera. Dhuunfaatti kan dhugaa isaaf baʼe, Yesuus Kiristoos isa duʼaa kaafamee fi ulfina argate ture. Namichi kun deebii akkamii kenne ree? Gargaarsa Hanaaniyaan inni barataa Yesuus taʼe isaaf kenne fudhateera. Namicha sana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Achiis kaʼee ni cuuphame” jedha. (HoE. 9:17, 18; Gal. 1:14) Namni Yihudii kun isa yeroo booda Phaawulos ergamaa jedhame taʼuu isaa akka hubattan beekamaa dha. Haa taʼu malee, Phaawulos gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo raawwachiisuu keessatti qabu ilaalchisee dhugaa jiru erga hubatee booda tarkaanfii fudhachuu isaa qalbeeffadhaa. Utuma hin turin ni cuuphame. (HoE. 22:12-16) Ijoollees taʼan maanguddoo barattoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaa jiranis akkasuma godhu. w18.03 5-6 key. 9-11
Wiixata, Sadaasa 4
Ani akka nama fooniitti malee akka nama hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.—1 Qor. 3:1.
Yaaqoobiif jireenyi salphaa hin turre. Obboleessa isaa Esaawuu isa ilaalcha foonii qabuu fi isa ajjeesuu barbaadu dandaʼee jiraachuu qaba ture. Kana malees, dhiibbaa soddaa isaa isa irra deddeebiʼee isa gowwoomsuudhaan itti fayyadamuuf yaalee dandaʼuun isa barbaachiseera. Yaaqoob namoota fooniitiin kan marfame taʼus nama hafuuraa ture. (1 Qor. 2:14-16) Waadaa Waaqayyo Abrahaamiif gale irratti amantii qaba ture; maatii kaayyoo Yihowaa raawwachuu irratti gaʼee addaa qabu kunuunsuuf wanta dandaʼu hunda godheera. (Uma. 28:10-15) Dubbiinii fi gochi Yaaqoob ulaagaawwanii fi fedhii Waaqayyoo akka yaadatu kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf, yommuu Esaawuun kan kaʼe sodaan itti dhagaʼamee turetti, “Akka na oolchituuf sin kadhadha! Ati iyyuu, ‘Ani gaarii siif nan godha, sanyii kees akka cirracha galaanaa . . . nan godha’ jetteetta” jedhee Waaqayyoon kadhateera. (Uma. 32:6-12) Yaaqoob waadaa Waaqayyo gale irratti amantii qaba ture; tarkaanfii fedhii fi kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal simu fudhachuu barbaadee akka ture ifa dha. w18.02 20 key. 9-10
Kibxata, Sadaasa 5
Inni hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha.—Iyo. 1:8.
Iyoob jireenya isaa keessatti jijjiirama guguddaa argeera. Iyoob qoramuu isaa dura, “Namoota gara baʼa-biiftuu jiraatan hundumaa keessaa inni nama guddaa ture.” (Iyo. 1:3) Sooressa, nama beekamtii qabuu fi kabajamaa ture. (Iyo. 29:7-16) Iyoob wantoota kana hundumaa kan qabu taʼus, akka guddaatti of hin ilaalle ykn Waaqni akka isa hin barbaachisne isatti hin dhagaʼamne. Sirumaa iyyuu Yihowaan, “garbicha koo” isaan jedheera. Seexanni Iyoobiin miidhuu fi rakkina kan isatti fide Waaqayyo akka taʼe akka yaadu gochuuf, gara jabinaan walitti aansee qorumsa isatti fide. (Iyo. 1:13-21) Achiis namoonni sadi isa jajjabeessuuf kan dhufan fakkaatanii Waaqni akkuma hojii isaatti akka isaaf kenne dubbachuudhaan isa miidhaniiru! (Iyo. 2:11; 22:1, 5-10) Taʼus, Iyoob amanamummaa isaa eegeera. Yeroo qorumsi Iyoob xumuramu, Yihowaan wanta inni qorumsa dura qabu dachaa godhee kan isaaf kenne taʼuu isaa irra iyyuu, dabalataan waggaa 140 akka jiraatu godheera. (Yaq. 5:11) Yeroo kanattis guutummaatti nama Waaqayyoof bulu taʼuu isaa itti fufeera. w18.02 6 key. 16; 7 key. 18
Roobii, Sadaasa 6
Namoonni . . . kan of jajan, kan of tuulan . . . kooraan kan of bokoksan [taʼu].—2 Xim. 3:2, 4.
Namoonni amalawwan akkanaa qaban dinqisiifannaa fi kabaja guddaa argachuu hawwu. Hayyuun tokko nama koorri isa toʼate ilaalchisee, “[Namni akkasii] garaa isaa keessatti iddoo aarsaa xiqqoo ofii isaatiif itti sagadu qaba” jechuudhaan barreesseera. Namoonni tokko tokko, koorri daangaa isaa darbe jibbisiisaa fi namumti kooru sun illee warra kaan irratti kan jibbu akka taʼe dubbatu. Yihowaan kooraaf jibba guddaa akka qabu beekamaa dha. Inni “nama waan guddaatti of ilaalu” ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Koorri, Waaqatti akka hin dhihaanne nu dhoowwa. (Far. 10:4) Amala Diyaabilos ittiin beekamu dha. (1 Xim. 3:6) Kan nama gaddisiisu garuu, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo turan tokko tokko illee koorri isaan toʼatee ture. Mootii Yihudaa kan ture Uziyaan waggoota baayʼeedhaaf nama amanamaa ture. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Uziyaan nama jabaa erga taʼee booddee, of gurguddisee kufaatii ofitti in fide; inni ofuma isaatiin gara mana qulqullummaatti ol gale . . . Waaqayyoon gooftaa isaa in yakke.” Booda immoo, Hisqiyaas Mootichis yeroodhaaf qofa taʼus koorri isa toʼatee ture.—2 Sen. 26:16; 32:25, 26. w18.01 28 key. 4-5
Kamisa, Sadaasa 7
Tokkoon tokkoon keessan . . . akkuma galii keessaniitti hamma tokko adda baasaatii kaaʼaa.—1 Qor. 16:2.
Tajaajiltoonni Yihowaa hojii isaa deggeruuf jecha buusii gochaa akka turan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisna. Yeroo tokko tokko tajaajiltoonni Yihowaa hojii hojjetamaa jiru tokko deggeruuf buusii godhu. (Bau. 35:5; 2 Mot. 12:4, 5; 1 Sen. 29:5-9) Gumii Kiristiyaanaa isa jalqabaa keessatti sababa beelaatiin gargaarsi barbaachisee yeroo turetti, obboloonni “obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa erguuf jecha hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan.” (HoE. 11:27-30) Dhugaa dha, buusiiwwan kun maddi isaanii adda adda dha. Jaarraa jalqabaatti immoo, Kiristiyaanonni tokko tokko lafaa fi mana dabalatee qabeenya qaban gurguranii qarshicha gara ergamootaatti fidu turan. Ergamoonnis buusiiwwan sana warra isaan barbaachisuuf kennu turan. (HoE. 4:34, 35) Warri kaan immoo yeroo hunda qarshii adda baasanii kaaʼuudhaan hojicha deggeruuf buusii godhu. Kanaaf, warra baayʼee sooreyyii taʼanii kaasee hamma namoota baayʼee hiyyeeyyii taʼaniitti namoonni hundi buusii ni godhu turan.—Luq. 21:1-4. w18.01 18 key. 7; 19 key. 9
Jimaata, Sadaasa 8
Ijoollonni in dadhabu, in mudhukus.—Isa. 40:30.
Hammam iyyuu gaʼumsa yoo qabaanne illee, wanti jabina keenyaan qofa raawwachuu dandeenyu muraasa dha. Kana hundi keenya beekuu qabna. Phaawulos ergamaan nama gaʼumsa qabu kan ture taʼus, wanta barbaade hunda akka hin goone wanti isa daangessu jira ture. Wanta isa yaaddesse Waaqayyotti yeroo himatu Waaqayyo, “Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha” jedhee deebiseef. Phaawulos yaada kana hubateera. “Ani yeroon dadhabu yeroo sanatti humna qaba” jedheera. (2 Qor. 12:7-10) Kana yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Phaawulos qaama isa irra caalu irraa gargaarsa utuu hin argatin wanti gochuu dandaʼu muraasa taʼuu isaa hubatee ture. Phaawulos humna ofii isaatiif hin qabne hafuura Waaqayyoo irraa argachuu dandaʼeera. Kana malees, hafuurri Waaqayyoo Phaawulos hojiiwwan humna isaatiin hojjechuu hin dandeenye akka hojjetu isa dandeessiseera. Nu wajjin haala wal qabateenis kun dhugaa dha. Jabina kan arganne Yihowaa irraa yoo taʼe, dhuguma iyyuu nuti jaboo dha! w18.01 9 key. 8-9
Sanbadduraa, Sadaasa 9
Daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu . . . ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.—2 Xim. 3:15.
Mucaan keessan yommuu cuphamuuf fedhi argisiisu, meeshaalee jaarmiyaan Yihowaa warraaf qopheessetti akka gaariitti fayyadamaa. Akkas gochuun keessan, mucaan keessan Yihowaadhaaf of murteessee cuuphamuun isaa hammam iddoo guddaa akka qabuu fi eebba akka isaaf argamsiisu akka hubatu isa gargaara. Warra waan taataniif, ijoollee keessan “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisuuf mirgaa fi itti gaafatamummaa guddaa qabdu. (Efe. 6:4) Kana gochuun wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, wanta baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dabalatu dha. Eeyyee, amantii cimaa Yihowaadhaaf akka of murteessanii fi garaa guutuudhaan akka isa tajaajilan isaan kakaasu qabaachuutu isaan barbaachisa. Dubbiin Yihowaa, hafuurri isaa fi carraaqqiin isin gootan, ijoolleen keessan ‘fayyina argachuuf ogeessota akka taʼan’ kan isaan gargaaru haa taʼu. w17.12 22 key. 17, 19
Dilbata, Sadaasa 10
Guyyaa isa dhumaa sanattis kaatee in dhaabatta, gaʼaa kees in argatta.—Dan. 12:13.
Daaniʼel umuriin isaa gara waggaa 100 taʼee waan tureef duʼa jala gaʼee ture. Daaniʼel deebiʼee ni jiraataa laata? Kun akka taʼu homaa hin shakkisiisu! Xumura kitaaba Daaniʼel irratti Waaqayyo “Ati garuu hamma dhuma jireenya keetti dhaqi! In boqottas” jechuudhaan isaaf mirkaneessuu isaa dubbisna. Daaniʼel maanguddichi, namoonni duʼan ‘itti yaadanii waa qopheessuu, beekumsa, ogummaas’ waan hin qabneef boqonnaa irra akka jiran beeka ture. Daaniʼelis dhiheenyatti iddoo kana ni dhaqa. (Lal. 9:10) Taʼus kun dhuma isaa hin taʼu. Abdiin duʼaa kaʼuu isaaf kennameera. Ergaan Daaniʼel raajichatti himame itti fufuudhaan, yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame qabateera. Guyyaan isaas taʼe yeroon isaa hammam akka dheeratu itti hin himamne. Daaniʼel umurii isaa duʼaan xumuruu fi boqochuu qaba ture. Taʼu iyyuu, “Gaʼaa kees in argatta!” jedhamuun isaa, erga duʼee yeroo dheeraa booda duʼaa kaʼuuf abdii akka qabu argisiisa. Kun kan taʼu “guyyaa isa dhumaa sanatti.” Za Jerusaalem Baayibil abdii Daaniʼeliif kenname kana yeroo ibsu, “Dhuma yerichaatti gaʼee keetiif ni dhaabbatta” jedha. w17.12 7 key. 17-18
Wiixata, Sadaasa 11
Dhugaa baʼuu nama tokkootiin namni tokko illee hin ajjeefamin!—Lak. 35:30.
Yihowaan jaarsoliin Israaʼelootaa haqa ilaalchisee ulaagaa isaa isa ol aanaa akka hordofan isaan ajajeera. Jalqaba, jaarsoliin dhugaawwan jiran hubachuun isaan barbaachisa. Kana malees, dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf murteessuu isaanii dura kakaʼumsa, ilaalchaa fi amala namni nama ajjeese sun duraan qabu of eeggannoodhaan qoruu qabu. Haqa Waaqayyoo calaqqisiisuuf, namni baqatu sun kana kan godhe, ‘jibbaan’ akkasumas “riphee eeggatee” taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu qabu. (Lak. 35:20-24) Namoonni ragaa baʼan kan jiran yoo taʼe, nama nama ajjeese sanatti murteessuuf yoo xinnaate ragaa baatonni lama dhihaachuu qabu. Kanaafuu, jaarsoliin dhimma sana ilaalchisee dhugaa jiru erga hubatanii booda, gocha isaa qofa irratti utuu hin taʼin, namicha irrattis xiyyeeffachuu qabu. Dhimma sana gadi fageenyaan hubachuuf, hubannaa guddaa qabaachuu, jechuunis wanta dhimma sana duuba jiru beekuu qabu. Hunda caalaa immoo, hubannaa, araaraa fi haqa Yihowaa calaqqisiisuu akka dandaʼaniif hafuura qulqulluu argachuun isaan barbaachisa.—Bau. 34:6, 7. w17.11 16 key. 13-14
Kibxata, Sadaasa 12
Wantoota kana irratti xiinxali.—1 Xim. 4:15.
Saba Waaqayyoo wajjin jalqaba yommuu wal argine dhugaawwan gatiidhaan hin shallagamne tokko tokko beekneerra. Yihowaan Uumaa keenyaa fi isa jireenya nuuf kenne, akkasumas ilmaan namootaatiif kaayyoo kan qabu taʼuu isaa baranneerra. Kana malees, Waaqayyo cubbuu fi duʼa jalaa walaba nu baasuuf, jaalalaan kakaʼee Ilmi isaa aarsaa furii akka taʼu gochuu isaa baranneerra. Akkasumas Mootummaan isaa rakkina hunda akka balleessu, bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti nagaa fi gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf abdii akka qabaannu gochuu isaa baranneerra. (Yoh. 3:16; Mul. 4:11; 21:3, 4) Yeroo tokko tokko hubannaan raajii Kitaaba Qulqulluu ykn caqasa tokko ilaalchisee qabnu ni sirreeffama taʼa. Hubannaan haaraan akkasii yommuu nuuf dhihaatu, yeroo fudhannee odeeffannoo sana irratti of eeggannoodhaan qorannaa gochuu fi irratti xiinxaluu qabna. (HoE. 17:11) Sirreeffama guguddaa qofa utuu hin taʼin, garaagarummaa hubannaa isa duraan qabnuu fi isa haaraa gidduu jiruu fi salphaatti hubatamuu hin dandeenye sirriitti hubachuu barbaanna. Karaa kanaan, dhugaa haaraa mana kuusaa keenyatti dabalachuu keenya mirknaaʼoo taʼuu dandeenya. w17.06 12-13 key. 15-16
Roobii, Sadaasa 13
Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne.—Qol. 3:5.
Keessumaa haalawwan ejjennoo ulaagaa naamusaa Yihowaatiif qabnu akka laaffisnu nu godhan yommuu nu mudatanitti of eeggannoo guddaa gochuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf namoonni gaaʼelaaf wal qoratan lama jalqabumaa kaasanii, yeroo walii wajjin taʼanitti, harkaan wal qaqqabuu, wal dhungachuu ykn kophaa isaanii taʼuu ilaalchisee daangaa ifa taʼe baafachuu qabu. (Fak. 22:3) Haalawwan gama naamusaatiin balaa geessisan, yeroo Kiristiyaanni tokko hojiidhaaf mana irraa fagaatee deemu ykn nama saala faallaa qabuu wajjin kophaa isaa hojjetutti uumamuu dandaʼu. (Fak. 2:10-12, 16) Kana malees, dhiphina sammuu kan qabnuu fi kophummaan kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe balaa cimaa keessa seenuu dandeenya. Yeroo akkasiitti nama iddoo guddaa akka qabnu nu yaadachiisu argachuu barbaanna. Yeroo kanatti karaa miiraa nama nu deggeru baayʼisnee waan barbaannuuf, xiyyeeffannaa namni kam iyyuu nuuf kennu fudhachuu dandeenya. Haalli akkasii yoo si mudate, Yihowaa fi saba isaa irraa gargaarsa argachuuf carraaqqii godhi.—Far. 34:18; Fak. 13:20 w17.11 26 key. 4-5
Kamisa, Sadaasa 14
Mandaroota namni kooluu itti galu . . . qopheeffadhaa!—Iya. 20:2.
Yihowaan Israaʼel durii keessatti dhiiga dhangalaasuu kam iyyuu akka laayyootti hin ilaalu ture. Namoonni taʼe jedhanii nama ajjeesan, dhiira nama ajjeefame sanaaf fira dhihoo taʼee fi ‘gumaa baasuun’ ajjeefamu turan. (Lak. 35:19) Karaa kanaan, namni lubbuu ajjeese sun nama qulqulluu ajjeese sanaaf lubbuu isaa kaffala. Yihowaan, “Dhiigni [dhiiga namaa dhangalaasuun] biyya waan xureessuuf, biyya keessa teessan dhiigaan hin xureessinaa!” jedhee waan ajajeef, namni nama ajjeese sun atattamaan ajjeefamuun isaa Biyyattiin Abdachiifamte akka hin xuroofne eega. (Lak. 35:33, 34) Haa taʼu malee, Israaʼeloonni nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaase maal godhu turan? Gochi isaa dogoggoraan kan raawwatame taʼu iyyuu, namni utuu hin beekin nama ajjeese dhiiga qulqulluu waan dhangalaaseef itti gaafatama. (Uma. 9:5) Taʼus, nama gumaa baasu jalaa ooluuf magaalota kooluu itti galan jaʼan keessaa isa tokkotti baqachuun isaaf heyyamama ture. Bakka kanatti eegumsa argachuu dandaʼa. Namni utuu hin beekin nama ajjeese hamma lubni ol aanaan duʼutti magaalaa kooluu itti galan sana keessa jiraachuu qaba.—Lak. 35:15, 28. w17.11 9 key. 3-5
Jimaata, Sadaasa 15
Namni hubataan . . . salphina in dhoksa.—Fak. 12:16.
Obboleettiin Awustiraaliyaa jiraattu tokko akkana jetteetti: “Abbiyyuun koo dhugaa cimsee morma ture. Bilbilaan isa gaafachuu keenya dura, nutis akkuma isaa aariidhaan deebii akka hin kennine Yihowaan akka nu gargaaru ni kadhanna turre. Maree dheeraa gara falmii amantiitti geessu irraa fagaachuu akka dandeenyuuf, yeroo hammamiitiif akka mariʼannu dursinee murteessina.” Keessumaa firoota kee baayʼee kan jaallattuu fi yeroo hunda isaan gammachiisuu kan barbaaddu yoo taʼe, walitti buʼiinsi balleessaa akka hojjette akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jaalala maatii keetiif qabdu caalaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabduuf dursa kennuuf carraaqi. Ejjennoon akkasii firoonni kee dhugaa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun dhimma duʼaa fi jireenyaa taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaara. Kanas taʼe sana, dhugaa akka fudhatan namoota kaan dirqisiisuu akka hin dandeenye yaadadhu. Kanaa mannaa, faayidaa daandii Yihowaa hordofuun qabu si irraa akka hubatan godhi. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe akkuma nuuf godhe, isaaniis daandii hordofan akka filatan carraa isaaniif kenneera.—Isa. 48:17, 18. w17.10 15-16 key. 15-16
Sanbadduraa, Sadaasa 16
Dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna.—1 Yoh. 3:18.
Keessumaa yeroo haalli tarkaanfii fudhachuu gaafatu nu mudatutti jaalalli keenya jecha qofa irratti daangeffamuu hin qabu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe wanta buʼuuraa jireenyaaf isa barbaachisu yommuu dhabutti, akka isa jaallannu dubbachuun qofti gaʼaa miti. (Yaq. 2:15, 16) Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaa fi namootaaf qabnu, Waaqayyo ‘makarichatti hojjettoota akka ergu’ gaafachuu qofa utuu hin taʼin, hojii lallabaa irratti hirmaannaa guutuu gochuuf nu kakaasa. (Mat. 9:38) Yohaannis ergamaan, “hojii fi dhugaadhaan” wal jaallachuu akka qabnu barreesseera. Kanaaf, jaalalli keenya “fakkeessaa kan hin qabne” ykn “fakkeessaa irraa walaba” taʼuu qaba. (Rom. 12:9; 2 Qor. 6:6) Kana jechuun akka waan maaskii uffannee jirruutti, waan hin qabne tokko akka qabnu fakkeessaa jaalala dhugaa argisiisuu hin dandeenyu jechuu dha. ‘Jaalalli fakkeessaa qabu jiraa?’ jennee gaafanna taʼa. Hin jiru. Jaalalli akkasii fakkeessaa gatii hin qabne dha malee, matumaa jaalala jedhamuu hin dandaʼu. w17.10 8 key. 5-6
Dilbata, Sadaasa 17
Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! . . . wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti.—Iya. 1:8.
Dubbiin Waaqayyoo akka nu jijjiiruuf yeroo hunda, yoo dandaʼame immoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu nu barbaachisa. Baayʼeen keenya hojiin akka nutti baayʼatu beekamaa dha. Taʼus, itti gaafatamummaa keenya dabalatee, wanti kam iyyuu barsiifata dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyatti gufuu akka taʼu hin heyyamnu. (Efe. 5:15, 16) Sabni Yihowaa hedduun, ganama ykn galgala ykn guyyaa keessatti yeroo taʼe tokkotti Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf haala mijeeffataniiru. Isaanis akkuma faarfaticha isa, “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jedhee barreesse sanaa isaanitti dhagaʼama. (Far. 119:97) Kitaaba Qulqulluu dubbisuu qofa utuu hin taʼin, wanta dubbisne irratti xiinxaluun keenya barbaachisaa dha. (Far. 1:1-3) Ogummaa achi keessatti argamuu fi yeroon itti hin darbine, dhuunfaatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha. Kitaaba Qulqulluu kan dubbisnu isa waraqaadhaan maxxanfame irraas taʼe meeshaa elektirooniksii irraa, galmi keenya wanti dubbisnu garaa keenya keessa akka seenu gochuu taʼuu qaba. w17.09 24 key. 4-5
Wiixata, Sadaasa 18
Hundi keessan . . . gara laafina qabaadhaa.—1 Phe. 3:8.
Yeroo hundumaa gara laafina argisiisuun barbaachisaa miti. Fakkeenyaaf, Saaʼol Mootichi gara laafina argisiisuu akka qabu yeroo isatti dhagaʼamee turetti utuu hin ajajamin hafeera. Saaʼol Agaag isa diina saba Waaqayyoo taʼe utuu hin ajjeesin hafe. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Saaʼol Israaʼel irratti mootii taʼee akka itti hin fufne isa godhe. (1 Sam. 15:3, 9, 15) Dhugaa dha, Yihowaan Abbaa Murtii qajeelaa taʼe dha. Wanta garaa namaa keessa jiru beekuu fi gara laafina argisiisuun yoom sirrii akka taʼu murteessuu ni dandaʼa. (Faru. 2:17; His. 5:11) Yeroon inni namoota isaaf ajajamuu didan hundumaatti badiisa itti murteessu dhihaateera. (2 Tas. 1:6-10) Yeroon kun, yeroo inni namoota hamoo akka taʼan isaanitti murteessutti gara laafina itti argisiisu miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo namoota kana balleessuun isaa, namoota qajeeloo inni badiisa irraa oolchutti gara laafina akka argisiisu kan mulʼisu dha. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni akka balleeffaman ykn badiisa irraa akka oolan murteessuun gaʼee keenya miti. Kanaa mannaa, amma namoota gargaaruuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuu nu barbaachisa. w17.09 10-11 key. 10-12
Kibxata, Sadaasa 19
Firiin hafuuraa . . . of toʼachuu dha.—Gal. 5:22, 23.
Of toʼachuun amala Yihowaan jaallatu dha. Yihowaa qofatu guutummaatti of toʼachuu dandaʼa. Namoonni garuu cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, of toʼachuuf qabsoo gochuu qabu. Rakkoowwan yeroo ammaatti namoota mudatan hedduun of toʼachuu dadhabuu irraa kan maddani dha. Kun immoo mana barumsaatti ykn bakka hojiitti hojii duubatti harkisuu fi hamma eegamu hojjechuu dadhabuu geessisuu dandaʼa. Akkasumas arrabsoo, machii, lola, gaaʼela diiguu, liqii hin barbaachisne keessa galuu, araadaan qabamuu, hidhamuu, jeequmsa miiraa, dhukkuba saalqunnamtiidhaan daddarbuun qabamuu fi utuu hin barbaadin ulfaaʼuu geessisuu dandaʼa. (Far. 34:11-14) Rakkinni of toʼachuu dadhabuu ittuma caalaa deemaa jira. Baroota 1940mmaniitti of toʼachuu irratti qorannoon godhamee kan ture siʼa taʼu, qorannaan dhiheenyatti godhame immoo namoonni caalaatti of toʼachuu dadhabaa akka dhufan argisiisa. Kun garuu barattoota Dubbii Waaqayyoo kan dinqisiisu miti; sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun ragaawwan “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru argisiisan keessaa tokko namoonni “kan of hin toʼanne” akka taʼan raajii dubbachuu isaa ti.—2 Xim. 3:1-3. w17.09 3 key. 1-2
Roobii, Sadaasa 20
Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.—Filp. 4:7.
Yeroo ‘nagaa Waaqayyoo’ qabaannu garaan keenyaa fi sammuun keenya boqonnaa argata. Yihowaan akka nuuf yaaduu fi akka nuuf milkaaʼu akka barbaadu beekna. (1 Phe. 5:10) Kana beekuun keenya, garmalee yaaddaʼuu irraa ykn abdii kutachuu irraa nu eega. Dhiheenyatti ilmaan namootaa rakkina guddaa hanga harʼaatti lafa irratti taʼee hin beeknetu isaan mudata. (Mat. 24:21, 22) Dhuunfaatti wanta nu irra gaʼuu dandaʼu balʼinaan hin beeknu. Haa taʼu malee, gar malee yaaddaʼuu hin qabnu. Wanta Yihowaan raawwatu guutummaatti beekuu baannus Waaqa keenya beekna. Wantoota kanaan dura raawwate irraa akkuma hubannutti, Yihowaan yeroo hunda kaayyoo isaa ni raawwata. Kanas kan godhu, karaa hin eegamneen taʼuu dandaʼa. Yommuu Yihowaan kana nuuf godhu hundatti, karaa haaraa taʼeen ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ arganna taʼa. w17.08 12 key. 16-17
Kamisa, Sadaasa 21
Hanga argama Gooftaatti obsaa.—Yaq. 5:7.
“Hamma yoomiitti?” Raajonni amanamoon Isaayaasii fi Anbaaqom jedhaman gaaffii kana gaafatanii turan. (Isa. 6:11; An. 1:2) Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos illee namoota amantii hin qabnee fi naannoo isaa turan ilaalchisee gaaffii kana gaafatee ture. (Mat. 17:17) Nutis, yeroo tokko tokko akkuma isaanii jennee yoo gaafanne, nu dinqisiisuu hin qabu. Tarii jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo dullumaa fi dhukkubaa wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa; akkasumas “guyyoota dhumaa . . . baayʼee rakkisaa taʼe” kana keessa jiraachuu keenyaan dhiphachaa jirra taʼa. (2 Xim. 3:1) Kana malees, amallii fi ilaalchi dogoggoraa namoonni naannoo keenya jiran qaban abdii nu kutachiisaa jira taʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon bara duriitti turan miira isaanii utuu hin dhoksin gaaffii sammuu keenya keessatti uumamuu dandaʼu kana gaafachuu isaaniitiin hin balaaleffatamne; kunis kan nama jajjabeessu dha. Haa taʼu malee, haalawwan rakkisoo taʼan akkasii yeroo nu mudatan maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yaaqoob inni barataa taʼe caqasa guyyaa harʼaa irratti deebii isaa kenneera. w17.08 4 key. 1-3
Jimaata, Sadaasa 22
Qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.—Luq. 16:9.
Yesuus duuka buutonni isaa qabeenya jalʼinaatiin samii irratti michoota akka horatan gorseera. Qabeenya keenyaan amanamoo akka taane karaan itti mirkaneessinu inni tokko, hojii lallabaa Yesuus addunyaa maratti akka geggeeffamu dubbate deggeruuf buusii qarshii gochuu dha. (Mat. 24:14) Intalli xinnoon biyya Hindiitti argamtu tokko ashaangulliitii illee bitachuu dhiistee, saanduqa qarshii xinnoo keessatti suutuma suuta saantima walitti kuufatti turte. Saanduqichi yommuu guutu, qarshichi hojii lallabaatiif akka oolu kennite. Obboleessi biyya Hindii lafa qonnaa kokonaatii qabu tokko waajjira hiikkaa Maalaayaalaam fagootti argamuuf kokonaatii hedduu buusii godhee kenna; waajjirri sun kokonaatii bituun waan isa barbaachisuuf, buusiin inni kennu kun buusii qarshii kennuu isaa irra caala ture. Kun ogummaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni Giriikii yeroo hunda zayitii ejersaa, chiizii fi nyaatawwan kan biraa maatii Betʼeliif buusii godhu. w17.07 8-9 key. 7-8
Sanbadduraa, Sadaasa 23
Weedduu Xiyoon keessaas tokko nuuf weeddisaa.—Far. 137:3.
Yihudoonni Baabilon keessatti boojiʼamtoota waan turaniif weeddisuu hin barbaanne turan. Jajjabinni isaan barbaachisa ture. Haa taʼu malee, akkuma Waaqayyo dursee dubbate, bilisummaan karaa mootii warra Faares, karaa Qiiros dhufeera. Baabiloniin yeroo injifatetti akkana jedheera: “Waaqayyo gooftaan . . . Yerusaalem . . . keessaatti mana qulqullummaa isaaf akkan ijaaruuf na abboomeera; kanaaf isin keessaa saba isaa kan taʼe hundinuu kaʼee haa dhaqu! Waaqayyo gooftaan isaas isaa wajjin haa taʼu.” (2 Sen. 36:23) Dubbiin kun Israaʼeloota Baabilon keessa jiraatan baayʼee kan jajjabeessu ture! Yihowaan Israaʼeloota akka sabaatti qofa utuu hin taʼin, tokkoon tokkoon isaanii jajjabeesseera. Yeroo harʼattis haalli isaa wal fakkaataa dha. Waaqayyo, “warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf.” (Far. 147:3) Eeyyee, Yihowaan namoota karaa qaamaas taʼe karaa miiraa rakkina qaban ni gargaara. Nu jajjabeesuu fi madaa karaa miiraatiin qabnu fayyisuuf hawwii guddaa qaba. (Far. 34:18; Isa. 57:15) Ogummaa fi hubannaa waan nuu kennuuf rakkoowwan nu mudatan kam iyyuu damdamachuu ni dandeenya.—Yaq. 1:5. w17.07 18 key. 4-5
Dilbata, Sadaasa 24
Bakka qabeenyi keessan jiru, garaan keessanis achuma ni taʼa.—Luq. 12:34.
Yihowaan Qaama uumama cufa keessatti badhaadhinaan hunda caalu dha. (1 Sen. 29:11, 12) Abbaa arjaa waan taʼeef, namoota faayidaa isaa hubataniif qabeenya hafuuraa isaa isa gatii hunda irra caalu qabu harka isaa diriirsee isaaniif kenna. Yihowaan qabeenyawwan hafuuraa (1) Mootummaa Waaqayyoo, (2) tajaajila keenya isa lubbuu baraaru akkasumas (3) dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi Dubbii isaa keessatti argaman dabalatee wantoota hedduu waan nuu kenneef baayʼee isa galateeffanna! Of eeggachuu baannaan garuu, qabeenyawwan kanaaf dinqisiifannaa dhabuu keenya irra iyyuu, darbannee gatuu dandeenya. Jabeessinee isaan qabachuuf, akka gaariitti itti fayyadamuu fi jaalala isaaniif qabnu yeroo yerootti haaromsuu qabna. Baayʼeen keenya lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf jireenya keenya keessatti jijjiirama guddaa akka goone beekamaa dha. (Rom. 12:2) Haa taʼu malee qabsoon keenya hin xumuramne. Jaalalli qabeenyaaf qabnuu fi hawwii foonii kam iyyuu dabalatee, wantoota jaalala Mootummichaaf qabnu laaffisanii wajjin dammaqinaan qabsoo gochuu keenya itti fufuu qabna.—Fak. 4:23; Mat. 5:27-29. w17.06 9 key. 1; 10 key. 7
Wiixata, Sadaasa 25
Kanaaf in beekta.—Iyo. 38:21.
Waaqayyo sababa itti rakkinni isa irra gaʼe Iyoobitti akka hime iddoo tokkotti iyyuu hin ibsamne. Yihowaan, Iyoobiin kan haasofsiise sababa itti rakkinni isa irra gaʼe isaaf ibsuudhaan, qulqulluu of taasisuuf hin turre. Kanaa mannaa, Iyoob guddina Waaqayyoo wajjin yeroo wal bira qabamu hammam xinnoo akka taʼe akka hubatu isa gargaaruu barbaadee ti. Waaqayyo Iyoob dhimmi guddaan yaaddessaa taʼe akka jiru akka hubatu isa gargaareera. (Iyo. 38:18-20) Kun immoo Iyoob deebisee ilaalcha sirrii akka qabaatu isa gargaareera. Yihowaan, rakkinni kun hundi Iyoob irra gaʼee utuu jiruu kallattiidhaan gorsa akkanaa isaaf kennuun isaa akka inni gara jabeessa taʼe argisiisaa? Waaqayyo gara jabeessa hin turre; Iyoobis akkasitti hin yaanne. Iyoob rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe taʼu illee xumura irratti dinqisiifannaadhaan akkana jedheera: “Awwaaraa fi daaraa keessa taaʼee, yaada garaa koo nan geddaradha.” Buʼaan kun kan argame waan Yihowaan gorsa ifa taʼee fi isa jajjabeessu isaa kenneef ture. (Iyo. 42:1-6) Iyoob, gorsa Waaqayyoo fudhatee erga ilaalcha isaa irratti sirreeffama godhee booda, Yihowaan Iyoob qorumsa jalatti amanamummaa isaa akka eege warra kaaniif mirkaneesseera.—Iyo. 42:7, 8. w17.06 24-25 key. 11-12
Kibxata, Sadaasa 26
Maariyaam gama ishiitiin qooda gaarii filatteetti, innis ishii jalaa hin fudhatamu.—Luq. 10:42.
Hojii fi itti gaafatamummaa hafuuraa qabnuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuu ykn dhiisuu keenya murteessuuf akka nu gargaarutti, akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Hojiin koo kan natti toluu fi kan na gammachiisu taʼus, sochiiwwan hafuuraa immoo akka laayyootti ykn waanuma baramaa akka taʼanittin ilaalaa?’ Wantoota kana ilaalchisee wanta nutti dhagaʼamu yaaduunii fi irratti xiinxaluun keenya, wanti hunda caalaa jaallannu maal akka taʼe beekuuf nu gargaara. Yesuus wanti jireenya keenya keessatti dursi kennamuufii qabu maal akka taʼe nu barsiiseera. Yeroo tokko Yesuus, Maartaa fi obboleettii ishii Maariyaam gaafachuuf gara mana isaanii dhaqee ture. Maartaan yeroo nyaata qopheessitu, Maariyaam immoo miilla Yesuus jala teessee wanta inni dubbatu dhageeffachaa turte. Maartaan Maariyaam akka ishii gargaaraa hin jirree yommuu dubbattu, Yesuus Maartaatti yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbate. (Luq. 10:38-42) Yesuus, Maartaa barumsa guddaa barsiiseera. Wantoonni kaan xiyyeeffannaa keenya akka hin fudhanne gochuu fi jaalala Kiristoosiif qabnu eegnee jiraachuuf, wanta “qooda gaarii” taʼe filachuu, jechuunis wantoota hafuuraatiif dursa kennuu keenya itti fufuu qabna. w17.05 24 key. 9-10
Roobii, Sadaasa 27
Gorsa abbaa keetii dhagaʼi.—Fak. 1:8.
Yihowaan dhugaa keessatti ijoollee guddisuuf itti gaafatamummaa kan kenne warraafi malee, akkoo fi akaakayyuu ykn nama kan biraatiif miti. (Fak. 31:10, 27, 28) Taʼus warri, afaan naannoo jiraatan sanatti dubbatamu yoo hin beekne garaa ijoollee isaanii tuquuf gargaarsi isaan barbaachisa taʼa. Warri gargaarsi akkasii akka isaaniif godhamu barbaadan, itti gaafatamummaa fedhii hafuuraa ijoollee isaanii guutuuf qaban dabarsanii kennan jechuu miti; kanaa mannaa, akkas gochuun isaanii carraaqqii ijoollee isaanii “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisuuf godhan argisiisa. (Efe. 6:4) Fakkeenyaaf, warri waaqeffannaa maatii isaanii geggeessuu fi ijoollee isaaniitiif hiriyoota gaarii filachuu ilaalchisee jaarsoliin gumii yaada akka isaaniif kennan gaafatu taʼa. Kana malees, warri darbee darbee maatiiwwan tokko tokko waaqeffannaa maatii isaanii irratti akka isaanii wajjin argaman afeeruu dandaʼu. Kana malees, dargaggoonni namoota ilaalcha hafuuraa qabanii wajjin walitti dhihaachuun isaanii, karaa hafuuraa guddina akka godhan isaan gargaaruu dandaʼa; fakkeenyaaf, waliin tajaajila baʼuu fi bohaartii gaarii taʼe irratti waliin bashannanuu dandaʼu.—Fak. 27:17. w17.05 11-12 key. 17-18
Kamisa, Sadaasa 28
Gara Gibxiitti baqadhu.—Mat. 2:13.
Maleekaan Yihowaa, Heroodis Mootichi Yesuusiin ajjeesuu akka barbaadu Yoseefiin erga akeekkachiisee booda, Yesuus inni mucaa turee fi warri isaa Gibxii keessatti godaantota taʼanii jiraataniiru. Hanga Heroodis duʼutti achuma jiraataniiru. (Mat. 2:14, 19-21) Waggaa hedduu booda, barattoonni Yesuus jalqabaa, ariʼatamaan kan kaʼe ‘guutummaa Yihudaa fi Samaariyaa keessatti bittinnaaʼanii’ turan. (HoE. 8:1) Yesuus duuka buutonni isaa hedduun dirqamaan mana isaanii keessaa akka ariʼaman dursee dubbatee ture. Akkana jedheera: “Magaalaa tokko keessatti yommuu ariʼatama isin irra geessisan, gara magaalaa isa kan biraatti baqadhaa.” (Mat. 10:23) Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼaman haalli kun isaan mudateera. Hedduun isaanii michoota isaanii duʼaan dhabaniiru; qabeenya isaaniis guutummaatti dhabaniiru jechuun ni dandaʼama. Warri tokko tokko yeroo baqatanitti ykn yeroo kaampii namoonni machaaʼan, namoonni qumaara taphatan, namoonni hatanii fi jireenya gadhiisii jiraatan keessa jiraatanitti haalli sodaachisaan isaan mudateera. Haa taʼu malee, yeroon Israaʼeloonni lafa onaa keessa itti turan akka xumuramee ture yaadachuudhaan, yeroon isaan kaampii kana keessa itti turanis gaaf tokko akka xumuramu yaadachuudhaan ilaalcha sirrii qabaatanii itti fufuu dandaʼaniiru.—2 Qor. 4:18. w17.05 3-4 key. 2-5
Jimaata, Sadaasa 29
Warri seera kee jaallatan sun nagaa guddaa qabu, wanti isaan gufachiisus hin jiru!—Far. 119:165.
Darbee darbee, atis taate namni ati beektu tokko gumii keessatti jalʼinni haqaa isin irratti raawwatamee ykn nama biraa irratti utuu raawwatamuu argitanii taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti akka hin gufanne of eeggadhu. Kanaa mannaa, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo waan taaneef, Yihowaadhaaf amanamoo haa taanu; kadhannaadhaan gargaarsa isaa gaafachuudhaanis isatti haa amanamnu. Odeeffannoo guutuu akka hin qabnes gad of deebisuudhaan amannee fudhachuu qabna. Tarii dogoggorri kun kan uumame wanta nuti dhimmichaaf ilaalcha dogoggoraa qabaanneef taʼuu dandaʼa. Rakkinichi caalaatti akka babalʼatu waan godhuuf dubbii nama miidhu dubbachuu irraa of qusachuu qabna. Dhuma irrattis, dhimmichaaf karaa mataa keenyaa furmaata kennuuf yaaluu mannaa, amanamoo taʼuu fi Yihowaan hamma dhimmichaaf furmaata kennutti obsaan eeguuf haa murteessinu. Kana kan goonu yoo taʼe, Yihowaa duratti fudhatama nuuf argamsiisa, akkasumas eebba isaa nuuf argamsiisa. Eeyyee, Yihowaan inni ‘abbaa firdii guutummaa biyya lafaa’ taʼe, ‘karaan isaa hundinuu qajeelaa’ waan taʼeef yoom iyyuu wanta sirrii taʼe raawwata.—Uma. 18:25; Kes. 32:4. w17.04 22 key. 17
Sanbadduraa, Sadaasa 30
Namni jalʼaan karaa isaa isa jalʼaa haa dhiisu . . . Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa taʼeetti haa deebiʼu.—Isa. 55:7.
Namoota jijjiiramuu didanii fi hanga rakkinni inni guddaan jalqabutti sirna kana deggeruu isaanii itti fufan ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan namoota hamoo bara baraaf lafa irraa balleessuuf waadaa galeera. (Far. 37:10) Namoonni hamoon murtoo akkasii irraa waan oolan isaanitti fakkaata taʼa. Baayʼeen isaanii wanta godhan dhoksuu amaleeffataniiru, akkasumas addunyaa kana keessatti yeroo baayʼee haqaa fi adaba jalaa waan oolan isaanitti fakkaata. (Iyo. 21:7, 9) Kitaabni Qulqulluun garuu akkana jechuudhaan nu yaadachiisa: “Iji [Waaqayyoo] gara karaa namaa in ilaala, tarkaanfii isaa hundumaas in arga. Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, lafti warri hamaa hojjetan dhokatan hin jiru.” (Iyo. 34:21, 22) Matumaa Yihowaa jalaa dhokachuun hin dandaʼamu. Namni fakkeessituu taʼe kam iyyuu isa gowwoomsuu hin dandaʼu; halkanii fi dukkanni sodaachisaan illee akka inni hin ilaalle isa daangessuu hin dandaʼu. Kanaaf Armaagedoon booda, bakka namoonni hamoon jiraachaa turan ni ilaalla taʼa, taʼus isaan hin arginu. Isaan bara baraaf balleeffamaniiru!—Far. 37:12-15. w17.04 10 key. 5