LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w08 8/15 ful. 29
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qaamni Olaanaan Kan Gurmaa’e Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • “Namoota Akkasiifis Ulfina Kennaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Akkaataa Rakkina Furuun Itti Dandaʼamu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
w08 8/15 ful. 29

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti ba’an dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

• Kiristiyaanonni tokko tokko, erga gaa’ela godhatanii booda rakkoowwan akkamii isaan mudataniiru? Yeroo kanatti maal gochuuf carraaquu qabu?

Kiristiyaanonni tokko tokko, wantoonni hiriyoota gaa’elaasaanii wajjin itti wal fakkaatan muraasa qofa akka ta’an hubataniiru. Karaa Caaffanni Qulqullaa’oon hin deggerreen wal hiikuun furmaata fudhatama hin qabne ta’uusaa beekuudhaan, gaa’elasaanii oolchuuf cimanii hojjechuu qabu.—4/15, ful. 17.

• Kiristiyaana bakka maanguddoonni itti kunuunfaman galerra, qorumsiwwan akkamii ga’uu danda’u?

Tarii gumii naannoo haaraa kanatti argamuu wajjin wal hin barre ta’a. Namoota bakka kunuunsaa sana keessa jiraatan keessaa baay’eensaanii amantii isarraa adda ta’e waan qabaniif, sochiiwwan amantiirratti akka hirmaatu gochuuf yaalu ta’a. Firoottansaa warri Kiristiyaana ta’aniifi miseensonni gumii naannoo sanaa rakkinasaa beekuudhaan isa deggeruufi eegumsa isaa gochuu qabu.—4/15, ful. 25-27.

• Miseensonni Qaama Olaanaa koreewwan akkamii keessatti hojjetu?

Koree Qindeessitootaa; Koree Parsoneel; Koree Maxxansaa; Koree Tajaajilaa; Koree Barumsaafi Koree Barreeffamaa.—5/15, ful. 29.

• Amala Roomaa 1:24-32⁠rratti ibsame kan qaban, Yihudootamoo namoota Waaqayyo malee jiraatan turan?

Gareen lamaanuu gocha kana kan raawwatan ta’us, Phaawulos garuu ergaa kana, keessumaa Israa’eloota jaarraawwan hedduudhaaf Seericha eeguu didaniif barreesse. Israa’eloonni, seerrata Waaqayyoo isa qajeelummaarratti hundaa’e kan beekan yoo ta’eyyuu, akka seerrata kanaatti hin jiraanne.—6/15, ful. 29.

• Wanta humna keenyaa ol ta’e ofirraa eeguu dhiisuun, gammachuu kan nuu dabalu maaliifi?

Waanuma fedhe haa ta’u jennee galma humna keenyarra ol ta’erra ga’uuf kan carraaqnu yoo ta’e, dhiphina keessa galuu dandeenya. Haata’u malee, humna keenya isa daangeffamaa sababii godhannee dhibaa’oo ta’uudhaan hirmaannaa tajaajilarratti goonu hir’isuu hin qabnu.—7/15, ful. 29.

Kana Beektaa?

• Gosti Israa’el 13 ta’ee utuu jiruu, ragaawwan hedduun waa’ee gosa 12 kan dubbatan maaliifi?

Gosti ykn maatiin Israa’el, ijoollee Yaaqoob isa maqaansaa Israa’el jedhamerraa dhufan. Abbaan amantii kun, ijoollee 12 kan qabu yommuu ta’u, maqaansaaniis, Ruuben, Simi’oon, Lewwii, Yihudaa, Daan, Niftaalem, Gaadi, Asheer, Yisaakor, Zebuloon, Yoseefiifi Beniyaamini. (Uma. 29:32–30:24; 35:16-18) Obbolaawwan kana keessaa kudha tokko, gosoota maqaasaaniitiin waamaman kan qaban yommuu ta’u, gosti maqaa Yoseefiin waamamu garuu hin jiru ture. Kanaa mannaa, gosti lama maqaa ilmaansaa Efreemiifi Minaaseetiin kan moggaafame ennaa ta’u, isaanis geggeessitoota gosaa ta’uuf mirga argataniiru. Kanaan kan ka’es, lakkoofsi gosoota Israa’el 13 ta’a. Macaafni Qulqulluun yeroo baay’ee waa’ee gosa 12 kan dubbatu maaliifiree?

Israa’eloota keessaa, gosti Lewwii, godoo Waaqayyootti, yeroo boodammoo mana qulqullummaatti Yihowaa tajaajiluuf addaan baafamanii turan. Kanaan kan ka’es, loltoota ta’anii hin tajaajilan turan. Yihowaan Museedhaan, “Ati gosa Lewwii hin lakkaa’in, lakkoobsa isaaniis isa kan namoota Israa’el warra kaaniitti hin dabalin! Qooda kanaa, warra Lewwootaa hojii dunkaana dhuga-baatuu sana, mi’a dunkaanicha keessaa fi waanuma kan dunkaanichaa ta’e hundumaa eeguutti isaan fo’i!” jedhee ture.—Lak. 1:49, 50.

Biyyattii Abdachiifamte keessattis gosa Lewwiitiif lafti hin kennamne. Kanaa mannaa, magaalaawwan guutummaa Israa’el keessatti faffaca’anii jiran 48 isaanii kennamanii turan.—Lak. 18:20-24; Iya. 21:41.

Sababiiwwan lamaan kanaan kan ka’e, gosti Lewwii tarree gosoota kaanii keessatti hin dabalamne. Gosti Israa’el 12 kan jedhame kanaafi.—Lak. 1:1-15.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi