Qajeelfama Macaafa Qulqulluu Hordofuu Kan Qabnu Maaliifi?
YAADNI Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee kennu yeroon kan itti darbeefi mirga kan nama dhabsiisudhaa? Gonkumaa! Kanaa mannaa wanti Macaafni Qulqulluun jedhu wantoota armaan gadiirraa nu eega:
▪ Dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarban
▪ Gaaʼela utuu hin godhatin ulfaaʼuu
▪ Miidhaa gaaʼela ofii diiguun geessisu
▪ Sammuu nama ceephaʼu
▪ Namoonni kaan akka nutti fayyadaman yaaduudhaan kan kaʼe kabaja ofiif dhabuu
Yihowaan kennaasaatti akka gammadduufi akka itti fayyadamtu barbaada.a Waaqayyo ‘wanta waaʼee nuuf baasu nu barsiisa.’ (Isaayaas 48:17) Namni qajeelfama Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee kennuu hordofu eebbawwan armaan gadii argata:
▪ Surraa Waaqayyoo
▪ Nageenya sammuu
▪ Maatii hariiroo cimaa qabu
▪ Maqaa gaarii
▪ Kabaja ofii
Haataʼu malee, qajeelfama Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee kennu hordofaa hin jirtu taanaan maal gochuu dandeessa? Akkaataa jireenyaakee jijjiiruu ni dandeessaa? Waaqayyo cubbuu ati kanaan dura raawwatte sitti lakkaaʼaa?
Haqa kana hubadhu: Namoonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa keessa turan tokko tokko halalee ykn ejja kan raawwataniifi nama kan gadhoomsan turan. Taʼus, akkaataa jireenyaasaanii jijjiiruu filachuudhaan faayidaa guddaa argataniiru. (1 Qorontos 6:9-11) Yeroo harʼaas, namoonni kuma hedduutti lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti argaman filannoo akkasii godhaniiru. Jireenya gadhiisii jiraachuu dhiisanii qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuudhaan faayidaa argataniiru. Fakkeenyaaf, Saaraa ishee mataduree jalqabaarratti ibsamte haa ilaallu.
“Boqonnaa Akkan Argadhe Kan Natti Dhagaʼame Yeruma Sana Ture”
Saaraan jireenya gadhiisii jiraachuunshee mirgaafi gammachuu hawwitee turte akka isheedhaaf hin argamsiisne hubatteetti. Akkas jetteetti: “Sammuunkoo mutaa ibiddaan diimeffameen akka waraaname natti dhagaʼama. Qaaniin natti dhagaʼamee, akkasumas yoon ulfaaʼeehoo ykn dhukkuba cimaatiin yoon qabamehoo jedheen dhiphachaa ture. Waaqayyo akka jiru shakkee hin beeku; akkaataan jireenyaakoo akka isa gaddisiisus beeka. Gatii akkan hin qabne kan natti dhagaʼame siʼa taʼu, kunimmoo baayʼee na aarsa ture.”
Yeroo booda Saaraan akkaataa jireenyaashee jijjiiruuf jabina argatteetti. Warrishee Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan akka isheefi jaarsoliin gumii gaʼumsa qaban akka ishee gargaaran gaafatte. Saaraan akkas jetteetti: “Gaarummaafi jaalalli warrikoo akkasumas jaarsoliin gumii natti argisiisan baayʼee na gammachiiseera. Boqonnaa akkan argadhe kan natti dhagaʼame yeruma sana ture.”
Yeroo ammaa Saaraan ijoollee lama qabdi. Akkas jetteetti: “Filannoo ani godhee ture ijoollee kootti ifattan hima. Qajeelfama Waaqayyoo utuu hin eegin hafuunkoo miidhaa guddaa akka narraan geessise akka hubatan gochuun barbaada. Kaayyoonkoo qajeelfama Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee kenne eeguun karaa qaamaa, sammuufi miiraa faayidaa akka qabu akka hubatan gargaaruudha. Amma, Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee qajeelfama nuu kennuunsaa, miidhaan akka nurra gaʼu kan hin barbaanne taʼuusaa amaneera.”
Atis qajeelfama Waaqayyo jaalalarratti hundaaʼee kenne hordofuudhaan faayidaa argachuu dandeessa. Macaafni Qulqulluun abdii akkas jedhu kenna: “Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha, garaa namaa in gammachiisa; abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha, ija namaa in ibsa. . . . Namni isa eegus buʼaa guddaa qaba.”—Faarfannaa 19:8, 11.b
[Miiljaleewwan]
a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.
b Gorsa Macaafni Qulqulluun kennu caalaatti barachuu yoo barbaadde Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiran gaafadhu. Yookiin teessoo barruu kana fuula 4rra jiru keessaa bakka mijaaʼaa taʼetti barreessuu ykn Weeb saayitii www.watchtower.org jedhu ilaaluu dandeessa.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 26rra jiru]
Namoonni qajeelfama Macaafa Qulqulluu utuu hin eegin hafan yeroo baayʼee gaddi cimaan isaanirra gaʼa
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 27rra jiru]
Namoonni qajeelfama Macaafa Qulqulluu eeganii jiraatan sammuu nagaafi maatii hariiroo cimaa qabu qabaatu