LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 4/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Macaafni Qulqulluun kan barreeffame akkamitti?
  • Dhugumaan Misiraachoon Kun Waaqayyo Biraa Dhufee?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Kitaaba Qulqulluu—Kitaaba Waaqayyo Biraa Dhufe
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda?
  • Macaafni Qulqulluun—Kitaaba Waaqayyo Namootaaf Kennedha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 4/1 ful. 16
[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Macaafni Qulqulluun dhuguma Dubbii Waaqayyootii?

Dubbiin Waaqayyoo kitaabota kaanirraa adda akka taʼe eegda taʼa. Eeyyee, Macaafni Qulqulluun addadha. Macaafni Qulqulluun biliyoonaan lakkaaʼamu, afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin maxxanfameera. Gorsi macaafa kana keessa jiru, jireenya namootaa jijjiiruuf humna qaba.—1 Tasaloniiqee 2:13; 2 Ximotewos 3:16 dubbisi.

Macaafni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa raajii dhugaa taʼe waan dubbatuuf, Waaqayyo biraa kan argamedha. Namni ofiisaatiin raajii dhugaa dubbachuu dandaʼu hin jiru. Mee macaafa Isaayaas akka fakkeenyaatti ilaali. Koppiin macaafa kanaa inni Yesus dhalachuusaa jaarraa tokko dura barreeffame, holqa naannoo Galaana Soogiddaatti argamu keessaa argameera. Macaafichi magaalaan Baabilon namni kan keessa hin jiraanne akka taatu dubbata. Raajiin kun raawwiisaa kan argate, Yesus tajaajilasaa isa lafarraa erga xumuree waggoota hedduu boodadha.—Isaayaas 13:19, 20; 2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.

Macaafni Qulqulluun kan barreeffame akkamitti?

Macaafni Qulqulluun kan barreeffame gara waggoota 1,600 taʼan keessattidha. Namoonni macaafa kana barreessan 40 kan taʼan siʼa taʼu, hundisaanii yaada ijoo tokkorratti xiyyeeffataniiru; yaadni isaan barreessanis kan wal faalleessu miti. Kun taʼuu kan dandaʼes geggeessaa Waaqayyootiin waan barreessaniifidha.—2 Saamuʼel 23:2 dubbisi.

Yeroo tokko tokko Waaqayyo, karaa ergamootasaa, karaa mulʼataa ykn karaa abjuu qajeelfama isaanii kenna ture. Yeroo baayʼeemmoo, yaadasaa sammuu barreessaa sanaa keessa kaaʼuudhaan, barreessichi jechoota filateen ergaa Waaqayyoo akka ibsu godheera.—Mulʼata 1:1; 21:3-5 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kana boqonnaa 2⁠ffaa ilaali

www.jw.org/om irrattis ni argama

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU DABALATAA INTARNEETIIRRAA DUBBISI (Ingiliffaan)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi