LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Ebla ful. 28-32
  • Fedhiidhaan of Dhiheessuun Keessan Yihowaan Akka Jajamu Taasisa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fedhiidhaan of Dhiheessuun Keessan Yihowaan Akka Jajamu Taasisa!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “ISAAF MAAL LAATTA?”
  • WAAQAYYO SODAA IJA JABINATTI NI JIJJIIRA
  • TAJAAJILA FEDHAA ILAALCHISEE ILAALCHA GARAA GARAA JIRU
  • “WAAQAYYOON JAJADHAA!”
  • ‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Dubartoota Ija Jabeeyyii Ta’an Lamaan
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Ebla ful. 28-32
Baaraaqii fi loltoonni isaa Siiseraa fi loltoota isaa yeroo ariʼan

Fedhiidhaan Of Dhiheessuun Keessan Yihowaan Akka Jajamu Taasisa!

“[Sabichi] fedha isaaniitiin of kennuu isaaniitiif, Waaqayyoon jajadhaa!”—ABO. 5:2.

FAARFANNAA: 84, 75

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yihowaan nama hojii Isaa hojjechuu hin jaallannetti akka hin gammanne kan amantu maaliifi?

  • Yihowaan tajaajila namoonni amanamoo taʼan Isaaf dhiheessaniif iddoo guddaa akka kennuu fi akka isaan eebbisu kan amantu maaliifi?

  • Fedhiidhaan of dhiheessuun kee Yihowaa kan gammachiisu taʼuu isaa kan amantu maaliifi?

1, 2. (a) Eliifaazii fi Beldaad carraaqqii Waaqayyoon tajaajiluuf goonu kan ibsan akkamitti? (b) Yihowaan ilaalcha isaa ifa kan godhe akkamitti?

“NAMNI Waaqayyoof buʼaa qabaa ree? Namni ogeessi illee ofii isaatiif buʼaa in argata; ati qajeelaa yoo taate, isa hundumaa dandaʼu in gammachiisaa ree? Karaa kee mudaa kan hin qabne yoo godhatte, inni waa in argataa ree?” (Iyo. 22:1-3) Deebii gaaffilee kanaa irratti yaaddee beektaa? Eliifaaz Temaanichi jalqaba irratti gaaffiiwwan kana Iyoobiin yeroo gaafatetti, kun akka hin dandaʼamne yaadee akka ture hin shakkisiisu. Michuun isaa Beldaad Shuʼaahichis, namni Waaqayyo duratti ejjennoo qajeelaa qabaachuu akka hin dandeenye dubbateera.—Iyoob 25:4 dubbisi.

2 Eliifaazii fi Beldaad, carraaqqiin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf goonu homaa akka isa hin fayyannee fi nutis Waaqayyo duratti hamma bilii, bunqursaa fi raammoo illee gatii akka hin qabne dubbataniiru. (Iyo. 4:19; 25:6) Haala isaanii yeroo ilaallu jalqaba irratti Eliifaazii fi Beldaad waan gad of qaban nutti fakkaata taʼa. (Iyo. 22:29) Yeroo fiixee gaara tokkoo irraa ykn foddaa xiyyaaraa irraa asii gadi ilaallu, sochiin namootaa buʼaa kan hin qabne nutti fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan inni hunda caalu lafa kana yeroo gadi ilaalutti, hirmaannaa nuti hojii Mootummichaa irratti goonu akkasitti ilaalaa? Yihowaan wanta Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar sobaan dubbataniif isaanitti dheekkamuun isaa, akkasumas Iyoobiin “garbicha koo” jechuudhaan isatti akka gammade ibsuun isaa ilaalcha akkamii akka qabu nutti mulʼisa. (Iyo. 42:7, 8) Kanaaf, dhuguma iyyuu namni “Waaqayyoof buʼaa qaba.”

“ISAAF MAAL LAATTA?”

3. Eliihuun, carraaqqii Yihowaa tajaajiluuf goonu ilaalchisee maal jedhe? Akkas yeroo jedhu hoo maal jechuu isaa ture?

3 Eliihuun, “Ati qajeelaa yoo taate isaaf [Waaqayyoof] maal laatta? Harka kee keessaas inni maal fudhata?” jedhee gaafachuu isaatiin Yihowaan isatti hin dheekkamne. (Iyo. 35:7) Eliihuun yeroo akkas jedhu, carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf goonu gatii hin qabu jechuu isaa turee? Lakki. Yihowaan, waaqeffannaa isaaf dhiheessinu irratti kan hin hundoofne akka taʼe ibsuu isaa ture. Yihowaan kan of dandaʼe dha. Isa sooromsuus taʼe isa cimsuu hin dandeenyu. Kanaa mannaa, gaarummaa, dandeettii fi cimina kan arganne Waaqayyo irraa siʼa taʼu, akkaataa wantoota kanatti itti fayyadamnus ni hubata.

4. Yihowaan, wanta warra kaaniif gaarummaadhaan goonu akkamitti ilaala?

4 Yihowaan, tajaajiltoota isaatti jaalala amanamaa yeroo argisiisnu, akkuma waan isatti argisiisnetti ilaala. Fakkeenyi 19:17, “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa” jedha. Caqasni kun, Yihowaan hiyyeessota gargaaruuf jecha wantoota nuti gaarummaadhaan kakaanee raawwannu hunda ni ilaala jechuu isaa tii? Uumaan uumama cufaa, namoonni gaarummaadhaan kakaʼanii warra kaan gargaaran, dhuunfaatti akka isaaf liqeessanitti ilaaluudhaan, surraa fi eebba isaaniif kennee gatii isaanii isaaniif deebisa jechuu dhaa? Eeyyee, Ilmi Waaqayyoo kun dhugaa akka taʼe mirkaneesseera.—Luqaas 14:13, 14 dubbisi.

5. Gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

5 Yihowaan, Isaayaas raajichi bakka isaa buʼee akka dubbatu isa afeeruudhaan, namoonni amanamoo taʼan kaayyoo Isaa raawwachuu irratti akka hirmaatan akka barbaadu argisiiseera. (Isa. 6:8-10) Isaayaas fedhiidhaan afeerraa kana fudhateera. Yeroo harʼaattis, namoonni kumaan lakkaaʼaman tajaajila Yihowaa keessatti hojiiwwan ulfaatoo taʼan fudhachuudhaan, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jechaa jiru. Taʼus, gaaffiiwwan akkanaa gaafanna taʼa: ‘Dhuguma carraaqqiin koo jijjiirama fidu qabaa? Yihowaan arjummaadhaan kakaʼee, fedhii kootiin akkan hojii isaa irratti hirmaadhu kan naaf heyyame taʼus, tajaajila isaa keessatti hojii akkamii iyyuu yoon filadhe, Dubbii isaa raawwachiisuuf wanta barbaade hunda gochuu hin dandaʼuu?’ Mee gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf, wanta bara Deboraa fi Baaraaqitti raawwatame haa qorru.

WAAQAYYO SODAA IJA JABINATTI NI JIJJIIRA

6. Jiraattota Israaʼelii fi loltoota Yaabiin gidduu garaa garummaa akkamiitu jira ture?

6 Mootii Kanaʼaanotaa kan taʼe Yaabiin, gara waggoota 20tiif Israaʼeloota ‘jabeessee cunqursaa’ ture. Jiraattonni magaalattii manaa baʼuu iyyuu sodaatanii turan. Kana malees, meeshaa waraanaa ittiin lolanis taʼe ittiin of irraa faccisan hin qaban turan; diinonni isaanii garuu konkolaataawwan sibilaa 900 qabu turan.—Abo. 4:1-3, 13; 5:6-8.a

7, 8. (a) Yihowaan jalqaba irratti Baaraaqiif qajeelfama akkamii kenne? (b) Israaʼeloonni humna waraanaa Yaabiin kan injifatan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Haa taʼu malee Yihowaan, karaa Deboraa raajittii Baaraaqiif ajaja ifa taʼe kana kenneef: “Dhaqiitii sanyii Niftaalemii fi sanyii Zebuloon keessaa namoota kuma kudhan fuudhiitii tulluu Taaboritti ol baʼi! Ani Siiseraa angafa loltuu Yaabiin konkolaataa isaatii fi loltoota isaatii wajjin laga Kiishonitti gara keetti fidee, harka keetti dabarsee isa nan kenna.”—Abo. 4:4-7.

8 Ajajni darbe kun ni labsame. Kanaaf, namoonni fedhiidhaan of dhiheessaan Tulluu Taabor irratti walitti qabaman. Baaraaq yeruma sana qajeelfama Yihowaa hojii irra oolche. (Abboota Firdii 4:14-16 dubbisi.) Taʼanaatti waraana irra utuma isaan jiranii bokkaa cimaan roobuu isaatiin kan kaʼe naannoon sun laaqiidhaan guutame. Baaraaq, humna waraanaa Siiseraa hamma Haroshet ishii kiilomeetira 24 fagaattee argamtutti ariʼe. Siiseraan utuma baqachaa jiruu konkolaataa isaa isa sodaachisaa turee fi amma garuu faayidaa ala taʼe daandii irratti dhiisee, Zaaʼanaaniim ishii tarii Qedeeshitti argamtutti baqate. Godoo Yaaʼel, haadha manaa Heber Qenichaa keessa kan dhokate siʼa taʼu, ishiinis isa simatte. Waraana irratti dadhabee waan dhufeef ni rafe. Amma Siseraan Yaaʼel ishii ija jabinaan tarkaanfii isa irratti fudhachuudhaan isa ajjeeste harka galeera. (Abo. 4:17-21) Yeroo kanatti diinni Israaʼelootaa ni moʼame!b

TAJAAJILA FEDHAA ILAALCHISEE ILAALCHA GARAA GARAA JIRU

9. Waraana Siiseraa wajjin godhame ilaalchisee Abboota Firdii 5:20, 21 irraa ibsa akkamii arganna?

9 Seenaa isa tokko keessatti hin arganne isa kan biraa irraa argachuu waan dandeenyuuf, Abboota firdii boqonnaa 4 fi 5 wal faana qoʼatamuu qabu. Fakkeenyaaf, Abboota Firdii 5:20, 21 akkana jedha: “Urjoonni waaqa keessaa itti in duulan, urjoonni toora isaanii irra jiran Siiseraa in lolan. Bishaan Qiison . . . isaan haree in sokke.” Yaanni kun gargaarsa maleekotaa argisiisa moo urjiilee samii keessa fiigan (qorsa) argisiisa? Seenichi waaʼee kanaa balʼinaan hin ibsu. Haa taʼu malee, gargaarsa Waaqayyootiin alatti, konkolaataawwan waraanaa 900 taʼan akka liqimsuuf, bokkaa cimaan sun yeroo sirriitti iddoo sanatti akka roobu gochuu kan dandaʼu jiraa? Abboota Firdii 4:14, 15 irratti siʼa sadii moʼicha kan argamsiise Yihowaa akka taʼe ibsameera. Israaʼeloota 10,000 sana keessaa fayyina kana akka argamsiise dubbachuu kan dandaʼu hin jiru.

10, 11. “Meroz” kan abaaramte maaliifi?

10 Faarfannaa, Deboraa fi Baaraaq injifannoo dinqiidhaan argatan kanaaf Yihowaa jajachuuf faarfatan irraa garuu, yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu arganna. Akkana jedhanii faarfatanii turan: “Ergamaan Waaqayyoo, ‘Biyya Meroz abaaraa! Warri ishee keessa jiraatanis, Waaqayyoon gargaaruudhaaf, loltoota gidduuttis gara isaa goruudhaaf waan isaan hin baʼiniif, cimsaatii isaan abaaraa!’ jedhe.”—Abo. 5:23.

11 Meroz guutummaatti waan barbadoofteef abaarsi kun ishii irra gaʼeera. Tarii magaalattiin kun kan abaaramte jiraattonni ishii waamicha namoonni fedhiidhaan akka of dhiheessan dhihaateef deebii kennuu waan didaniifii laata? Daandiin Siiseraan irra baqachaa ture magaalattii kana kan qaxxaamuru yoo taʼe, lammiileen ishii isa qabuuf carraa argatanitti utuu hin fayyadamin waan hafaniifii? Waamicha Yihowaan namoota fedhiidhaan of dhiheessan argachuuf dhiheesse hin dhageenyee? Namoonni kuma kudhan taʼanii fi naannoo isaaniitti argaman waraana kanaaf walitti qabamanii turan. Loltuun kun kophaa isaa utuu uummanni Meroz isa ilaalanii daandii magaalattii irra yeroo fiigu yaadaan ilaalaa. Kun kaayyoo Yihowaa galmaan gaʼuuf, akkasumas eebba isaa argachuuf carraa gaarii ture. Taʼus, yeroo baayʼee barbaachisaa taʼe kanatti wanta gochuu qabanii fi gochuu hin qabne ilaalchisee dantaa dhabanii turanii laata? Kun tarkaanfii Yaaʼel ija jabinaan fudhattee fi lakkoofsa itti aanu irratti ibsame irraa adda ture.—Abo. 5:24-27.

12. Ilaalcha namoota Abboota Firdii 5:9, 10 irratti ibsamanii gidduu garaa garummaa akkamiitu jira? Kun hoo yeroo harʼaatti kan nu ilaallatu akkamitti?

12 Abboota Firdii 5:9, 10 irratti ilaalcha namoota Baaraaqii wajjin duulanii fi ilaalcha warra isaa wajjin hin duullee gidduu garaa garummaa ture ilaalchisee yaada dabalataa arganna. Deboraa fi Baaraaq “warra Israaʼeliin ajajaniif, warra saba gidduudhaa fedha isaaniitiin of kennan” galateeffataniiru. Namoonni kun, warra “harree adaadii yaabbattanii” fi of tuulummaadhaan hirmaannaa gochuu didan, akkasumas warra jireenya qananii jaallachuudhaan ‘baladii irra taaʼan’ irraa baayʼee adda turan. Namoonni Baaraaqii wajjin duulan, warra karaa salphaa filachuudhaan ‘karaa irra adeeman’ irraa haala adda taʼeen, irraan gadee Taabor isa dhagaadhaan guutamee fi dachaa Kiishon isa laaqiidhaan guutame keessa deemuudhaan gara waraanaa deemaniiru! Namoonni jireenya qananii barbaadan hundi ‘yaadatti akka qabatan’ gorfamanii turan. Eeyyee, carraa Yihowaa deggeruudhaaf argatanii turan irratti xiinxaluun isaan barbaachisa ture. Yeroo harʼaattis namni guutummaatti Yihowaa tajaajiluu irraa boodatti jedhu hundi akkana gochuu qaba.

13. Ilaalchi sanyii Ruuben, Daanii fi Asheer, ilaalcha Zebuloonii fi Niftaalem irraa adda kan ture akkamitti?

13 Namoonni fedhiidhaan of dhiheessan akkaataa Yihowaan ol aantummaa isaa itti kabachiise arganiiru. ‘Wanta Waaqayyo qajeelummaa isaatiin hojjete wal harkaa fuudhanii odeessaa’ waan turaniif, wanta dubbatan hedduu qabu turan. (Abo. 5:11) Gama biraatiin sanyiin Ruuben, Daanii fi Asheer, wanta Yihowaan yeroo sanatti raawwachaa ture irratti xiyyeeffachuu mannaa, qabeenya isaanii irratti, jechuunis karra hoolotaa, markabootaa fi qarqara galaanaa isaanii irratti akka xiyyeeffatan, Abboota Firdii 5:15-17 irratti tokko tokkoon ibsameera. Faallaa kanaatiin garuu, Zebuloonii fi Niftaalem, Deboraa fi Baaraaqiin deggeruuf jecha ‘duʼaaf kutatanii’ turan. (Abo. 5:18) Tajaajila fedhaa wajjin haala wal qabateen garaa garummaa jiru kana irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya.

“WAAQAYYOON JAJADHAA!”

14. Yeroo harʼaatti ol aantummaa Yihowaa akka deggerru kan argisiisnu akkamitti?

14 Yeroo harʼatti waraana irratti kan hin hirmaanne taanus, hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan ija jabina akka qabnu argisiisuuf mirga arganneerra. Jaarmiyaa Yihowaa keessatti yeroo kam iyyuu caalaa namoonni fedhiidhaan of dhiheessan ni barbaadamu. Dargaggoota dabalatee obboloonni miliyoonaan lakkaaʼaman gosawwan tajaajila yeroo guutuu garaa garaa, kan akka qajeelchaa, tajaajila Betʼel, ijaarsa Galma Mootummaa irratti hirmaachuudhaan, akkasumas walgaʼiiwwan guguddaa irratti hojiiwwan garaa garaa hojjechuudhaan fedhiidhaan of dhiheessaa jiru. Waaʼee jaarsolii gumii Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu fi walgaʼiiwwan naannoo qindeessuu irratti hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa guddaa baʼaa jiraniis yaada. Yihowaan fedhiidhaan of dhiheessuu keessan guddaa akka dinqisiifatuu fi akka hin irraanfanne mirkanaaʼoo taʼaa.—Ibr. 6:10.

Obboleessa hojii tokko fudhachuu isaa dura dhiibbaa karaa hafuuraa isa irraan gaʼu irratti yaaduudhaan hojicha fudhachuu didaa jiru tokko

Murtoo tokko gochuu kee dura, maatii kee fi gumii irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaadi (Keeyyata 15 ilaali)

15. Hinaaffaan hojii Yihowaatiif qabnu akka hin hirʼanne gochuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Tokkoon tokkoon keenya akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Namoonni kaan hojii tokko harka caalaa isaa akka hojjetan nan heyyamaa? Qabeenyi fedhiidhaan Yihowaa akkan hin tajaajille dhiibbaa na irratti gochaa jiraa? Akkuma Baaraaq, Deboraa, Yaaʼelii fi namoota 10,000 fedhiidhaan of dhiheessan sanaa, gaʼeen koo maal iyyuu yoo taʼe ajaja Yihowaa hojii irra nan oolchaa? Galii koo fooyyessuuf jecha gara magaalaa ykn biyya tokkoo deemuuf yaadaan jira yoon taʼe, miidhaa maatii koo fi gumicha irra gaʼu ilaalchisee kadhannaadhaan irratti nan yaadaa?’c

16. Wanta Yihowaan hin qabne kam kennuufii dandeenya?

16 Yihowaan ol aantummaa isaa deggeruu irratti akka hirmaannu nuuf heyyamuudhaan nu kabajeera. Diyaabilos ol aantummaa Yihowaa irratti gaaffii waan kaaseef, bulchiinsa Yihowaa deggeruun kee Seexanaaf ergaa guddaa fi ifa taʼe dabarsa. Amantii fi amanamummaan kee fedhiidhaan tajaajiluuf si kakaasuun isaa Yihowaa ni gammachiisa. (Fak. 23:15, 16) Deggersa ati isaaf gootutti fayyadamee arrabsoo Seexanaatiif deebii kenna. (Fak. 27:11) Kanaaf, amanamummaadhaan ajajamuun kee, akka ati Yihowaadhaaf wanta gatii guddaa qabu kennaa jirtutti ilaalama; Yihowaan kana gochuu keetiin gammachuu guddaa argata.

17. Abboota Firdii 5:31 irratti waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee maaltu ibsame?

17 Yeroo dhihootti lafti namoota wanta kam iyyuu caalaa ol aantummaa Yihowaa filataniin guutamti. Guyyaa sana hawwiidhaan eegganna! Deboraa fi Baaraaqii wajjin akkana jennee faarfanna: “Yaa Waaqayyo diinonni kee akkasuma haa badan! Warri si jaallatan garuu, akka biiftuu humna ishee guutuudhaan baatee ibsituu haa taʼan.” (Abo. 5:31) Wawwaannaan kun yeroo Yihowaan addunyaa Seexanaa isa hamaa kana balleessutti deebii argata! Yeroo waraanni Armaagedoon jalqabutti, namoonni fedhiidhaan of dhiheessan diinota isaanii loluuf akka kaʼan isaan irraa hin eegamu. Yeroon sun yeroo ‘iddoo qabannee dhaabachuudhaan, moʼicha Waaqayyo nuuf kennu itti ilaalluʼ dha. (2 Sen. 20:17) Hamma yeroo sanaatti garuu, ija jabinaa fi hinaaffaadhaan bulchiinsa Yihowaa deggeruuf carraa hedduu qabna.

18. Fedhiidhaan of dhiheessuun kee namoota faayidaa irraa argatan hunda irratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisa?

18 “[Sabichi] fedha isaaniitiin of kennuu isaaniitiif, Waaqayyoon jajadhaa!” Deboraa fi Baaraaq faarfannaa moʼichaa isaanii kan jalqaban, uumama utuu hin taʼin Isa Hundumaa Gararraa jiru jajachuudhaan ture. (Abo. 5:1, 2) Yeroo harʼaattis, fedhiidhaan of dhiheessuun keessan namoonni faayidaa irraa argatan hundi ‘Waaqayyoon akka jajatan’ kan kakaasu haa taʼu.

a Konkolaataawwan kun haamtuu sibiilaa dheeraa qara taʼe qabu turan. Haamtuuwwan kun handhuura gommaa konkolaataa sanaa irratti qabsiifamu. Maarree namni meeshaa waraanaa sodaachisaa taʼe kanatti siquuf ija jabaatu jiraa?

b Waaʼee seenaa dinqisiisaa kanaa gadi fageenyaan beekuuf Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee 2015, ful. 10-13 ilaali.

c Mata duree “Waaʼee Qarshii Yaaddaʼuu” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee 2015 irra jiru ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi