LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Adoolessa ful. 17-21
  • “Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAAN WARRA GARAAN ISAANII CABE NI FAYYISA
  • YIHOWAAN WANTA NU BARBAACHISU NUU KENNA
  • HUMNA WAAQAYYO OOLCHUUF QABU IRRAA FAYYADAMUU
  • Anaa Wajjin Yaahiin Jajaa
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
  • Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Qabiyyee Faarfannaa
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Hundi Keenya Yihowaa Jajachuu Qabna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Adoolessa ful. 17-21
Faarfatichi Yerusaalemii ala dhaabatee samii urjootaan guutame ilaalaa fi Yihowaa jajachaa jira

“Yaahiin Jajadhaa!”​—Maaliif?

“Yaahiin Jajadha! . . . Isa jajachuun gammachiisaa fi kan malu dha!”—FAR. 147:1, NW.

FAARFANNAA: 59, 3

FAARFANNAAN 147 WANTOOTA ARMAAN GADI GOCHUUF KAN SI GARGAARUU AKKAMITTI?

  • Yihowaan dhuunfaatti kan siif yaadu taʼuu isaa akka dinqisiifattu,

  • Yihowaan akka si fayyisu amanannaa qabachuuf,

  • Yihowaan saba isaa Dubbii isaatiin akkamitti akka gargaaru hubachuuf,

1-3. (a) Faarfannaan 147 yoom kan barreeffame taʼuu hin oolu? (b) Faarfannaa 147 qoʼachuudhaan barumsaa akkami argachuu dandeenya?

NAMNI tokko hojii kennameef akka gaariitti yommuu raawwatu ykn amala Kiristiyaanaa gaarii taʼe tokko yommuu argisiisuu galateeffamuu qaba. Namootaaf kun yoo dhugaa erga taʼe, Waaqa keenyaa Yihowaa immoo kana caalaa galateeffachuu hin qabnuu? Humna isaa isa guddaa uumamawwan isaa dinqisiisoo taʼan irratti mulʼateef ykn jaalala guddaa ilmaan namootaaf qabuu ilma isaa aarsaa furii godhe dhiheessuu isaatiin isa galateeffachuu dandeenya.

2 Barreessan Faarfannaa 147⁠ffaa Yihowaa galateeffachuuf kakaʼeera. Kana malees, namoonni kaan isaa wajjin Waaqayyoon akka jajatan jajjabeesseera.—Faarfannaa 147:1 [NW],a 7, 12 dubbisi.

3 Faarfannaa kana eenyuu akka barreesse sirriitti beeku baannus, faarfatichi yeroo Yihowaan Israaʼeloota boojuu Baabilon jalaa bilisa itti baase keessa waan jiraate fakkaata. (Far. 147:2) Sabni Waaqayyoo boojuu jalaa bilisa baʼanii gara bakka waaqeffannaa isaanii isa dhugaatti deebiʼuun isaanii, faarfatichi Yihowaa akka galateeffatuuf isa kakaaseera. Kana malees, sababiiwwan Yihowaa itti galateeffate kan biraa ibseera. Sababiiwwan kun maalfaʼi? Jireenya keenya keessatti sagalee ol kaasnee “Yaahiin jajadhaa!” jechuuf sababii maalii qabna?

YIHOWAAN WARRA GARAAN ISAANII CABE NI FAYYISA

4. Mootiin Qiiros Israaʼeloota boojuu jalaa yommuu bilisa baasu maaltu isaanitti dhagaʼamee ture? Maaliif?

4 Israaʼeloonni yeroo boojuu Baabilon jala turanitti wanta itti dhagaʼamaa ture yaadi. Warri isaan boojiʼan, “Weedduu Xiyoon keessaas tokko nuuf weeddisaa!” jedhanii itti qoosaniiru. Yeroo sanatti Yihowaatti gammaduuf sababii isaanii isa guddaa kan taate Yerusaalem ona taate turte. (Far. 137:1-3, 6) Yihudoonni weeddisuu hin barbaanne turan. Garaan isaanii cabee waan tureef jajjabinni isaan barbaachisa ture. Haa taʼu malee, akkuma Waaqayyo dursee dubbate, bilisummaan karaa mootii warra Faares, karaa Qiiros dhufeera. Baabiloniin injifachuudhaan akkana jedheera: “Waaqayyo gooftaan . . . Yerusaalem . . . keessaatti mana qulqullummaa isaaf akkan ijaaruuf na abboomeera; kanaaf isin keessaa saba isaa kan taʼe hundinuu kaʼee haa dhaqu! Waaqayyo gooftaan isaas isaa wajjin haa taʼu.” (2 Sen. 36:23) Dubbiin kun Israaʼeloota Baabilon keessa jiraatan baayʼee kan jajjabeessu ture!

5. Faarfatichi humna Yihowaan fayyisuuf qabuu ilaalchisee maal hubate?

5 Yihowaan Israaʼeloota akka sabaatti qofa utuu hin taʼin, tokkoon tokkoon isaanii jajjabeesseera. Yeroo harʼattis haalli isaa wal fakkaata dha. Faarfatichi waaʼee Waaqayyoo, “Inni warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf” jedhee barreesseera. (Far. 147:3) Eeyyee, Yihowaan namoota karaa qaamaas taʼe karaa miiraa rakkina qaban ni gargaara. Yeroo ammatti Yihowaan nu jajjabeesuu fi madaa karaa miiraatiin qabnu fayyisuuf hawwii guddaa qaba. (Far. 34:18; Isa. 57:15) Ogummaa fi hubannaa waan nuu kennuuf rakkoowwan nu mudatan kam iyyuu damdamachuu ni dandeenya.—Yaq. 1:5.

6. Faarfatichi ijoo dubbii isaa waan jijjiiree fakkaachuudhaan, wanta Faarfannaa 147:4 irratti dubbate irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii jalqaba jiru ilaali.)

6 Faarfatichi xiyyeeffannaa isaa gara samii gochuudhaan, Yihowaan ‘Urjoota lakkaaʼee akka kaa’e,’ akkasumas ‘hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan akka waamu’ dubbateera. (Far. 147:4) Ijoo dubbii isaa waan jijjiiree fakkaachuudhaan waaʼee qaamota samii kan dubbate maaliifi? Mee kana yaadi: Faarfatichi urjoota ija isaatiin arguu dandaʼa; lakkoofsi isaanii hammam akka taʼe garuu waan beeku hin qabu. Waggoota booda urjoonni arguu dandeenyu baayʼee dabalaniiru. Namoonni tokkoo tokkoo gaalaaksii keenya Miilkii Weey jedhamu qofa keessa illee urjoonni biliyoonaan lakkaʼaman akka jiran yaadu. Akkasumas hawaa keessatti gaalaaksota tiriiliyoonaan lakkaaʼamantu jiraachuu dandaʼu! Namoonni urjoota lakkaaʼanii fixuu hin dandaʼan! Inni Uumaa taʼee garuu hunda isaaniif maqaa adda isaan baasuu kenneeraaf. Kana jechuunis tokkoon tokkoon urjii Yihowaa duratti adda dha. (1 Qor. 15:41) Waaʼee ilmaan namootaa lafa irra jiranii hoo maal jechuutu dandaʼama? Waaqayyoo inni urjoota tokkoon tokkoon isaanii eessa akka jiran beeku, siinis eenyummaa kee ni beeka, jechuunis eessa akka jirtu, maal akka sitti dhagaʼamuu fi wanta yeroo sanaaf si barbaachisu sirritti beeka!

7, 8. (a) Yihowaan sabni isaa qorumsa keessaa akka baʼan yommuu godhu, maal tilmaama keessa galcha? (b) Gara laafinni Yihowaa ilmaan namootaa mudaa qaban akkamitti akka gargaaru ilaalchisee fakkeenya kenni.

7 Yihowaan dhuunfaatti kan siif yaadu taʼuu isaa irra iyyuu, rakkina jireenya keessatti si mudatu akka dandamattu si gargaaruuf humnaa fi gara laafina qaba. (Faarfannaa 147:5 dubbisi.) Haalli keessa jirtu baayʼee rakkisaa fi humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Waaqayyo humna kee ni hubata, ‘biyyoo taʼuu kees ni yaadata.’ (Far. 103:14) Mudaa kan qabnu waan taaneef, dogoggora tokko irruma deddeebinee raawwanna. Akkuma tasaa wanta dogoggoraa dubbachuu keenyaan, fedhiin dogoggoraa waan nutti dhagaʼameef ykn wantoota warri kaan qabanitti goomachuu keenyaan akkam gaabbina! Yihowaan hirʼina akkasii kan hin qabne taʼus, hubannaan inni nuuf qabu hammana kan hin jedhamee fi qoramee kan bira hin gaʼamne dha!—Isa. 40:28.

8 Yihowaan qorumsa tokko tokko akka damdamattu irree isaa isa cimaadhaan akkamitti akka si gargaare ofuma keetii iyyuu argiteetta taʼa. (Isa. 41:10, 13) Fakkeenyaaf, obboleettii qajeelchituu Keeyikoo jedhamtu bakka kan biratti yommuu jijjiiramtu baayʼee abdii kutaattee turte. Yihowaan rakkoowwan ishii akka hubate kan argisiise akkamitti? Keeyikoon bakka haaraa itti jijjiiramtetti namoota miira ishii hubachuu dandaʼan argatte. Yihowaan akkana akka ishiidhaan jechaa akka jirutti itti dhagaʼame: “Qajeelchituu waan taateef qofa utuu hin taʼin, intala koo anaaf of murteessite waan taateef sin jaalladha. Akkuma Dhugaa Baatota koo keessaa tokkootti jireenya keetti akka gammaddu nan barbaada!” Ati hoo Yihowaan ‘hubannaan isaa hammana kan hin jedhamne’ taʼuu isaa kan argite akkamitti?

YIHOWAAN WANTA NU BARBAACHISU NUU KENNA

9, 10. Yihowaan yommuu gargaarsa nuuf godhu isa kamiif dursa kenna? Fakkeenya kenni.

9 Hundi keenya nyaata, uffataa fi bakki jireenyaa nu barbaachisa. Fakkeenyaaf, nyaata na gaʼu hin qabu jettee yaaddofta taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan lafti nyaata hundaaf gaʼaa taʼe akka kennitu godha; ‘ilmaan qurruu illee yeroo iyyanitti isaan in soora.’ (Faarfannaa 147:8, 9 dubbisi.) Yihowaan quurruu sooruu isaa kan itti fufu yoo taʼe, siifis wanta jireenyaaf si barbaachisu akka siif kennu amanannaa qabaachuu dandeessa.—Far. 37:25.

10 Hunda caalaa garuu, Yihowaan wanta amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu nu gargaaru fi ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaa irra caalu’ nuuf kenna. (Filp. 4:6, 7) Fakkeenyaaf, Mutsuu’oo fi haadha manaa isaa, warra bara 2011⁠tti bubbee cimaa Jaappaaniin rukutee ture damdamatanii humna Yihowaan oolchuuf qabu ija isaaniitiin argan ilaalaa. Baaxii mana isaanii yaabuudhaan, hamma xinnoof bubbee cimaa sana irraa oolan. Taʼus, gaafa sana qabeenya isaanii hunda dhabaniiru jechuun ni dandaʼama. Halkan dukkanaaʼaa fi diilallaaʼaa sana kutaa mana isaanii fooqii lammaffaa irra jiru balaa sanaan miidhame keessatti dabarsan. Yommuu bariʼu wanta karaa hafuuraa isaan jajjabeessu barbaaduu jalqaban. Wanti isaan argatan Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2006 qofa ture. Yeruma sana, iji Mutsuu’oo mata dureen “Bubbee Cimaa Seenaa Keessatti Namoota Baayʼee Ajjeesuudhaan Galmeeffame” jedhu irra buʼe. Mata dureen kun waaʼee kirkira lafaa bara 2004⁠tti Sumaatraatti taʼee fi bubbee cimaa seenaa keessatti balaa guddaa geessise sanaaf sababii taʼe ibsa. Mutsuu’oo fi haati manaa isaa muuxannoowwan kana yommuu dubbisan ni booʼu turan. Yeroo barbaachisaa taʼetti Yihowaan jajjabina hafuuraa akka isaaniif kenne isaanitti dhagaʼamee ture. Kana malees, Yihowaan wantoota karaa qaamaa isaan barbaachisu jaalalaan isaaniif kenneera. Karaa obboloota isaanii gargaarsa meeshaa adda addaa isaan barbaachisan argataniiru. Caalaatti kan isaan jajjabeesse garuu, daawwannaa bakka buutota jaarmiyaa Waaqayyoo gumii isaaniitiif godhan ture. Mutsuu’oo akkana jedheera: “Yihowaan tokkoon tokkoo keenya bira taʼee nu kunuunsaa akka jiru natti dhagaʼameera. Kun baayʼee kan nama jajjabeessu dha!” Waaqayyoo jalqaba gargaarsa hafuuraa nuuf godha, achiis wanta qaama keenyaaf barbaachisu nuuf guuta.

HUMNA WAAQAYYO OOLCHUUF QABU IRRAA FAYYADAMUU

11. Namoonni humna Waaqayyo oolchuuf qabu irraa fayyadamuu barbaadan maal gochuu qabu?

11 Yihowaan yeroo hundaa ‘warra gad deebiʼan ol qabuuf’ qophaaʼaa dha. (Far. 147:6a) Haa taʼu malee, gargaarsa inni nuuf godhu irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu qabna. Kana qabachuuf immoo, garraamummaa horachuun nu barbaachisa. (Sef. 2:3) Namoonni garraamota taʼan gocha dogoggoraa kam iyyuu akka qajeelchuu fi miidhaa isaan irra gaʼe akka balleessuuf Waaqayyoon obsaan eeggatu. Yihowaan namoonni akkasii isa duratti fudhatama akka qabaatan godha.

12, 13. (a) Gargaarsa Waaqayyoo irraa faayidaa argachuuf, maal irraa fagaachuu qabna? (b) Yihowaan namoota akkamiitti gammada?

12 Karaa biraatiin immoo, Waaqayyo “warra jal’oota . . . lafatti in dabala.” (Far. 147:6b) Kun akka nu irra gaʼu hin barbaannu! Jaalala amanamaa Yihowaa irraa fayyadamuu fi dheekkamsa isaa jalaa ooluuf, wantoota inni jibbu jibbuu qabna. (Far. 97:10) Fakkeenyaaf, amala addaggummaa jibbuu qabna. Kana jechuun poornoogiraafii dabalatee, wantoota gara gochawwan dogoggoraa akkasiitti nu geessan kam irraa iyyuu of eeggachuu qabna jechuu dha. (Far. 119:37; Mat. 5:28) Kun qabsoo cimaa gochuu kan gaafatu taʼu iyyuu, eebba Yihowaa argachuuf carraaqqii barbaachisaa taʼe hunda gochuun kan nu gaabbisiisu miti.

13 Qabsoo kana irratti, ofitti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamuu qaba. Yihowaan jabina keenyatti ykn jabina namoota kaanitti yoo amanamne ni gammadaa? Inni “jabina fardaatti hin gammadu,” “jabinni miilla namaas isa hin dinqisiisu” [NW]. (Far. 147:10) Kanaa mannaa, gargaarsa isaa kadhachuudhaan gara Yihowaatti dhihaachuu qabna. Gorsitoota namootaa irraa haala adda taʼeen, irra deddeebinee yoo isa kadhanne iyyuu inni matumaa nu dhagaʼuu hin nuffu. “Warri Waaqayyoon sodaatanii gaarummaa isaas abdiidhaan eeggatan garuu isatti in tolu.” (Far. 147:11) Kanaaf, jaalala amanamaa inni qabutti amanamuu dandeenya; Yihowaan nu hin gatu, hawwii dogoggoraa qabnu akka moonus nu gargaara.

14. Faarfatichi waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture?

14 Yihowaan yeroo sabni isaa gargaarsa barbaadan hunda akka gargaaru ragaa nu amansiisu nuuf kenna. Waaʼee haareffamuu Yerusaalem yommuu yaadu, faarfatichi akkana jedhee waaʼee Yihowaa faarfateera: “Innoo danqaraa balbala kelloota keetii in jabeessa, ilmaan kee kellaa kee keessatti in eebbisa. Daarii kee nagaa in godha.” (Far. 147:13, 14) Faarfatichi Waaqayyo namoota isa waaqeffatan isaa eeguuf balbala kellootaa akka jabeessu beekuun isaa baayʼee isa jajjabeesseera!

Obboleettiin tokko abbaan manaa ishii ishii dhiisee yommuu deemu baayʼee gaddaa jirtu; yommuu jaarsolii ishii jajjabeessan; Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan yommuu jajjabina argattu

Qorumsi yommuu sitti cimu Dubbiin Waaqayyoo si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 15-17 ilaali)

15-17. (a) Qorumsa nu irra gaʼu ilaalchisee yeroo tokko tokko maaltu nutti dhagaʼama? Yihowaan hoo nu gargaaruuf Dubbii isaatti kan fayyadamu akkamitti? (b) ‘Dubbiin Waaqayyoo ariifatee kan waliin gaʼu’ akkamitti akka taʼe fakkeenya kenni.

15 Rakkoowwan si dhiphisan si mudachuu dandaʼu. Yihowaan ogummaa rakkoowwan damdamachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa. Faarfatichi waaʼee Waaqa isaa akkana jedheera: “Abboommii isaa gara lafaatti in erga, dubbiin isaa ariifatee waliin in ga’a. Cabbii akka jirbii in diriirsa, qorra akka hurrii addaatus akka daaraa in facaasa. Inni cabbii akka dhagaatti gad in daddarbata.” Achiis, “Qorra sanas eenyutu obsee dhaabachuu danda’a?” jedhee gaafateera. Itti dabalees, Yihowaan “Dubbii isaa in erga, cabbii sanas in baqsa” jedheera. (Far. 147:15-18) Waaqni keenya inni ogummaa guddaa fi humna guddaa qabu, inni cabbii akka dhagaa taʼe toʼatu, gufuu si mudatu kam irra iyyuu akka tarkaanfattu si gargaaruu dandaʼa.

16 Yihowaan yeroo harʼaatti, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼetti fayyadamee nu qajeelcha. ‘Dubbii isaa isa ariifatee waliin gaʼuun’ yeroo nu barbaachisutti qajeelfama hafuuraa nuuf kennuuf qophaaʼaa dha. Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, barreeffamoota “garbichi amanamaanii fi ogeessi” qopheesse qoruudhaan, JW Biroodkaastingii ilaaluudhaan, weeb saayitii jw.org daawwachuudhaan, jaarsolii wajjin mariʼachuudhaan, akkasumas Kiristiyaanota obboloota kee taʼanitti michoomuudhaan buʼaa akkamii akka argatte mee yaadi. (Mat. 24:45) Atumti iyyuu Yihowaan ariitiidhaan qajeelfama isaa akka sii kennu hin arginee ree?

17 Siimoon humna Dubbiin Waaqayyoo qabu argiteetti. Nama Waaqayyo biratti fudhatama qabdu taʼuu ishii hamma shakkitutti ofii ishiitiif ilaalcha gadi aanaa qabdi turte. Haa taʼu malee, yeroo abdii kutattutti gargaarsa Yihowaa argachuudhaaf utuu wal irraa hin kutin kadhannaa dhiheessiti turte. Kana malees, yeroo hunda qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa gooti turte. Akkana jetteetti: “Yeroo Yihowaan jabinaa fi qajeelfama naaf hin kennin akka jiru matumaa natti dhagaʼamee hin beeku.” Kunis hamma naaf dandaʼametti ilaalcha sirrii qabaachuuf yaalii akkan godhu na gargaareera.

18. Waaqayyo duratti fudhatama akka qabdu kan sitti dhagaʼamu maaliifi? Sagalee kee guddistee “Yaahiin jajadhaa!” jechuuf sababii maalii qabda?

18 Faarfatichi sabni Waaqayyoo warra durii isa duratti akkamitti fudhatama akka argatan beeka ture. Sabni ‘dubbiin’ Waaqayyoo, ‘seerranni isaa fi wanti isa duratti qajeelaa taʼee fudhatame’ kennameef saba kana qofa dha. (Faarfannaa 147:19, 20 dubbisi.) Yeroo ammaatti, namoota lafa irraa keessaa maqaa Waaqayyootiin kan waamamu nu qofa taʼuu keenyaan eebbifamneerra. Yihowaa beekuunii fi Dubbii isaa isa jireenya keenya keessatti hojjetaa jiru qabaachuu keenyaan, isaa wajjin hariiroo uumuuf mirga arganneerra. Akkuma barreessaa Faarfannaa 147, sagalee keenya guddisnee “Yaahiin jajadhaa!” jechuu fi warri kaanis akkasuma akka godhan isaan jajjabeessuuf sababii gaarii hedduu qabda mitii ree?

a Faarfannaa 147:1 (NW): “Yaahiin jajadhaa! Waaqa keenyaaf faarfannaa galataa dhiheessuun gaarii dha. Isa jajachuun gammachiisaa fi kan malu dha!”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi