LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 6-7
  • Yommuu Namni Jaallattu Duʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Namni Jaallattu Duʼu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NAMOONNI TOKKO TOKKO KAN DANDAMATAN AKKAMITTI?
  • GADDA KEE HIN UKKAAMSIN
  • YAADA KEE FI MIIRA KEE BAASII DUBBADHU
  • GARGAARSA SIIF GODHAMU FUDHADHU
  • WAAQAYYOOTTI DHIHAADHU
  • NAMNI JAALLATTU YOMMUU DUʼAA KAʼU IJA QALBIITIIN ILAALI
  • Gaddakoo Dandaʼuuf Maaltu Na Gargaara?
    Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • Gaddi Akkasii Sirriidhaa?
    Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • “Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Gaddi Maal Geessisuu Dandaʼa?
    Dammaqaa!—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 6-7
Hiriyoonni gaaʼelaa gadda irra jiran tokko qarqara galaanaatti harka wal qabatanii fagoo ilaalaa jiru

Yommuu Namni Jaallattu Duʼu

Vaanesaan ishiin Awustiraaliyaa keessa jiraattu akkas jetteetti: “Yommuu obboleessi koo angafti akka tasaa duʼetti homaa gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Jiʼoota muraasa booda, akka tasaa yeroon isa yaadadhu akkuma albeen keessa koo na waraanetti miirri dhukkubbii guddaan natti dhagaʼame. Akkasumas darbe darbee nan aaran ture. Obboleessi koo maaiif duʼe? Yommuu inni lubbuudhaan turetti yeroo gahaa isa wajjin utuun hin dabarsin hafuu kootti balleessaa akkan raawwadhe natti dhagaʼama.”

ATIS nama jaallattu tokko duʼan dhabdeetta yoo taʼe, miirri garaagaraa kan akka gaabbii, kophummaa fi abdii kutachuu sitti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa. Tarii aariin, miirri balleessaa fi sodaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Jiraachuun kee gatii qabaachuu fi dhiisuu isaa illee shakkuu dandeessa taʼa.

Gadduun dadhabaa taʼuu kee kan argisiisu akka hin taane mirkanaaʼaa taʼi. Kanaa mannaa, nama jaallattu sanaaf hangam iddoo guddaa akka kennitu argisiisa. Haa taʼu malee, gadda kee irraa hamma tokko boqonnaa argachuu ni dandeessaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO KAN DANDAMATAN AKKAMITTI?

Gaddi kee dhuma akka hin qabne kan sitti fakkaatu yoo taʼe illee, yaada armaan gadii hojii irra oolchuun si jajjabeessuu dandaʼa:

GADDA KEE HIN UKKAAMSIN

Namoonni hundi akkaataan gadda isaanii itti ibsanii fi yeroon gaddi isaanii isaan irra turu tokko miti. Taʼus, booʼuun gadda kee irraa hamma tokko boqonnaa argachuuf si gargaaruu dandaʼa. Vaanesaan ishiin olitti ibsamte, “Booʼeen gadda koo of keessaa baasa” jetteetti. Soofiyaan ishiin obboleettiin ishii akka tasaa jalaa duute, “yommuu madaa hidhame tokko hiikanii qulqulleessan akkuma nama dhukkubu, wanta taʼe sana yommuun yaadadhu baayʼeen dhiphadha. Dhukkubbiin namatti dhagaʼamu baayʼee cimaa taʼus, kun madichi akka fayyu gargaara” jetteetti.

YAADA KEE FI MIIRA KEE BAASII DUBBADHU

Yeroo tokko tokko kophaa taʼuu akka barbaaddu beekamaa dha. Gadda kophaa kee dandaʼuuf yaaluun, baʼaa ulfaataa taʼe tokko kophaa kee baachuuf yaaluu wajjin wal fakkaata. Yaared inni umuriin isaa waggaa 17 taʼee fi abbaa isaa duʼaan dhabe, “Miira natti dhagaʼamu baaseen warra kaanitti dubbadha. Miira koo guutummaatti ibsuu koo nan shakka, taʼus, wanta natti dhagaʼamu dubbachuun koo na gammachiisa” jedheera. Jaaniis ishiin mata duree jalqabaa irratti ibsamte, “Miira ofii namoota kaanitti dubbachuun baayʼee nama jajjabeessa. Namoonni kaan miira koo akka naaf hubatan waanan beekuuf, kophaa koo akkan taʼe natti hin dhagaʼamu” jechuudhaan faayidaa kan biraa warra kaanitti dubbachuun qabu ibsiteetti.

GARGAARSA SIIF GODHAMU FUDHADHU

Doktarri tokko, “Namoonni sadarkaa gaddaa isa jalqabaa irratti michoonnii fi firoonni isaanii akka isaan gargaaran heyyaman, sana booda sadarkaa adda addaatti gadda isaan mudatu dandamatanii darbuun isaanitti salphata” jedheera. Wanta hiriyoonni kee si gargaaruu dandaʼan isaanitti himi; gargaarsa sii gochuu dandaʼan akka baran godhi, tarii si gargaaruu utuu barbaadanii maal akka si gargaaran beekuu dhiisuu dandaʼu.—Fakkeenya 17:17.

WAAQAYYOOTTI DHIHAADHU

Tiinaan akkas jetteetti: “Yommuun abbaa manaa koo dhukkuba kaansariitiin akka tasaa duʼaan dhabetti, iccitii koo isatti himachuu hin dandeenye; kanaaf, wanta natti dhagaʼamu kam iyyuu Waaqayyottin hima ture. Rakkina guyyaa sanatti na mudatu moʼuuf akka na gargaaru, guyyaa hundumaa jalqaba kadhannaan dhiheessa. Waaqayyos karaa ani ibsuu dandaʼuu olitti na gargaareera.” Taarishaan yommuu haati ishii duute umuriin ishii waggaa 22 siʼa taʼu, akkas jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo guyyaa guyyaadhaan madda jajjabinaa naaf taʼee ture. Wanta nama jajjabeessu tokko irratti akkan yaadu na gargaareera.”

NAMNI JAALLATTU YOMMUU DUʼAA KAʼU IJA QALBIITIIN ILAALI

Tiinaan itti fufuudhaan akkas jetteetti: “Jalqaba irratti ani abbaa manaa koo argachuu kanan barbaadu siʼa taʼu, ilmaan koos battaluma sanatti abbaa isaanii argachuu waan barbaadaniif abdiin duʼaa kaʼuu na hin jajjabeessine. Amma waggaa afur booda garuu, abdii kana cimsee qabadheera. Abdiin kun jireenyi koo akka itti fufu na gargaareera. Yeroon deebiʼee abbaa manaa koo itti argu yaadaan nan ilaala; kunis nagaa fi gammachuu guddaa naaf argamsiisa!”

Yeruma sana gadda kee irraa boqonnaa hin argattu taʼa. Taʼus, muuxannoon Vaanesaa hedduu akka hin dhiphanne si gargaaruu dandaʼa. Ishiin akkas jetteetti: “Matumaa gadda kee keessa darbuu akka hin dandeenye yaadda, garuu guyyaan ifaa taʼe ni dhufa.”

Gaddi garaa kee keessa jiru baduu baatus, jiraachuun kee garuu gatii guddaa akka qabu yaadadhu. Gargaarsa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼeen, ammas michummaa gaarii horachuu fi jireenya kaayyoo qabu jiraachuu ni dandeessa. Kana malees, Waaqayyo dhiheenyatti warra duʼan ni kaasa. Waaqayyo namoota jaallattu deebitee akka hammattu ni barbaada. Sana booda dhukkubbiin garaa kee keessa jiru bara baraaf ni fayya!

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Si Gargaaruu Dandaʼan

Waaqayyo gadda kee fi imimmaan kee ni hubata.

Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko Waaqayyoon, “Imimmaan koo qodaa safaraa keetti walitti qabi! Isaan dhugumaan macaafa kee keessatti caafamaniiru.” jedheera.—Faarfannaa 56:8.

Wanta garaa kee keessa jiru Waaqayyo duratti dhangalaasuu ni dandeessa.

“Rakkina koos [Waaqayyo] duratti nan himadha! . . . Yaa Waaqayyo, ani gara keetti nan iyyadha.”—Faarfannaa 142:2, 5.

Abdii qabaachuu ni dandeessa.

“Duʼaa akka kaʼan Waaqayyoon nan abdadha.”—Hojii Ergamootaa 24:15.

Waaqayyo namoota lakkoofsi isaanii hangana hin jedhamnee fi duʼanii jiran gara jireenyatti deebisuuf abdii kenneera; kana gochuufis fedhii qaba.a—Iyoob 14:14, 15.

a Waaʼee duʼaa kaʼuu odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe barumsa 30 ilaali. Weeb saayitii www.jw.org/om irraa tola buufachuu ni dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi