LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 8-9
  • Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU SI GARGAARUU DANDAʼAN
  • Yeroo Rakkinaatti Jajjabina Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira
    Masaraa Eegumsaa: Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira
  • 3 Rakkina Dandaʼuuf Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Waaʼee Maatii Yaaddaʼuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 8-9
Dubartii kadhachaa jirtu tokko

Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu

Maariyaa ishiin Ispeen keessa jiraattu akkas jetteetti: “Abbaan manaa koo dubartii umuriin ishii anaa gad taʼe fuudhuuf jedhee na dhiisee akka adeemu yommuu natti himu duʼuu barbaadeen ture. Keessumaa aarsaa ani isaaf kaffale yommuun yaadadhu, gochi isaa kun jalʼina guddaa natti fakkaata.”

Biil inni Ispeen keessa jiraatu akkas jedheera: “Yommuu haati manaa koo tasa na dhiistee deemtu, kutaa qaama koo keessaa tokko akka duʼe natti dhagaʼame. Hawwiin keenya, abdiin keenyaa fi karoorri keenya gatii dhabe. Guyyaa tokko tokko dhiphina irraa bilisa akkan taʼe natti dhagaʼama, garuu ammas deebiʼeen dhiphina keessa gala” jedheera.

NAMNI tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa amanamaa utuu hin taʼin yommuu hafu garmalee dhiphachuu dandaʼa. Dhugaa dha, tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa isaanii yaada geddarateef dhiifama gochuudhaan hariiroo isaanii deebisanii cimsachuu akka dandaʼan hubataniiru.a Haa taʼu malee, gaaʼelchi diigamuu irraa oolus ooluu baatus, namni hiriyaan gaaʼelaa isaa amanamaa utuu hin taʼin akka hafe bare tokko, yeroo hunda dhiphachuu dandaʼa. Namoonni akkasii dhiphina isaanii dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU SI GARGAARUU DANDAʼAN

Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, gaddi guddaan kan isaan irra gaʼe taʼus, Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabina argataniiru. Waaqayyo imimmaan isaanii akka arguu fi dhiphina isaanii akka hubatu barataniiru.—Miilkiyaas 2:13-16.

“Yaaddoon yeroo na liqimsetti, Ati na jajjabeessite, na tasgabbeessite.”—Faarfannaa 94:19, NW.

Biil inni olitti ibsame, “Caqasa kana yommuun dubbisu, Yihowaan akka abbaa gara laafessa tokkootti jaalalaan dhiphina koo akka naaf tasgabbeesse natti dhagaʼame” jedheera.

“Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata.”—Faarfannaa 18:25, NW.

Kaarmeen ishiin abbaan manaa ishii jiʼoota hedduudhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe, “Abbaan manaa koo amanamaa hin turre. Haa taʼu malee, Yihowaan amanamaa taʼuu isaa hin shakku. Inni gonkumaa na hin dhiisu” jetteetti.

“Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan . . . iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus . . . yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

Saashaan akkas jetteetti: “Caqasa kana yeroo baayʼee irra deddeebiʼee dubbiseera. Cimsee Kadhachaa yommuun adeemu, Waaqayyo jireenya koo keessatti nagaa naaf kenne.”

Namoonni olitti ibsaman hundi darbee darbee abdii kutatanii turan. Haa taʼu malee, Yihowaatti amanamuudhaan Dubbii isaa irraa jabina argataniiru. Biil akkas jedheera: “Wanti kan biraan hundi gatii kan hin qabne yommuu fakkaatutti, amantiin koo jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu godheera. Yeroo muraasaaf ‘bowwaa dukkanaaʼaa keessa’ kanan adeeme yoo taʼe iyyuu Waaqayyo anaa wajjin jira ture.”—Faarfannaa 23:4.

a Dhiifama gochuu ykn dhiisu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Ebla 22, 1999 mata duree “Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu” jedhu ilaali. (Amaariffa)

Namoonni Tokko Tokko Kan Dandamatan Akkamitti?

Caqasoota nama jajjabeessan irratti xiinxali.

Biil akkas jedheera: “Kitaaba Iyoob nan dubbisa, achiis kitaaba Faarfannaa nan dubbisa, yaada haala koo wajjin kan wal simu natti fakkaatu hundumaa jala nan mura. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan kun dhiphinaa fi yaaddoo ana irra gaʼaa jiru keessa akka darban hubadheera.”

Muuziqaadhaan jajjabina argadhu.

Kaarmen, “Halkan yommuu hirribni na fudhachuu didu, muuziqaan dhaggeeffadha. Kun madda jajjabinaa guddaa naaf taʼeera” jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti. Daaniʼeel, “Gitaara taphachuu kanan baradhe siʼa taʼu, sagaleewwan muuziqaa sanaa deebisee nagaa akkan argadhu na gargaaru” jedheera.

Miira sitti dhagaʼamu baasii dubbadhu.

Daaniʼeel akkas jedheera: “Ani miira natti dhagaʼamu baasee dubbachuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, michoota gaggaarii tokko tokko kanan qabu siʼa taʼu, guyyaa guyyaadhaan isaanitti nan dubbadha. Barreeffamaanis taʼe dubbiidhaan wanta natti dhagaʼamu hundumaa baasee isaanitti nan dubbadha. Kun dhugumaan na gargaareera.” Saashaan akkas jetteetti: “Maatiin koo gargaarsa guddaa naaf godheera. Haati koo yeroo na barbaachisu hundumaatti na gargaarti. Yommuun dubbachuu barbaadu yeroo fudhattee na dhaggeeffatti. Abbaan koos akkan jaallatamuu fi tasgabbiin akka natti dhagaʼamu godheera, akkasumas akka suuta suuta akkan bayyannadhu na gargaareera.”

Cimsii kadhadhu.

Kaarmen, “Yeroo hundaa nan kadhadha. Waaqayyo natti dhihoo akka jiru, akka na dhaggeeffatuu fi akka na gargaaru natti dhagaʼameera. Yeroowwan rakkisaa taʼan sana keessatti caalaatti Waaqayyootti dhihaadheera” jetteetti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi