LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 1 ful. 12-13
  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidhaa?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 1 ful. 12-13
Lafti hawaarraa yommuu ilaalamtu ifa aduutiin calaqqistee jirti

Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Yesuus akkana jedhanii akka kadhatan duuka buutotasaa barsiiseera: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.” (Maatewos 6:9, 10) Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootummaan kun maal raawwata? Akka dhufu kadhachuu kan qabnu hoo maaliifi?

Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyooti.

Luqaas 1:31-33: “Maqaa [isaa] Yesuus jettee moggaasta. Inni guddaa ni taʼa; Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama; Yihowaanis teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna; inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”

Lallabni Yesuus Mootummicharratti kan xiyyeeffatu ture.

Maatewos 9:35: “Yesuus, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba akaakuu hundumaa fi dhibee akaakuu hundumaa fayyisaa magaalotaa fi gandeen hunda keessa naannaʼe.”

Yesuus mallattoo yeroo itti Mootummichi dhufuuf jedhu beekuuf isaan gargaaru barattootasaatiif kenneera.

Maatewos 24:7: “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa.”

Barattoonni Yesuus addunyaa maratti waaʼee Mootummichaa lallabaa jiru.

Maatewos 24:14: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Teessoo. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiruu fi Waaqayyo samii keessatti hundeessedha.—DAANIʼEL 2:44; MAATEWOS 4:17.

Kaayyoo. Mootummaan Waaqayyoo lafa jannata godha; namoonni yeroo sana jiraatan hundi nagaa fi tokkummaa qabaatu, akkasumas hin dhukkubsatan ykn hin duʼan.—FAARFANNAA 37:11, 29.

Bulchitoota. Waaqayyo samii keessatti Mootii taʼee akka bulchu Yesuusiin muudeera; namoonni lafarraa filatamanii fi 144,000 taʼan isa wajjin bulchu.—LUQAAS 1:30-33; 12:32; MULʼATA 14:1, 3.

Warra isa jalatti bulan. Warri Mootummicha jalatti bulan lafarra jiraatu; bulchiinsa Yesuusiif fedhiidhaan waan bitamaniif, seerota Mootummichi baasuuf ni ajajamu.—MAATEWOS 7:21.

Yesuus Ilmaan Namootaa Bulchuuf Gaʼumsa Qaba kan Jennu Maaliifi?

Yesuus yeroo lafarra turetti wantoota armaan gadii gochuudhaan bulchaa dandeettii qabuu fi jaalala qabeessa taʼuusaa argisiiseera:

  • Hiyyeeyyiidhaaf baayʼee yaada ture.—LUQAAS 14:13, 14.

  • Malaanmaltummaa fi jalʼina haqaa ni jibba ture.—MAATEWOS 21:12, 13.

  • Humnoota uumamaa toʼateera.—MAARQOS 4:39.

  • Namoota kumaan lakkaaʼaman sooreera.—MAATEWOS 14:19-21.

  • Namoota dhukkubsataniif gaddeera, akkasumas isaan fayyiseera.—MAATEWOS 8:16.

  • Namoota duʼan duʼaa kaaseera.—YOHAANNIS 11:43, 44.

Mootummaan Waaqayyoo Yeroo Ammaatti kan Si Fayyadu Akkamitti?

Mootummaa Waaqayyootiif kan bitamtu yoo taʼe yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa jiraatta. Fakkeenyaaf, namoonni Mootummichaaf bitaman

  • “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf [carraaqu].”—IBROOTA 12:14.

  • Hiriyoonni gaaʼelaa waan wal jaalatanii fi wal kabajaniif maatii keessatti nagaa fi tokkummaa qabu.—EFESOON 5:22, 23, 33.

  • Fedhii hafuuraasaanii waan guuttataniif jireenya gammachuu qabu jiraatu.—MAATEWOS 5:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi