LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 1 ful. 14-15
  • Yeroo Gara Fuulduraa Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Gara Fuulduraa Ilaalchisee Dhugaa Jiru
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BULCHIINSA GAARII
  • FAYYAA GAARII
  • NAGAA GUUTUU
  • LAFTI NAMOOTA GAGGAARIIDHAAN GUUTAMTI
  • GUUTUMMAAN LAFAA JANNATA TAATI
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 1 ful. 14-15
Namoonni Jannata keessa yommuu jiraatan

Yeroo Gara Fuulduraa Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Waaʼeen yeroo gara fuulduraa si yaaddessaa? Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan barbaachisoon namoota lafarra jiraatan hundarratti dhiibbaa geessisan dhiheenyatti akka raawwataman dubbata.

Yesuus ‘Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekuu’ kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibseera. (Luqaas 21:31) Waraanni ciccimaan, kirkirri lafaa guguddaan, hanqinni nyaataa, golfaanii fi wantoonni kan biroon akka uumaman raajii dubbateera; yeroo harʼaatti wantoonni kun yeroo raawwataman argaa jirra.—Luqaas 21:10-17.

Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” bulchiinsa ilmaan namootaatti amalli namootaa mancaʼaa akka deemus ni dubbata. Wantoota 2 Ximotewos 3:1-5 irratti ibsaman dubbisuu dandeessa. Amalootaa fi gochawwan kanneen yommuu argitu, raajiin Kitaaba Qulqulluu kun haala yeroo ammaa jiru sirriitti kan ibsu taʼuusaa irratti akka walii galtu hin shakkisiisu.

Kun maal argisiisa? Yeroon Mootummaan Waaqayyoo jijjiiramawwan guguddaa jireenyi lafarra jiru guutummaatti akka jijjiiramu godhu itti fidu dhihaateera. (Luqaas 21:36) Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti, lafaa fi namoota lafarra jiraataniif wantoota gaggaarii taʼan akka fidu waadaa galeera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

BULCHIINSA GAARII

“Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi, ulfinnii fi mootummaan [Yesuusiif] ni kenname. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.”—DAANIʼEL 7:14.

Maal jechuudha? Bulchiinsa olaanaa addunyaa maratti bulchuu fi Waaqayyo Ilmasaa Mootii godhee irratti muude jalatti jireenya gammachiisaa jiraatta.

FAYYAA GAARII

Shamarree takka wiilchariirraa kaatee yommuu deemtu

“Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”—ISAAYYAAS 33:24.

Maal jechuudha? Yoomiyyuu dhukkubaafis taʼe hirʼina qaamaatiif hin saaxilamtu; barabaraaf waan jiraattuuf duʼa hin sodaattu.

NAGAA GUUTUU

Qawwee caccabee jiru

“Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”—FAARFANNAA 46:9.

Maal jechuudha? Sodaan waraanaa fi rakkinni inni geessisu hundi hin jiraatu.

LAFTI NAMOOTA GAGGAARIIDHAAN GUUTAMTI

“Namoonni hamoon hin jiraatan . . . Garraamonni garuu lafa ni dhaalu.”—FAARFANNAA 37:10, 11.

Maal jechuudha? Namoonni hamoon hin jiraatan; namoota Waaqayyoof ajajamuuf fedhii guddaa qaban qofatu jiraata.

GUUTUMMAAN LAFAA JANNATA TAATI

“Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.”—ISAAYYAAS 65:21, 22.

Maal jechuudha? Guutummaan lafaa bareedduu taati. Waaqayyo kadhannaa fedhiinsaa “lafa irratti” akka taʼuuf dhiheessinuuf deebii kenna.—Maatewos 6:10.

Namoonni Jannata keessa yommuu jiraatan
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi