Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2005
Qajeelfama
Manni barumsaa, 2005 kun, akka kanaa gadiitti dhihaata.
BARUMSICHI KAN FUDHATAME: Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara [1997], Masaraa Eegumsaa [w], Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami [be], ‘Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Caafameefi Kan Dhimma Baasudha’ (bara 1990) [si], Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu (bara 1989) [rs].
Manni barumsichaa, SA’AATIISAATTI faarfannaa, kadhannaafi simannaadhaan erga jalqabamee booda, akka kanaa gadiitti geggeeffama.
AMALA H.* Daq. 5. Amalli haasawaa kun kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti hundaa’uudhaan ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin, gargaaraasaa ykn jaarsa dandeettii qabuun dhihaata. (Gumiiwwan jaarsoliin baay’inaan hin jirretti, tajaajilaan gumii dandeettii qabu kuticha dhiheessuu danda’a.) Ibsi garabiraan yoo kenname malee, saanduqoonni barumsicha keessatti argamanis dhihaachuu qabu. Gilgaalonni, baratichi akka itti gargaaramuufi gorsa argatuuf waan qophaa’aniif, kuticha keessa galuu hin qaban.
HAASAWAA LAK. 1: Daq. 10. Kutaan kun, Masaraa Eegumsaa, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, ykn ‘Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Caafameefi Kan Dhimma Baasudha’ jedhamanirraa jaarsa ykn tajaajilaa gumiitiin dhihaata. Kutichi haasawaa qajeelfamaa ta’ee daqiiqaa 10f dhihaata; gaaffii irra deebiis hin qabu. Kaayyoonsaa kuticha dhiheessu qofa utuu hin ta’in, faayidaa barumsichaarratti xiyyeeffachuudhaan yaada gumicha gargaaru addeessuu ta’uu qaba. Mataduree kennameen gargaaramuun barbaachisaadha. Obboloonni kutaa kana dhiheessan yeroo kennameefitti fixuu qabu. Yoo barbaachise dhuunfaatti gorsi kennamuufii danda’a.
IJOO DUBBISA M.Q.:* Daq. 10. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii dandeetti qabu, kuticha akka gumichaaf barbaachisutti daqiiqaa 6f dhiheessa. Dubbisa M.Q torban sanaarraa boqonnaafi lakkoofsa barbaaderratti yaada kennuu danda’a. Kutichi boqonnaawwan torban sanaaf kennaman irra deebi’uudhaan qofa dhihaachuu hin qabu. Kaayyoonsaa, dhaggeeffattoonni barumsi dhihaatu akkamittiifi maaliif akka fayyadu akka hubatan gargaaruudha. Obboleessi haasawicha dhiheessu daqiiqaa 6 caalaa fudhachuu hin qabu. Daqiiqaan arfan hafan hirmaannaa dhaggeeffattootaatiif kan ramadamanidha. Isaanis, dubbisa M.Q sanaarraa waan isaan tuqeefi bu’a qabeessa ta’ee argatanirratti (sekoondii 30 ykn yeroo isaa gadi ta’eef) yaada gabaabaa akka kennan afeeramu. Achiis, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barattoonni Galma lammaffaatti kutaa dhiheessan adeemuu akka danda’an ibsa.
HAASAWAA LAK. 2: Daq. 4. Kutaa kana obboleessa tokkotu dubbisaan dhiheessa. Dubbisni kun yeroo baay’ee Macaafa Qulqulluurraa, ji’atti al tokkommoo, Masaraa Eegumsaarraa dhihaata. Baratichi yaada seensaa ykn xumuraa utuu hin kennin dubbisuu qofaan kutaa kana dhiheessa. Kutaawwan kennaman wal caaluu yoo danda’aniyyuu, hundinuu daqiiqaa 4 ykn isaa gaditti xumuramuu qabu. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kuticha kennuusaa dura umuriifi dandeetti baratichaa madaaluu qaba. Obboleessi kun, barattoonni hubannaadhaan, jechoota furtuu ta’an jabeessuudhaan, sagalee gegeeddaruudhaan, dhaabachuufi akkaataa haasawaa uumamaatiin akka dubbisan gargaara.
HAASAWAA LAK. 3: Daq. 5. Kutaan kun obboleettii tokkoof kennama. Barattoonni kutaan kun kennamuuf, yoomessoota kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ful. 82rraa tokko filachuu danda’u; ykn ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatu yoomessicha kennaaf. Barattittiin mataduree kennameeen gargaaramuufi haala naannoo tajaajilaa gumichaa wajjin wal qabsiisuudhaan dhiheessuu qabdi. Matadureensaa qofaan yommuu kennamutti, barreeffamawwan hojjetaan amanamaafi ogeessi qopheesserratti qorannaa gochuudhaan yaadawwan kutaa sanaaf ta’an argachuu qabdi. Kutaan matadureensaa qofti kenname barattoota haaraadhaaf kennamuu hin qabu. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, mataduree kennameef akkamitti akka dhiheessituufi, abbaan manichaa hiika caqasawwaniifi yaada kutichaa akka hubatuuf haala itti gargaartu arguu barbaada. Obboleettiin kun dubbisuu kan dandeessu ta’uu qabdi. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gargaartuu tokko ramadaaf.
HAASAWAA LAK. 4: Daq. 5. Baratichi mataduree kennameef gabbifachuu qaba. Yeroo matadureensaa qofti kennamutti, barreeffamawwan hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’anirratti qo’annaa gochuudhaan qabxiiwwan kutaa sana gabbisan walitti qabachuu qaba. Kutaan kun obboleessa tokkoof yeroo kennamutti, dhaggeeffattoota gumii keessa jiran sammuutti qabachuudhaan haasawaan dhiheessa. Obboleettii tokkoof yoo kenname garuu, akka qajeelfama haasawaa Lak. 3ffaadhaaf kennametti dhihaachuu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, yeroo barbaachisaa ta’etti kutaa Lak. 4 obboleessa tokkoof kennuu danda’a. Kutaawwan mallattoon urjii irratti godhaman haasawaan dhihaachuu waan qabaniif obboloota dhiiraa qofaaf kenna.
YEROO EEGUU: Kan kutaa dhiheessus ta’e, kan gorsa kennu sa’aatii ramadameef dabarsuu hin qabu. Obboloonni kutaawwan Lak. 2 hanga 4 dhiheessan, yoo sa’aatii dabarsan malaan akka dhaaban godhamuu qaba. Obboloonni, amala haasawaa, haasawaa Lak. 1 ykn yaada ijoo Dubbisa M.Q dhiheessan sa’aatii yoo dabarsan dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Hundisaanii sa’aatiisaanii sirriitti eeguu qabu. Faarfannaafi kadhannaa utuu hin dabalatin, guutummaan sagantichaa daqiiqaa 45tti xumurama.
GORSA: Daq. 1. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, tokkoon tokkoon haasawaa barataa booda, kutaa dhihaate keessaa yaada nama jajjabeessu irra deebi’uuf daqiiqaa tokko caalaa fudhachuu hin qabu. Kaayyoonsaa, halli kutichi itti dhihaate “gaariidha” jechuu qofaa utuu hin ta’in, sababii gaarii itti ta’e dubbachuu qaba. Akka baratichaaf barbaachisutti gorsi dabalataa walga’ii booda, ykn yeroo garabiraa dhuunfaatti kennamuufii danda’a.
GARGAARTUU GORSA KENNAA: Qaamni jaarsolii ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin ala jaarsa dandeettii qabuufi gargaartuu gorsa kennaa tokko filachuu danda’a. Jaarsolii baay’een yoo jiraatan, waggaa waggaadhaan jaarsoliin dandeettii qaban wal jijjiiranii hojjechuu danda’u. Itti gaafatamni gargaartuu gorsa kennaa, obboloota haasawaa Lak. 1fi yaada ijoo Dubbisa M.Q dhiheessaniif dhuunfaatti gorsa kennuudha. kana jechuun garuu, jaarsoliifi tajaajiltootaaf yeruma haasawaa dhiheessan hundaatti gorsa kennaaf jechuu miti. Qophiin kun, 2005tti hojiirra oola. Yoo barbaachisaa ta’e sirreeffamni godhamuu danda’a.
FOORMIIN QABXIIWWAN GORSI IIRRATTI KENNAMU QABATE: Kitaaba sana keessatti argama.
IRRA DEEBII: Daq. 30. Ji’a lama lamatti, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa irra deebicha geggeessa. Irra deebichi kan godhamu, amalli haasawaafi yaadni ijoo dubbisa M.Q erga dhihaatee boodadha. Irra deebiin kun, torban irra deebichi itti dhihaatu dabalatee, barumsawwan ji’oottan lamaan darban dhihaatanirratti kan hundaa’e ta’a. Torban irra deebiin kun godhamutti walga’ii aanaa yoo qabaattan, ykn ilaaltuun olaanaa aanaa kan isin daawwatu yoo ta’e, qajeelfama Tajaajila Mootummaa Muddee 2003, ful. 5rra jiru hordofaa.
SAGANTAA
Ama. 3 Dubbisa M.Q.:* Iya 16-20 Far. 3 (6)
Amalawwan H.: Kan Salphaatti Namaa Galu (be ful. 226, key. 1–227, key. 1)
Lak. 1: Waaqayyoon Sodaadhu (be ful. 272 key 1–273, key. 1)
Lak. 3: Macaafa Qulqulluu Dubbisuu Qofti Kan Hin Geenye Maaliifi? (rs ful. 327 key. 2-3)
Lak. 4: Namni Tokko Sooressa ykn Hiyyeessa Ta’uusaatiin Waaqayyoon Sodaachuunsaa Ni Beekamaa?
Ama. 10 Dubbisa M.Q.: Iya 21-24 Far. 13 (33)
Amalawwan H.: Hiika Jechoota Haaraa Ibsuu (be ful. 227, key. 2–4)
Lak. 1: Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu (be ful. 273, key. 2–274, key. 1)
Lak. 3: Amantiin Dhugaa Macaafa Qulqulluurratti Kan Hundaa’eefi Maqaa Waaqayyoo Kan Beeksisudha (rs ful. 327, key. 4-5)
Lak. 4: Yesusin Waaqeffachuun Sirriidhaa?
Ama. 17 Dubbisa M.Q.: Abo 1-4 Far. 49 (114)
Amalawwan H.: Ibsa Gaarii Kennuu (be ful. 228, key. 1-2)
Lak. 1: Waaqa Maqaasaatiin Ibsame (be ful. 274, key. 2-5)
Lak. 3: Amantiin Dhugaa Yesus Kiristoositti Akka Amanu Hojiidhaan Argisiisa (rs ful. 328, key. 1)
Lak. 4: Muuziqaawwan Viidiyyoo Miidhaa Geessisanirraa Of Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Ama. 24 Dubbisa M.Q.: Abo 5-7 Far. 22 (47)
Amalawwan H.: Haalli Garaa Keenyaa Murteessaadha (be ful. 228, key. 3–5)
Lak. 1: Maqaan Waaqayyoo “Gimbii Jabaadha” (be ful. 274, key. 6–mata duree xiqqaa ful. 275)
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Mirga Filannoo Keenya Kan Tuqu Akkamitti?
Lak. 4: Amantiin Dhugaa Fakkeessaarratti Kan hundaa’e Utuu Hin Ta’in Daandii Jireenyaati (rs ful. 328, key. 2)
Ama. 31 Dubbisa M.Q.: Abo 8-10 Far. 77 (174)
Amalawwan H.: Kan Beekumsa Namaaf Dabalu (be ful. 230, key. 1-6)
Lak. 1: Waa’ee Yesus Dhugaa Ba’uu (be ful. 275 hanga mata duree xiqqaa ful. 276, key. 1)
Lak. 2: w03 1/15 ful. 19-20, key 16-18
Lak. 3: Namoonni Amantii Dhugaa Hordofan Wal Jaallatu; Biyya Lafaarraas Addadha (rs ful. 328, key. 3-4)
Lak. 4: Qabeenya Jaallachuu Jechuun, Qabeenya sassaabuu Jechuu Qofaa Miti
Gur. 7 Dubbisa M.Q.: Abo 11-14 Far. 92 (209)
Amalawwan H.: Qorannaa Gochuudhaan Haasawaa Beekumsa Dabalu Dhiheessuu (be ful. 231, key. 1-3)
Lak. 1: Shoora Yesus Furii Ta’uudhaan Qabu Addeessuu (be ful. 276, key.2-3)
Lak. 3: Dhugaa Baatonni Yihowaa Tokko Ta’uu Kan Danda’an Maaliifi?
Lak. 4: Namoonni Amantii Dhugaa Hordofan Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Dammaqinaan Lallabu (rs ful. 328, key. 5)
Gur. 14 Dubbisa M.Q.: Abo 15-18 Far. 44 (105)
Amalawwan H.: Caqasawwan Ibsuu (be ful. 231, key. 4-5)
Lak. 1: Hangafa Lubootaafi Mataa Gumii Ta’uudhaan Ga’ee Yesus Qabu Addeessuu (be ful. 277, key. 1-2)
Lak. 3: Namni Tokko, ‘Yesusitti Amani Malee, Miseensa Amantii Kamiiyyuu Yoo Taate Sanuma’ Utuu Jedhehoo? (rs ful. 331, Key. 3)
Lak. 4: Hiipnootiizimiin Kiristiyaanotaaf Kan Hin Taane Maaliifi?
Gur. 21 Dubbisa M.Q.: Abo 19-21 Far. 25 (53)
Amalawwan H.: Hiika Jechootaa Ibsuu (be ful. 232, key. 1)
Lak. 1: Wanta Yesus Mootii Ta’uudhaan Raawwatu Ibsuu (be ful. 277, key. 3-4)
Lak. 2: w03 2/1 ful. 17-18, key. 18-21
Lak. 3: Namni Tokko, ‘Amantiin Dhugaa Tokko Qofa Kan Jettan Maaliif?’ Jedhee Yoo Gaafatehoo? (rs ful. 331, key. 4)
Lak. 4: “Yaada Waaqayyoo Isa Gad Fagoo” Keessaa Tokko Tokko Maalfa’i? (1 Qor. 2:10)
Gur. 28 Dubbisa M.Q.: Rut 1-4 Far. 69 (160)
Amalawwan H.: Caqasicha Barumsa Dhihaatuu Wajjin Wal simsiisuu (be ful. 232, key. 2-4)
Irra Deebii
Bit. 7 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 1-4 Far. 99 (221)
Amalawwan H.: Yaada Dhaggeeffattoota Kee Fayyadu Dhiheessuu (be ful. 233, key 1-5)
Lak. 1: Kiristosiin Bu’ura Godhachuu (be ful. 278, key. 1-4)
Lak. 2: 1 Sam 2:1-11
Lak. 3: Yesus Foon Uffatee Gara Samiitti Hin Deebine (rs ful. 333, key. 2-4)
Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Urjii Lakkaa’uudhaan Ayyaana Heduu Kan Hin Qabne Maaliifi?
Bit. 14 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 5-9 Far. 64 (151)
Amalawwan H.: Barreeffama Sii Ramadametti Gargaarami (be ful. 234, key. 1–235, key. 3)
Lak. 1: Wangeelli Mootummaa Kun (be ful. 279, key. 1-4)
Lak. 2: 1 Sam 5:1-12
Lak. 3: Yesus Foon Uffatee Kan Mul’ate Maaliifi? (rs ful. 334, key. 1–4)
Lak. 4: Firooma Yihowaa Wajjin Qabnu Jabeessuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Bit. 21 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 10-13 Far. 73 (166)
Amalawwan H.: Gaaffiiwwaniin Sirriitti Gargaaramuu (be ful. 236, key. 1-5)
Lak. 1: Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Ibsuu (be ful. 280, key. 1-5)
Lak. 2: 1 Sam 10:1-12
Lak. 3: Kiristiyaanonni Firoottan Amantiisaanii Hin Hordofnee Wajjin Akkamitti Jiraachuu Qabu?
Lak. 4: Warri Kiristoosii Wajjin Bulchuuf Du’aa Ka’an Akkumasaa Ta’u (rs ful. 335, Key. 1–5)
Bit. 28 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 14-15 Far. 76 (172)
Amalawwan H.: Yaadawwan Barbaachisaa Ibsuuf Gaaffiiwwaniin Gargaaramuu (be ful. 237, key. 1-2)
Lak. 1: Mootummaan Waaqayyoo Jireenya Keenya Akkamitti Akka Tuqu Ibsuu (be ful. 281, key. 1-4)
Lak. 2: w03 3/15 ful. 19-20, key. 17-21
Lak. 3: Kiristiyaanonni Maaliif Gibira Kaffalu?
Lak. 4: Du’aa Ka’uun Ilmaan Namootaatiif Bu’aa Maalii Qaba? (rs ful. 336, key. 1–4)
Ebl. 4 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 16-18 Far. 10 (27)
Amalawwan H.: Barumsicharratti Akka Xiinxalaniif Gaaffiiwwaniin Fayyadamuu (be ful. 237 key. 3–238 key. 2)
Lak. 1: Barumsi Kiristiyaanotaaf Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi? (w03 3/15 ful. 10, key. 1–11, key. 5)
Lak. 2: 1 Sam 17:41-51
Lak. 3: Namoonni Du’aa Ka’an Du’uusaanii Dura Waan Hojjetaniin Kan Itti Hin Faradamne Maaliifi? (rs ful. 337, key. 2)
Lak. 4: Wanti Murteessinu Maal Akka Geessisu Yaaduun, Waan Gaarii Jaallachuufi Waan Gadhee Jibbuuf Nu Gargaara
Ebl. 11 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 19-22 Far. 4 (8)
Amalawwan H.: Yaadasaa Akka Ibsuuf Gaaffiiwwaniin Gargaaramuu (be ful. 238, key. 3-5)
Lak. 1: Dargaggoonni Karaa Hafuuraa Guddachuu Kan Danda’an Akkamitti? (w03 4/1 ful. 8-10)
Lak. 2: 1 Sam 20:24-34
Lak. 3: Hanga Ofii Beekuun Amala Jaallatamaa Kan Ta’e Maaliifi?
Lak. 4: “Warri Hafan” Du’aa Ka’anii Lafarra Kan Jiraatan Akkamitti? (rs ful. 337, key. 3–338, key. 3)
Ebl. 18 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 23-25 Far. 47 (112)
Amalawwan H.: Waan Dubbannu Jabeessuuf Gaaffiiwwaniin Gargaaramuu (be ful. 239, key. 1-2)
Lak. 1: Garaa Kee Guutuudhaan Yihowaatti Amanami (w03 11/1 ful. 4-7)
Lak. 2: w03 5/1 ful. 17, key. 11-14
Lak. 3: Du’aa Ka’anii Lafarra Kan Jiraatan Eenyu fa’i? (rs ful. 338, key. 4–339, key. 4)
Lak. 4: Yihowaan Abrahaamii Wajjin Kakuu Kan Gale Maaliifi?
Ebl. 25 Dubbisa M.Q.: 1 Sam 26-31 Far. 97 (217)
Amalawwan H.: Ilaalcha Dogoggoraa Saaxiluuf Gaaffiiwwaniin Gargaaramuu (be ful. 239, key. 3-5)
Irra Deebii
Cam. 2 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 1-3 Far. 34 (77)
Amalawwan H.: Fakkeenyawwan Barumsa Kennan (be ful. 240, key. 1–241, key. 1)
Lak. 1: Kaayyoon Barumsaa, Hojii Argachuu Qofa Miti (w03 3/15 ful. 11, key. 6–14, key. 6)
Lak. 2: 2 Sam 2:1-11
Lak. 3: Wantoonni Argama Yesusitti Raawwataman Yeroo Waggootaan Lakkaa’amu Fudhatu (rs ful. 340, key. 1-2)
Lak. 4: Amanamummaan Faayidaa Guddaa Argamsiisa
Cam. 9 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 4-8 Far. 82 (183)
Amalawwan H.: Fakkeenyaan Gargaaramuu (be ful. 241, key. 2-4)
Lak. 1: Yihowaan Dargaggootaaf Ni Yaada (w03 4/15 ful. 29, key.3–31, key. 3)
Lak. 2: 2 Sam 5:1-12
Lak. 3: Kakuun Seerichaa Maal Raawwateera?
Lak. 4: Yesus Yommuu Deebi’u Ijaan Hin Argamu (rs ful. 341, key. 1–3)
Cam. 16 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 9-12 Far. 65 (152)
Amalawwan H.: Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu Keessatti Argaman (be ful. 242, key. 1-2)
Lak. 1: Yihowaan Waan Gootuuf Bakka Guddaa Ni Kennaa? (w03 5/1 ful. 28-31)
Lak. 2: 2 Sam 9:1-13
Lak. 3: Akkaataa Yesus Itti Deebi’uufi Iji Hundi Itti Isa Argu (rs ful. 341, key. 5–343, key. 2)
Lak. 4: Sagaleen Waaqayyoo Jiraataa Kan Ta’e Akkamittiini? (Ibr. 4:12)
Cam. 23 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 13-15 Far. 28 (58)
Amalawwan H.: Fakkeenyi Kenname Dhaggeeffattootaaf Salphaatti Ni Galaa? (be ful. 242, key. 3–243, key. 1)
Lak. 1: Yaadannoo Nohi Barreesserraa Barumsa Maalii Arganna? (w03 5/15 ful. 4-7)
Lak. 2: 2 Sam 13:10-22
Lak. 3: Yaadni Yohannis 11:25, 26rra Jiru Hiiknisaa Maalidha?
Lak. 4: Wantoota Argama Kiristoosii Wajjin Walitti Dhufeenya Qaban (rs ful. 343, key. 3–344, key. 1)
Cam. 30 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 16-18 Far. 54 (132)
Amalawwan H.: Wantoota Beekaman Akka Fakkeenyaatti Gargaaramuu (be ful. 244, key. 1-2)
Lak. 1: Ilaalcha Sirrii Ta’e Qabaachuudhaan Hojii Gaarii Hojjedhaa (w03 7/15 ful. 21-3)
Lak. 2: w03 5/15 ful. 16-17, key. 8-11
Lak. 3: Guyyaa Sanbataa Kabajuun Kiristiyaanotarraa Hin Eegamu (rs ful. 344, key. 3–345, key. 4)
Lak. 4: Gad Of Qabuun Mallattoo Dadhabbinaa Miti
Wax. 6 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 19-21 Far. 74 (168)
Amalawwan H.: Fakkeenyawwan Dhaggeeffattoota Keetiif Ta’an (be ful. 244, key. 3–245, key. 4)
Lak. 1: Kaayyoo Adabaa Hubachuu (w03 10/1 ful. 20, key. 1–21, key. 6)
Lak. 2: 2 Sam 19:1-10
Lak. 3: Kiristiyaanni Tokko Boqonnaa Waaqayyootti Galuu Kan Danda’u Akkamitti?
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Addaam Sanbata Kabajuusaa Hin Dubbatu (rs ful. 345, key. 5–346, key. 2)
Wax. 13 Dubbisa M.Q.: 2 Sam 22-24 Far. 56 (135)
Amalawwan H.: Wantoota Ijaan Argamaniin Gargaaramuudhaan Barsiisuu (be ful. 247, key. 1-2)
Lak. 1: Barachuuf Fedhii Qabaadhaa; Arraba Keessan Eeggadhaa (w03 9/15 ful. 21, key. 1–ful. 22, key. 4)
Lak. 2: 2 Sam 24:10-17
Lak. 3: Yesus, “Seerawwan Aadaafi” “Seerawwan Amalaa” Jechuudhaan Seera Musee Hin Qoqqoodne (rs ful. 346, key. 3–347, key. 1)
Lak. 4: Kiristiyaanni Tokko Biyya Lafaarraa Adda Ta’uu Kan Qabu Karaa Kamfa’iini?
Wax. 20 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 1-2 Far. 58 (138)
Amalawwan H.: Yesus Wantoota Ijaan Argamaniin Gargaaramee Kan Barsiise Akkamitti? (be ful. 247, key. 3)
Lak. 1: Kanan Qabu Na Ga’a Jechuun Maal Akka Ta’e Barachuu (w03 6/1 ful. 8-11)
Lak. 2: w03 6/1 ful. 12-13, key. 1-4
Lak. 3: Abboommiiwwan Kurnan Keessaa, Seerri Kurnaffaan Caalaatti Barbaachisaa Kan Ture Maaliifi?
Lak. 4: Seerri Musee Yommuu Hafu Abboommiiwwan Kurnanis Hafaniiru (rs ful. 347, key. 2-3)
Wax. 27 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 3-6 Far. 20 (45)
Amalawwan H.: Wantoota Argamaniin Gargaaramanii Barsiisuun Kan Danda’amu Akkamitti? (be ful. 248, key. 1-3)
Irra Deebii
Ado. 4 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 7-8 Far. 23 (48)
Amalawwan H.: Kaartaadhaan, Walga’ii Gurguddaafi Viidiyoodhaan Gargaaramuudhaan Barsiisuu (be ful. 248, key. 4–249, key. 2)
Lak. 1: Obboloota Dullooman Kabajaa (w03 9/1 ful. 30-31)
Lak. 2: 1 Mot 8:1-13
Lak. 3: Yesus Biyya Lafaa Kan Mo’e Akkamitti?
Lak. 4: Abboommiiwwan Kurnan Hafanis, Wanta Sirrii Hojjechuuf Seerri Ba’e Kan Hin Diigamne Maaliifi? (rs ful. 349 key. 1-2)
Ado. 11 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 9-11 Far. 85 (191)
Amalawwan H.: Wantoota Argamanitti Gargaaramuudhaan Namoota Hedduu Barsiisuu (be ful. 249, key. 3–250, key. 2)
Lak. 1: Yesus Kiristos Lafarra Jiraachuusaatiif Ragaa Dhihaate (w03 6/15 ful. 4-7)
Lak. 2: 1 Mot 9:1-9
Lak. 3: Sanbanni Kiristiyaanotaaf Hiika Maalii Qaba? (rs ful. 348, key. 3–350, key. 1)
Lak. 4: Qajeelfama Macaafa Qulqulluu Hordofuudhaan Qoricha Nama Miidhuufi Araada Qabsiisurraa Fagaachuun Ni Danda’ama
Ado. 18 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 12-14 Far. 70 (162)
Amalawwan H.: Haala Amansiisaa Ta’een Dubbachuun Gaarii Kan Ta’e Maaliifi? (be ful. 251, key. 1-3)
Lak. 1: Yaadni Gara Gochaatti, Gochimmoo Gara Bu’aatti Geessa (w03 1/15 ful. 30, key. 1-3)
Lak. 2: 1 Mot 12:1-11
Lak. 3: Amantiin Yommuu Qorumsi Nurra Ga’u Jabaannee Akka Dhaabannu Kan Nu Gargaaru Akkamitti?
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Qulqulloota Kan Jedhu Eenyufa’iini? (rs ful. 351, key. 1–3)
Ado. 25 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 15-17 Far. 95 (213)
Amalawwan H.: Haasawaa Keenya Eessaa Jalqabnu? (be ful. 251, key. 4–252, key. 3)
Lak. 1: ‘Jaalalli Gooftaa Maal Akka Ta’e Hubachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti? (w03 12/1 ful. 21, key. 3–23, key. 3)
Lak. 2: w03 7/15 ful. 19, key. 15-17
Lak. 3: Kadhannaa Keenya ‘Qulqullootaaf’ Kan Hin Dhiheessine Maaliifi? (rs ful. 352, key. 1-3)
Lak. 4: Hafuurri Qulqulluun Kiristiyaanota Kan Jajjabeessu Akkamitti?
Hag. 1 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 18-20 Far. 91 (207)
Amalawwan H.: Yeroo Sababi Qabeeyyii Ta’uun Barbaachisutti (be ful. 252, key. 4–253, key. 2)
Lak. 1: Dargaggootaa, Akka Yihowaaf Ta’utti Deddeebi’aa (w03 10/15 ful. 23, key. 1–24, key. 1)
Lak. 2: 1 Mot 18:1-15
Lak. 3: Kiristiyaanonni Hundinuu Ija Baay’ee Horachuu Danda’u
Lak. 4: Fakkiiwwan Qulqullootaafi Meeshaawwan Itti Gargaaramaa Turan Jedhaman Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha? (rs ful. 353, key. 1–354, key. 1)
Hag. 8 Dubbisa M.Q.: 1 Mot 21-22 Far. 42 (92)
Amalawwan H.: Gaaffii Gaafachuufi Sababii Dhiheessanii Barsiisuu (be ful. 253, key. 3–254, key. 2)
Lak. 1: Hiyyummaan Bara Baraaf Ni Bada (w03 8/1 ful. 4-7)
Lak. 2: 1 Mot 21:15-26
Lak. 3: Qulqulloonni Kiristiyaanota Dhugaa Turan Cubbuurraa Walaba Miti (rs ful. 354, key. 2)
Lak. 4: Ija Jabeeyyii Ta’uu Kan Qabnu Maaliifi? Amala Kana Horachuu Kan Dandeenyuhoo Akkamitti?
Hag. 15 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 1-4 Far. 83 (187)
Amalawwan H.: Ragaa Sagalee Waaqayyoorratti Hundaa’e Dhiheessuu (be ful. 255, key. 1–ful. 256, key. 2)
Lak. 1: Gatii Malee Kan Fudhattan Gatii Malee Kennaa (w03 8/1 ful. 20-22)
Lak. 2: 2 Mot 3:1-12
Lak. 3: Bishaan Badiisaa Dura Namoonni Waggoota Dheeraadhaaf Kan Jiraatan Maaliifi?
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Namoonni Hundinuu Ni Fayyu Jedhee Hin Dubbatu (rs ful. 355, key. 2)
Hag. 22 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 5-8 Far. 86 (193)
Amalawwan H.: Yaada Kee Cimsuuf Ragaawwan Dabalataa Dhiheessi (be ful. 256, key. 3-5)
Lak. 1: Amala Mala Qabeeyyii Ta’uu guddifachuu (w03 8/1 ful. 29-31)
Lak. 2: w03 8/1 ful. 19, key. 18-22
Lak. 3: Ilmaan Namaa Hundi Dhumarratti Ni Fayyuu? (rs ful. 356, key. 1)
Lak. 4: Amalawwan Gaarii Yoonaas Argisiise Kamfaa Hordofuu Qabna?
Hag. 29 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 9-11 Far. 52 (129)
Amalawwan H.: Ragaa Ga’aa Dhiheessuu (be ful. 257, key. 1–4)
Irra Deebii
Ful. 5 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 12-15 Far. 78 (175)
Amalawwan H.: Yaada Garaa Tuquuf Carraaquu (be ful. 258, key. 1-5)
Lak. 1: Garaa Keetii Yihowaa Barbaadaa Jirtaa? (w03 8/15 ful. 25-8)
Lak. 2: 2 Mot 12:1-12
Lak. 3: Amala Garraamummaa Horachuu Kan Qabnu Maaliifi?
Lak. 4: ‘Namoonni Gosa Hundumaa Ni Fayyuu? (rs ful. 356, key. 2)
Ful. 12 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 16-18 Far. 80 (180)
Amalawwan H.: Dhaggeeffattoonni Kee Maal Akka Yaadan Hubachuu (be ful. 259, key. 1-3)
Lak. 1: Namoonni Yesusiin Kan Yaadatan Amalawwansaa Warra Kamiini? (w03 8/15 ful. 6, key. 5–8, key. 6)
Lak. 2: 2 Mot 16:10-20
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun, Namoonni Tasumaa Hin Fayyine Jiraachuusaanii Dubbata (rs ful. 357, key. 1-3)
Lak. 4: Wanta Gooftaatti Tolu Qorachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Ful. 19 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 19-22 Far. 41 (89)
Amalawwan H.: Miira Dhaggeeffattootaa Kakaasuu (be ful. 259, key. 4–260, key. 1)
Lak. 1: ‘Dubbii Sirrii Sana Qajeelfama Godhadhuu Duukaa Bu’i’ (w03 1/1 ful. 29, key. 3–30, key. 4)
Lak. 2: 2 Mot 19:20-28
Lak. 3: Namni Al Tokko Fayye Yeroo Hundaaf Fayyeera Jechuu Miti (rs ful. 357, key.4–7)
Lak. 4: Obboloota Keenya Warra Biyya Simiirnaarraa Barumsa Maalii Arganna?
Ful. 26 Dubbisa M.Q.: 2 Mot 23-25 Far. 24 (50)
Amalawwan H.: Namoonni Waaqayyoon Akka Sodaatan Gargaaruu (be ful. 260, key. 2-3)
Lak. 1: Macaafa Qulqulluufi Kitaabolii Kutaa Macaafni Qulqulluu Of Keessaa qaban—Kutaa 1 (si ful. 299, key. 1-6)
Lak. 2: w03 8/15 ful. 20, key. 6-10
Lak. 3: Fuulduratti Abdii Ifa Ta’e Qabna
Lak. 4: Amantiin Hojiidhaan Mul’achuu Kan Qabu Maaliifi? (rs ful. 357 key. 8–358 key. 3)
Onk. 3 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 1-4 Far. 9 (26)
Amalawwan H.: Waaqayyo Wanta Goonutti Gammaduu Ykn Gadduu danda’a (be ful. 260, key. 4–5)
Lak. 1: Macaafa Qulqulluufi Kitaabolii Kutaa Macaafni Qulqulluu Of Keessaa qaban—Kutaa 2 (si ful. 300-302, key. 7-16)
Lak. 2: 1 Sen4:24-43
Lak. 3: Seexanni Jiraachuusaa Akkamitti Mirkanaa’oo Ta’uu Dandeenya? (rs ful. 360, key. 1–361, key. 1)
Lak. 4: Yihowaan Dhuunfaadhaan Nu Jaallata
Onk. 10 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 5-7 Far. 87 (195)
Amalawwan H.: Namoonni Akka Of Qoran Gargaaruu (be ful. 261, key. 1-3)
Lak. 1: Macaafa Qulqulluufi Kitaabolii Kutaa Macaafni Qulqulluu Of Keessaa qaban—Kutaa 3 (si ful. 302-305, key. 17-26)
Lak. 2: 1 Sen5:18-26
Lak. 3: Waa’ee “Guyyaa Waaqayyoo” Maal Beekna?
Lak. 4: Seexanni Hammeenya Namootaa Keessa Jiru Miti (rs ful. 361, key. 2–362, key. 1)
Onk. 17 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 8-11 Far. 89 (201)
Amalawwan H.: Namoonni Garaa Guutuudhaan Akka Ajajaman Gargaaruu (be ful. 261, key. 4–262, key. 2)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Ibrootaa—Kutaa 1 (si ful. 305-306, key. 1-5)
Lak. 2: 1 Sen10:1-14
Lak. 3: Seexanni Eessaa Dhufe? (rs ful. 362, key. 2)
Lak. 4: Mala Qabeeyyii Ta’uu Kan Qabnu Walitti Dhufeenya Eenyuu fa’ii Wajjin Qabnuuni?
Onk. 24 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 12-15 Far. 79 (177)
Amalawwan H.: Yaada Garaa Namootaa Tuquuf Yihowaa Wajjin Hojjechuu (be ful. 262, key. 3)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Ibrootaa—Kutaa 2 (si ful. 306-307, key. 6-9)
Lak. 2: w03 11/1 ful. 10-11, key. 10-13
Lak. 3: Maqaa Yihowaatiin Deddeebi’uu Jechuun Maal Jechuudha?
Lak. 4: Seexanni Akkuma Balleesseen Waaqayyo Kan Isa Hin Balleessine Maaliifi? (rs ful. 362 key.3–363 key.1)
Onk. 31 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 16-20 Far. 52 (129)
Amalawwan H.: Yeroo Kennametti Xumuruu (be ful. 263, key. 1–264, key. 4)
Irra Deebii
Sad. 7 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 21-25 Far. 96 (215)
Amalawwan H.: Gorsa Nama Tuqu (be ful. 265, key. 1-3)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Ibrootaa—Kutaa 3 (si ful. 307-310, key. 10-16)
Lak. 2: 1 Sen 22:1-10
Lak. 3: Humna Diiyaabilos Laayyootti Hin Ilaalin (rs ful. 363, key. 2–364, key. 1)
Lak. 4: Gaa’ela Jabeessuun Kan Danda’amu Akkamitti?
Sad. 14 Dubbisa M.Q.: 1 Sen 26-29 Far. 15 (35)
Amalawwan H.: Gorsa Kan Kenninu Jaalalaan Ta’uu Qaba (be ful. 266, key. 1-4)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Ibrootaa—Kutaa 4 (si ful. 310-312, key. 17-25)
Lak. 2: 1 Sen 29:1-9
Lak. 3: Tajaajiltoonni Yihowaa Kan Ari’ataman Maaliifi?
Lak. 4: Dhiibbaa Seexanaa Isa Hamaarraa Yeroon Itti Obbaafannu Dhihaateera (rs ful. 364, key. 3–365, key. 2)
Sad. 21 Dubbisa M.Q.: 2 Sen 1-5 Far. 21 (46)
Amalawwan H.: Gorsa Caaffata Qulqulluurratti Hundaa’e (be ful. 267, key. 1-2)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Ibrootaa—Kutaa 5 (si ful. 312-314, key 26-31)
Lak. 2: 2 Sen2:1-10
Lak. 3: Faayidaa Adabaa Hubachuu
Lak. 4: Saalqunnamtii Raawwachuun Guutummaadhumatti Cubbuudhaa? (rs ful. 366, key. 1–367, key. 1)
Sad. 28 Dubbisa M.Q.: 2 Sen 6-9 Far. 45 (106)
Amalawwan H.: ‘Ija Jabinaan’ Dubbadhaa (be ful. 267, key. 3-4)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Giriikotaa—Kutaa 1 (si ful. 315-316, key. 1-7)
Lak. 2: w03 12/1 ful. 15-16, key. 3-6
Lak. 3: Yihowaatti Akka Gammadnu Akkamitti Argisiisuu Dandeenya?
Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Waa’ee Saalqunnamtii Saala Wal Fakkaatu Gidduutti Godhamuu Maal Jedha? (rs ful. 367, key. 3–5)
Mud. 5 Dubbisa M.Q.: 2 Sen 10-14 Far. 66 (155)
Amalawwan H.: Haasawaan Keenya Kan Nama Jajjabeessu Ta’uunsaa Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi? (be ful. 268, key. 1-3)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Giriikotaa—Kutaa 2 (si ful. 316-317, key. 8-16)
Lak. 2: 2 Sen 12:1-12
Lak. 3: Gaarummaan Waaqayyoo Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?
Lak. 4: Jijjiirama Namoonni Waaqayyoon Gammachiisuu Barbaadan Gochuu Qaban (rs ful. 368, key. 1-3 )
Mud. 12 Dubbisa M.Q.: 2 Sen 15-19 Far. 27 (57)
Amalawwan H.: Namoonni Wantoota Yihowaan Godhe Akka Yaadan Gochuu (be ful. 268, key. 4–269, key. 1)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Giriikotaa—Kutaa 3 (si ful. 317-319, key. 17-25)
Lak. 2: 2 Sen 19:1-11
Lak. 3: Namni Gonkummaa Qabu Akkamitti Cubbuu Hojjechuu Danda’a? (rs ful. 370, key. 1–371, key. 1)
Lak. 4: Maatii Yesusirraa Maal Baranna?
Mud. 19 Dubbisa M.Q.: 2 Sen 20-24 Far. 29 (62)
Amalawwan H.: Yihowaan Akkamitti Sabasaa Akka Gargaare Ibsuu (be ful. 269, key. 2-4)
Lak. 1: Caaffata Qulqulluu Barreeffama Giriikotaa—Kutaa 4 (si ful. 319-320, key. 26-32)
Lak. 2: w03 12/15 ful. 16-17, key. 13-15
Lak. 3: Kanan Qabu Na Ga’a Jechuurraa Faayidaa Argamu
Lak. 4: Yaada Wanti Cubbuu Jedhamu Jira Jedhu Fudhachuu Kan Qabnu Maaliifi? (rs ful. 371, key. 3–372, key. 3)
Mud. 26 Dubbisa M.Q.: 2 Sen 25-28 Far. 36 (81)
Amalawwan H.: Waan Waaqayyo Nuu Gochaa Jirutti Akka Gammadnu Argisiisuu (be ful. 269, key. 5–271, key. 1)
Irra Deebii
Obboloota dhiiraa qofaaf Kan kennamu.
Deebiiwwan namoota mormaniif kennaman yommuu dhiheessitu, yoo yeroo qabaatte Kan caalaatti naannoo keessaniif hojjetanirratti xiyyeeffadhu.
* Amala H. Jechuun: Amala Haasawaa Jechuudha
* Dubbisa M.Q. jechuun: Dubbisa Macaafa Qulqulluu jechuudha