Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Adoolessa 11 Jalqabu
Faarfannaa 38 (85)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataa dhiheenyaa ful. 4rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Caamsaa 1fi Dammaqaa! Caamsaa 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Hojiin argisiisni lamaanuu, nama “Yeroo hin qabu” jechuudhaan maree dhaabsisuu barbaaduuf mala adda ta’etti ennaa gargaaraman kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamu ful. 19-20 ilaali.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Hamma Danda’ametti Misiraachoo Namoota Hundumaan Ga’uu.” Key. 5rratti yeroo mari’attan, akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 2005, ful. 8rra jirurratti mari’adhaa.
Faarfannaa 94 (212) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 18 Jalqabu
Faarfannaa 39 (86)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2000, ful. 32 gabaabsaa irratti mari’adhaa. Yeroo boqonnaarra jirrus ta’e, yeroo sagantaa adda ta’e qabaannuttis guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf sagantaa walirraa hin cinne qabaachuun faayidaa qabu addeessi.
Daq. 15: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 11.” Inni qayyabannicha geggeessuufi babal’isaa haaraan, deddeebii gaaffii gochuuf ennaa qophaa’an kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Yaadannoo yeroo jalqabaa namicha yommuu dubbisan qabatan irra haa deebi’an, yaada gaarii namichaa wajjin irratti mari’atan haa filatan. Akkaataa dhiheenyaa irratti qophaa’an irra deebi’uudhaan hojiin argisiisicha xumuru.
Daq. 20: Warri Kaan Macaafa Qulqulluu Akka Jaallatan Gargaaraa. Kitaaba Waaqayyoon Waaqeffadhu jedhamu, ful. 21-23, key. 3-6rratti hundaa’uudhaan, gaaffifi deebiidhaan kan dhihaatu. Gaaffiiwwan kitaabicharratti qayyabannaadhaaf dhihaatanitti fayyadami. Yaadawwan birooshuura, Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u jedhamu ful. 32rra jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 5 (10) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Adoolessa 25 Jalqabu
Faarfannaa 58 (138)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef galateeffannaa waajjiricharraa dhufe dubbisi. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Akkaataa dhiheenyaa ful. 4rra jirutti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataawwan dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’an kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Hojiin argisiisichi, iddoowwan namoonni baay’een itti argaman, kan akka gabaatti karaa alidilee ta’een barruun ennaa raabsamu kan argisiisu haata’u.
Daq. 10: Ijoollee Keessan Akka Gaariitti Dhugaa Barsiisaa. (Kes. 6:7) Haasawaa jaarsi gumii Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2002, ful. 30-31rratti hundaa’uudhaan dhiheessu. Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, Kiristiyaanni hiriyaa gaa’elaa hin amanne qabu tokko ijoolleesaa akka leenjisu isa gargaaru addeessi.
Daq.20: “Gatiin Namootaa Nurra Jira.” Yaada Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2000, ful. 11, key. 13rra jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 37 (82) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Hagayya 1 Jalqabu
Faarfannaa 83 (187)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Adoolessaa akka deebisan yaadachiisi. Dhaggeeffattoonni kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 70 akka baasan afeeriitii, key. 1, 2, akkasumas saanduqa “Walga’iirratti Yaada kan Kenninu Akkamitti” jedhurratti dhaggeeffattootaa wajjin mari’adhaa.
Daq. 15: “Ijoolleen Keessan Tajaajilarratti Guddina Akka Argisiisan Gargaaraa.” Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Hojiin argisiisni, haati ykn abbaan tokko mucaasaa wajjin akkaataa dhiheenyaa salphaatti ennaa gargaaraman argisiisu haa dhihaatu. Abbaan ykn haati sun, waa’ee buusii ibsuudhaan hojiin argisiisicha akka xumuran godhi.
Daq. 15: Namoota Akka Haalasaaniitti Haasofsiisuuf Yaaltee Beektaa? Haasawaafi maree Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 6rratti hundaa’ee dhaggeeffattootaa wajjin dhihaatu. Akkaataawwan dhiheenyaa dhihaatan irra deebi’i; akkasumas, Hagayyatti barruulee ennaa raabsinu namoota akka haalasaaniitti dubbisuun akkamitti akka danda’amu argisiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa tokko ykn lama hojiin argisiisaan akka dhihaatan godhi.
Faarfannaa 44 (105) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljalee]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.