LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/07 ful. 8
  • Jajjabina Walirraa Argachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jajjabina Walirraa Argachuu
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Phaawulos Waaqayyoon Galateeffate; Akkasumas Jajjabina Argate’
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Nu Tajaajiluuf Jecha Jabaatanii Hojjetu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Daawwattoonni Olaanaa Aanaa Kan Nu Gargaaran Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 10/07 ful. 8

Jajjabina Walirraa Argachuu

1 Phaawulos ergamaan gumii Roomaatti argamuuf akkas jedhee barreesseera: “Ani kennaa hafuuraa isiniin ga’uudhaan akka isin ittiin jabaattaniifan isin arguu yaada. Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf.” (Rom. 1:11, 12) Daawwannaa daawwattoonni olaanaa aanaa yeroo ammaatti godhanis wal jajjabeessuuf carraa nuu banna.

2 Gumicha: Guyyaa daawwataan olaanaa aanaa gumicha itti daawwatu ji’a sadii dura beeksifama. Kunis hundi keenya dursinee karoora keenya sirreeffannee daawwannaa kanarraa guutummaatti faayidaa argachuudhaaf yeroo nuu kenna. (Efe. 5:15, 16) Qacaramtee hojjetta taanaan, tajaajila dirree torban sana godhamurratti hirmaachuuf heyyama fudhachuu dandeessa. Obboloonni tokko tokko ji’a gumiinsaanii itti daawwatamutti qajeelchaa gargaaraa ta’uuf haalasaanii mijeeffatu. Bakka fagoo dhaquuf karoorfatteetta taanaan, torban daawwannaan godhamu sanatti argamuuf sirreeffama barbaachisu gochuu ni dandeessaa?

3 Kaayyoon daawwannaa daawwataa olaanaa inni jalqabaa, obboloota hundaatiif jajjabina kennuufi leenjii tajaajila dirree akka argataniifidha. Obboleessa isin daawwatuu wajjin tajaajiluuf ykn kan fuudhe yoo ta’e haadha manaasaa wajjin tajaajiluuf gaafachuu dandeessaa? Daawwattoonni olaanaa aanaa, babal’istoota muuxannoo hin qabne ykn warra tajaajilarratti dandeettii hin qabne dabalatee, obboloota hundaa wajjin tajaajiluun isaan gammachiisa. Hundumti keenya, akkaataa dhiheenyaa inni tajaajilarratti itti fayyadamuufi yaadawwan inni gaarummaadhaan nuu kennurraa barumsa arganna. (1 Qor. 4:16, 17) Nyaata isa afeeruunis isaa wajjin caalaatti maree nama jajjabeessu gochuuf carraa sii bana. (Ibr. 13:2) Haasawaa inni kennu haala gumichaaf barbaachisuu wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu.

4 Daawwataa Olaanaa Aanaa: Phaawulos ergamaan, obboloota gumii keessa turanirraa adda hin turre; rakkoowwaniifi dhiphina isarra ga’eef jajjabinni kan isa barbaachise yommuu ta’u, jajjabina obboloonni isaa kennaniifis isaan galateeffateera. (2 Qor. 11:26-28) Obboloonni gumii Roomaatti argaman tokko tokko Phaawulos akka hidhame yeroo baraniifi dhumarratti gaafa inni hiikamee garasaaniitti dhufaa ture, kiiloomeetira 74 adeemuudhaan bakka Gabaa Aphiyos jedhamutti isa simataniiru. “Phaawulos yommuu isaan arge, Waaqayyoon galateeffate, in jajjabaates.” (HoE. 28:15) Atis akkasuma daawwataa olaanaa aanaa jajjabeessuu ni dandeessa. Daawwannaa inni godhu garaa guutuudhaan deggeruudhaan, ‘dachaa lama ulfina’ akka isaaf qabdu argisiisi. (1 Xim. 5:17) Carraaqqii inni si jajjabeessuuf godhu garaadhaa akka dinqisiifatu ibsiif akkasumas hojiidhaan argisiisi. Inniifi haati manaasaa amantii, jaalalaafi jabinakee yommuu argan ni gammadu.—2 Tas. 1:3, 4.

5 ‘Guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ ta’an kana keessatti namni jajjabinni isa hin barbaachifne jiraa? (2 Xim. 3:1) Sochii addaa torban sana godhamutti, daawwataa olaanaa aanaa wajjin hirmaachuuf ammuma murteessi. Daawwataa olaanaa aanaas ta’e hundi keenya, karaa itti wal jajjabeessuu dandeenyu kanarratti hirmaachuu dandeenya. Haala kanaan ‘wal jajjabeessuufi wal cimsuu’ dandeenya.—1 Tas. 5:11.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Daawwannaa daawwattoonni olaanaa aanaa godhan carraa akkamii nuu bana?

2. Daawwannaa daawwataan olaanaa aanaa godhu dursee kan beeksifamu maaliifi?

3. Torban daawwannaan godhamutti jajjabina argachuuf hundi keenya maal gochuu dandeenya?

4. Daawwataa olaanaa aanaa jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Yeroo ammaatti hundumti keenya jajjabinni kan nu barbaachisu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi