LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/11 ful. 1
  • Hojii Hunda Caalaa Nama Gammachiisu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Hunda Caalaa Nama Gammachiisu
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hojii Barattoota Gochuu Irratti Hirmaachuu ni Dandeessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Hojii Bartoota Gochuutti Gammadi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2011
km 1/11 ful. 1

Hojii Hunda Caalaa Nama Gammachiisu

1. Namoonni fayyina akka argatan gargaaruuf bara keenyatti hojii akkamiitu hojjetamaa jira?

1 Namoonni jaarraa jalqabaatti turan, warri dhibee fayyaa qaban yeroo fayyan arguusaaniitiin gammachuu guddaa argataniiru. (Luq. 5:24-26) Bara keenyattis, namoonni karaa hafuuraa fayyina akka argatan gargaaruudhaan gammachuu arganna. (Mul. 22:1, 2, 17) Muuxannoowwan Dubbiin Waaqayyoofi hafuurri qulqulluun jireenya namootaa akkamitti akka jijjiiran ibsan dubbisuun baay’ee nama gammachiisa! Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu guddina argisiisan geggeessuurratti hirmaachuunimmoo kana caalaa nama gammachiisa.

2. Nama tokko dhugaa Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiisnu gammachuu akkamii arganna?

2 Maqaan Waaqayyoo eenyudha? Rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif maal godha? Gammachuu akkasii kan argannu, gammachuu nama dhugaa Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnurraa mul’atu arguudhaanis malee, gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuudhaan qofa miti. (Fak. 15:23; Luq. 24:32) Namni kun karaa hafuuraa guddina argisiisaa yommuu adeemu, maqaa Yihowaatti fayyadamuu jalqaba; gocha gadhee raawwachaa ture ni dhaaba; akkaataa uffannaafi miidhaginaasaarrattis jijjiirama gochuudhaan namoota kaaniif dhugaa ba’uu jalqaba ta’a. Guddina argisiisuudhaan of murteessee yoo cuuphameemoo, obboleessa keenyaafi hidhata amantii keenya ta’a. Tarkaanfiiwwan gaarii ta’an akkasii kun gammachuudhaaf sababa ta’u.—1 Tas. 2:19, 20.

3. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

3 Hojii Kanarratti Hirmaachuu Dandeessaa? Hojii baay’ee nama gammachiisu kanarratti hirmaachuu yoo barbaadde, nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu argachuuf akka si gargaaruuf Yihowaa kadhadhu; achiis tarkaanfii kadhannaakee wajjin walsimuun fudhadhu. (1 Yoh. 5:14) Bakkaafi yeroo namoota argachuu dandeessutti lallabi. Carraa argatte hundatti namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeri. (Lal. 11:6) Nama fedhii qabu yommuu argattu sanyii dhugaa facaasi; akkasumas dedeebi’ii bishaan obaasi.—1 Qor. 3:6-9.

4. Namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan miira ariitiitiin afeeruu kan qabnu maaliifi?

4 Namoonni beelaafi dheebuu qajeelummaa qaban baay’eedha. Fedhii namoonni kun dhugaadhaaf qaban guutuuf, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuudhaan eenyutu isaan gargaaruu danda’a? (Mat. 5:3, 6) Yeroon midhaan itti sassaabamu xumuramuusaa dura, hojii lallabaafi bartoota taasisuurratti hirmaachuuf fedhiidhaan of haa dhiheessinu.—Isa. 6:8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi