Guyyaa Dilbataa Tajaajilarratti Hirmaachuu Dandeessaa?
1. Wanta Phaawulosiifi hiriyoonnisaa Filiphisiiyusitti godhanirraa maal barachuu dandeenya?
1 Guyyaansaa guyyaa Sanbataa, guyyaa Yihudoonni Filiphisiiyusitti argaman hedduun itti boqotan ture. Phaawulosiifi hiriyoonnisaa yeroo adeemsa misiyoonummaasaanii tokkotti magaalattii daawwachaa turan. Guyyaa sanatti tajaajilasaaniirraa yoo boqotan namni isaan komatu hin jiru. Haataʼu malee, Yihudoonni kadhannaadhaaf magaalaa sanaa alatti akka wal gaʼan waan beekaniif, carraa argatan kanatti fayyadamanii isaaniif lallabaniiru. Phaawulosiifi hiriyoonnisaa yommuu Liidiyaan isaan dhageessuufi namoonni manashee keessa jiraatan hundi cuuphaman baayʼee gammadanii akka turan beekamaadha. (HoE. 16:13-15) Yeroo ammaattis namoonni baayʼeen guyyaa Dilbataatti waan boqotaniif, saʼaatii muraasa ramaddee isaanii lallabuudhaaf maaliif itti hin fayyadamtu?
2. Guyyaa Dilbataatti rakkoo tokko malee akka lallabnuuf sabni Yihowaa rakkoowwan akkamii dabarsaniiru?
2 Qabsoo Guyyaa Dilbataatti Lallabuuf Godhame: Bara 1927tti sabni Yihowaa guyyaa Dilbataatti saʼaatii muraasa tajaajilarratti akka dabarsan jajjabeeffamanii turan. Haataʼu malee, yaanni kun yeruma sana mormii kaaseera. Obboloonni baayʼeen Yuunaayitid Isteetisitti argaman seera Sanbataa akka cabsan, nagaa akka jeeqaniifi heyyama daldalaatiin alatti akka gurguran himatamanii hidhamaniiru. Taʼus sabni Yihowaa lallabuusaanii hin dhiisne. Bara 1930nitti duula lallabaa qopheessanii babalʼistoonni gumii naannoo tokko keessa jiran naannoo tajaajilaa sanatti lallabuudhaaf akka walitti qabaman godhaniiru. Yeroo babalʼistoonni hidhamanitti, baayʼeensaanii namoonni aangoo qaban hojii kana akka isaan dhaabsisuu hin dandeenye hubataniiru. Maarree guyyaa Dilbataatti rakkoo tokko malee lallabuu akka dandeenyu aarsaa obboloonni sun kaffalan ni dinqisiifattaa?
3. Guyyaan Dilbataa tajaajilarratti hirmaachuuf gaarii kan taʼe maaliifi?
3 Guyyaa Lallabuudhaaf Baayʼee Gaarii Taʼe: Namoonni baayʼeen guyyaa Dilbataatti mana oolu. Yeroo kanatti namoonni nu dhaggeeffachuu dandaʼu. Tarii namoonni bakka waaqeffannaa deeman tokko tokkoos guyyaa kanatti waaʼee Waaqayyoo mariʼachuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼu. Guyyaa Dilbataatti walgaʼii qabna yoo taʼe, akkaataan uffannaa keenyaa tajaajilaafis waan taʼuuf walgaʼicha dura ykn booda tajaajilarratti hirmaachuuf maaliif galma hin baafattu? Yoo barbaachisaa taʼe nyaata salphaa qabattee deemtu qopheeffadhu.
4. Guyyaa Dilbataatti saʼaatii muraasaaf tajaajilarratti yoo hirmaanne gammachuu akkamii argachuu dandeenya?
4 Guyyaa Dilbataatti saʼaatii muraasa tajaajilaaf yoo itti fayyadamne, yeroo boqonnaadhaaf nu barbaachisus ni arganna. Boqonnaan keenyaas gammachuu tajaajila qulqulluurratti hirmaachuudhaan argamuun kan deggerame taʼa. (Fak. 3:24) Tarii nama akka Liidiyaa fedhii qabu argachuudhaan gammachuu argachuu dandeenya!