Barruuleen Keenya Karaa Namoota Hedduu Hawwataniin Qophaaʼu
1. Hojjetaa amanamaaniifi ogeessi fakkeenya Phaawulos kan hordofu akkamitti?
1 Phaawulos wangeelli “namoota hundumaa” biratti fudhatama akka argatu gochuuf akkaataa dhiheenyaasaa jijijjiira ture; hojjetaa amanamaafi ogeessis barruuleen keenya namoota akkaataa guddinaafi amantii garagaraa qaban harka akka gaʼuu gochuuf carraaqqii godha. (1 Qor. 9:22, 23) Kanaaf, barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! sirriitti itti fayyadamuuf namoota akkamiitiif akka qophaaʼan beekuun keenya barbaachisaadha.
2. Barruun Dammaqaa! namoota akkamiitiif qophaaʼa?
2 Dammaqaa!: Barruun kun namoota Phaawulos yommuu haasaa dhiheesse “warra Ateenaa” jedhee waamee wajjin wal fakkaataniif yaadamee kan qophaaʼudha. (HoE. 17:22) Namoonni kun waaʼee Kiristiyaanummaas taʼe waaʼee Caaffata Qulqullaaʼoo beekumsa muraasa qofa qabu turan. Haaluma walfakkaatuun, barruun Dammaqaa! kan qophaaʼuu namoota beekumsa Macaafa Qulqulluu muraasa qabaniif ykn hubannaa tokkoyyuu hin qabne gargaaruufidha. Namoonni kun waaʼee barumsawwan Kiristiyaanaa waan tokkoyyuu kan hin beekne, amantii kan shakkan ykn faayidaa Macaafni Qulqulluun qabu kan hin beekne taʼuu dandaʼu. Kaayyoon barruu kanaa inni guddaan namoonni dubbisan Waaqni dhugaan akka jiru akka amanan isaan gargaaruudha. Akkasumas amantii isaan Macaafa Qulqulluurratti qaban akka cimsataniifi Dhugaa Baatonni Yihowaa dhaabbilee amantii kaanirraa adda taʼuusaanii akka hubatan gargaaruuf kan qophaaʼudha.
3. Maxxansi Masaraa Eegumsaa lamaan eenyufaʼiif yaadamanii qophaaʼu?
3 Masaraa Eegumsaa: Barruun maxxansa sabaa namoota hamma tokko Waaqayyoofi Caaffata Qulqullaaʼoodhaaf ulfina qabaniif yaadamee qophaaʼa. Namoonni kun beekumsa Macaafa Qulqulluu muraasa kan qaban taʼus, wanta macaafni kun barsiisu ilaalchisee beekumsa sirrii hin qaban. Namoonni kun warra Phaawulos, “Waaqayyoon kan sodaattan” jedhee waamee wajjin wal fakkaatu. (HoE. 13:14-16) Maxxansi qayyabannaa Masaraa Eegumsaa adda durummaadhaan Dhugaa Baatota Yihowaatiif kan qophaaʼudha. Phaawulos namoonni ergaasaa dubbisan Caaffata Qulqullaaʼoo kan beekaniifi dhugaa ilaalchisee beekumsa sirrii qabu jedhee amana ture. (1 Qor. 1:1, 2) Haaluma wal fakkaatuun, matadureewwan maxxansa qayyabannaarratti baʼan namoota walgaʼiirratti argaman, jechootaafi yaada Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman beekaniif kan qophaaʼanidha.
4. Barruulee tajaajilarratti itti fayyadamnu hunda dubbisuu kan qabnu maaliifi?
4 Yeroo baayʼee barruulee lamaan walitti qabnee kan raabsinu taʼus, kan beeksisnu garuu isa tokko qofadha. Kanaaf, maxxansi lamaanuu dubbisuuf galma baafadhaa. Akkas kan gootan yoo taʼe, dhimma xiyyeeffannaa namoota tajaajilarratti argatan sanaa caalaatti hawwatu beekuuf isin gargaara.