Sagantaa Torban Hagayya 8 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 8 JALQABU
Faarfannaa 44 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
dg boq. 6 key. 8-14 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Far. 92-101 (Daq. 10)
Lakk. 1: Far. 94:1-23 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Namni Tokko, “Isin Yesusitti Hin Amantan” Yoo Jedhe Deebii Akkamii Kennuufii Dandeenya?—rs ful. 220 key. 1-3 (Daq. 5)
Lakk. 3: Gowwoomsaa Soorumaarraa Of Eegaa—Mat. 13:22 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Nama Haasofsiistan Sanaaf Akka Yaaddan Argisiisaa. Haasaa kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 186-187rratti hundaaʼee dhihaatu. Qabxii achirra jiru keessaa tokko ykn lama gabaabaadhumatti hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Muuxannoowwan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuudhaan Argaman. Mareedhaan kan dhihaatu. Guyyaa addaa namoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban afeertanitti wanta gumiin keessan raawwate dubbadhu. Dhaggeeffattoonni muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri. Muuxannoowwan argaman keessaa tokko ykn lama hojiin argisiisaan akka dhihaatan gochuu dandeessa.
Daq. 10: ‘Maqaan Waaqayyoo Qulqulluu Taʼee Haa Eegamu.’ Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Kan beekamu yoo taʼe guyyaa walgaʼii aanaa dubbadhu.
Faarfannaa 2 fi Kadhannaa