‘Maqaan Waaqayyoo Qulqulluu Taʼee Haa Eegamu’
1. Matadureen walgaʼii aanaa waggaa tajaajilaa 2012 maalidha? Kan hundaaʼehoo maalirratti?
1 Maqaa Yihowaa isa Gooftaa Uumama Cufaa taʼeen waamamuun keenya mirga guddaadha! Maqaasaatiin akka waamamnu mirga kan nuu kenne Yihowaadha; keessattuu bara 1931 jalqabee Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamne maqaa adda taʼe kanaan waamamaa jirra. (Isa. 43:10) Ilma Waaqayyoo isa tokkicha kan taʼe Yesus, kadhannaa duuka buutotasaa barsiiserratti maqaa Waaqayyootiif iddoo jalqabaa kennuudhaan maqaa kanaaf kabaja guddaa akka qabu argisiiseera. (Mat. 6:9) Matadureen walgaʼii aanaa waggaa tajaajilaa 2012tti godhamuu wanta Yesus dubbate kanarratti kan hundaaʼedha. Innis “Maqaan Waaqayyoo Qulqulluu Taʼee Haa Eegamu” kan jedhudha.
2. Haasaan waaʼee maalii ibsu akka nuu dhihaatu eeguu dandeenya?
2 Walgaʼii Kanarratti Maaltu Nuu Dhihaata? Haasaan mataduree, “Tajaajiltoota Yeroo Guutuu Taʼuudhaan Maqaa Waaqayyoo Beeksisaa” jedhuun Sanbadduraa dhihaatu, tajaajilli yeroo guutuu jireenya gammachiisaa jiraachuuf kan gargaaruu maaliif akka taʼe ibsa. Akkasumas Simpooziyemiin mataduree, “Maqaa Yihowaa Akka Hin Arrabsiisne Of Eegadhaa” jedhuun dhihaatu, kiyyoowwan nu mudachuu dandaʼan afurirraa of eeguuf nu gargaara. Gaaffiiwwan, Yommuu namoonni fedhii kan hin qabne fakkaatanittillee hinaaffaadhaan lallabuuf kan nu gargaaru maalidha? Tajaajila keenyarratti buʼa qabeessa taʼuuf maaltu nu gargaara? jedhan haasaa mataduree, “Maqaan Waaqayyoo Qulqulleeffamuu Kan Qabu Maaliifi?” jedhuun dhihaaturratti deebii argatu. Dilbatammoo, simpooziyemiin kutaa afur qabuufi yaada keenyaan, dubbii keenyaan, murtoo goonuun, akkasumas amala keenyaan akkamitti maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegeemu gochuu akka dandeenyu ibsu nuu dhihaata. Keesumaa haasaan, “Yihowaan Armaagedoonitti Maqaasaa Isa Guddaa Ni Qulqulleessa” jedhu xiyyeeffannaa namoota haaraa taʼanii kan hawwatudha.
3. Mirga akkamii qabna? Sagantaan kun kan nu gargaaruhoo akkamitti?
3 Yeroo dhihootti, Yihowaan maqaasaa qulqulleessuuf tarkaanfii fudhata. (His. 36:23) Hammasitti garuu, wanta maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼe bakka buʼu hunda wajjin walsimnee jiraachuuf mirga dinqisiisaa taʼe arganneerra. Sagantaan walgaʼii aanaa kun itti gaafatamummaa guddaa maqaa Waaqayyootiin waamamuudhaan qabnu raawwachuuf hunda keenya akka gargaaru ni amanna.