Sababiiwwan Itti Lallabnu Kudha Lamaan
Misiraachicha kan lallabnuufi Macaafa Qulqulluu kan barsiisnu maaliifi? Sababiin inni guddaan, namoonni garaa qajeelaa qaban daandii jireenyatti geessurra akka adeeman gargaaruufidhaa? (Mat. 7:14) Yaanni kun sababiiwwan armaan gaditti caqasaman keessatti jalqabarratti kaaʼamus, sababii inni guddaan garuu kana miti. Sababiiwwan tajaajilarratti hirmaannu 12aan armaan gaditti caqasaman keessaa, hunda caalaa barbaachisaa kan taʼe isa kam sitti fakkaata?
1. Lubbuu namootaa baraaruuf gargaara.—Yoh. 17:3.
2. Hamoota akeekkachiisa. —His. 3:18, 19.
3. Raajiin Macaafa Qulqulluu akka raawwatamu godha.—Mat. 24:14.
4. Waaqayyoo qajeelaa taʼuusaa argisiisa. Namni kamiyyuu Yihowaan namoonni hamoon qalbii akka gedderataniif carraa utuu isaanii hin kennin isaan balleesse jedhee isa komachuu hin dandaʼu.—HoE. 17:30, 31; 1 Xim. 2:3, 4.
5. Itti gaafatamummaa namoota dhiiga Yesusiin bitamaniif gargaarsa hafuuraa gochuuf nurra jiru raawwachuuf nu gargaara. —Rom. 1:14, 15.
6. Dhiiga namootaatti gaafatamuurraa nu oolcha. —HoE. 20:26, 27.
7. Ulaagaa lubbuu keenya oolfachuuf guutuu qabnu keessaa isa tokkodha.—His. 3:19; Rom. 10:9, 10.
8. Jaalala namootaaf qabnu argisiisa.—Mat. 22:39.
9. Yihowaafi Ilmasaatiif akka abboomamnu mulʼisa.—Mat. 28:19, 20.
10. Kutaa waaqeffannaa keenyaati.—Ibr. 13:15.
11. Waaqayyoof jaalala akka qabnu mirkaneessa. —1 Yoh. 5:3.
12. Maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegamu gochuurratti gaʼee guddaa qaba.—Isa. 43:10-12; Mat. 6:9.
Haataʼu malee, sababiiwwan tajaajilarratti itti hirmaannu wantoota armaan olitti caqasaman qofa miti. Fakkeenyaaf, lallabuun amantii keenya kan nuuf cimsu taʼuusaarrayyuu, mirga addaa Waaqayyoo wajjin hojjechuuf nu dandeessisu nuuf argamsiisa. (1 Qor. 3:9) Taʼus, sababiin tajaajilarratti itti hirmaannu keessaa inni hundarra caalu yaada lakkoofsa 12ffaarratti caqasamedha. Namoonni nu dhaggeeffatanis dhaggeeffachuu baatanis, hojiin lallabaa maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka eegamu gochuurratti, akkasumas isa Yihowaa arrabsuuf deebii kennuurratti gaʼee guddaa qaba. (Fak. 27:11) Dhugumayyuu, ‘barsiisuufi utuu gargar hin kutin misiraachoo himuuf’ sababii hedduu qabna.—HoE. 5:42.