Sagantaa Torban Guraandhala 4 Jalqau
TORBAN GURAANDHALA 4 JALQABU
Faarfannaa 42fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 1 key. 9-17 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Mat. 22-25 (Daq. 10)
Lakk. 1: Mat. 23:25-39 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: ‘Kun Ilma Kooti!’—lr boq. 5 (Daq. 5)
Lakk. 3: Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu Warra Kamfaatu Ogummaa Fakkeenya 3:5rra Jiru Mulʼisa? (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Guraandhalaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Namni Haasofsiistan, ‘Waaqayyotti Hin Amanu’ Yoo Jedhe. Kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamu, fuula 150, keeyyata 3 hanga dhuma fuula 152rratti hundaaʼee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Hojiin argisiisni gabaabaan tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Faarfannaa 1fi Kadhannaa