Sagantaa Torban Fulbaana 29 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 29 JALQABU
Faarfannaa 11 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 30 key 1-7 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lak. 33-36 (Daq. 10)
Lakk. 1: Lak. 33:24-49 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 16C Seenaan Waaʼee Namicha Sooressaafi Alaazaar Ibsu Dhiphinni Barabaraa Akka Jiru Mirkaneessaa? (Daq. 5)
Lakk. 3: Abbaa Manaa Gaarii Taʼuuf Maaltu Barbaachisa?—bh boq. 14 key. 1-9 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Mareedhaan kan dhihaatu. Akkaataa dhiheenyaa fuula 4 irra jirutti fayyadamuudhaan hojiin argisiisni Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Onkoloolessaatti akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Hundisaanii qayyabannaa jalqabsiisuu irratti akka hirmaatan jajjabeessi.
Daq. 10: Barumsa Maalii Arganna? Mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin Ergamootaa 4:13 fi 2 Qorontos 4:1, 7 akka dubbifamu godhi. Caqasoonni kun tajaajila keenya irratti akkamitti akka nu gargaaran mariʼadhaa.
Daq. 10: Gaafannoo Qindeessaa Qaama Jaarsoliitiif Godhamu. Itti gaafatamummaan kee maalfaa dabalata? Kutaawwan Walgaʼii Tajaajilaa ennaa obbolootaaf ramaddu maalfaa xiyyeeffannaa keessa galchita? Qindeessaan qaama jaarsolii, jaarsolii kaan irrattis taʼe gumicha irratti olaantummaa akka qabutti ilaalamuu kan hin qabne maaliifi?
Faarfannaa 4 Fi Kadhannaa