Akkaataa Dhiheenyaa
Sanbadduraa Jalqabaa Jiʼa Onkoloolessaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Gaaffii baayʼee barbaachisaa taʼe tokkorratti yeroo gabaabaadhaaf sii wajjin mariʼachuuf garakee dhufne. [Duuba Masaraa Eegumsaa Adoolessa-Fulbaana irraa gaaffii isa jalqabaa itti argisiisi.] Deebiinkee maalidha?” Hanga deebii kennutti eegi. Yaada gaaffii isa jalqabaa jalatti argamurrattiifi yoo xinnaate caqasa achirra jiru tokkorratti mariʼadhaa. Barruulee lamaanuu kenniifiitii yeroo kan biraatti gaaffii isa itti aanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Adoolessa-Fulbaana
“Namoonni baayʼeen wanti gara fuulduraatti isaan eeggatu maal akka taʼe baruu barbaadu. Waaʼee gara fuulduraa yeroo yaaddu maaltu sitti dhagaʼama? Sodaa malee eeggattamoo ni dhiphatta? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis, saanduqa “Gara Fuulduraa Ilaalchisee Wanta Waaqayyo Dubbate” jedhu keessaa caqasa tokko dubbisiif.] Barruun kun, wantoota gara fuulduraatti akka raawwataman Waaqayyo dubbate tokko tokkoo fi dhugumaan ni raawwatamu akka jennu kan nu godhu maal akka taʼe ibsa.”
Dammaqaa! Adoolessa-Fulbaana
“Rakkina baramaa taʼaa jiru tokko irratti namootaa wajjin mariʼachaa jirra. Namoonni tokko tokko jireenya isaanii keessatti rakkinni humnaa ol taʼe yeroo isaan mudatu of ajjeesuu yaadu. Namni dhiphate tokko of ajjeesuu kan yaadu dhuguma duʼuu barbaadeemoo rakkina isaarraa obbaafachuu barbaadee sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Mee Macaafa Qulqulluu irraa abdii namoonni baayʼeen ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaare tokkon sii dubbisa. [Mulʼata 21:3, 4 dubbisiif.] Barruun kun namni tokko rakkinni isa mudachaa kan jiru taʼus, sababa itti jiraachuu qabu sadii ibsa.”