Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii 2015 Dandeettii Barsiisuu Keenya Fooyyeffachuuf Nu Gargaara
1 Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa taʼu!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 19:14) Nutis wanti dubbannu Yihowaa biratti fudhatama kan qabu akka taʼu barbaanna; mirga dhugaa baranne gumii keessattis taʼe tajaajilarratti dubbachuuf qabnuufis bakka guddaa kennina. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, karaawwan Yihowaan tajaajilaaf itti nu leenjisu keessaa isa tokkodha. Leenjiin kun gumiiwwan addunyaa maratti argamaniifi 111,000 ol taʼan keessatti torban torbaniin kennama. Kunimmoo obboloonni addunyaa maratti argamaniifi haala jireenyaa garaagaraa keessaa dhufan tajaajiltoota misiraachoo Mootummichaa lallabuuf gaʼumsa qaban akka taʼan, akkasumas haala nama amansiisuu dandaʼuun, malaafi ija jabinaan barsiisuu akka dandaʼan isaan gargaareera.—HoE. 19:8; Qol. 4:6.
2 Sagantaan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii 2015, buukleetota Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu fi Matadureewwan Maree Gochuuf Gargaaran jedhaman, barruu Masaraa Eegumsaa, akkasumas kitaabota Barumsa Macaafa Qulqulluu, Yihowaatti Dhihaadhu fi Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? jedhamanirratti kan hundaaʼedha. Akkasumas, yeroo yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluufi Kutaa Lakkoofsa 1f ramadamerratti jijjiiramni godhameera. Jijjiiramni godhameefi qajeelfamni kutaawwan mana barumsaa kanarratti dhihaataniif kenname keeyyatawwan armaan gadiirratti ibsamaniiru.
3 Yaada Ijoo Dubbisa Macaafa Qulqulluu: Obboloonni kutaan kun isaaniif kennamu, Dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaaf ramadame keessaa, yaada xiyyeeffannaasaanii harkiseefi hojiirra ooluu dandaʼu tokko daqiiqaa lamaaf ibsu. Qophii gaarii gochuun, yaada faayida qabeessa taʼe yeroo ramadame keessatti gumiidhaaf hiruuf gargaara. Itti aansuudhaan, akkuma duraanii, obboloonni daqiiqaa jaʼan isaaniif kennamanitti fayyadamanii, dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaaf ramadamerratti yaada kennu. Yeroo kanatti namni tokko sekoondii 30 ykn isaa gadi keessatti caqasa xiyyeeffannaasaa harkise tokkorratti ibsa kenna. Sekoondii 30 gidduutti yaada gaarii kennuun qophii gaarii gochuufi of toʼachuu kan gaafatu taʼus, akkas gochuun keenya leenjii gaarii nuuf taʼa. Akkasumas, obboloonni yeroo qorannaa godhanitti yaada argatan akka dubbatan carraa isaaniif bana.
4 Kutaa Lakk. 1: Yeroon dubbisa Macaafa Qulqulluu kanaaf kenname gara daqiiqaa sadii ykn isaa gaditti kan xiqqeeffame yeroo taʼu, kutaan dubbifamu muraasadha. Obboloonni kutaan dubbisaan dhihaatu kun isaaniif kennamu, sagalee isaanii ol kaasuudhaan irra deddeebiʼanii dubbisuufi yaada barbaadame hubatanii sirriitti dabarsuu akka dandaʼaniif akkaataa dubbisa isaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu qabu. Dubbisni waaqeffannaa keenya keessatti gaʼee guddaa waan qabuuf, sabni Yihowaa hundi sirriitti dubbisuuf carraaqqii gochuu qabu. Ijoollee gumii keessatti argaman keessaa hedduunsaanii sirriitti dubbisuu kan dandaʼan taʼuunsaanii baayʼee nama gammachiisa! Warri isaaniis jaalalaan kakaʼanii ijoolleen isaanii sirriitti dubbisuu akka dandaʼan waan gargaaraniif galateeffatamuu qabu.
5 Kutaa Lakk. 2: Kutaan kun daqiiqaa shanitti kan dhihaatu siʼa taʼu, obboleettiidhaaf kennama. Obboleettiin dhiheessitu mataduree sagantaa baʼerratti argamutti fayyadamuu qabdi. Kutaan dhihaatu buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu jedhamurratti kan hundaaʼe yommuu taʼutti, akkaataa bifa tajaajilaa naannoo tajaajilaa gumii sana gargaaruufi hojiirra ooluu dandaʼuun dhihaachuu qaba. Kutichi Masaraa Eegumsaa irratti kan hundaaʼeefi waaʼee seenaa nama Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee kan dubbatu yeroo taʼutti, barattuun sun mataduree kennameef gabbisuudhaan dhiheessuu, caqasa Macaafa Qulqulluu yaadichaa wajjin deemutti fayyadamuu, akkasumas nama Macaafa Qulqulluurratti ibsame kanarraa barumsa maalii argachuu akka dandeenyu ibsuu qabdi. Caqasa mataduree dhihaachaa jiruu wajjin wal qabatu itti dabaluun ni dandaʼama. Ilaaltuu olaanaan mana barumsichaa obboleettii kutaa kana dhiheessituuf gargaartuu tokko ramada.
6 Kutaa Lakk. 3: Kutaan kun daqiiqaa shanitti kan dhihaatu siʼa taʼu, obboleessa ykn obboleettii tokkoof kennama. Yeroo obboleettiidhaaf kennamu, qajeelfama Kutaa Lakk. 2f kennamee wajjin haala wal fakkaatuun dhihaata. Kutaan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu, buukleetii Matadureewwan Maree Gochuuf Gargaaranii fi Masaraa Eegumsaa irraa dhihaatu obboleessa tokkoof yeroo kennamummoo, dhaggeeffattoota yaadatti qabachuudhaan haasaadhaan dhiheessuu qaba. Barataan kutaan kun kennamuuf, mataduree kenname sirriitti dhiheessuufi caqasoota kamitti fayyadamuu akka qabu filachuu, akkasumas fakkeenya nama Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame sanaarraa maal akka barannu ibsuu qaba.
7 Jijjiirama Kutaa Lakk. 3ffaa Obboloonni Dhiiraa Dhiheessanirratti Godhame: Kutaan Dhihaatu buukleetii Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu jedhamurratti kan hundaaʼe yommuu taʼutti, bifa waaqeffannaa maatiitiin ykn bifa tajaajila dirreetiin, akka hojiin argisiisaatti dhihaachuu qaba. Obboloota kutaa kanarratti gargaaraa taʼaniifi yoomessa kutichi ittiin dhihaatu ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatu ramada. Obboloonni gargaaraa taʼan miseensota maatii obboleessa kutaa sana dhiheessuu ykn obboleessa gumii keessatti argamu taʼuu qaba. Caqasoota mataduree dhihaachaa jiruu wajjin walitti dhufeenya qaban garabiraa itti dabaluun ni dandaʼama. Darbee darbee jaarsi gumii kutaa kana akka dhiheessu ramaduun ni dandaʼama. Jaarsoliin gumii gargaaraasaaniifi yoomessa itti fayyadaman filachuu dandaʼu. Jaarsoliin gumii, miseensota maatiisaanii ykn obboleessa garabiraa wajjin akkaataa barsiisuun itti dandaʼamu argisiisuun isaanii gumichaaf madda jajjabinaa taʼa.
Gorsa fudhachuufi hojiirra oolchuudhaan guddina argisiisaa
8 Gorsa: Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, xumura tokkoon tokkoon kutaa barattootaarratti isaan galateeffachuufi kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamurratti hundaaʼee gorsa nama jajjabeessu kennuu qaba. Kana hunda kan godhu daqiiqaa lama keessattidha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaa barattootaa yommuu beeksisu, qabxii barataan sun irratti hojjetu hin beeksisu. Tokkoon tokkoon kutaa erga dhihaatee booda ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barataa sana galateeffachuu, qabxii barataan sun irratti hojjete beeksisuu, yaada barataan sun qabxii sanarratti akka hojjete ibsu dubbachuu ykn barataan sun gara fuulduraatti yaadawwan qabxii sanarratti caqasamaniif xiyyeeffannaa kennuu kan qabu maaliif akka taʼe gaarummaadhaan ibsuu qaba.
9 Foormiin gorsi irratti kennamu, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii fuula 79 hanga 81rratti argama. Barataan sun kutaa isaaf kenname erga dhiheessee booda, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa wantoota barbaachisoo taʼan kitaaba barataa sanaa irratti kan guutu siʼa taʼu, achiis barataan sun gilgaala qabxii isaaf kenname sana irratti argamu hojjechuu isaa dhuunfaatti isa gaafata. Ilaaltuu olaanaan mana barumsichaa, walgaʼii booda ykn yeroo kan biraatti barataa sana galateeffachuu, akkasumas yaadawwan faayida qabeessa taʼan kan biraa isaaf kennuu dandaʼa. Barattoonni hundi, xiyyeeffannaan mana barumsaa kana keessatti dhuunfaatti isaaniif kennamu, carraa gaarii karaa hafuuraa guddina gochuuf isaan gargaaru akka taʼetti ilaaluu qabu.—1 Xim. 4:15.
10 Barataan sun daqiiqaa isaaf ramadame yoo dabarse, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa ykn gargaaraansaa dammaqinaan hordofanii mallattoo isaaf kennuu qabu; mallattoon kennamuuf, qaacilii bilbiluu ykn sagalee kan biraa dhageessisuudhaan daqiiqaan isaaf kenname akka dhume isa beeksisuu taʼuu dandaʼa. Barataan sun mallattoo kanaaf xiyyeeffannaa kennee hima jalqabe xumuruudhaan waltajjii irraa buʼuu qaba.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 282, key. 4 ilaali.
11 Namoonni ulaagaa barbaadamu guutan hundi, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa dhiheessuuf akka galmaaʼan jajjabeeffamaniiru. (Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 282, key. 6 ilaali.) Barumsi sabni Yihowaa mana barumsaa kanarratti argatan, misiraachoo Mootummichaa akka itti amanan haala argisiisuun, karaa kabaja qabuufi jaalalaan lallabuuf isaan gargaara. Yihowaan, namoonni barumsa tiʼookraasiirraa faayidaa argatan hundi yommuu isa galateeffatan baayʼee akka gammadu hin shakkisiisu!—Far. 148:12, 13; Isa. 50:4.