Ayyaana Yaadannootiif Qophaaʼaa Jirtuu?
Yeroon isaa Dh.K.B. Niisaan 13 bara 33 ture. Yesus ajjeefamuu isaa dura michoota isaa baayʼee isatti dhihaatanii wajjin yeroo dabarsuuf galgalli tokko qofti akka isa hafe beeka ture. Yeroo xumuraatiif isaanii wajjin Faasikaa ayyaaneffachuu fi ayyaana haaraa, jechuunis Irbaata Gooftaa qopheessuu qaba ture. Ayyaana bakka guddaa qabu kanaaf qophii gochuun barbaachisaa ture. Kanaaf, Yesus Phexrosii fi Yohannis wantoota tokko tokko akka qopheessan isaan erge. (Luq. 22:7-13) Yeroo sanaa kaasee Kiristiyaanonni Ayyaana Yaadannoo kabajuuf fedhii qaban qophii gochuun isaanii barbaachisaa ture. (Luq. 22:19) Maarree Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 25, 2007 (April 3, 2015) kabajnuuf qophii barbaachisaa akkamii gochuu qabna?
Qophii Babalʼistoonni Godhan:
Duula afeerraa namoonni ayyaanicha irratti akka argamaniif godhamu irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii godhaa.
Barattoota Macaafa Qulqulluu, firoota keessan, namoota wajjin barattan, wajjin hojjettan, akkasumas namoota beektan yaadannoo irratti qabadhaatii isaan afeeraa.
Kutaa Macaafa Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannootti dubbifamu dubbisaa, akkasumas irratti xiinxalaa.
Keessummoota simachuuf bakka ayyaanichi itti kabajamutti dursaatii argamaa.