Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Raabsuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Meeshaan barsiisuuf itti fayyadamnu inni guddaan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu ti. Haa taʼu malee ittiin nama qayyabsiisuu keenya dura nama sanaaf kennuu qabna. Kanaafuu, hundi keenya tajaajila irratti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu raabsuuf dandeettii qabaachuu qabna. (Fak. 22:29) Malli hedduun jira; babalʼistoonni mala buʼa qabeessa taʼee argatanitti fayyadamuu dandaʼu.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Waaqeffannaa maatii keessan irratti shaakalaa.
Tajaajila irra yeroo jirtan, maal jechuu akka yaaddan nama isinii wajjin tajaajilutti himaa. (Fak. 27:17) Akkaataan dhiheenyaa keessan buʼaa hin argamsiisne taanaan jijjiiraa.