LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb16 Sadaasa ful. 3
  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Haadha Manaa Mana Ishii Qabuu Dandeessuu ni Ibsa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Haadha Manaa Mana Ishii Qabuu Dandeessuu ni Ibsa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu ciminaan hojjetti
  • ‘Abbaan Manaa Ishii Yaa’ii Karra Mandaraa Keessatti Ulfina Qaba’
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • “Mataan Dubartii Dhiira”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
mwb16 Sadaasa ful. 3

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAKKEENYA 27-31

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Haadha Manaa Mana Ishii Qabuu Dandeessuu Ibsa

Fakkeenyi boqonnaa 31 gorsa gaarii haati Lemuʼel Mootichaa isaaf kennite kan qabate dha. Gorsi gaarii ishiin isaaf kennite wanta haadha manaa mana ishii qabuu dandeessu tokko irraa eegamu isa hubachiiseera.

Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu ni amanamti

Dubartiin bara durii tokko maatii ishiitiif nyaata yeroo kennitu

31:10-12

  • Abbaa manaa ishiitiif kan bitamtu taʼus, murtoo maatichaa keessatti yaada gaarii kenniti

  • Abbaan manaa ishii murtoo gaarii gochuu akka dandeessu waan amanuuf, wanta hunda irratti heyyama akka isa gaafattu hin eegu

Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu ciminaan hojjetti

Dubartiin bara durii tokko midhaan yommuu daaktu

31:13-27

  • Maatiin ishii uffata qulqulluu fi gaarii akka uffatan, akkasumas nyaata gaʼaa akka argataniif qarshii ni qusatti, wanta qabduttis ni gammaddi

  • Ciminaan hojjetti, halkanii fi guyyaas maatii ishii ni kunuunsiti

Haati manaa mana ishii qabuu dandeessu nama hafuuraati

Dubartii kadhachaa jirtu

31:30

  • Waaqayyoon ni sodaatti, isaa wajjinis hariiroo gaarii ni qabaatti

KANA BEEKTAA?

Reed Koraaliin wanta jabaa lafee bineensota xixinnoo galaana keessa jiraatanii irraa argamu siʼa taʼu, bara duriitti gatii guddaa baasa ture. Kan miidhaguu fi salphaatti kan hin argamne ture. Galaana Mediteraaniyaanii fi Galaana Diimaa keessaa argama ture; hojii daldalaa keessattis bakka guddaa qaba ture.

Reed koraal

Kitaabni Qulqulluun gatiin koraalii gatii warqee, meetii fi Safiirosii wajjin akka wal fakkaatu ibsa. Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo irratti wanti kun callee gati jabeessa jedhamee hiikameera.

Dubbiin Waaqayyoo gatiin haadha manaa mana ishii qabuu dandeessuu ‘callee gati-jabeessa [ykn koraalii] hundumaa irra guddaa akka caalu’ ibsa.—Fak 31:10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi