LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 3 ful. 4-5
  • Uumaan Keenya Inni Jaalala Qabeessi Waaʼee Keenya ni Yaada

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Uumaan Keenya Inni Jaalala Qabeessi Waaʼee Keenya ni Yaada
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1. UUMAAN KEENYA ADUU NI BAASA
  • 2. UUMAAN KEENYA BOKKAA NI ROOBSA
  • 3. UUMAAN KEENYA NYAATAA FI UFFATA NUUF KENNA
  • Bokkaan Jiraachuusaatiif Galateeffadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Wantoota Utuu hin Taʼin, Mootummicha Barbaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Isa Waan Hundumaa Uume
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Deebiisaa Beekuun kan Si Fayyadu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2021
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 3 ful. 4-5
Aduun gaara duubaan ol baʼaa jirti.

Uumaan Keenya Inni Jaalala Qabeessi Waaʼee Keenya ni Yaada

1. UUMAAN KEENYA ADUU NI BAASA

Ifni aduu utuu hin jiru taʼee jireenyi lafa irraa maal akka fakkaatu tilmaamuu dandeessaa? Humni aduun kennitu mukkeetiin baalaa fi abaaboo akka baafatan, akkasumas ija mukaa, firii fi sanyiiwwan akka godhatan isaan gargaara. Kana malees, mukkeetiin karaa hidda isaanii lafa keessaa bishaan harkisuudhaan gara baala isaanitti akka geessanii fi akka hurkaatti qilleensatti akka gadhisan isaan gargaara.

Suuraa ooyiruu shaahii maddii gaaraa irra jiru xiyyaara irraa kaafame.

2. UUMAAN KEENYA BOKKAA NI ROOBSA

Bokkaan kennaa dinqisiisaa Waaqayyoo biraa argannee fi lafti nyaata akka nuuf argamsiistu taasisu dha. Waaqayyoo samii irraa bokkaa roobsuu fi waqtilee firii qaban nuuf kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quufnuu fi garaan keenya gammachuudhaan akka guutamu godheera.

Simbirri tokko damee mukaa irra teessee firii kufuuf jedhu nyaachuuf hiixatti.

3. UUMAAN KEENYA NYAATAA FI UFFATA NUUF KENNA

Abbootiin manaa baayʼeen nyaata gaʼaa fi uffata maatiiwwan isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun isaan yaaddessa. Kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu hubadhu: “Simbirroota samii xiyyeeffannaadhaan ilaalaa; isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora. Maarree isin isaan irra hin caaltanii?”—Maatewos 6:25, 26.

“Abaaboowwan bakkee akkamitti akka guddatan hubadhaa ilaalaa; . . . garuu ani isiniin nan jedha, Solomoon [Mootichi] inni ulfina hamma sana qabu illee, isaan keessaa hamma ishii tokkoo illee hin miidhagne. Waaqayyo biqiltoota bakkee . . .  akkanatti uffisa erga taʼee . . .  isinitti immoo kana caalaa hin uffisuu ree?”—Maatewos 6:28-30.

Waaqayyo nyaataa fi uffata nuuf kenna erga taʼee, wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kan biroos argachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Fedhii Waaqayyoo raawwachuuf yaalii kan goonu yoo taʼe, carraaqqii nyaata oomishuuf goonu nuuf eebbisa ykn wanta nu barbaachisu bitachuuf hojii akka argannu nu gargaara.—Maatewos 6:32, 33.

Dhuguma iyyuu, ifa aduu, bokkaa, simbirrootaa fi abaaboowwan yommuu ilaallu sababii quubsaa Waaqa keenya itti jaallannu qabna. Mata dureen itti aanu Uumaan keenya ilmaan namootaa wajjin akkamitti akka dubbate ibsa.

Uumaan keenya ‘aduu isaa ni baasa, bokkaas ni roobsa.’—MAATEWOS 5:45

Uumaan keenya baayʼee nu jaallata, akkasumas nuuf yaada. Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo, maatii isaatiif xiyyeeffannaa kenna. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoo arjaa akka taʼee fi “utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka” jechuudhaan ibsa.—Maatewos 6:8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi