BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 6-7
Hundumaa Dura Mootummicha Barbaaduu Keessan Itti Fufaa
Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti dhiheesse irratti dhimmoota kaayyoo Yihowaa fi Mootummichaa wajjin walqabataniif dursa kennuu akka qabnu ibseera.
Maqaa Waaqayyoo
Mootummaa Waaqayyoo
Fedhii Waaqayyoo
Nyaata guyyaa guyyaadhaan barbaachisu
Dhiifama cubbuu
Qorumsa irraa ooluu
Mootummichaa wajjin haala wal qabateen wantootan kadhachuu dandaʼu tokko tokko:
Hojiin lallabaa akka guddatuuf
Waaqayyo namoota ariʼataman hafuura qulqulluutiin akka isaan gargaaru
Waaqayyo pirojektoota hojii ijaarsaa tiʼookraasii ykn duulawwan lallabaa godhaman akka eebbisu
Waaqayyo namoota itti gaafatamummaa qabaniif ogummaa fi jabina akka kennu
Wantoota kan biraa