LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Bitootessa ful. 8
  • Jaalala Waaqayyoo fi Namootaaf Qabnu Guddifachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalala Waaqayyoo fi Namootaaf Qabnu Guddifachuu kan Dandeenyu Akkamitti?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dubbii Waaqayyoo Dubbisuudhaan Gammadi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Keerraa Caalaatti Fayyadami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Tarkaanfiiwwan Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa Buʼaa Argachuuf Gargaaran Torba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Bitootessa ful. 8

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jaalala Waaqayyoo fi Namootaaf Qabnu Guddifachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Kiristiyaanonni Seera Musee jala jiraachuu baatanis, ajajawwan guguddaan achi keessa jiran lamaan wanti Yihowaan nu irraa barbaadu, Waaqayyoon jaallachuu fi namoota jaallachuu akka taʼe walitti qabanii ibsu. (Mat 22:37-39) Jaalalli akkasii dhaalaan kan argamu miti. Guddifachuuf carraaquu qabna. Akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni guddaan, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dha. Amalawwan Waaqayyoo adda addaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman yommuu qorru, “gaarummaa Waaqayyo” hubanna. (Far 27:4) Kun immoo, jaalalli isaaf qabnu akka guddatuu fi ilaalchi keenya caalaatti kan isaa akka fakkaatu godha. Kunis ajaja namoota kaaniif jaalala fedhii ofii aarsaa godhu akka argisiisnu nuu kenname dabalatee, ajajawwan Waaqayyoo raawwachuuf nu kakaasa. (Yoh 13:34, 35; 1Yo 5:3) Yaadawwan dubbisa Kitaaba Qulqulluu caalaatti gammachiisaa taasisan sadii armaan gaditti ibsamaniiru:

  • Dandeettii yaadaan ilaaluu fi qaamota miiraa keessanitti fayyadamaa. Bakkuma sana akka jirtan godhaa yaadaa. Wanti argitan, dhageessanii fi fuunfattan maali dha? Miirri namoota seenaa sana keessatti ibsamanii maal taʼuu dandaʼa?

    Obboleessi tokko wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisu yaada isaatiin yommuu ilaalu
  • Akkaataa itti dubbistan jijijjiiraa. Filannaawwan kanatti fayyadamuu dandeessu: Sagalee ol kaasaa dubbisaa ykn isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachaa kitaaba irraa hordofaa. Boqonnaa hedduu walitti aansitanii dubbisuu mannaa, waaʼee nama Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame tokkoo ykn dhimma tokkoo filadhaa dubbisaa. Fakkeenyaaf, waaʼee Yesuus dubbisuuf buukleetii Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru (sgd ) jedhamu irraa Kutaa 4 ykn Kutaa 16⁠tti fayyadamuu dandeessu. Boqonnaa caqasni guyyaa irraa fudhatame guutummaa isaa dubbisaa. Kitaaba Qulqulluu tartiiba ittiin barreeffameen dubbisaa.

    Obboleettiin tokko jw.org irraa Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistu
  • Wanta dubbistan hubachuuf yaalaa. Irra fiiganii boqonnaa hedduu dubbisuu mannaa, guyyaatti hubannaadhaan boqonnaa tokkitti dubbisanii irratti xiinxaluun faayidaa guddaa qaba. Yoomessa isaa irratti yaadaa. Wantoota achi keessatti ibsaman gad fageenyaan qoraa. Kaartaa fi caqasoota wal fakkaatanitti fayyadamaa. Wanta isiniif hin gallee keessaa yoo xinnaate tokko irratti qorannaa godhaa. Yoo dandaʼame, dubbisuufis taʼe irratti xiinxaluuf yeroo wal qixxee taʼe ramadaa.

    Kutaawwan Dabalataa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi