BEEKUMA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LUQAAS 6-7
Arjummaadhaan Safaraa
Namni arjaan, gammachuudhaan yeroo isaatti, humna isaattii fi qabeenya isaatti, namoota kaan gargaaruu fi jajjabeessuuf itti fayyadama.
Jechi Afaan Giriikii “kennaa” jedhamee hiikame, gocha itti fufiinsa qabu kan argisiisu dha
Namootaaf yommuu kenninu, warri kaan immoo “safartuu gaarii gad dhiibamee, sochoofamee irraa dhangalaʼuun safaranii” kaasuu keenyatti nuuf kennu. Ibsi kun aadaa bara durii namoonni miʼa bitan uffata isaanii isa irra keessaa ol dachaasanii itti baatan kan argisiisu taʼuu dandaʼa